Ibsa-Labsii Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Duguuggaa sanyii fi weerara lafaa Oromiyaa irratti raawwatamaa jiru dura dhaabbannee falmachuun mirga uumamaati!

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Jaarraa 10’ffaa irraa eegalee babal’ifannaan lafaa kaabarraa gara kibbaatti taasifameen uummanni Oromoo qe’ee isaarraa buqqa’ee gara kibbaatti godaanuu seenaan nu yaadachiisa. Uummanni qe’ee isaarraa buqqa’e kun jaarraa 16’ffaa keessa Sirna Gadaan wal ijaaree duula lafa ofii deebifachuu Madda Walaabuurraa eegaleen lafa isaa irraa dhiibame deebifatee nagaan jiraataa ture. Weerartoonni kaabaa jaarraa 19’ffaa keessa duula lammataa Oromoo fi Oromiyaa irratti taasisaniin uummata sirna ofiin bulaa ture cabsanii sirna ofii itti fe’ani. Uummatichi gabrummaa kana tole jedhee fudhachuu baatullee haga har’aatti wareegama kaffalaa, qabsoo hadhooftuu geggeessee eenyummaa isaa itti duulame baraaree har’aan ga’ee jira. Ammallee sirna kana ofirraa kaasuuf bifa qindaa’een qabsoo abbaa biyyummaa isaa geggeeffataa jira.
Haata’u malee, yeroo ammaa kanas bifa irra deebii weerara jaarraa 19’ffaa fakkaatuun leellistoonni sirna mootii kan qabsoo barattoota Oromoofi fincila qote bulaa Oromootiin 1960’ta keessa cabe deebi’ee of haaressuudhaan kaabarraa qindaa’ee gara Oromiyaatti babal’ataa jiraachuu namuu argaa jira jennee amanna. Qindoominni kufaatii mootummaa Wayyaanee booda of ijaareefi babal’ate kun waggoota sadan arfan darban keessa qophii adda addaa gochaa akka turaniifi caasaa basaasaafi loojistikii waraanaa qindeeffatanii of qopheessaa akka turan odeeffannooleen adda addaa ba’an ibsaa turaniiru. Haaluma kanaan waggaa lama dura Lixa Oromiyaa Godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiiramuu, Giddaa Ayyaanaa magaalaa Angar Guutee, Luugoo, Horro Guduruu Wallaggaa Aanaa Jaardagaa Jaartee, Amuru, Kaaba Shaggar Aanaa Darraa, Baha Shaggar Aanaa Boosat, Kaaba Oromiyaa Walloo (kan takkaa lolli irraa dhaabbatee hin beekne) fi Oromiyaa keessaa bakkoota sabni Amaaraa bal’inaan jiran akka dawootti dhimma itti ba’uudhaan qophii waraanaafi jeequmsa adda addaa gochaa turaniiru.

Continue reading

Fincila Xumura Gabrummaa Hanga Hiree Murteeffannaatti

Fincila Xumura Gabrummaa Hanga Hiree Murteeffannaatti

(Caamsaa 16/2022 Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo)

cropped-qeerroo11-4.jpgQeerroon Bilisummaa Oromoo bara hundeeffama isaa irraa kaasee gaaffii bilisummaa Uummata Oromoo kaasuun qabsoo karaa nagaa gaggeessaa turuun ni beekama. Qabsoo hadhaawaa gaggeessuun sirna EPRDF waggaa 27f Oromoo cunqursaa ture buqqisee ture. Haa tau malee injifannoon dhiiga qeerroo itti dhangalae, lafeen qeerroo kumaatamaa itti caccabee fi lubbuun ilmaan Oromoo hedduu itti wareegame shira xaxameen deebiee abbaa irree harka gale.
Injifannoon kun kan butame yakkamtoota kanneen bara EPRDF ilmaan Oromoo gurguraa, ajjeesaa fi ajjeesisaa turaniin tauun beekamaadha. Yakkamtoonni harki isaanii dhiiga ilmaan Oromootiin laaqamaa ture kunneen gochaalee fi yakka suukkanneessa Ilmaan Oromoo irratti raawwataa turan gara jabina daangaa hin qabnee fi dachaan akka raawwatan taasisee jira. Waggoota afran darban kana keessa yakki waraanaa fi daguuggaa sanyii PPn Oromoo irratti raawwataa jirtu akka addunyaatti gocha fokkisaa kan galmee xuraawaa irratti galmaa’udha.
Waraanni Abiy Ahmadiin ajajaman guyya guyyaan ajjeechaa jumlaa ummata Oromoo meesha maleeyyii irratti gaggeessaa oolu. Ajjeechaan abbootii Gadaa Karrayyuu ajjeechaan jumlaa Salaalee aanaa Warra Jaarsoo, Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa, Gindabarat, kan Matakkal fi Walloo godaannisa yoomuu irraanfatamu miti. Godinaale Oromiyaa mara keessatti ajjeechaan wal fakkaataan waggoota afran dabran keessa yeroo adda addaatti raawwatamaa tureera. Manaa fi qabeenyi ummataa guyyuu gubamaa jira. Continue reading

