Barataan Yuunivarsiitii Haramaayaa Hasan Huseen mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti wareegame

Aside

Waxabajjii 03,2014 Finfinnee

Ajjeechaan ilmaan Oromoo keessumaa barattoota Oromoo irratti xiyyeeffatamuun tarkaanfiin fudhatamaa jiru itti fufee jira. Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti gaaffii abbaa biyyummaa gaafachuudhaan Mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti darbamuu irraan darbuudhaan barattootni Oromoo mana hidhaa keessatti ajjeefamaa jiru. Barataa Nuuraddiin (Alsan) Hasan Barataa Computer science waggaa 2ffaa kan tahee fi dhalootaan Godina Shawaa lixaa magaala Baakkoo kan tahe mana hidhaa mootummaa Wayyaaneetti darbamuun dararaa jabaan erga irraan gahaa turee Gaafa 02/06/2014 mana hidhaa keessatti lubbuun isaa darbee jira. Mootummaan Wayyaanee dararaa ilmaan Oromoo irraan gahaa jiru daran jabeessaa dhufus ilmaan Oromoo gamtaan falmatti seenuun mootummaa abbaa irree bara baraan ilmaan Oromoo keessatti ammo dargaggoota Oromoo ajjeesaa, hidhaa fi biyya irraa ariiaa jiru dura akka dhaabbatu Barattootni Yuunivarsiitii Haramaayaa fi Qeerroon Oromoo waamicha Oromummaa dabarsa.

Qabsaaaan ni kufa; Qabsoon itti fufa!!

Barataan Naa’ol Kabbadaa Civil Engineering Reebicha Loltoota Wayyaaneen Irra Gaheen Guddoo Miidhame.

Aside

Waxabajjii 03,2014 Finfinnee
Ebla 25 irraa kaasee oromiyaa guutuu keessatt FDG gaaffii haqaa qabatee dho’een mootummaan wayyaanee naasuu fi sodaa keessa seeneen barataa fi uummata walitti qabee rasaasaan reebuun ajjeesuu fi madeessuu akasuma hidhuu kan hidhe ammoo reebicha hamaa irratti raawwataa jiraachuun isaa waan ifaadha. Yeroo ammaa oromiyaa keessatti manoota hidhaa 46 ol ta’an keessatti oromoon haala suukkanneessaa keessa jira.Ebla 25 irraa kaasee oromiyaa keessatti duulli hidhaa itti fufeetu jira.

Yuuniversitii Haromayyaa irratti barattoota gaaffii mirgaa gaafatan jumlaadhaan mana hidhaatti guuraman keessaa maqaa namoota argannee torbanoota sadii dura gabaasuun keenya ni yaadatama. Haata’u malee barataa Naa’ol Kabbadaa Civil Engineering mooraa kanatti baratu erga gaafa tika wayyaaneetiin qabamee mana hidhaa maa’ikelaawwii seeneetii duulli reebichaa itti wal jijjiiruudhaan irraa hin dhaabbatin jira.Barataan kun yeroo ammaa Hospitaala Leenca Gurraacha(Tikur Anbessaa Hospital) keessatti du’aa fi jireenya gidduu akka jiru Qeerroon deemee ijaan arge gabaasaa jira. Hamma nyaata nyaachuu dadhabuu fi of qabuu dadhabuutti jira jireenyi isaa guutummaan hin dalagu jedhu afuura qofatu keessa dhikkifata garuu lubbuudhaan ciiseetu jira jedha gabaasni Qeerroo. Ajaa’iba yaa uummata Oromoo amma uummanni oromoo haala seenaan hin daganne keessatti argamaa jira,kan dhugaaf jedhee lubbuusaa kennes tahe kan garaaf jedhee saba isaa diinaaf kennes seenaan hin dagatu bilisummaan hin haftu har’a dhiigni keenya lola’e har’a ajjeefamne boruu keessaa bahuuf jirra!

Barataan Oromoo Yuuniversitii Haromayaa Reebicha Wayyaaneen Yakka Malee Ajjeefame.Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Haromayyaa

Aside

Waxabajjii03,2014 Haromayaa

Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Haromayyaa irraa Waxabajjii 02/2014. Mootummaan Wayyaanee duguggaa sanyii saba Oromoo irratti fuulleffatee yeelloo fi qaani malee ifaa ifatti akka malee ajjeesuu irratti harka isaa diriirfatee jira.

