Gurraandhala 18,2014 Finfinnee
Mootummaan Wayyaanee amanamtoota isaa baroota dheeraaf alagaa tajaajiluun uumata Oromoo kanneen ganan aangoo irraa darbuu irratti argama. Akka kanaan itti gaafatama Miidiyaa Oromiyaa kan ture Obbo Masfin Darajjee aangoo irraa darbamee jira. Mootummaan Wayyaanee haala kana keessatti tasgabbii dhabinsa irraa kana dalagaa kan jiru yoo tahu Uummatni diiddaa gaggeessaa jiraachuun itti fufee jira. Bakka Masfin kanas nama Tamasgeen Baayisaa bakka buusanii jiran. Pirezedaantiin Oromiyaa Obbo Alamaayyoo Atoomsaas xalayaa hojii dhaabuu galchuun hojii lakkisanii jiran.
Yuunivarsiitii Haromaayaa keessatti diddaan jabaachuu irraa mootummaan Wayyaanee hojjettoota mana hidhaatti guuraa jirti. Dhaadannoon barattootaan itti fufe.
Aside
Gurraandhala 18,2014 Haromayaa
Diddaan Uummata Oromoo mootummaa wayyaanee irratti gaggeeffamu jabaachaa dhufuun Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti barattootni nyaata lagachuun sirna mootummaa wayyaanee mormuu itti fufan. Dhaadannoowwan mootummaan wayyaanee hidhaa fi ajjeechaa haa dhaabu, kanneen ajjeesanis seeratti haa dhiyaatan jedhus jabaatee itti fufee jira. Mootummaan abbaa irree wayyaanee gocha kanaan kan baarage hojjettoota mooraa Yuunivarsiitii Haramaayaa dhalootaan Oromoo tahan kan barattoota qindeessu isini jechuun mana hidhaatti ukkaamsaa jiran. Yeroo ammaa kanas barattootnii fi hojjettootni mooraa Yuunivarsiitii mana hidhaatti kan ukkaamsaman yoommuu tahu dorgommii tapha kubbaa miilaa Yuunivarsiitiilee keessatti gaggeeffamaa jirus waraanaan tiksuun yeroon xumuranii bahuuf tattaafachuu irraan darbanii Mooraa Yuunivarsiitii Haramaayaa dame Harar keessattis dafanii xumuruuf eegalanii jiran. Ilmaan Oromoo diddaa kana keessa mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti ukkaamsaman
1. Obbo Abdurhaman Mohaammed Itti gaafatama Shiiftii nyaataa
2. Kamaal Ahmed hojjetaa mana nyaataa
3. Gizaachoo Damissee hojjetaa mana nyaataa
4. Raffisaa Geetachoo barataa Water Engineering waggaa sadaffaa keessatti argamu.
Mootummaan Wayyaanee shira kamuu dalaguun diddaa dura dhaabbachuuf yaalus diddaan Barattootaa fi Uummataa daran jabaatee itti fufee jira.
Godina Jimmaa Magaalaa Jimmaa Keessatti Barruuleen Warraaqsaa Uummataaf Bittinfame.
Aside
Gurraandhala 18,2014
Gaafa Guraandhala 14/2014 Godina Jimmaa Magaalaa Jimmaatti Barruu Warraaqsa FDG Qeerroon Bilisummaa Oromoo uummataaf bittineesseen walqabatee mootummaan abbaa irree uummata goola jira. Gaafa Gurraandhaala 13,2014 galgala barruun warraaqsaa waamicha FDG magaalaa Jimmaa fi Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti uummataaf sirriitti bittineeffamuun akka namni hundi hubachuun dhimma bilisummaa isaf ofiin ka’ee gamtaan falmatuuf waamichi godhame uummata qaqabee jiraachuun isa mirkana’era.
Mootummaan abbaa irree Wyyaanee EPRDF FI TPLF’n durfamu sochii warraaqsaa FDG Qeerroon bilisummaa Oromoo gaggeessuuf jirutti barraaguun namoota manneen kompiteraa fi Copy Magaalaa Jimmaa keessa qaban maqaa qorannoo jedhuun qabee waajjira poolisaa magaalaa Jimmaatti guuree darara jiraachuun beejamee jira.Keessaattu ilmaan Oromoo manneen Compitera magaalaa Jimmaa keessaa qaban waraqaan FDG isin biratti baay’ifamee bittineeffamee jira, computer keessaan waraana nurraatti labsa jira jechuun manneen kompitera hedduun humna poolisaan sakkata’amaa jiru. manneen komputera nannoo Yuunivarsiitii Jimmaatti argaman kanneen cufaama jirachuunis hubatamera.
