Ummanni Aanaa Anfilloo Diddaa Jabeesse.

Aside

Hagayya 30,2012 Anfilloo

Gabaasaa Anfilloo addeessuun, Hagayya 28 dua muummicha ministeeraa Obbo Mallas Zeenawwiif gadda ibsuuf jecha konkolaataa bulchiinsa magaalaa irratti huccuu gaddaa ykn huccuu gurraacha uffisuudhaan magaalaa Anfilloo,Muggi keessa deddeebisaa turuudhaan, uummata magaalaa fi gandootaa aanaa Anfiloo sanaaf waamicha godhanii kottaa gadda nama kanaa ibsaa jechuudhaan labsiin gadi dhiifamus uummanni nuti gadda hin qabnu,gadda keenya faafa Laggasaa Wagii wareegame fixxanne jechuudhaan kanneen gadda namichaa kana uummata boosisuuf dhiyaatan yaada isaanii uummanni fesheleessee argamee jira. Dua nama kanaaf uummata Oromoo boosisuuf dirqamni bahus hamma ammaatti godina Wallaggaa keessatti gadda nama kanaaf yaadni uummata irraa dhiyaate jiru akka hin jirree ifaa taee jira. Kunis garagarummaa saba biroo irraa uumuudhaan uummata mootummaa kana jibbu jedhamee kanneen dua isaa kanaaf gaddaa jiran akka uummata Oromoo komataa jiran ifatti mulataa jira. Kanaan kan wal qabate jibbii uummanni Anfilloo mootummaa kana irraa qabu caalatti ifatti bahee jala deemtota mootummaa kanneen taan garaa kuchisiisee jiraachuu gabaasaan Qeerroo Anfilloo gabaasee addeessa.

Haala Sochii Qeerroo Aanaa Ayiraa Gullisoo

Aside

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Cooraa keessatti diddaan qeerroo to’annaa mootummaa Wayyaanee ala tahe.

Aside

Hagayya 29,2012 Mattuu

Hagayya 25/2012,Godina Iluu abbaa Booraa aanaa Coraa ganda Abdallaa 01 keessatti diddaanqeerroo dhoe toannaa mootummaa Wayyaanee ala bahe.Mootummaan Wayyaanees dargaggoota naannoo kanaa Jumlaan hidhaa jira.Dargaggootni naannoo kanaa Gaaffiin Keenya gaaffii Bilisummaati,Hawaasni musliimaa gaaffii gaafataniif deebii argachuu qabu,Mallasaan dueef hin gaddinu kanneen jedhan ganda keessa deddeebiuun uummata kakaasuun mootummaan Wayyaanee toachuu dadhabee jira. haala kanaan ummata Oromoo naannoo kanaa sochii dargaggootaan duuba jirtu jedhuun jumlaan mana hidhaatti kanneen guure keessaa

1. Haji Sharif jiraataa naannoo Baddallee kan ture

2. Sheik Saadoo Hajii Adem

3. Sheik Abdulaziz

4. Obbo Hajii Masruu Suraaqaa

5. Dargaggoo Muraad Muzamiil hojii dhabaa

6. Dargaggoo Abdoo Yaaqob hojii dhabaa

7. Dargaggoo Nuurii Jamaal hojii dhabaa

8. Dargaggoo Ibraahim Abdurazaaq hojii dhabaa

9. Dargaggoo Qaadii Shifarraa hojii dhabaa

10. Dargaggoo Muunir Adam hojii dhabaa

Yoommuu tahan qeerroon naannoo kanaa hidhaan jabaatus qabsoon akka daran jabaatu ifaan ibsaa jiran.

Poolisni Mootummaa Wayyaanee Dargaggoota Oromoo doorsisaa fi hidhaan dararaa ture Ashannaafii Girmaa irree uummataan reebame.

