Qabsoon Qeerroo Bilisummaan Oromoo Godinaalee Iluu A.Boraa fi Jimmaa daran Itti Fufe.

Aside

OromiaALutaContinua2011FDGGuraandhala 25,2014 Yeroo irra gara yerootti,FDG’n godina dhihaa Oromiyaa keessattuu Godina Kibba dhihaa Oromiyaa Jimmaa fi Iluu Abbaa Booraa keessatti qeerroon gaggeessaa jiru jabaachaa adeemuun hawwannaa uummata argatee jira. Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee TPLF fi EPRDF warraaqsa qeerroo bilisummaa Oromoo ija uummataa keessa seenee jiru kanatti rifatuu guddaa keessa seenun waan qabee gadhiisuu dhabee Oromoon hin baratiin jechuun Wayyaaneen baratoota Oromoo barnoota irraa arii’uu murteeffatte jirti. Haaluma kanaan:

Injiineerotni Baratootni Oromoo qaroo ta’an Yuunivarsiitii Mattuu irra baratootni 11 barnoota irra arii’atamani baratootni lama immoo akeekkachiisa dhumaan kan jiran ta’uu torbanota darban keessa gabaasuun keenya ni yaadatama. Ilmaan Oromoo qaroo fi abdii biyyaa ta’an kun badii tokko malee dhugaa uummata Oromoo qofa waan dubbataniif arii’amuun uummataa Oromoo Magaalaa Maattuu akkam kan aarsee ta’uu ibsuun Manguddoonni Oromoo fi abbootiin amantaa Oromoo ta’an balleessa malee arii’atamuu baratoota Oromoo maalii jechuun bulchiinsa Yuunivarsiitii Mattuu akka meeshatti wayyaaneen itti fayyadamee Oromoo barnoota irraa arii’atu gaafatan, dabbaalloonnii Wayyaanee kun manguddoo kabajamooni fi abbootii amantaa salphisuun dhimma kun isin hin galchu maaltu isin galche jechuun of irra deebisan.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo gochaa fashistummaa kana kan manguddoo keenya salphisee, afaan qawwee abdatee nutti roorrisuu kana of irra dhaabuu kan dandeenyuu fi mirga abba biyyummaa keenya kabachiifachuufi barnoota irra arii’atamuun, hidhaan, ajjeechaan, biyyaa irraa arii’amuun nu ga’aa, jennee nuti dhaloonni haaraan kun wareegama barbachisuu kanfaluun yoo of irraa hin fonqolchine, dhaloonni baaddeedhan dhufuu carraa lubbuun jiraachuu iyyuu hin argatu jechuun qeerroon harka walqabannee wayyaanee irratti FDG gaggeessuun furmaata waaraa fiduun of kabachiisuudha jechuun itti fufee barruu Warraqsa FDG bitinneessuu Godina Jimmaa, Yuunivaersiitii Jimmaa, Godina Iluu A/Booraa, Yuunivarsiitii Mattuu, Yuuniversiitii Miizaan Teeppii, Yuunivarsiitii Walqixxee, Yuunivarsiitii Amboo , fi Yuunivarsiitii Wallaaggaa keessatti barruun waraqaa FDG itti fufee bittinneeffama jiraachuun hoggansii qeerroo bilisummaa Oromoo gareen hoggansa dhihaa Oromiyaa beeksisee jira.
Uummaanni Oromoo Magaalaa Jimmaa fi hordoftootni amantaa muslimaa fi Goototni baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa bu’uura kana godhachuun sochii warraaqsaa FDG irratti argamuu, Diddaa Qeerroo tumsa uummataa argachaa jiru kanatti barraaguun wayyaaneen guutummaa magaalaa Jimmaa fi Yuunivarsiitii Jimmaa humna Waraanaa mooraa 44 Waraanaa kan dhihaa keessaa gadii bobbaasuun egsisaa jiraachuun ibsame jira.

 

SBO Gurraandhala 23 Bara 2014

Aside

Koollejjii Seeminara Naannoo Kutaa Magaalaa Finfinnee Makkannisaa jedhamu Irratti diddaan jabaachuu irraan tikoonni Wayyaanee ramadaman