Kana malees gama biraan uummaannii Oromoo jirattootni magaalaa Jimmaa hedduun konkolaataa poolisaan qabamanii mana hidhaa waajjira poolisaamagaalaa jimmaa galfamaa jiraachuu odeessii sa’a kanatti nu qaqqaba jiru saaxilee jira. Mootummaan Wayyaanee sochii uummataatti rifachuun tajajiloota akka Network fi ibsaa elektirikaa balleessa jirti. Maqaa namoota qabamanii ammatti waan nu hin geenyeef amma qorannee kan gabaasnu ta’uu ni hubachiifna.
Oromo Voice Radio, February 17, 2014
Aside
Diddaan Uummataa Magaalaa Sulultaa Irratti Ka’een Namootni 5n Tikoota Wayyaaneen Qabamanii Bakka Buuteen Isaanii Dhabame!
Aside
Guraandhala 16,Qeerroo magaalaa Sulutaa Irraa
Diddaa magaalaa Sulultaa irratti gaggeeffameen abbootni maatii 5n tikoota wayyaaneetiin qabamanii bakka buuteen isaanii dhamabee jira. Isaan keessaa miseensi OPDO nama 3 yoo tahu isaan kaan hafan namoota qabsoo keessatti hirmaannaa hin qabneedha,yakki tikootni wayyaanee ittiin qabatan isin ABO dha,uummata kan ijaaru,ammas waraqaa kan barreessee magaalaa kana keessa bittimse isiniidha,diddaa ABOn hoogganamee oromiyaa keessatti finiinaa jiru isinuma kan akka keessaniiti jedhuun miseensotuma isaa fi namoota nagaa qabuun yeroodhaaf bakka namootni kun itti hidhaman dhabamee jira, magaalaa kana kana keessatt FDG qabate maadhee Iftuu Bariitiin waraqaan dhaadannoo fi barruun waamichaa uummata hundumaaf hiramee jira,sirboonni qabsoo halkan guutuu kan sirbamaa bule yoo tahu,lukkuulee wayyaanee bakka olaanaa qaban,kaabinota wayyaaneef akeekkachiisni itti kennamuudhaan hidhattoota wayyaanee qabdoo oromoo deeggeran waliin saa 2 guutuu daandiin konkolaataa uummata jiraattoota magaalichaatiin sirbaa fi dhaadannoon gaggeeffamaa akka ture Qeerroon magaalaa kanaa gabaasee jira.Namoota miseensa isaa taanii fi namoota nagaa qabaman maqaan isaanii akka armaan gadiiti.
1. Obbo kaachoo Qajeelaa-abbaa maatii 6,dhimma nageenyaa magaalichaa.
2. Aaddee Biifee Gulummaa-miseensa OPDO-barsiistuu
3. Dargaggoo Birhaanuu Tarreessaa-hojjetaa dhuunfaa
4. Obbo Seefuu Gazzaany-waajjira faayinaansii keessa kan hojjetan abbaa maatii 3ti,
5. Barataa ogummaa fi teknikenii;Shufeeraa Ligdii
Kanneen jedhaman maatii isaani irraa Guraadhala 15 guyyaa keessaa saa 12:00 PM irratti kan qabamanii hanga haraatti bakka isaan itti hidhatam kan hin argamneedha.
FDG Wallagga, Godina Qellam Aanaa fi Magaalaa Adda Addaa keessatti Adeemsifamaa Jira
Aside
Durraandhala 16,2014
Diddaan farra gabrummaa godina Qellem magaalaa adda addaa keessatti adeemsifamaa jira. Kunis miseensota Qeerroo,maadhewwan jiranii fi barattoota mana barumsaa olaanaa fi qophaayinaa akkasuma barattoota kitaa 7 fi 8 baratan,uummata oromoo miseensa mootummaa wayyaanee(OPDO) irraa walaba tahaniin Guraandhala 15 irraa kaasanii toora garagaraa kan mootummicha laamshessuu fi yaaddessuun eegalee jira. Odeessaan madda gabaasicha irraa hubatamu aanaalee godina Qellem jalatti argaman qabeenyaa mootummaa wayyaanee qabu kanneen akka konkolaataa,daandii konkolaataa irratti mukkeen ciruudhaan,bakka walgayiin itti gaggeeffamu diiguu fi gubuudhaan halkanii guyyaa diddaan qabeenyaa wayyaanee dhabamsiisuu jabaatee,barattootni sirni mootummaa wayyaanee oromiyaa keessatti hin hojjetin, seeraa fi heera mootummaa wayyaanee hin feenu, seeraa fi heera itti bullu dhaaba ABO galma haagau,. Kan jedhu waraqaalee adda addaa facaasuun,akkasuma waraqaalee waamicha FDG raabsuu fi maxxansuudhaan uummanni bakka jirutti diddaa jabeessee jira,akka madda gabaasichaatti gandoota kanneen akka Waabaa Eebbaa,Gerechoo jedhamu keessatti milishoota gandaa kan mootummaa wayyaaneef jilbeenfatanii uummata jilbeenfachiisuu barbaadan tarkaanfii reebichaa irratti raawwachuudhaan hidhannaa isaanii harkaa fuudhanii qabsoof gumaata gochaa jiru, dargaggoonni wal ijaaruudhaan kaabinoota wayyaanee doorsisuun hanga amansiisuun diddaa waliin adeemsisaa akka jiran Qeerroon gabaasa,diddaa uummataan kae kan bakka hundaatti tokko tae fala dhabuudhaan mootummaan wayyaanee godina kana irratti hanga callisuu filatee akka jiru maddi gabaasaa Qeerroo godina Qellam Dambi Doolloo irraa addeessa.