Waan nama gaddisiisu keessaa mooraa yuuniversitii Haromayyaatti ilmaan oromoo sabboonummaa qabaatan guyyaa guyyaatti kan afaan oromoo dubbatanii daandii isaaf taaniin doormiidhaa gara mana hidhaatti guuramaa jiru,kan nama gaddisiisu keessaa Caamsaa gaafa 28 ykn Caamsaa 20 Wayyaaneedhaaf yeroo ayyaana kabajanna ture saba Oromoof garuu guyyaa gaddaa taee darbuun isaa waan ifaadha, haatau malee guyyaa kana barattootni sabboontotni Oromoo mooraa Yuuniversitii Haromayyaa huccuu gurraacha uffachuudhaan yaadannoo ykns gadda ilmaan oromoo mirga isaaniif wareegamaniif taasisan irratti basaastota wayyaanee moorichaatiin barattootni 11 dabarfamanii kennamanii turan.

Barattoota 11 guyyaa kana qabaman keessaa barataa Nuuraddiin Hasan isa tokkoodha.Barataan kun dhalootaan godina Shawaa Lixaa aanaa Baakkooti.Gosa barnootaa mooraa kanatti inni baratu Injineeringii jalatti muummee Kompuuter Engineering yoo tahu bakki barnoota isaa mooraa guddicha Yuuniversitii Haromayyaa naannoo IOT Campaas jedhamu gamoo guddaa H lakkoofsa doormii isaatii 26tti kan galu hiriyoottan isaa waliin utuu qayabatanii walii gala isa dabalee barattootni 11 qabamanii mooraadhaa kan bahaniidha.Barataan kun kan hidhame magaalaa Harar keessatti yoo tahu adda kan tahe reebichi hamaan irratti raawwatee jira barataan kun ilaalcha siyaasa gaggeessuu,miseensota dhaaba ABOf horachuutiin,barattoota ijaaruu fi diddaaf qindeessuudhaan reebicha fannisuun reebamuutu irra gahaa ture.

Barataan kun reebicha hamaa irratti raawwachaa tureen kan baayee nama gaddisiisu kaleessa Waxabajjii 01/2014 lubbuudhaan wareegame mana hidhaa keessatti.Akka gabaasi kun addeessutti fannifamee utuu reebamuuti kan due,erga duee booda reeffa isaa qorachiisuuf gara Hospitaala Leenca Gurraachaa fidanii turan sobaan maatii isaa waamanii mucaan keessan mana hidhaa keessatti of ajjeese jedhuun reeffa isaa galgala kana gara magaalaa Gudaritti geessanii jiru,barattootni isa waliin qabaman 10n hafan ammoo miidhama gurguddaatu irra gahaa jira isaanis shakkima kana keessa akka jirantu Qeerroodhaan dhagayamaa jira.

Aside

Unethical Journalism will not Change the Reality on the Ground

barruu

Open letter to Tizita Belachew and Addissu Abebe of VOA Amharic Service

By Daandii Qajeelaa

Dear Mrs. Tizita Belachew and Mr. Addisu Abebe,

I listened to the interview you jointly made with what you called three “Oromo Ethiopian scholars” on the controversial Addis Ababa (Finfinne) Master plan broadcasted on Saturday, May 23, 2014 with keen interest. Those interviewed were 1) Dr. Bulcha Ta’a, 2) Dr. Demissie Oluma, and 3) Dr. Gizachew Tesso and the two of you moderated the debate as independent and neutral VOA Amharic service journalists. From the outset, the interview seemed to have been designed as a rebuttal by Drs. Ta’a and Oluma to an earlier interview Mr. Addissu Abebe made with Dr. Gizachew Tesso on the same subject. It was noted that Dr. Gizachew Tesso was re-invited to join the other two gentlemen because several listeners of the VOA Amahric service raised questions on his earlier interview.