Aside

Hagayya 29,2012 Gimbii

Godina Wallagga Lixaa aanaa Gimbii ganda Gabaa Sambataa keessatti Poolisiin Oromiyaa dargaggoota Oromoo yeroo dheeraaf rakkisaaa fi reebaa ture Ashannaafii Girmaa jedhamu harka uummataan reebame.Poolisiin Wayyaanee Ashannaafii Girmaa yeroo dheeraaf dargaggoota Oromoo isin Miseensota ABOti jechuun mana hidhaatti guuraa kan ture dha.Poolisiin kun akeekkachiisni yeroodhaa yerootti irra deddeebbiin wayita kennamu irraa hin deebiu yeroo jedhutti uummatni naannoo kanaa reebuun of irraa ittisuuf dirqamanii jiran.Reebicha irra gaheenis Hospitaala Gimbii seenee jira.Mootummaan wayyaanee miseensa keenya kan reebe dargaggoota naannoo kanaati jechuun dargaggoota doorsisaa jira.Odeeffata uummata naannoo kanaaf kennuun kan reebsise poolisii Ajajaa shantamaa Tasfaa Ushaa magaala Naqqamteedhaa maqaa seelii diinaan gara Gabaa Sambataatti kan jijjiirte dha jechuun mana hidhaatti ukkaamsanii jiru.

Haaluma Wal fakkaatuun diddaan qeerroon gaggeeffamu Godina Wallagga lixaa dhuunfachaa jira.Aanaa Ayiraa Gullisoo keessatti qeerroon mootummaa wayyaanee cinqaa jira.Basaastotni mootummaa wayyaanee

1. Obbo Taliilaa Jaarmanaa hojjetaa finance bulchinsa magaalaa

2. Obbo Tashoomee Akaaluu dura taaaa DH.D.U.O aanaa Gullisoo

Diddaa qeerroon gaggeeffamu dura dhaabbachuu dhadhabuun waraanni mootummaa wayyaanee dargaggoota bakka argetti akka qabuu fi maqaa dargaggootaa kennaa jiru.Namootni kun hojii keessan irraa hin dhaabbattan taanaan qaaniin akka Poolisii Ashannaafii Girmaa akka isaan dhaqqabu dhaammatanii jiru.

SBO Hagayya Bara 2012 Afaan Oromoo fi Amaaraa

Aside

Bututa Mootummaa EPRDF jalas OPDOn Sabboontota Oromoo Yakkuu Hin Dhaabne

Aside

(Qeerroo, Wancii, Hagayya 28,2012 ) Godinaa  Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Wanciittii dabbaalloonnii wayyaanee sirnnichaaf amanamoo ta’aan shiraa garaagaraa ilmaan Oromoo irraattii dalaguu har’aa illee hin dhiisne.

Haata’uu malee yeroo ammaa kanaa Waajiraa OPDO kessaa Caasaa Qeerroo jiru akka gabaasetti Wayyaaneen OPDO keessaan ilmaan Oromoo sabboontota ta’an yakkuu fi gabaasa kijibaan akka isaan hidhaman guchuu irratti dabballoonni wayyaanee gabaasa galchaa jiru.

Dhuma mootummaa wayyaanee jala OPDOn gariin waan sirni mootummichaa kufaa jiru arguu dadhabanii amma illee sabboontota irratti shira hojjechuu hin dhaabne.

Haala kanaan waraqaan waajjirri OPDO sabboontota irratti barreesse akka kanatti maxxaneen ibsa.
Namni maqaan isaa Dirribaa Rgaaggaasaa Awwaaqii jedhamu dhaaba ABO, Mufatootaa, Mormitootaa fi Kiraayii sassaabdotaa jechuun shiraa xaxuun chaappaadhaan deeggaaree sabboontota gara waajira Wayyaaneetti gabaasa. Gochaan isaa kunis yeroon hin dhaabbatu itti fufa taanaan sabboontoti ittisatti akka seenan gabaasu


Magaalota Oromiyaa Adda Addaa Keessatti Alaabaan ABO Bala’iuun Ummata Gammachiise

