Sabbboonti Oromoo Godina Iluu Abbaa Booraa Dhimmoota Qabsoo Irratti Ejjennoo Fudhatan

Aside

Fulbaana 03,2012 Mattuu

Sabboontotni Oromoo Godinaa Jimmaa fi Iluu Abbaa Booraa Madhee Garaagaraa Jalattii Hundeeffamanii sochii warraqsaa Bilisummaa gaggeessaa kan jiranii fi mirgaa Oromummaa isaanii kabachiisuuf Haala yeroo biyyattiin keessaa seentee jirtuu irraattii Hoggantoonnii Maadhee Godinaa Lamaanii Magaalaa Baddaallee irraattii Waliittii dhufuun Fulbaanaa 1/2012 Marii Bal’aa gaggeessuun Ibsaa Ejjeennoo fi Dhamsaa Garaagaraa Ummataa Oromoof Dabarsaan,

Maqaa Maadheewwaan kan Godina Jimmaa: Madhee Hayyuu Biyyaa,Tokkummaan Humna, Gumaa Baas Jaal Laggasaa Wagii fi Madheewwaan Kan Godinaa Iluu Abbaa Booraa Maadhee Oromiyaa Bu’uuraa Biyyaa, Qaanqee bilisummaa, Tokkummaa Ummataa, Gaaddisaa Dhugaa jedhamuun hundeeffaaman keessaa hoggantonnii Maadhee kanneenii kan walittii dhufuun walgahii Marii haalaa yeroo kan gaggeeffataan ta’uu ni hubachiisna. Ibsaa Ejjeennoo:

1. Yaa ummataa Oromoo yeroon ittii Mirgaa keenyaa waggaa dheeraa Garbofatotaan dhiitamaa turee itti kabachiifannuu amma waan ta’eef, bakkaa jirruu harka walqabannee Haa kaanuu Mirgaa keenyaa waloon haa kabachiifannu,

2. Gaaffii mirgaa Hiree murteeffaannaa Ummataa keenyaa qabannee Gamtaan Haa kaanu!.

3. Yeroon kun yeroo ittii Oromoon Ilaalchaa, kutaa fi Amantiin wal qooduu utuu hin ta’iin yeroo ittii Oromoon Gamtaadhaan mirgaa biyyaa Abbaa isaa kabachiifatuu waan ta’eef Tokkummaa ummataa keenyaa jabeessuuf kutannee kaneera,

4. Haallii sirnii Garbomsaa maqaa dimookiraasiin ummataa gowwomsaa turee ittii bututee jiruu waan ta’eef, Dimookiraasii dhugaa biyyaa keenyaaf kutannoon ni qabsoofna,

5. Sirnnii Paarlaamaa Biyyaattii Maqaa Dimookiraasii sobaa dahoo godhatee daldaluu fi gartuu paartii tokkoo EPRDF qofaa irraa hundeeffaamee, Fedhaa Ummataa malee afaan Qawweetiin Angoo qabatee tauu, sirni kijibaa kun Atattaamaan akka Diigamuu ni gaafanna.

6. Dhabbileen tajajilaa Hawwaasummaa Humni Ittisaa biyyaa,Raayyaan waraanaa, humni poolisaa fi Mannii Murtii gartuu siyaasaa kam irraa bilisaa tauun gartummaa EPRDF irraa walabaa ta’uun loogii tokkoo malee uummataaf dhaabbachuun, Gaaffii Ummataaf bakkaa ol aanaa akkaa kennaanii fi bilisummaa sabootaa akkaa hin sarbinee fi akkaa duraa hin dhaabbaannee cimsinee akeekna,

7. .Hidhamtoonnii siyaasaa biyyattii keessaattii dararamaa jiraan ilmaan Oromoo miliiyoonaan lakkaaamaan manaa hidhaa biyyatii garaagaraa keessaattii argamaan atattaamaan akkaa gadi dhiifamaan cimsinee ni gafaanna,

8. Mannii Hidhaa Gidduu Galeessaa biyyaattii kan maqaa Maa’ikalawwii jedhamuun beekkamuu, kan ilmaan Oromoo achii keessaattii torcheriin garaagaraa irraattii gaggeeffamuu Ariitiidhaan akka diigamuu ni gaafanna. .

