SAGALEE QEERROO; Waxabajjii 5, 2018

Aside

Gaaddisa Dhugaa Waxabajjii 4 bara 2018: Konfaransii Maree Imaammataa, Asmaraa, Ertiraa

Aside

Magaalaan Bishooftuu Muddama keessa jirti

Aside

Waxabajjii 5/2018, Bishooftuu:-

Magaalaan Bishooftuu Muddama keessa jirti. Sabaabaan isaa maqaa Walga’ii Uummataa jedhuun galma Aadaa Magaalaa Bishooftuu Keessa jirutti Walgayiin waamamee irratti Uummatni Oromoofi Qeerroon dargaggootni Oromoo gaaffii gaafatamaa turee fi jiruuf deebii isaa gaafatachuuf kan bahee .Angawoota OPDO keessa kanneen akka Adde Xaayibaa kan irratti argaman yommuu ta’u Qeerroon Dargaggootni Oromoo hedduun akka galma walga’ichaatti ol hin seenee ittifamuun mirkanaa’eera. Uummatni fi Qeerroon seenaan immoo gaaffii keenyaaf deebiin nuuf haa kennamuu jechuun waltajjiicha muddaa jiraachuun hubatameera.  Gaafii gaafataman keessaa;
1. Siidaan Wareegamtoota Oromoo Ayyaanaa Irreechaa Bishooftuu bara 2016irratti mootummaan waraana nurratti banee wareegamaan as magaalaa Bishooftuu keessatti nuuf haa dhaabbatu.
2. Angawootni Mootummaa ajaja dabarsuun uummata keenya ficcisiisa turanii fi jiran aangoo irraa kaafamuun seeratti nuuf haa dhiyaatani.
3. Saamichi lafaa kallattii hedduun aangawoota dhuunfaa hanga investeroota mootummaan bobbaasee fi maqaa Liiziin nu duraa saamamee atattamaan nuuf haa deebi’uu, qaamotni saamicha lafaa babaldhisaan seeratti nuuf haa dhiyaatan.
4. Gaaffii mirgaa abbaa biyyummaa fi bilisummaa gaafachaa jirruuf deebiin nuuf haa kennamu, kanneen jedhu kan ofkeessa qabuun uummatni aangawoota wayyaanee OPDO walgayicha gaggeessuuf argaman muddee qabee jiraachuu Qeerroon Bishooftuu gabaaseera.

Image may contain: one or more people, people standing, tree, crowd, sky and outdoorImage may contain: 1 person, standing, crowd, tree and outdoor

 

Konfaransiin Maree Imaammata ABO Guyyaa 3ffaaf Itti Fufeera. Waxabajjii 5, 2018.

Aside

Konfaransiin maree imaammata ABO gaafa Waxabajjii 3, 2018 magaalaa Asmaraa keessatti eegalamee ture guyyaa sadaffaaf itti fufee akka jiru gabaasaan ONN galma walgahiichaa keessaa nuu ergeen addeesseera.
Akka gabaasa kanaatti gaafa Waxabajjii 3, 2018 waaree dura imaammanni dinagdee Oromiyaa maal akka ta’uu qabu qorannoo ogeeyyota dinagdeetiin qophaa’ee ture dhihaatee mareen bal’aan hirmaattota Konfaransiichaatiin kan taasifamaa oole yammuu ta’u, waaree booda ammoo imaammanni barnoota Oromiyaa ogeeyyota barnootaatiin dhihaatee mareen bal’aan taasifameera.
Akkasumas gaafa Waxabajjii 4, 2018 waaree dura qorannoon imaammata qabeenyaa uumamaa fi qonnaa ogeeyyotaan erga dhihaatee booda mareen bal’aan kan taasifamee ture yammuu ta’u, waaree booda ammoo qorannoon imaammata fayyaa hawaasaa ogeeyyotaan dhihaate mareen bal’aan taasifameera.
Guyyaa har’aa jechuun Waxabajjii 5, 2018 waaree dura qorannoon dhimmaa caasaa mootummaa ilaalchisee ogeeyyotaan dhihaatee mareen geggeeffamaa kan jiru yammuu ta’u, waaree boodas maree banaa waliigalaatiin kan itti fufu ta’uun barameera.
Ogeeyyonni imaammatoota kana qorannoo waggaa tokkoof deemsisaa turan irratti hundaa’anii dhiheessan kunniin hundi mareen kun erga xumuramee booda qaranii fi wayyeessanii kan dhiheessan yammuu ta’u, konfaransii kana booda Walgahii idilee Shanee Gumii ABO irratti dhihaatee erga wayyeeffamee qaramee booda Shanee Gumii ABO tiin raggaasifamee, imaammata mootummaa TPLF/EPRDF booda, mootummaa hundeeffamuu malu keessatti ABOn hordofu malu ta’a jedhamee eegama.