Diddaa Sirna Mootummaa Wayyaanee Magaalaa Bishooftutti Qabate.
Aside
Guraandhala 16/2014 diddaa mooraa yuuniversitii Bishooftuu keessatti qabateen uummanni oromoo magaalaa Bishooftuus dammaqummaadhaan gaaffii barattoota deggeruun guyyaa keessaa saa 12:00 PM bakka waaqeffannaa uummanni itti wal argutti waraqaa qabachuudhaan bobbahanii jiru. Madda gabaasaa Qeerroo magaalaa Bishooftuu irraa dubbatuun barattoota mooraa yuuniversitii Bishooftuu irratti waraqaaleen bittimfamuu irraan diddaan deggertoota qabsoo oromoo qaama hojjetoota mootummaa wayyaanee waliin hiriiruudhaan Guraadhala 15 guyyaa keessaa saa 2:00 AM irraa keessee adeemfame,mootummaa wayyaaneef gonkumaa hin bitamnu, barattoota qayyabatan doormii keessa yaasuudhaan kan eegale bulee hara uummata kan qaqqabate yoo tahu hidhattppta wayyaanee bakka lamatti kan qoode diddaan kun tahuu isaa gabaasaan addeessa,hitaan wayyaanee kan wayyaaneef ajajamee jiraatu ykn bitamee buluuf gama tokko yoo tahu hidhattootni wayyaanee oromoo taan kan sabboonummaa qaban gaaffii barattootaa deggeruudhaan diddaa kanatti hirmaatanii jiru. Hidhattoootni wayyaanee diddaa kanatto hirmaatan uummataaf humna tahuudhaan uummanni waamichi kun bira gahee fi diddaa keessatti hirmaatan bakka tokkotti wal gahuudhaan hanga oromiyaa guutuutti adeemsisuuf adda duree taanii kan jiranii fi guyyaama kana galgala keessaa saa 7:30 AM irratti mootummaan wayyaanee humna darbatamaa bakka biroo irraa konkolaadhaan feee magaalaa Bishooftuu buufachiisee jiraachuu isaa maddi gabaasicha addeessa. Galgala kana irraa kaasee halkan kana guutuu caasaa mootummaa irraas dhaamsi miseensota Qeerroo magaalaa kana jiran qaqqabaa jiru jabaadha kan jedhu dha. Uummatas tae barataa akkasuma hidhattoota wayyaanee keessa kanneen diddaa kana irratti hirmaatan yeroodhaaf kan riphan yoo tahu itti fufee akka gaggeeffamu dhaamsa dhaamu,yoomiyyuu boodatti hin jedhamu jabaadhaa jedhun Qeerroo yuuniversitii biraa irra jiruuf gahaa jiru. Fincilli gama kanaan jiru itti fufa!
SBO Gurraandhala 16 Bara 2014 – Sochii Diddaa Gabrummaa Biyya Keessaa Qeerroo fi Sabboontotni godhaa jiranii fi qophiilee odeeffannoolee biroo qaban caqasaa
Aside
Diddaan Barattoota Oromoo Bakkoota Adda Addaatti Itti Fufuun Yuuniversitiin Amboo FDG Qabsiisan.