Aside

Yeroo ammaa dabballoonni Wayyaanee du’aatii Mallas Zeenaaf ummata humnaan akka booyanii fi gadda ta’aan baadiyyaa irraa hamma magaalaatti yeroo rakkisaa jiranidha. haala kanaan diddaa dabboontoti muldhisan ammoo magaalota gara garaa keessatti Alaabaa ABO fannisuun hawwii bilisummaaf qaban muldhisuu fi diddaa qaban agarsiisaa jiru. Akka kanaan Alaabaan ABO magaalota Finfinnee,Sabbataa,Adaamaa,Amboo, Baakkoo fi bakkoota adda addaatti balali’uun ummata gammachiise. Alaabaa fi waraqaan ykn barruun warraaqsaa itti fufiinsaan bakkoota adda addaatti faca’uutti jiraachuun qeerroon gabaasa.

Godina Wallagga Lixaa Ayiraa keessatti diddaan uummataa jabaate.Dunkaanni Gadda Mallasaaf bu’es gubate

Hagayya 28,2012 Ayira

Godina Wallaggaa lixaa aanaa Ayiraa Gullisoo keessatti diddaan qeerroon gaggeeffamu daran jabaachaa dhufe.Doorsisnii fi hidhaan waraana mootummaa wayyaaneen raawwatamus hammaachaa jira.Haala yeroo ammaa kanaan wal qabatees mootummaan wayyaanee dirqamaan gaddaaf baaa,Horii kaffalaa jechuun uummata hiraarsaa jira.Dargaggoowwan

1. Mangistuu Doktoree

2. Ifaa Guddataa

3. Dagaagaa Faxxanaa

4. Margoo Hambisaa

Jedhaman mootummaa wayyaanee irratti uummata kakaastu jechuun mootummaa wayyaaneen erga ukkaamsamanii mootummaa wayyaanee jalaa miliqanii jiran.Uummatni dirqiin dunkaanni buufamuun gaddaaf bahaa jedhamanis Gullisoo keessatti gara bahumsa Ayiraa irratti Dunkaana kana gubanii jiran.Uummatni naannoo kanaa duaa isaa duaan haa awwaallatu,Gaddi kun ilmaan oromoo hin ilaalu,Nuyi namni duuu jaallanna osoo hin tahiin bilisummaa barbaadna jechuun dunkaana kana gubanii jiran.Qeerroon naannoo kanaas waraqaalee dhaadannoo

v Oromiyaan ni bilisoomti

v Duaa isaa duaan haa awwaalu

v Bilisummaa barbaadna

v Kai qeerroo yeroon geesse

Jedhan naannoo kanatti balinaan maxxanfamanii jiran.Alaabaan ABO Gullisoo keessattis balaliiee jira.Ilmaan oromoo Miseensota OPDO tahan yeroon hiree murteeffannaa amma jechuun qabsoo uummataatti dabalamanii jiran.

Waraanni mootummaa wayyaanees diddaa qeerroon gaggeeffamaa jiruun kan cinqame Ayiraa,Gullisoo,JaarSoo, Ganda calliyaa waradaallee fi kanneen biro keessatti sakattainsaa gaggeessuun meeshaa waraanaa qabdu jechuun uummata doorsisaa jira.Gaaffiin mirgaa qeerroon eegalame hanga galmaan gahu itti fufuu akka qabnuu fi ilmaan oromoo marti gumaata barbaachisaa akka godhuun waamicha qeerroo naannoo kanaati.

 

Fincilli Sabboontota Oromoo Godina Shawaa lixaa Kaachis,Baabbichaa,Abuunaa Gindabaratii Keessatti Jabaate Itti Fufe.