As an Oromo individual who has been actively involved in the activities of the Oromo Diaspora for over fourteen years, I am puzzled by the choice of the two individuals Dr. Bulcha Ta’a and Dr. Demissie Oluma, for two reasons. First, the two individuals are largely unknown to the Oromo public in the Diaspora. They are not members of any Oromo association or organization, community, scholarly, professional, or otherwise. For example, I worked in the Executive Committee of the Oromo Studies Association (OSA) for 7 years and actively involved in several Oromo based organizations here in USA. As a result I came to know nearly all respected Oromos, with some expertise knowledge, who are residing in USA and Canada. I don’t know these two “Oromo Ethiopian scholars”. There is no record of them making research and/or public presentation on this subject or on any other subject. My question to you is, what made them eligible to be invited to give this interview on a well-respected media such as VOA? I am not a journalist. But common sense tells me that a reputable organization such as VOA would carefully select well known, well respected and reputable individuals with uncontested expertise knowledge to an interview on this sensitive and controversial subject. Otherwise, the good name, reputation, and credibility of VOA will be on the line.

The second reason I am puzzled by the choice of the two individuals is that their view is not a typical Oromo scholar. In an attempt to answer the root cause of the current Oromo student protest in Oromia, the two so called “Oromo scholars” shocked all of us when they said “the root cause of the current crisis is the division of the country into federal arrangement based on language”. They went on saying “the Oromo students who are currently protesting are the product and victims of Woyane policy” and that is why they are protesting. Basically, they blamed the victims, Oromo students, for the current crisis without any sense of remorse. We Oromos know where this line of thought originated from. It is the view of typical hardline Amhara scholars, who advocate that the current federal arrangement be demolished and, in doing so, take the Oromo and other oppressed nations and nationalities back into the old unitary Ethiopia, dominated and completely controlled by Amhara ruling elites. We Oromos know for sure that it is extremely rare to find an Oromo individual, let alone Oromo scholar, to have the kind of view reflected by Drs. Bulcha Ta’a and Demissie Oluma. The question now is how are these two “scholars” chosen? What is the motive behind searching for such individuals from among the Oromo public and presenting their view on this media on this sensitive subject giving them the tag of “Oromo Ethiopian scholars”? Is this how “independent journalism” works?

Anyone who follows the Ethiopian politics can observe that there are two main schools of thought in the Ethiopian political landscape. These are: 1) the “Right to Self-determination of Nations and Nationalities” school of thought, and 2) the “Ethiopian Unity” school of thought. Those in the “self-determination” camp advocate for the realization of “the right to self-determination of nations and nationalities” as enshrined by the declaration of the United Nations. Nearly all Oromo scholars are in this camp as they advocate and struggle for freedom of their country, Oromia, from old nafxanyas (Amhara settles) and neo-naftanyas (Tigrayan elites). Those in the “unity” camp on the other hand, promote the view that the “unity and territorial integrity” of Ethiopia is above everything and is not negotiable. Nearly all Amhara scholars are in this camp. The “unity” camp can be categorized as extremists and moderates. The “unity moderates” accept the current Federal arrangement but oppose the disintegration of the country. The “unity extremists” on the other hand, go further and promote a return to the old unitary Ethiopian state in which the current Federal arrangement is abolished. Ironically, the view of Dr. Ta’a and Dr. Guluma, supposedly “Oromo scholars” is under this “unity extremist” category. And yet, they are presented as typical Oromo scholars for an interview.

Oromo scholars are divided on whether Oromia should be an independent country or remain as an autonomous state within Federal Ethiopia. However, to my knowledge, Oromo scholars have absolute consensus on one thing. With the exception of some extremely rare Oromo individuals like Dr. Ta’a and Dr. Oluma, they all oppose the old “unitary Ethiopian state” where the current Federal arrangement is abolished. Oromo students are not “products of Woyane policy” as described by the two doctors. They are products of typical Oromo scholars. They listen to well respected Oromo scholars such as Professor Mekuria Bulcha, Mohammed Hassan, Asafa Jalata, Merera Gudina, Gemechu Megersa, to mention few.

Dear Mrs. Belachew and Mr. Abebe,

I am a firm believer of free speech and encourage debate on controversial subjects such as the Addis Ababa (Finfinne) Master plan. My concern here is that you have chosen rare so named “Oromo scholars” who have a typical hardline Amhara scholar’s ideology and who are unknown to the Oromo public. While I cannot tell your motives for certain for doing so, I can guess it could be one of two things: 1) probably you are carried away by your personal ideology, or 2) you are pushed by those Amhara hardliner fans to search and present “Oromo” individuals of such view on your program. Either way, I am sad that you abused the good name and reputation of VOA to promote a special sectarian interest by completely disregarding the voice and interest of the Oromo mass. I would not be bothered if you had presented Amhara hardliners on this or any other topic as you always do. I am sad because you went further and presented a typical ideology of Amhara elites through an Oromo person’s mouth, giving the wrong impression to the general public that “Oromo scholars” actually are against the current “language based federalism”.  It is wrong and fake. It is unprofessional and unethical. It doesn’t do any good to the ideology you are trying to promote. For the Oromo, it doesn’t change the reality on the ground. Above all, it has a negative effect of damaging the good name and credibility of VOA.

