Godina Lixa Shawaa Bakkoota Adda Addaa Keessatti FDG Barattoota Oromoon Itti Fufe. Humni Waraana Wayyaanees Ummata irratti Duula Bane.

Aside

Caamsaa 30.2014 Amboo

Barattoota OromooCaamsaa 30,2014 Godina Lixa Shawaatti goototni barattootni Oromoo kutaa 10ffaa qormaata Biyyoolessaa kutaa 10ffaa qoramaa turan har’a xummuruun FDG kaachisan.

Goototni barattootni Oromoo manneen barnootaa Sadarkaa 2ffaa kutaa 10ffaa Lixa Shawaa Amboo, Gudar, Xuuqur Incinnii, Geedoo, Midaa Qanyii qormaata biyyoolessa Kutaa 10ffaa humna poolisaa guddaan eegamaa fi doorsifamaa qorumsa guyyaa 3f qoraamaa turan irratti humnoota waraanaa fi tikoota mootummaa fashistii Wayyaanee EPRDF’n dorsifamaa turan.Akka kanaan guyyaa har’aa qorumsa biyyooleessa qoramaa turan xummuruun FDG itti fufuun gaaffii mirga uumata Oromoof falmaa itti fufan.

Sochii warraqsaa FDG barattootni kaachiisuuf qophaa’an duraa waraannii fi humni bittinneessa Wayyaanee Liyuuhayil jedhamuu barattoota irratti baay’inaan bobbaafamuun manneen barnootaa Amboo sadarkaa 2ffaa M/b Liibaan Maccaa Amboo, M/b Amboo sadarkaa 2ffaa lakkoofsa 2 fi m/b Amboo sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa, M/b Gudar Sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina, M/b Geedoo sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’ina, M/b barumsaa Baallammii sadarka 2ffaa fi Qophaa’ina, barattootni humna waraanaa Waayyaanee humnaa ol itti bobbaafameen bittinneeffamaniru.

Addaatti Sabboontootni Gootootni Barattootni Oromoo Aanaa Xiiquur Inicinnii M/b Dirree Badhaas Sadarkaa 2ffaa gaaffii mirgaa kaasaniin waraanaa Wayyaanee irratti fincilan, waraannii Wayyaanee Barattoota Oromoo karaa nagaa gaaffii mirgaa fi dimookiraasii gaafachuuf jiran afaan qawwee fi humnaan dura dhaabbate. Waraanni wayyaanees barattoota Oromoo dararuu itti fufe jira. Baraataa Oromoo Diinaaol (Mokonnoon) Taaddasaa Barataa Mana barumsaa Dirree Badhaas kutaa 11ffaa humna Waraanaa Wayyaaneen qabamee eessa buteen isaa dhabamuun gabaafamera.

Manneen Uumataa fi Nagadaa Magaalaa Gudar Sirnaan Ala Waraana Wayyaaneen Sakata’amaa Jiraachuun Beekame.

Aside

Gabaasa Caamsaa 30,2014 Gudar

Qeerroo bilisummaaCaamsaa 27,2014 irraa eegalee mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee  humna poolisaa fi waraanaa heddumina qabu magaalaa Gudartitti bobbaasuun sakkatta’insa guddaa gaggeessaa jira.  Mannenne dhuunfaa fi galmi adda addaa magaalaa Gudar tokko illee utuu hin hafiin sakkatta’insii guddaan irratti gaggeeffamera.

Adeemsi yeroo ammaa Mootummaan Wayyaanee Uummaata Oromoo irratti karaa loltoota isaa gaggeessa jiru, daran suukkaneessaa kana ta’ee fi yakka gara jabinaa uummata Oromoo irraatti Wayyaaneen garboomsaan guyyaa irraa gara guyyaatti jabeessa jira. Yeroo ammaa kanatti mootummaan Wayyaanee loltootaa fi poolisota isaa uummatatti bobbaasuun  magaalaa Gudaar, Amboo fi  Naannoo isheetti guyyaa guyyaa sakkatta’insa halkaan halkan immoo sammichaan uummaanni dararamaa jira. Hallii kun magaalaa Gudarii fi gandoota baadiyyaa aanaa Tokkee Kuttaayyee keessatti haalan jabaatee uummaanni dararaa guddaa keessa seenaa jira. Loltootni Wayyaanee qabeenyaa uummataa saamaa, yakkaa dirqisiisanii gudeeduu uummatarratti rawwachaa, uummata reebaa jiru.

Gama biraan Caamsaa 25/2014 uumni magaalichaa walitti dhufanii maanguddoota filachuun gaaffii bilchiisa naannoof dhiheeffatan keessaa akka waraanni Wayyaanee irraa ka’uu fi sodaan qawween doorsifaman akka dhaabbatu ture,un ta’uu hanqatnaan uumanni wal gahee waraanaa maal nurraa fuudhaa nurraa kaasaa nuti hidhannee hin jirruu jechuun gaaffii bulchiinsa godinaa Lixa Shawaaf dhiyyeessuullee hanga ammaa deebiin kenname kan hin jirree ta’uun gabaafamera.

Waan baay’ee nama gaddisiisuu loltootni fi poolisootni Sirna abbaa irree Wayyaanee ijoollee umriin iraasii waggaa 14 gadii qabee, maatii ijoolleetiin immoo hanga qarshii nuuf fiddanitti hin gadhiifnu jechuun qabeenyaa uummataa fi mirga uuummataa sarbaa jiru. Namoota rakkoon akkasii irra ga’ee keessa tokko Obboo Goobanaa Amansiisaa daldalaa jiraataa magaalaa Gudaar kan ta’ee humnootni waraanaa Wayyaanee liyuu hayilii jedhaman muchaa isaa umrii waggaa 13 qabuun, mana hidhaa galchuun qarshii nuuf kennitu malee hin gadhiifnu jechuun qarshii 4000 kennee mucaa isaa gadhiisifachuu danda’ee jira.