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee Gurraandhala 22,2014

Gabaasaa Qeerroo Finfinnee kutaa magaalaa Makkannisaa jedhamu irraa gabaasuun, Guraandhala21 mana barumsaa barattootni oromoo itti baratan koollejji Seminarii jedhamutti jala bultii guyyaa boruuf fincilli kauu mala jedhuun tikoota isaa naannoo mana barumsaa kanatti ramaduudhaan ganama saa 8:00 irraa kaasee guyyaa guutuu meeshaa guutuu dirree waraanaa fakkeessee jiraachuu isaa Qeerroon gabaasee jira humna waraana isaanii nannoo kana buufatanii jiran suuraan kaafame kan addeessu barattoota shakkuun barattoota naqaa qabanii qorataa barumsa isaanii irraa hambisaa akka jiran akkasuma basaasota isaanii huccuu barataan wal fakkatu uffisuun moora keessa galchanii sochii barattoota oromoo basaasaa akka jiran, gabaasaan Qeerroo addeessa. Aka walii galaatti mootummaa wayyaanee sochii barattota oromoo yuuniversitii koollejjii adda addaa irratti eegalee jiru sodaadhaan koollejjii kanatti tikoota humnaa oliin ramadee eegsisaa jira,fuula kana irratti attach kan tae suurawwan tikoota wayyaanee naannoo san buufatanii jiran yoo tahu qeerroo sodaa tokko malee isaanuma gidduu deemuun waraqaa barbaachisu walif raabsaa jiran waliin kan jiruudha,shakkiidhumaan qoratanii gadhiisaa jiru barattoota kan qabamani hidhaman hin jiran,itti fufanii diddaa moora kana keessatti eegaluuf ammallee qophiin barataa cimee jira,itti fufa.

Diddaa barattoota Oromoo irraa sodaa kan godhate mootummaan Wayyaanee seera doorsisaa haaraa baase.

Aside

Gabaasa Qeerroo Yuniversitii Jimmaa Gurraandala 20,2014

Qeerroo OromiyaaMootummaan Abbaa Irree wayyaanee FDG Qeerroon Bilisummaa Oromoo akka guutummaa Oromiyaatti gaggeessaa jiru fi addaatti immoo Godina dhihaa Oromiyaa keessaatti sochii Qeerroon irraa jiru irraa sodaa fi naasuu keessa seenuun seeraa itti gootota baratoota Oromoo ittin sodachiisuu bulee bulee baasuun FDG’ gaggeeffama jiru irra uggura ka’a jiraachuun ittuma gootota baratoota Qeerroo Bilisummaa Oromoo FDGf kan kakasee malee dubbatti kan deebisaa hin jirre ta’uu qeerroon waliif labsee jira.

Haaluma kanan Ergamtootni Wayyaanee bulchitootni Yuunivarsiitii Jimmaa ergama ilmaan TPLF fi EPRDF irra itti darbee akkama jirutti of keessa dabarsuun FDG dura ittin dhaabbachuuf seera Wayyaaneen baase, kan mata dureen isa, ‘Namni seera mootummaa keenyaa baaseen mormee argame waggaa tokko oliif barnoota irra arii’atama’ jedhuu mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa bakkoota hundaa fi bakka doormii baratoota hundatti maxxansuun, barruudhuma kana irratti xiqqoo gadi siquun namni seera mootummaa keenyaan mormuu kamuu fuldurattis Yuunivarsiitii fi kolleejjii mootummaatti barachuu hin danda’uu kan jedhuu ibsuun ta’ee jedhee mootummaan wayyaanee wan qabee gadhiisuu dhabuun baratoota shororkeessaa jiraachuun ibsamera.
FDG Qeerroon Bilisummaa Oromoo sududaan gaggeessa jiru, dura dhaabbachuuf toftaan inni biraa Wayyaaneen fudhachaa jirtu akkuma amala isaa afaan qawweetti waggaa 22 oliif dhimma itti bahaa ture, Ammas humna waraanaa of harkaa qabu mooraa dhabbilee barnootaa keessa qubsiisa jiraachuun saaxilame jira. haala kanaan guraandhala 17/2014 irra egalee qabatamaan Yuuniversiitii akka Jimmaa, fi Mattuu, mattuu keessa qubsisee jira. Hoggansii qeerroo bilisummaa Oromoo waraanaa Wayyaanee dhabbilee barnootaa keessa qubsiifama jiruuf waamichaa FDG taasisaa jiraachuu ibsee jira.

 

Radiyoon Sagalee Oromoo (RSO) Gurraandhala 19,2014

Aside

Qeerroon Bilisummaa Oromoo Dhihaa Oromiyaa kufaatii Wayyaanee dhiyaatee jiruutti xummura gochuu fi eeggannoo uummanni gochuu qabu irraatti ibsa gababa kenne.

Aside

Guraandhala 19/2014 Bakka buootiin Qeerroo Bilisummaa Oromoo Godina Dhihaa Oromiyaa Walitti dhufuun haala Sochiin Warraaqsa FDG itti jiruu fi haala Siyaasa yeroo irratti marii gabaaba gochuun ibsa qabxii shan of irraa qabu dabarsee jira.