Ajjeechaa Jumlaa ummata Oromoorratti Raawwatamaa Jiru Kan Dhaabsisu Qabsoo Qofa

Ajjeechaa Jumlaa ummata Oromoorratti Raawwatamaa Jiru Kan Dhaabsisu Qabsoo Qofa

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Caamsaa 10, 2022

qeerroo1Murni aangoo irra jiru kan maqaa ‘Biltsiginnaatiin Paartii’ of yaamu waraana Oromiyaatti bobbaasee guyyuu gocha suukanneessaa ilmaan Oromoorratti raawwataa oola. Oromiyaa keessatti guyyaan Oromoon waraana PP tiin hin ajjeefamiin oole waggoota afran dabran keessatti guyyaan tokkollee hin turre. Manaa fi qabeenya ummataa gubuunis aadaa waraana maafiyaa biltsiginnaa taheera. Guyyaa irraa gara guyyaatti gochi garajabeenya PP kun dabalaa deemuun, baatii Ramadaan yeroo ummanni Soomanatti jiru humni faannoo fi Poolisoonni Amaaraa, Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin tahuun ummata Oromoo Wallootti duuluun namoota nagayaa 30 ol ajjeesaniiru. Ummanni Walloo baatilee jahan (6)!dabran keessa namoonni 300 ol ajjeefamuun manneen isaanii kan kumaan lakkaawamu gubateera. Weellisaa Sa’aad Awwal dabalatee namoonni kuma hedduu tahan mana hidhaa keessatti gidirfamaa jiru.

Ebla 21 irraa eegalee guyyoota afuriif haleellaa humna qilleensaa murni abbaa irree bilxiginnaa Shaggar Lixaa aanaa Abunaa Gindabarat ganda Doggomaa fi gandoota ollaa keessatti raawwateen ummanni meesha maleeyyii 30 ol ajjeefamuu, manneen dhibbaa ol qabeenya keessa jiran waliin gubateera. Ummanni gandichaas guutummaatti qe’ee fi qabeenya isaa dhiisee gara gandootaa fi magaalota dhiyootti, gariin lagatti baqateera.

Ebla 28, 2022 Lixa Shaggar aanaa Ada’aa Bargaa ganda Caancoo Birrattee fi Tuulii Dasee keessatti waraanni Abiy Ahmadiin hoogganamu namoota nagayaa 46 ajjeesuun manneen ummataa fi qabeenya isaanii hedduu gubeera. Waraanni shiftaa PP kun Caamsaa 6, 2022 godinuma kana aanaa Gindabarat magaalaa Kaachis ganda 02 keessatti abbaa daa’imman lamaa kan tahe barsiisaa Kiisii Baayisaa fi haadha warraa isaa ulfa baatii 7 kan taate Barsiiftu Gannat Birrii bakka tokkotti ajjeesuun daa’imman isaanii lameen abbaa fi haadha malee hambiseera.
Baha Shaggar aanaa Fantaallee keessattis Ebla 27, 2022 dargaggeessa ga’eessa Bulgaa Boruu bakka inni loon tiksutti ajjeesuun reeffi isaa akka hin kaafamne dhorkuudhaan halkan sadiif akka laga keessa turu gochuun gocha suukanneessaa ummata keenyarratti raawwateera. Ajjeechaa abbootii gadaa Karrayyuutiin booda namoonni nagayaa kurnan hedduutiin lakkaawaman sababa Oromummaa isaaniif qofa aanaa Fantaallee fi Boosat keessatti waraana Abiy Ahmad bobbaaseen ajjeefamaniiru.

Waraanni maafiyaa PP kun godina Kaaba Shaggar (Salaalee) aanaa Warra Jaarsoo keessaa ganda Jamjam Maalee fi Awwaaree Goljee keessaa namoota 18 qabanii kanneen:
1. Kaasaa Taammiruu
2. Mallasaa Simee
3. Tasfuu Tulluu
4. Tashoomaa Abbii
5. Dammuu Kaasaa
6. Kaasaa Dobocee
7. Abbush Lammaa
8. Maammushee Habtaamuu
9. Mindaa
10. Bojaa Asaffaa
11. Tolii Habtaamuu
12. Damuu Taayyee
13. Ashuu Bojaa
14. Fiqaaduu Dachaasaa
15. Shallamaa Katamaa
16. Taarikuu Katamaa
17. Addisuu Simee fi
18. Boggaalaa Continue reading