Aside
Gurraandhala 15,2014 Amboo
Barattootni Oromoo gaaffiiwwan mirgaa abbaa biyyummaa finiinsaa as gahan. Qabsoo Oromoo keessattis qooda olaanaa bahachaa kan turan barattootni Oromoo yeroo ammaa kanas daran jabeessuun diddaa walii galaa gaggeessuu irratti argamu. Yuunivarsiitii Amboo keessatti barattootni Oromoo nyaata lagachuun diddaa sirna mootummaa Wayyaanee irratti gaggeessaa kan jiran yoommuu tahu mootummaan wayyaanee haala kanaan kan baarage waraana hedduumminaan booraa seensisuun barattoota gamtaan dhaabbatan diiguu kaan ammoo mana hidhaatti ukkaamsuu irratti argamti. Barattootni Oromoo mooraa Yuunivarsiitii Amboo manni barnootaa mooraa waraanaa miti jechuun poolisootni akka mooraa gadhiisan yoommuu gaafatan poolisootni doorsisuu fi reebuu irratti argamu. Barattootni Oromoo
1. Solomon Tsaggaayee Daadhii dhalootaan Gindabarat kan tahe
2. Shamarree Lalisee Mokonnin barattuu kutaa 12ffaa
3. Barataa Geetuu Dalasaa Agriculture waggaa sadaffaa kan tahe
Yeroo ammaa qabamuun bakka mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti kan ukkaamsaman yoommuu tahu wayyaaneen shira kamuu dalagdu jabaannee mootummaa wayyaanee akka xumura itti goonu jechuun dhaamsa Orummaa dhaammatanii jiran.
Barattooti Oromoo Yuuniversitii Adaamaa FDG Kaasan.Barruulee Warraaqsaas Tamsaasan
Aside
Guraandhala 15,2014 Adaamaa
Akkuma beekamu buufata yuuniveritii oromiyaa keessatti argamu irratti FDG adeemsifamaa akka jiru hubatamaadha. Mootummaan Wayyaanee dhagahus dhaga’uu baatus gocha isaa balaaleffachuudhaan uummanni oromoo bakka jirutti falmii isaa mootummaa wayyaanee waliin gageessuu isaa jabaatee itti fufee jira. Guraan dhala 12 irraa kaasee waraqaalee waamichaa FDG bakkeewwan adda addaa yuuniversitiilee keessatti faffaca’aa jira,kunis akka yuuniversitii Adaamaatti Guraandhala 13 irraa kaasee waraqaaleen waamichaa fi dadammaqiinsaa sa’atiidha sa’atiittii mooraa keessatti bittimfamuu fi maxxanfamaa jira,hanga guyyaa har’aa Guraandhala 15tti. Waraqaaleen faca’uu fi maxxanfamuu irraan lukkuuleen wayyaanee mooraa yuuniversitii Adaamaa hanga har’aatti wareeruudhaan barattoota oromoo mooraadhaa gadi ari’aa jiru,doormiidhaa doormiitti sakatta’iinsa jabaan gaggeeffamaa jira,hojjetootni kaaffee fi waajiraalee yuuniversitichaa sodaa irraan mooraa gadi dhiisanii jiru,poolisii naannoo,poolisii oromiyaa fi miseensota OPDO kan ta’an akkasuma barattoota habashaa irraa kan hafe mooratti an hafan hin jiran sodaa irraan kan ka’e nyaatni sirnaan gaggeeffamaa hin jiru kunis gar jabina fincilaatti geessaa jira,walgayiin presedaantii oromiyaatiin magaalaa Adaamaa irratti gaggeeffamaa jiru kanneen walgayii san irratti argaman bulchitoota magaalaa fi kantiboota magaalawwanii waraqaalee waamichaa FDG mooraa keessatti bittimfame kana jaleewwan isaanii irraa waan dhagayaniif sodaadhaan humna waraanaa magaalaa sanatti ajajanii eegsisaa jiru.Barataan oromoo ammas waraqaan bifa addaatiin qophayaa waan jiruuf hanga magaalatti bittimsuuf qophii irra jiru,gabrummaa jalatti barumsa hin barannu,maatii keenya fi lammii keenya mirgi isaa sarbame sammuun keenya barumsaaf qophii miti jedhuunn ammallee itti fufanii dhaamsa barattoota koollejjiilee fi manneen barumsaa sadarkaa gadiitiif dhaamaa jiru.Fincilli mooraa keenya Adaamaatti fufee jira wayyaanen yeroo lolli itti baayatu humna dabalata nuti barattootni oromoo mooraa yuuniversitii Adaamaa jirru FDG kaasne kanaaf jiraattootni oromoo bakka hundaa irraa tokko taanee mirga keenya haa falmannu dhaamsa dhaammanna. FDG itti fufa!