Sincerely,

Daandii Qajeelaa

dqajeelaa@gmail.com

Oromo Voice Radio broadcast on May 31, 2014

Aside

OMN: Qophiilee Caamsaa 31, 2014

Aside

SBO Waxabajjii 01 Bara 2014 Oduu – Qophiilee haala yeroo irratti hundaa’an – Kan Dhageenyee fi Dubbisnee fi Dhimma Master Plaanii Finfinnee irratti haasaa kana dura dhihaate kutaa lammataa

Aside

Caamsaa 2,2014 Oromoonni Ardii Australia Kutaalee Gara garaa Keessa Jiraatan Bakka Tokkotti Hiriira Mormii Sirna Wayyaanee Bahuufi.

Aside

Australia’s Oromo people rally in Canberra, Australia

PRESS RELEASE

Rally starts at Parliament Drive in Canberra on Monday 2nd June at 10am

australiaMore than 400 Oromo across Victoria, NSW, QLD, TAS, SA and WA will be gathering at Canberra’s Parliament house in a bid to expose the Ethiopian government’s recent human rights violations dubbed “Oromo Protests”. Since April 25, leaked photographs and videos show Ethiopian security forces shooting live ammunition at unarmed students in universities across Oromia. Reports of 85 students are confirmed as dead, 500 protestors wounded and over 5000 people detained in unknown camp locations as the Ethiopian government restriction of public media is in full force.

In response, more than 30 international cities including Washington, Oslo, Tel Aviv and London have staged mass peace protests, picking up interest globally and trending heavily on social media. US Congress members have also released legislature on May 9 to publicly condemn the violence perpetrated by the Ethiopian government against its people as well as publicly acknowledge and urge the Ethiopian government to respect human rights and democratic processes.

The government violence in Ethiopia continues to escalate in a bid to silence dissent for the proposed land grabbing in the capital city Finfinne (Addis Ababa). The “Master Plan expansion” seeks to dispossess Oromo farmers and displace 1.1 million hectares of land.

Ethiopia’s human rights abuses are well documented by human rights watch and US state departments and the current Oromo protests has renewed support to launch an international investigation to bring the responsible perpetrators to justice.

Federal Melbourne MP, Adam Bandt called for support of the Oromo people during Oromo protests held at Victoria’s State Parliament House.

On Monday, Australian Oromo communities will call on the Australian government to set an example by using its influence in the United Nations to put political, economic and diplomatic pressures upon the Ethiopian government to stop its continued attack on Oromo lives, their political organisations, educational establishments and the right to self-determination.

400 people from Australian Oromo communities Victoria, NSW, QLD, TAS, SA and WA will be gathering at Parliament Drive in Canberra on Monday 2ND June at 10am.

For information, please call Aliye (0422602204) Dereje (0432 639 074) or Yadata (0412 795 909)

“ABO” Walaleessituu Oromoon

Aside

Mootummaan Wayyaanee Humna Dabalataa Maqaa Jedhuun Gaafatamoota Tikaa 18 Magaalaa Amboof,Humna Tikaa fi Bulchiisa Naannoo Jechuun Ammoo 3 Xuqur Incinnitti Ramade.