Image may contain: one or more people, people sitting and indoor

ONN:Oduu Olmaa Oromiyaa.Waxabajjii 4/2018

Aside

Magaalaa Shaambuu Keessatti Ibsaan Uummatarraa Cituun Walqabatee Hiriirri Mormii Gaggeeffame

Aside

[SQ, Waxabajji 5,2018]  (Shaambuu) Guyyaa (7) toorbaan tokkoof magaalaa Shaambuu irraa ibsaa balleessuun uummata Shaambuu dararaa kan turte wayyaaneen; Kaleessa galgala waxabajji 4,2018 (27/9/2010) sa’a 7:00WB (1:00) irraa egalee mormiin qeerroo fi uummata magaalichaan bifa qindaa’een gaggeeffamuun gabaafame. Hiriirri mormii kun qaama poolisii fi waajjiraalee kanneen akka waajjira Ibsaafi bulchiinsa magaalaarratti tarkaanfii eegalameen sa’a 1:50WBtti ibsaan gadhiifameera. Qeerroon magaala Shaambuus tarkaanfii sirreessaa fudhatetti milk’aauu irraa dhiichisaa, OPDOn ammoo uummata kan darartu itti yaaddeeti ta’uu Ummanni Oromoo jabeessee akka hubatu ibsaa dhaamsuun torbaan tokkoo oliif dararaan Ummata Magaa Shaambuu irra gahe raga guddaa ta’uu ibsuun afaan mi’aahaa garee Lammaa Magarsaa fi Dr Abiyyiif Ummanni keenya moofkamuu akka hin qabnee fi qabsoo isaa jabeessee akka itti fufu Qeerroon naannichaa dhaamuu maddi Qeerroo Bilisummaa Oromoo Shaambuu irraa gabaaseera.

Agaaziin Ummata Oromoo ajjeessuu jabeessitee itti fufte

Aside

[SQ, Waxabajji 4,2018] Lola guyyaa har’aa godina Gujii Lixaa bakka Hedeerraa jadhamutti gaggeeffameen agaaziin nama 5 galaafattee jiraachuu Qeerroon Bilisummaa Oromoo gabaase. Akka gabaasaan keenya jedhetti manneen barnootaa 3 waraana agaaziin gubatanii jiru. Lollis ammayyuu hammaatee itti fufee jiraachuu gabaafame.

Mootunmaa aannoo Oromiyaati kan ofiin jedhu gareen Ob. Lammaa Magarsaa fa’aa aantummaa Ummata Oromoo yoo dhugumaan qabaatan Uummata nagaa irratti ajjeechaa gaggeeffamaa jiruuf ittisa gochuun qabuuyyu. Garuu waltajjii qabatanii dhaadachuu fi haasaa mimmi’aahaa haasa’uun ummata bakka bu’uu akka hin taane ummatni keenya hubatee lola itti baname tokkummaan ka’ee ofirraa qolachuu akka qabu Ummanni Oromoo godina Gujii Lixaa jabeessanii dhaamaa jiru. Lola adeemaa jiru ilaalchisee odeessa dabalataa hordofnee Ummata keenya ni geenya jechuun maddi Qeerroo Bilisummaa Oromoo gabaaseera.

Begiitti walitti bu’iinsa Uumata Benishaangul Gimuzii fi Ummata Oromoo jedduutti ta’een lubbuun namaa darbeera.

Aside

[SQ, Waxabajji 4,2018] Ummata Oromoo fi saboota Ollaa walitti buusuun umurii bittaa ishii dheereffachuuf imaammata dhaabbataa kan godhataa jirtu Mootummaan Wayyaane guyyaa har’aa Ummata oromoo fi Ummata Beenshaanguli walitti buusuun miidhaan guddaan Ummata Oromoo irra gahuun madden Qeerroo Bilisummaa oromoo gabaasan.

 

Haaluma kanaan ganama har’a Begiitti walitti bu’iinsa Uumata Benishaangul Gimuzii fi Ummata Oromoo godduutti ta’een manneen Oromoo shantamaa (50) Ol gubachuu fi namni Ashee Hasan Ahemad jedhamu wareegamuu namoonni afur ammo miidhaan guddaan irra gaheera. Namoonni arfan haala hammaataan miidhaan irra gahee hoospitaala Begiitti yaalamaa jiraachuu maddi Qeerroo Bilisummaa Oromoo naannichaa gabaaseera.

Warri Saamicha Lafaa gaggeessaa turan hojii irraa hari’amannii seeraan akka gaafataman gaafatame

Aside

Waxabajjii 3/2018 , Bishooftuu:

Rakkoo saamichaa lafaa Magaalaa Bishooftuu keessaatti babaldhachuu waliin walqabatee uummatni Oromoo Magaalaa bishooftuufi naannawaa ishee jiraatu abbaan qe’ee qe’ee isaatti gidirfamaa jiraachuu irraa mormiin guddaan akka adeemaa ture beekamadha. Kanuma waliin wal qabatee guyyaa har’aa walgayiin muddituun tokko magaalaa Bishooftuu keessatti gaggeeffama jira. Walga’ii kana irraatti Abbaan Gadaa kan argame yoo ta’uu walgayii kana irraatti :
Warri saammicha lafaa gaggeessa turaan hojii irraa kaafamuun lafa saamaniifi saamsisaan uummataaf akka deebi’uufi ofii immoo seeraan akka itta gaafataman murtiin dabarfamee jiraachuu Qeerroon Magaalaa Bishooftuurraa gabaase.

Image may contain: one or more people, crowd, tree and outdoorImage may contain: one or more people, people standing and outdoor

Qophii Gaaddisa Dhugaa, Wax. 03/2018

Aside