9, Nutii mirgaa Ummataa keenyaatu sarbamee malee, mirgaa eenyuu iyyuu hin sarbinee, ammas mirgaa eenyuu sarbuuf mitii mirgaa keenyaa kabachiifachuuf qabsoofna, waan ta’eef Sabaa fi Sablammoonnii Biyyaattii hiree fakkataa akkasii qabdaan akka nu waliin hiriiruun Motummaa EPRDF bututee kanaa karaa irraa maqsinee mirga keenyaa kabachiifannuu waamichaa keenyaa dabarsina,

10. Mirgii Gurmaauu, Hiriiraa Nagaa Gochuu fi yaadaa Ofii karaa Walabaa taeen ibsachuu maqaadhaaf Heeraa Mootummaa EPRDF keessaattii ibsamee jiru, Hojii irraa haa oolu.

Karaa seeraa Mirgaa kanaa Kabachiifachuuf tokkummaan Kaaneera.

Injifannoon Ummataa Oromoof!.

Gadaan Gadaa Bilisummaati

Godinaa Iluu Abbaa Booraa

Baddaallee

Fulbaanaa 1/2012

Baha Wallaggaa Keessatti Wayyaanonni Uummata Gadda Humnaan Baasaan Mormiitti Jijjirame

Aside

Fulbaana 02,2012 Hebantuu
Godinaa Bahaa Wallaagga Onaa Heebantuutti Hagayyaa 30/2012 Sabboontonnii Oromoo Ona Hebantuu Wal gurmeessuun Sirnaa Gaddaa Mallas dabbaalloonnii Wayyaanee ummataa humnaan baasuun humnaan Gaddaa jechaa jirtu garaa Hiriiraa Mormittii jijjiruun walgurmeessanii sirbaa qabsoo bilisummaa Oromoo leellisuu sirbaan, mallas du’uun unuf bilisummaa tokkoo malee gaddaa mitii jechuun diddaa isaanii jabeessaanii jiru, sabaaba kanaa wal qabatee yeroo ammaa kanaa sabboontonnii dargaggootaa Oromoo 14 humnaa tikaa wayyaaneen hordofamaa jiru. Ummaannii ijoolleen keenyaa qabamtee hidhamte jennaan rakkoo guddaatu uumamaa jechuun dhaadachaa jira. halumaa wal fakkattuun hagayyaa 28/2012 Onaa Kiramuuttii diddaan Ummataa daran jabaatee jiraachuu irraan kan ka’ee Sabboontota Oromoo gaafa Mallaas du’e ni sirbitaan, Ummataan baga gammadaan jettaan ummata kakaasaa jirt uu jechuun namotaa 10 qabanii yeroof guyyaa 2f Onaa Kiiramuuttii Hidhuun,Mani Murtii Onaa Kiraamuu Murtii atattamaa akka kennuu humnaa tikaa godinaatiin dirqisifamee Hidhaa Waggaa 6 itti murteessuun yeroo ammaa manaa hidhaa godinaa Bahaa Wallaggaa Neqemtettii Hidhamani jiru, sababumaa kanaan wal qabatee yeroo ammaa kana net workiin Onaa Kiraamuu irraa badee waan jiruuf maqaa sabboontotaa kanaa argachuu hin dandeenyee,yeroo boodaa ni dhiyeessina, yeroo ammaa kanaa net workiin Godinaa Bahaa Wallaaggaa, Horroo Guduruu Wallaaggaa keessaattii baay’ee rakkisaa ta’ee jira.

Godina Iluu abbaa Booraa keessatti Qeerroon diddaa jabeesse.Waraanni mootummaa Wayyaanees dargaggoota tasgabbii dhorkaa jira.