Aside

Hagayya 27,2012 Amboo
Godina shawaa lixaa aanaa Abuunaa Gindabarat,Kaachisii fi Baabbichaa keessatti fincilli uummataa dhoe.Mootummaan wayyaanee naaannoo kanatti humnaan dua Mallasaaf gaddaa jechuun wayita yaasaa jirutti qeerroon naannoo kanaa gamtaan dhaadannoo Mootummaa abbaa irreetti aduun dhihe,Oromiyaan ni bilisoomti kanneen jedhan dhaadachuun waraanaa fi kaabinoota wayyaanee waliin wal dhabdeetti seenanii jiran.Qeerroon naannoo kanaa yeroodhaa yerootti gaaffii mirgaa dhiheessaa tureen mana hidhaatti ukkaamsamaa kan ture yoommuu tahumirga abbaa biyyummaa ni mirkaneeffatna jechuun gamtaan uummata waliin irbuu seenanii jiran.ilmaan oromoo marti hiree murteeffannaaf akka kaus jabeessanii dhaamanii jiran.

Haaluma wal fakkaatuun Godina Wallagga bahaa Magaala Naqqamtee keessatti waraqaaleen hubannoo siyaasaa uummataaf tahanii fi waamichi qaboo hedduumminaan maxxanfaman.Qabsoo uummata oromoon gaggeeffamu galmaan gahuuf hundi dirqama akka baanus qeerroon naannoo kanaa dhaamee jira.Suuraa Muummicha Ministeera Wayyaanee magaala kana keessatti gurguramuu jalqabe dura dhaabbachuun uummatni hiree murteeffannaaf akka kau dhaamanii jiran.

Waraqaaleen dhaadannoo Magaalota Oromiya a bakkoota gara garaa keessatti Qeerroon bal’inaan maxxanfame

Video

Hagayya 27,2012 Finfinnee
Waraqaan dhaadannoo fi hubannoo siyaasaa kennan Oromiyaa keessatti bakkeewwan gaa garaa keessatti Qeerroon maxxanfaman.Dhaadannoowwan
1. Hidhaa fi ajjeechaan gaaffii mirgaa dhaabuu hin dandaan
2. Qeerroon Oromiyaa bilisoomsuuf wareegama kamuu ni baasa
3. Oromiyaan ni bilisoomti
4. Garboomfataan ni kufa
5. Oromiyaan kan oromooti
6. Mirgi amantiilee haa kabajamu
7. Bilisaan dhalatanii garboomuun salphina
8. Bilisummaa fi Walabummaa ilmaan oromoo gaggeessuuf warraaqsa uummataa gaggeessuun murteessaa taheera
9. Lama duuun salphina
10. Qeerroo imaanaa ilmaan oromoo baasuuf kai!
Kanneen jedhan magaala Finfinnee,Amboo,Sabbataa,Dirree Dawaa,Adaaa Bargaa,Gimbii,Ayiraa fi Adaamaa keessatti dhaabbilee barnootaa fi bakkeewwan uummatni haalaan dubbisuu dandautti maxxanfamanii jiran.Waraqaalee maxxanf amaniin uummatni oromoo dammaqinsa guddaan kan kaaa jiruu fi haamileen itti horame yoommuu tahu mootummaan wayyaanee dhiphuu jabaa keessa seenee jira.Waraqaalee maxxanfaman waraanni mootummaa wayyaanee hedduu kan dhiphatee fi funaansaaf bobbauun dhiphachaa jira.
Alaabaan ABOs magaalotaa fi konkolaattota magaalaa irratti fannifamuun magaala Finfinnee fi Adaamaa keessatti ABO seenee waan jiruuf waraanni mootummaa wayyaanee dhiphate.Alaabaan ABO ibsituu ilmaan oromooti,Alaabaan ABO ifa bahuu qaba jechuun Alaabaan fannifamee jira.Alaabaa Konkolaattota duubaan fannifamanii magaala Finfinnee keessa wayita balaliianitti wayyaaneen haala yeroo waliin dhiphuu jabaa keessa seenee jira.Alaabaan ABO Oromiyaa irratti hanga balaliiutti qabsoon hadhaa akka gageeffamu qeerroon irbuu seenee jira.