  1. Waamicha FDG dhabni keenyaa dhabni kallacha Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABO godhee fi Sochiin Warraaqsaa Dargaggotaa Biyyaalessaa Oromiyaa Qeerroon Bilisummaa Oromoo gaggeessa jirru bifa garaagaraan jabeessinee itti fufaa jirra. guttummaatti mootummaa abba irree wayyaanee angoo irra darbuuf guyyuu hojjecha jiraachuu hubachiisuun, FDG haala wal irraa hin citneen kan itti fufnu ta’uu ni hubachiifna.
  2. Mootummaan EPRDF fi TPLF rakkoo siyaasa guddaan isa mudaate raafamaa waan jiruuf ilmaan Oromoo biyyaa keessa fi biyyota Ambaa garaagaraa keessatti argamtan bakka jirtan hundatti harka wal qabachuun yeroon itti sagalee mormii abbaa irree irratti dhageesifnuu fi hiriira mormii FDG bifa qindaa’een gaggeessinu amma waan ta’eef tokkummaan haa kaanu!.
  3. Ilmaan Oromoo Caasaa Waraanaa, Poliisa, hidhatoota fi tikaa wayyaanee keessatti argamtan yeroon itti uummataa ofii waanjoo garbummaa bardhibbee jala itti baasaan amma waan ta’eef, bakka jirtanitti wal ijaaruun meeshaa waraanaa isin harka jiru, gara mootummaa gabomfataa wayyaaneetti naanneesuun dirqama lammumma akka bahattan dhamsa isinif dabarsina.
  4. Angawoonni Wayyaanee waggaa 22 guutuu uummataa saamaa turani ammas saamaa jiran qabeenyaa uummataan tujaara ta’anii jiru, yeroo amma kanas Ministeronni Wayyaanee hedduun qabeenya uummataa irraa saama turan, biyyotaa ollaa fi hambaa garaagaratti kuufachaa waan jiranii fi qabeenyaa uummataa saamanii baduutti waan jiraniif uummaanni Oromoo hundii, qotee bulaa, daldalaa, fi hojjetootni hundi kanfaltii buusii adda addaa fi buusii Gibiraa akka hin kaffallee dhaamsa isinif dabarsina.

Injifannoon Uummataa Oromoof!.

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Guraandhalaa 19/2014

Dhageeffadha! Walaloo Dargaggoo Abdii fi Wallee Aliyyii Sibaati. Yaadatnoo dhumaatii Saba Oromoo. Nayiroobii Keeniyaa

Aside

SBO Gurraandhala 19 Bara 2014

Aside

Godina Shawaa lixaa keessatti diddaan Uummataa fi barattootaa itti fufe. Wayyaaneen duula hidhaan Uummataa fi barataa dura dhaabbachaa jirti.

Aside

Gurraandhala 19,2014 Finfinnee

Diddaan Uummata Oromoo Mootummaa Wayyaanee irratti eegale haalaan jabaachaa dhufuun mootummaa Wayyaanee yaaddoo guddaa keessa buuse. Haalli kunis haalaan jabaachaa kan dhufe Yuunivarsiitii Amboo keessatti Wayyaaneen barattoota Oromoo isintu diddaa kana jabeessaa jira, Adda durummaan kan gaggeessaa jiru isini jechuun barsiisota mana barnootaa sadarkaa lammaffaa fi Hojjetoota dhuunfaa mana hidhaatti ukkaamsaa jira. Uummatni Oromoo naannoo Amboo 40 ol tahan mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti kan ukkaamsaman yoommuu tahu, Ilmaan Oromoo mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti ukkaamsaman keessaa

1. Barataa Jabeessaa Nagarii Barataa Civil Engineering waggaa 3ffaa
2. Barataa Kamaal Sulxaan barataa seeraa waggaa 4ffaa
3. Barsiisaa Solomon Gaarii barsiisaa mana barnootaa sadarkaa lammaffaa
4. Barataa Fayyisaa Habtee barataa Afaan Oromoo waggaa 2ffaa
5. Hojjetaa dhuunfaa Gaaddisaa Reebaa jiraataa magaala Amboo

Kanneen tahan kanneen mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti ukkaamsaman keessatti argamu. Diddaan Uummataas daran jabaachaa deemuun sakattainsi olaanaan magaala Gincii, Gudar, Geedoo keessatti gaggeeffamaa kan jiru yoo waraanni 200 ol tahu magaala Baakkootti ramadamuun wayita seenaa jirutti Uummatni karaa itti cufuun deemsa waraana mootummaa wayyaanee karaatti hambisee jira. Mootummaan wayyaanee shira kamuu gaggeessus diddaan Uummataa hanga bilisummaa jabaatee akka itti fufu qeerroon Godina Shawaa lixaa addeessee jira.

Aside

 Anoolee,Calanqoo,Imbaaboo fi  Oromiyaa bakkaaoota adda addaa keessatti sanyii duguuggaa Minilik  Ummata Oromoo irraatti raawwate yaadachuun Oromoonni Nairobii Keeniyaa jiran bifa addaan yadatnoo taasisan.

Uummata Hadiyaa bakka bu’uun kan haasaa taasise.