 

Bekele, get LinkedIn for your mobile

Aside

Waayee FDG fi Haala Uumata Oromoo Walliftooti Oromoo Akkamitti Ibsuu???

Aside

Qindeessaan Daani’eel Bariisoo Areerii Galata Guddaa Qaba!

Seife Nebelbal Radio on May 30, 2014

Aside

Raadiyoo Simbirtuu Simbirtuu Caamsaa,29 Bara 2014

Aside

OMN: ODUU CAAMSAA 29, 2014

Aside

Qormaata Biyyooleessaa kutaa 10ffaa Kennamu irratti FDG itti fufe.

Aside

Caamsaa 27/2014 irraa eegaluun akka guutuu biyyaalessaatti qorumsa biyyaaleessaa kutaa 10ffaa keennamuuf wayita egaalutti Godina Lixa Shawaa Ambootti barattootni Oromoo m/b sadarkaa 2ffaa Liibaan Maccaa Amboo, fi M/b Amboo sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa hanga barattootni Oromoo nu gidduudhaa hidhaman hiikamaniitti qorumsaa hin fudhannuu, mootummaan waraanaan nu jeeqaa ture barnoota utuu hin baratiin qorumsa irra ta’uun bu’aa maalii qaba jechuun gaaffii kaasaniinn waraanaa Wayyaanee humnaa ol itti bobbaafameen doorsifamanii akka qorumsa seenaan taasifamera.

Godina Bahaa Wallaaggaa Magaalaa Naqemteettis haaluma walfakkaatuun barattootni kutaa 10ffaa mormii guddaa dhageesisaa
qorumsicha qoramaa jiru. M/b sadarkaa 2ffaa Dargee, fi Manneen barnoota sadarkaa 2ffaa magaalaa Naqemtee keessatti argaman hundi
hanga barattootni Oromoo nu gidduudha badii tokko malee hidhaman hiikamanitti qorumsa hin fudhannuu jechuun mormii guddaa kaasanii
humna waraanaa waayyaanee hedduminaan itti bobbaafameen dirqisiifamanii qormaata akka seenaan ta’ee jira. Haala kanaan
barattootni manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa kutaa 1offaa Godinalee dhihaa Oromiyaa keessatti argaman yeroo amma kanatti qorumsa biyyaalessaa kutaa 10ffaa qoramuu irratti yeroo argamanitti humna waraanaa fi humnoota tikaan doorsifamafi eegamaa sammuu nagaan akka qorumsaa hojjetanii qabxii gaarii hin galmeessineef shoroorkeeffamaa jiraachuun gabaafamera.

Oromo Voice Radio (OVR) broadcast on May 28, 2014

Aside

Breaking News: Amma Galgala Kana Barattooti Oromoo Yuuniversitii Haromaayaa 10 Doormii Keessaa Lolotoota Wayyaaneen Ukkaamfaman.

Aside

Eegala Caamsaa 29,2014 Haromaayaa.

Guyyaa Ayyaana Wayyaanee Caamsaa 20 jechuun kabajamu mormuun barattooti Oromoo Yuuniversitii Haromayaa har’aa nyaata lagachuun mormii isaanii dhageessifataa oolan. Haala kanaan galgala ammaa sa’aa muraasa dura humni loltuu Federaalaa mooraa Yuuniversitii Haromayaa seenuun barattoota Oromoo 10 bakka ciisicha isaanii irraa deemee funaanuun ukkaamsee mana hidhaa hin beekamnetti geessee jira. Haalli kun haalaan sukkanneessaa ta’ee  jira.

  1. Sabboonaa barataa Leencoo Fiixaa Hordofaa agriculture waggaa 3ffaa ,bakki dhaloota Godina Shawwaa kibba lixa Aanaa Daawo
  2. Ararsaa Laggasaa kan inni baratu engenering waggaa 4ffaa,bakki dhaloota Godina kibba lixa shawaa aanaa Tolee
  3. Jaarraa Margaa,kan inni baratu water engenering waggaa 4ffaa bakki dhaloota Godina shawwaa kibba lixaa Sabbata
  4. Alsan Hassan bakki dhalootaa shawaa dhihaa Ambo,kan inni baratu electrical engenering wagga 2ffaa
  5. Walabummaa Goshee kan inni baratu Economics waggaa 2ffa bakki dhalootaa godina shawaa lixaa Ambo,
  6. Irranaa Kabbadaa kan inni baratu agricultural wagga 2ffaa bakki dhalootaa godina Shawaa lixaa Ambo
  7. Sanyii Yaalii kan inni baratu economics waggaa 3ffaa bakki dhalootaa godina Shawaa lixaa AMBO
  8. Biqila Toleeraa  kan inni baratu veternari Medecine waggaa 6ffaa bakki dhaloota godina kibba lixa Shawaa AMBO
  9. Raggaasaa  kan inni baratu waggaa lammaaffaa water engenering bakki dhalootaa Godina Shawa lixati 10.maqaan nu hin geenye
  10. Ammaaf maqaan hin baramne.

    Barataa Fiixaa Hordofaa agriculture waggaa 3ffaa

    Barataa Fiixaa Hordofaa
    agriculture waggaa 3ffaa