Aside

Fulbaana 02,2012 Finfinnee

Godina Iluu abbaa Booraa keessatti qeerroon diddaa jabeessaa jira.Aanaa Mattuu,Cooraa,Buree fi Noonnoo Sallee keessatti waraanni mootummaa wayyaanee diddaa qeerroon jabeeffamaa dhufe dura dhaabbachuuf fiigaa jiraachus milkii dhabee jira.Haala yeroo ammaa soda mootummaa wayyaanee mudate waliin wal qabsiisuun waraanni mootummaa Wayyaanee Gadda Mallasaaf yaaaa jedhus uummatni didee jira.Aanaa Cooraa keessattis qeerroon waraana mootummaa wayyaanee soda malee UUMMATNI OROMOO MIRGA ISAA FALMACHUUF KAUUN AMMA dhaadannoo jedhu hedduumminaan maxxansuun uummatni akka dammaqinsaan falmu taasisanii jiran.Dhaadannoon kun bakkeewwan hedduutti kan maxxanfame yoommuu tahu waraanni mootummaa wayyaanee dargaggoota oromoo hojii dhabdummaan jiraatan kan maxxanse isini jechuun hidhaa fi doorsisaa jira.Dargaggootni Oromoo
1. Naasir Abdii
2. Ziyaad Nuuruu
3. Abdallaa Huseen
4. Magarsaa Baqqalaa
Jedhaman waraana mootummaa wayyaaneen yakkamuun mana hidhaatti kan ukkaamsaman yoommuu tahu,Qeerroon naannoo kanaa hidhaan diddaa jabeessa malee hin laaffisu jechuun itti fufanii jiran.Haaluma wal fakkaatuun Kaabinootni aanaa Buree dargaggoota oromoo doorsisaa jiran.Jala deemtotni mootummaa Wayyaanee
1. Obbo Tasfaayee Waggaa bulchinsa aanaa Buree
2. Obbo Darajjee Kabbadaa Kaabinee aanaa
3. Obbo Geetaachoo Xaaloo dhimma nageenya aanaa
4. Obbo Siisay Ilminee reporter aanaa

Jedhaman mootummaa wayyaanee waliin tahuun ilmaan oromoo doorsisaa jiran.Qeerroon naannoo kanaa yeroon ammaa yeroo itti tokkummaa jabeessuun mootummaa abbaa irreetti aduu dhiisan waan taheef akka qabsoo qeerroon gaggeeffamaa jirutti dabalaman waamicha dabarfatanii jiran.

Haaluma wal fakkaatuun Oromiyaa keessatti dargaggootni oromoo sadii tahanii akka hin dhaabbanne dhorkamaa jiran.Mootummaan wayyaanee dargaggootni oromoo gaaffii mirgaa wal tahuun ni kaasu soda jedhuun dargaggoota waliin dhaabbatan waraana bobbaasuun akka bittinnaaanii fi qorataman godhaa jira.Godina shawaa lixaa magaala Amboo,Gindabarat,Ginc,Gudar,Kaachis,Hoolota,Sabbataa, fi Godina Horroo Guduruu magaala Shaamboo,Jaardagaa Jaartee,Godina Wallagga bahaa aanaa Limmuu,Giddaa fi Godina Iluu abbaa booraa keessatti haalli kun hammaachuu irratti argama.

Ummanni Oromoo Godina Adda Addaa Diddaa Ibsachuu Itti Fufe

Aside

Fulbaana 02,2012
Gabaasaa Qellem,aanaa Anfilloo ganda Yatti Koonqii irraa addeessuun Fulbaana 02,2012 dabballoonni Wayyeenee ona kana keessa jiran ummata Oromoo naannoo kana jiraatu humnaan gadda Mallasaaf bahaa jechuun ganda irra milsihoota bobbaasuun yeroo dubartootaa fi da’ima hiraarsanitti ummata gara qonnaa fi magaalaatti deemaa jiru ammoo karaa irra dhaabbatanii huna nageenyaan reebaa gara walgahii gaddaa deemaa jechaa turan.
Humni nageenyaa OPDO namoota Rufaa’el Raappiloo dabballee OPDO gandicha keessa,Wandimmuu Maammoo gara walgayii isaanii adeemsisuuf ummata dirqisiisaa yeroo turanitti ummanni naannoo kanaa guutummaatti diddaa isaa muldhisuu fi dura dhaabbannaan gara mana isaatti akka deebi’ee gale gaabaasi nu gahe addeessa.

Haala kana irraa ka’uun sabboontota Oromoo isinitu ummata kana qindeessee ilaalcha ABO waan qabaniif jecha ummanni akka gadda Mallasaa hin baane godhe jechuun eda mana hidhaatti geessaan keessaa
1.Hiikaa –qote bulaa ganda sanaa kan ta’anii fi
2.Dabalaa-barataa ganda sanaa,
Yeroo jedhaman diddaan ummata ganda kanaa amma illee itti fufee jiraachuu gabaasi nu gahe addeessa.