Aside

Caamsaa 30,2014 Gabaasa Qeerroo Amboo

P2Magaalaa Amboo fi Nannoo isheetti poolisootni dhalootaan Oromoo hin ta’iin barattoota Oromoo dararaa jiraachuun saaxilamera. Haala kanaan ilmaan Oromoo illee nyaatni maatii irraa yoo dhufeef irraa fuudhanii lafatti darbachuun millaa kan dhidhitan ta’uun gabaafamera.Haaluma kanaan kenneen Magaalaa Ambootti ramadamanii Oromoota bifa isaan barbaachise maraan dararaa jiran keessaa:-

  1. Ajajaa Poolisii Laggasee Mannayee dhalootan Amhaara, kan hidhamtoota Oromoo reebichaan darara jiru fi nama nyaatni illee hidhamtoota ilmaan Oromoof yoo maatii irraa ergameef harkaa fudhee millaan awwaara keessatti dhidhiita jirudha.
  2. Poolisii Dhugaasaa kan jedhamu,kan barattoota Oromoo reebuun ilmaan Oromoo qaama hir’isaa jiru.
  3. Leejjisaa Jootee Baasaasaa olaanaa yeroo garaagaraatti ilmaan Oromoo dararaa tureeammas itti jiru.
  4. Gizaachoow Kumsaa Itti gaafatamaa dhimma nageenya Godina lixa Shawaa, nama qajeelfama Wayyaanee uummata karaa nagaa gaaffii dhiyeeffacha jiru irratti dabarsite fudhatee uummata Oromoo magaalaa Amboo rukuchiise keessaa isa tokkodha.
  5. Yibalxaal Warquu itti gaafatamaa basaasaa Wayyaanee ta’ee m/b Amboo sadarkaa 2ffaa fi qopha’ina irratti kan ramadamee gochaa diinummaa dalagaa kan jiru.
  6. Dajanee Kabbadaa, qondaala tikaa Wayyaanee barattootaa fi Yuuniversitii fi barsiisota irratti kan ramadame.
  7. Dandanaa Eejjetaa basaasaa Wayyaanee, hojiin idlee barsiisa.
  8. Baashawu Mangashaa basaastuu Wayyaanee hojiin idilee konkolaachisaa fakkaatee uumata konkolaataa fe’u irratti akka basaasu kan ramadame.
  9. Kalifaa Sheek Musaa barataa Yuunibarsiitii Amboo Farmasiistii waggaa 5ffaa barachaa kan jiru.
  10. Begaashawu Dabalaa ajajaa pooliisii mooraa Yuunibarsiitii Amboo fi basaasa ta’ee kan ramadame.
  11. Xilaahuun Hoomaa Itti aanaa ajaja poolisii mooraa Yuunibarsiitii Amboo ta’ee kan ramadame.
  12. Tammanaa Wachimoo Poolisii Basaastuu Wayyaanee ta’ee magaalaa keessaa fi manneen daldalaa irratti kan ramadame.
  13. Makuriyaa Abarraa barataa seeraa waggaa 4ffaa Yuunibarsiitii Amboo, sanyii amhaara basastuu wayyaanee
  14. Fayisaa kan jedhamu bakkaa bu’aa OPDO mooraa Yuunibarsiitii Amboo.
  15. Yuhaannis Kaasayee dhalootan Tigiree barataa mechanichal engineering waggaa 2ffaa Yuunibarsiiti Amboo keessatti diinii barattootaa irratti kan ramadame.
  16. Yaared Tashoomee dhalootaan Tigree bulchiinsa Magaalaa Amboo keessa ramadame.
  17. Kumalaa Abdiisaa dura taa’aa ganda 03 kan ta’eef barattoota Oromoo hordofsisee qabsiisuun diinatti dabarsee kennaa kan jiru.
  18. Sintaayyoo bulchiinsa magaalaa Amboo keessa kan hojjetu, yeroo dheeraaf ilmaan Oromoo basaasuun hisisaa kan ture.

Xiqur Incinnii: Yeroo ammaa kanatti ergamtootni Wayyaanee aanaa Xuuqur Incinnii irratti ramadamanii uumata dararaa jiran keessaa gariin:

1ffaa Dhaabaa Badhaadhaa bulchiinsaa fi nageenya Aanaa Xiquur Inciinnii
2ffaa Alamuu Abdiisaa dura taa’aa waajjira OPDO aanaa Xiiquur Incinnii
3ffaa Immaanaa Hundeessaa Abbaa adeemsa hojii aanaa Xuuqur Incinnii keessattu barattootni Oromoo akka rukutamanii fi hidhamaniif kanneen yakka dalagaa jiran ta’uun beekamee jira.

Uummaanni Oromoo fi dargaggoonni Oromoo ergamtoota Wayyaanee kanneen hubatee osoo isaanii hin jilbeffatiin FDG itti fufaa jiraachuunis beekamee jira.