Seenaa Gabaabaa Jaal Dr. Fidoo Eebbaa (Taddasaa)

Seenaa Gabaabaa Jaal Dr. Fidoo Eebbaa (Taddasaa)
Ibsa ABO
Caamsaa 05, 2022
49836961_1847712095355333_3193898111219007488_oJaal Dr Taddasaa Eebbaa Fidoo, baadiyaa Oromiyaa, Ona Najjoo, ganda Guduruu bakka addaa Qoxee Ginnasii keessatti, abbaa isaa obbo Eebbaa Fidoo fi haadha isaa aadde Dashii Tufaa irraa bara 1943 dhalate. Maatii qotee bulaa keessatti waan dhalateef, akkuma ijoollee maatii qotee bulaa tokkootti jabbii fi loon tiksaa, fi hojii qonnaa irraa hirmaachaa guddate. Haadhaa fi abbaan isaa , ijoolleen isaanii akka baratan fedha guddaa waan qabaniif, dura Dr. Taddasaa nama barnootaa Qeesitti galchan.Kana booddee Jaal Dr. Fidoon nama barnootaa Swedish Evangelical Mission School Najjoo jirutti galmaa’uun barnoota sadarkaa duraa achitti barate. Utuu ulaa 7 baratuu akkan lafaa naannoo sanaa qabee ji’a lamaaf isa hidhee ture. Hidhaa yeroo gad dhiisees akka lammata Najjoo dhaqee hin baranne akeekkachiisee ture. Dr. Fidoon garuu akeekkachiisi abbaa qoroo utuu isa hin dhaabiin barnoota isaa haga ulaa saddeettitti achuma Najjootti baraatee 1956 xumurate. Barnoota sadarkaa 2ffaa, 9-12tti Jimma Agricultural Schoolitti barate. Manni barumsa Jimmaa kun hojii harkaa adda addaa barsiisa waan ta’eef Dr. Fidoon boorsaa fi qabattoo tolchee gurguruun horii argatee Haadhaa fi Abbaa isaatif mana ijaaree ture.Barnoota sadarkaa 2ffaa akka xumureen Hara-mayaa Agricultural Collegetti waggaa afur baratee, qabxii olaanaa fiduu dhaan digirii tokkoffaa (BSC) argachuun 1965 eebbifame. Barnoota isaa akka itti fufuus iskolarship waan argateef USA, Wisconsin State University tti galma’ee digirii isaa lammaaffaa (MSC) argachuu dhaan eebbifame.Biyyatti deebi’uun Hara-Mayaa College barsiisuu eegale. Barsiisuun cinaatti qormaata sayensii adda addaa godhaa ture. Qormaata inni godhe haga har’aatti bakka guddaa qabatee jiruu Xaafii irratti qorannoo inni godhee dha. Qorannoo Xaafii kana bara 1969 xumuruun kitaaba xiqqaa tokko barreessera. Qorannoo Dr. Fidoon gaafa sana jalqabeen har’a gosa Xaafii 3842 akka jiranii fi maqoota xaafii kan akka Daabii, Kara Debi, gea lamme, muri fi kkf moggaafamanii jiru.

Continue reading

Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo Yaadachuudhaan Kaayyoo Isaan Irratti Wareegaman Galmaan Gayuuf Irbuu Ni Haaromfanna

Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo Yaadachuudhaan Kaayyoo Isaan Irratti Wareegaman Galmaan Gayuuf Irbuu Ni Haaromfanna

(Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo)

qeerroo1Qabsaawonni, sabboontonni fi ummanni Oromoo bal’aan baga Guyyaa Gootota Oromoo kan bara 2022 tiin isin gahe! Guyyaan Gootota Oromoo sabboontotaa fi qabsaawota Oromoo biratti guyyaa seena qabeessaa fi waggaa waggaan gaafa Ebla 15 kan yaadatamee oolu dha.Guyyaan kun guyyaa itti wareegamtoota Oromoo Oromiyaa fi Oromoof lubbuu isaanii kennan cufa kan itti yaadannudha.

Bara 1973 kan roorroon dhalche ABOn haala akkaan ulfaataa keessatti ijaaramuun qabsoo hidhannoo, dippiloomaasii, siyaasaa fi ummata Oromoo ijaaruu, dammaqsuu fi barsiisuu irratti hojjetaa ture.