Gama biraan gabaasaa har’a godina addaa naannoo Finfinnee aanaa Sulultaa ganda Gorfoo jedhamu irraa addeessuun,guyyaa gaafa duuti muummicha ministeeraa Mallasaan beekamee kaasee sirna gadda isaaf kutaalee biyyattii Itoophiyaa keessatti uummata dirqisisuudhaan gadda dirqamaa godhamaa jiraachuun isaa akkuma beekame, ganda kana keessatti dabballoonni OPDO ta’an, sirna awwaalcha isaaf gandicha keessatti dunkaana dhaabanii uummanni yaa’ee gadda isaa nama kanaaf akka mul’isuuf kan godhan akkuma beekamu, halkan edaa uummanni gandicha keessa jiraatan dunkaana gadda Mallasaaf dhaabate diiganii balleessuu isaanii gabaafame.kana malees mukeenii fi wanneen dunkaanni kun ittiin dhaabate uummanni iti dabalee ganama har’aa bakkaa isa dhabamsisanii akka jiran gabaasaan ganda sana irraa addeessee jira.Itti fufanii dargaggoonni gandichaa Faradoo gulufsiisuudhaan qabsaa’ota oromoo fi bebbeekamoo gootota hedduutu jira kan Oromoon dhabee jiru jechuudhaan,waqaraa bifa alaabaatiin barreessanii mukeenitti fannnisuudhaan baatanii Faradoo gandicha keessa gulufsiisaa akka oolan gabaasaa dabalataa addeessa. Kanneen gadda nama kanaa ibsachuuf fedhii qaban gandicha gadi dhiisanii galma isaa deemanii gadda isaanii haa beeksifatanyyuu malee uummataa fi dargaggoota ganda sanaa duratti hedduu jibbamuudhaan tuffatamanii yeelloodhaaf gandichatti deebi’uuf sodaa uummata kanaan kan ka’e gara qe’ee isaanitti halkan kana akka galan gabaasaan addeessa.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

SBO Fulbaana 2 bara 2012

Aside

Raadiyoo Simbirtuu Hagayya 30,2013

Video

Seife Nebelbal Radio Program, Interview with Lubee Birruu

Video

Ona Haroo Limmuu Keessatti Diddaan Dargaggoota Oromoo Jabaatee Itti Fufe

Aside

Hagayya 30,2012 Naqamte

Qeerroowwaan Oromoo Onaa Haroo Limmuu torbee tokkoo Oliif diddaa gaggeessaa jiru itti fufuun Hagayya 29,2012 haala qindaayaa ta’een itti fufe. Haala kanaan dargaggoonni magaa fi baadiyyaa irraa walitti dhufuun bakka tokkotti bifa qindaayeen wallee warraaqsaa dhageessisaa oolan,haala kanaan:-
Qeerroo Kaa’ii hin falmannaa,
Biyyaa abbaa keenyaa maaliif Teenyaa,
ABO’n toftaa qindeessee,
Qeerroon qabsoo finiinsee,
Waaqayyootu haalaa mijeessee
Ka’ii Oromoo maaf cal jettee teessee
Jechuun Qabsoo bilisummaa Oromoo leelisaan, Hagayya 29,2012 Mootummaan Wayyaanee Mallaas utuu du’ee osoo jiruu gadda mootummaa irratti sirbuun yakka jechuun humnaa poolisaa Federaalaa dargaggotaattii bobbaasuun dargaggootaa 18 ol qabamanii waajjiraa pooliisaa Onaa Haroo Limmuu keessattii hidhaamaanii akka jiran gabaafame. Ummaannii haalaa kanaa ilaaluun aree ka’ee guyyumaa kaleessaa sa’aa boodaa wal gurmeessee waajjiraa poolisii deemuun atattaamaan ijoollee keenyaa nuf hiikaa, warraa mana hidhaa garaagaraa keessaattii hiitaanii jirtaanis dabalee yeroo gabaabaa keessatti akka gadhiifntaniif gaaffii keenya mirgaa dhiheessina jechuun diddaa kaasanii jiru. Haala kanaan dargaggoota Oromoo hidhaman battalatti gadhiifamanii jiraachuuu qeerroon naannicha irraa gabaasa.

Mootummaa EPRDF Waggoota 20 Boodas Araadi Ummata Hiraarsuu Irraa Hin Dhaabbanne

Aside

Hagayya 30,2012 Finfinnee
Jidduu kana du’a Muummicha Ministeeraa Mootummaa Wayyaanee Mallas Zeenaawwiin wal qabsiisuun EPRDF saboota biyyattii humnaan gaddaaf akka yaa’anii fi kan gadda muummichaa irratti hin rgamnes adabbiin ykn tarkaanfiin akka irratti fudhatamu ololuun ummata doorsisu gochaan isaa kun uummata Oromoo biratti fudhatama dhabuun diddaa dhalaa jira.Godinoota Oromiyaa addaa addaa keessatti humnaan ummata yaasuuf kan karoorfate milkaayaa hin jiru.
Haaluma wal fakkaatuun Godina Qeellam Wallaggaa aanaa Ashii keessatti waraanni mootummaa Wayyaanee dargaggoota rifeensa guddisan isin miseensa ABO ti jechuun yakkuu jalqaban.Aanaa kana keessatti Wayyaanee humnaan ummata gadda yaasuuf kan karoorfates fashalee jira.
Gama biraan aanaa Limmuu magaala Galiilaa keessatti uummatni gaddaaf dirqiin hin baanu jedhe.Dargaggootni naannoo kanaa diddaa jabeessuun waraana mootummaa wayyaanee uummata doorsisuuf bahe jala dhaabbatee jira.Walumaa galatti humnaan gadda baasuuf kan mootummaan Wayyaanee yaalaa jirus siyaasa mataa isaa tarkaanfachiisuuf akka ta’e beekama. Addatti Hagayya 30,2012 Oromiyaa godinoota Shawaa lixaa,Harargee lixaa,Arsii aanaa Siraaroo keessatti diddaa uumee jiraachuu isaa gabaasi nu gahe addeessa.

Dargaggoonni Amboo Suuraa Taddasaa Biruu Malee Suuraa Mallasaan Ambo Keessatti Hin Barbaachisu Jechuun Ibsatan

Aside

Hagayya 30,2012 Amboo
Qeerroowwaan Magaalaa Amboo fi Gudaar namota suuraa Maallas magaalaa keessaa deemaanii gurguraan akka magaalaa Oromootaa keessatti hin gurguramneef dhorkuun ari’an.Maglaanaa Amboo bakka itti suuraa Taddasaa Biruu fi Elemoo Qilxuufaa gurguran malee suuraa Mallasaa keessatti nagadan miti jedhuun ummanni dura dhaabbatee jira.
Karaa biraa humni poolisa Wayyaaneen magaalaa Amboo shakkuu irraan kan ka’ee, Humna Poolisaa Federaala Finfinnee irraa gara Ambootti yaammachuun ummata goolaa jiraachuu gabaafama. Ummaannii Amboo Hoteelotaa gurguddaa magaalaa Amboo fi Gudaar keessaatti kaaseetota Ebbisaa Addunyaa Fi Hirphaa Ganfurree fi kaasseetonni warraaqsaa humnaa ol sirbiisifaama jiraachuu kan dhagahe Wayyaaneen Poolisoota sirnichaaf uggumanii bulaniin Hoteela irraa deemuun walleen warraaqsaa kamuu akka hin sirbiisiifamne dhorkuu irra darbanii namni sirbisiisee argame akka adabbiin cimaa irra gahu yoo akeekachiisanuu umma nni diddaa isaa cimusuun walleen warraaqsaa Hoteelota keessatti dhageessisaa jira.
Kana malees konkolaataa gara Finfinneetti deemu tokko irra ilamltooti yaaban gutummaatti sirboota ABO faarsu dhageessisuun alabaa ABOs konkolaataa irratti hidhuun akka muldhatee jiru qeerroon gabaasa.Poolisoonni haala kana dhagahanii konkolaaticha hordofan iyyuu waa gochuu akka hin dandeenye gabaasi nu gahe addeessa.