Hogganoonni ABO yeroo sanaa qabsoo karaa hundaan jabeessuuf Bitootessa 1980 keessa jilli tokko kan Hayyu Duree fi Itti Aanaan Hayyu Duree ABO yeroo sanaa keessa jiru akka gara Somaaliyaa deemu murteessan. Hogganoonni ABO kunis 10 ta’uun dirqama qabsoof osoo deemanii gammoojjii Ogaadeen bakka Shinniiggaa jedhamutti Shiftoota Ziyaad Baarree tiin qabaman. Continue reading

Weerara Namoota Nagaa – Oromoota Walloo irratti Mootummaa PP fi Mootummaa Naannoo Amaaraatiin Gaggeeffamaa Jiru Ilaalchisee Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo
Ibsa ABO – Eebla 21, 2022
49836961_1847712095355333_3193898111219007488_oABO Mootummaan Paartii Bilxginnaa (PP) Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmadiin durfamu, ka’umsumaa haaromsa idoolojii fi piroojektii Minilik II’tiin gaggeeffamaa jira jedhne amana. Kunis, fedhii daangaa babaldhifannaa garee finxaaleyyii jajjabeessuu fi daangaa sabaa fi sablammoota cunqurfamoo Itiyoophiyaa kanneen biroo gad xiqqeessuu fi gatii dhabsiisuu ni dabalata. Idoolojii balaafatamaaa kana keessatti, mootummaan Bilxiginnaa Partii uummatoota cunqurfamoo hundarra dhiibbaa geessisaa kan jiru yommuu ta’u; daangaa babaldhifannaa gartuu aangoorra jiruu ammoo ittuma baldhisaa jira. Adeemsa kana keessatti, sabaa fi sablammiiwwan kanneen akka Naannoo Oromiyaa, Beenishaangul Gumuz fi Tigraay fa’a kanneen Naannoo Amaaraa daangessan hedduun isaanii rakkoo kanaaf saaxilamanii jiru. Addatti, Naannoon Oromiyaa kallattii Kaabaa, Bahaa fi Lixaan dabalatee daangaa hedduun haleelamaa jira; akkasumas, garee daangaa babaldhifannaa mootummaa Bilxiginnaa Partiitiin deeggaramaniin itti fufiinsaan weeraramaa jira. Milishaan Mootummoota Naannolee kanneen Paartii Badhaadhinaa waliin gamtaan hojjetan fi Waraanni Eertiraa waggoota sadii fi walakkaa darbaniif waraana mancaasaa fi addaan hin cinne kana irratti bifa dhaabbataadhaan hirmaachaa jiru.

Continue reading

SEENAA GABAABAA GUYYAA GOOTOTA OROMOO (EBLA 15)

SEENAA GABAABAA GUYYAA GOOTOTA OROMOO (EBLA 15)

 QOPHEESSAAN:  Qeerroo Bilisummaa Oromoo

FINFINNEE, OROMIYAA

Seenaa Guyyaa Gootota Oromoo (Ebla 15)

cropped-qeerroo11-4.jpgABOn bara 1973 Hundeeffamee Sagantaan Siyaasaa isaa bara 1974 barraa’uun bara 1976 ragga’ee hojii irra ooluu eegale.  ABOn ijaaramuu irraa eegalee hojii gurguddaa hojjechaa ture; bara ABOn ijaarame Oromoon ani Oromoodha ofiin jedhu muraasa, ABOnis ijaaramuu irraa eegaluun eenyummaa Oromummaa barsiisaa ture. Haala kanaan qabsoo hidhannoo, Dippiloomaasii, Siyaasa ,Uummata Oromoo dammaqsuu irratti jabinaan hojjetaa ture. Bara 1978 walakkeessa irraa kaasee hanga dhuma 1979tti ABO’n haala akkaan rakkisaa keessa ture. Yeroon kun yeroo lolli Somaaliyaa fi Itoophiyaa dhumatee waraanni Ziyaad Barree ari’amee bahedha. Mootummaan Dargii humna ABO kan reef ijaaramaa jiru dhabamsiisuuf duula wal-irraa hin citne itti bobbaasee lola jabaa ABO waliin geeggessaa ture. Waraanni Bilisummaa Oromoo Baalee, Arsii fi Harargee keessatti duula kana of irraa deebisuuf lola ciccimaatti seene. Bara sana haalli jiru ulfaataa waan tureef Quunnamtiin Waraana Bilisummaa Oromoo illee addaan citee waraanichi ni faca’a yaaddoon jedhu  guddaa ture.  Garuu Waraanni Bilisummaa Oromoo akka yaadda’ame sana hin taane duula Dargii of irraa qolachuun injifannoo argatee Amajjii 1, 1980 walitti dhufuun  ayyaana guddaa ayyaaneffate sanarraa ka’uunis Amajjii 1 bara baraan guyyaa Waraana Bilisummaa Oromoofi seensa Bara haaraa jedhamee akka kabajamu ABOn murteesse hanga har’aattis dhalootaa Continue reading