Gaaffiin Mirgaa Barattoota Oromoo Yuuniversitii Haromayaa Itti Fufe.Mootummaan Wayyaanees Diinummaa Oromoof Qabu Ifatti Muldhisaa JIra.

Aside

Mootummaan Wayyaanee Barattoota Oromoo Yuuniversitii Adaamaa Ibsa Baasee Doorisisuu Eegale.

Aside

Gaazeexaa Leelloo Tokkicha Afaan Oromoon Oromiyaa Keessatti Maxxanfamaa Jiru.

Aside

Leelloo-2ndLeelloo 2nd edition Updated 22 (1)

“Ka’i Yaa Oromoo Obsa Fixatteetta!” Walaloo Gootittii Oromoo fi Qeerrittii Biiftuu Galmoo

Aside

Wallagga,Anaa Jimmaa Arjootti Bulchiinsi Aanaa fi Bulchiinsi Magaalattii Uummatis Bulchiinsota Kana Wajjin Waliitti Bu’uun Wallolaa Jiru.

Aside

Muddee 1,2014 Arjoo Wallagga

IMG_20151128_042247Qeerroon Jimmaa Arjoo akka hubachiisetti waliitti bu’iinsi kun kan uumamuu danda’eef sababa BOSONA TABBA ARJOOTI jedha.

Bosona Tabba Arjoo bosona uumamaatti dabaluun kan dhaabe uummata naannoo tabba kanaa jiraatu yeroo ta’u, bulchiinsi magaalaa Arjoo immoo kaartaa pilaanii Magaalaan itti qaba jechuun,bosonicha gurgurate Wayita uummanni Bosonni Oromiyaa guutuu mancaasaa jirutti callisnee hin ilaallu jechuun bosona Arjoo ciramaa jirutti ba’an bulchiinsi Jimmaa Arjoo kana girguruun nu ilaala jechuun bulchiinsa magaalattifi uummaticha wajjin wal dhabuutu himame.

Uummatichi yeroo ammaa kana Bosonni tabba Arjoo gonkumaa hinciramu jechuun mormii jabaa dhageessisaniin achuma aanicha keessa bakka leenjii humna waraanaa wayyaaneetii loltuu bobbaasuun uummaticha ba’aaf gala dhorkachaa fi uummaticha akka jeeqa jiran beekameera

Uummatichis humna loltuu kana jalaa utuu hin dheeffin,mee muki tokko bosona kana keessaa haa cittu jedhee eeggachaa akka jiru qeerroon gabaaseera.

Mootummaan Wayyaanee Godina Ilu Abbaa Booraa Bakka Lamatti Qooduuf Murteessee Baajeta Sekterootaa Ammoo Gutummaatti Irraa Dhaabuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Muddee 1,2015 Mattuu

IMG_20151128_120329Bulchiinsi Godina Iluu Abbaa Booraa :-Godina Buunnoo Beddelleefi Iluu Abbaa Booraa jedhamtee iddoo lamatti ba’uuf haal dureen marti xumurame yeroo jedhamu kanatti sekteroonni mootummaa jaha godinicha keessaa bajata hin qabani bajati ramadames hanga ammaa isaan hin geenye jedhameera

Qeerroon Beddellee akka nutti himetti yeroo ammaa kana godinicha guutuutti waajjirri hojjettoonni Waajjira galii galii eenyuuf galchina? galiin nurraa galu guddaa ta’ee utuu jiruu sekteroonni jaha galii ittin socho’anirra darbee,waggaa darbe sektara dargaggoof ispoortii aanaa Cawwaaqaa akka fakkeemnaatti yoo fudhanne miindaa waggaa keessaa kan ji’a torbaa qofatu kaffalameefi. Kanaafuu eenyuuf galii galchina jechuun warri gaaffii kana kaasan akka diinatti ilaalamuun himati irratti banamee akka jirus beekameera. Godinni Iluu Abbaa Booraa bal’inaafi haala mijataa qaburraa yoo ilaalame Godina lama mitiitii afurittii yoo ba’e kan hojii saffisiisu ture.Haata’u malee,akeeki OPDO guddinaaf utuu hin taane olola siyaasaatiif itti fayyaduufidha.

Yeroo ammaa kana Magaalaan mattuu Ibsaa hin qabdu bishaanuma magaalattii keessa burqu ijaarsa irratti ijaaranii bishaan qulqulluu uummatichi dhuguurra uummatichi konkolaataadhaan torban keessatti kontiraataan gurma’anii waraansofatu.

Gama hundumaan Iluun buna,bosona yaayyoo kan uummata Oromoo boonsu galii biyyaa ta’u qabaattus faayidaan uummatichi irraa argatu homtuu hin jiru Dachee badhaatuu kana keessatti namni bilbilaan wal hin argu sababisaa neetworkiin kibba lixa Oromiyaa immoo addatti rakkina qaba waan jedhamuufi Walumaagalatti, Iluu Abbaa Booraa fi uummati Oromoo yeroo ammaa kana mootummaa garboomfataa kanaan saamamaa jira waan ta’eef kaanee falmachuutu nuuf furmaata
Ka’i Qeerroo!

Mootummaan Garboomfataa Wayyaanee FDG qindeessaa jirtu maqaa jedhuun barattoota dararaa jira Barattoonni immoo gama isaaniitiin qabsoon hanga Abbaa biyyummaa keenya gonfannutti itti fufa jedhan‏

Aside

Muddee 1,2015 Naqamte

Wallaggaa1FDG Oromiyaa guutuutti babal’ateen kan rifate mootummaan Wayyaanee  waan qabee gadhiisu dhabuun yeroo ammaa kana keessattuu gaaffii barattooti Oromoo gaafatan deebisuu kan hin dandeenyeen qooneen jaldeessatti OPDOn barattoota fi hawaasa Oromoo dararaa fi mana hidhaatti guuraa jirti.

Haala FDG kanatti kan rifatte bineensi kaabaa kun,yeroo ammaa kana barattootatti humna basaastuu diinaa bobbaasaniiru Mooraa Yuunibarsiitii Wallaggaa keessattis barattoota argan maraan ati marii hiriira mormii keessaa qabda jechuun kanuma argan tikoonni wayyaanee qabanii yoo gaafatan, walga’ii maqaa jedhuunis galgalaa ganama basaastota wajjin waliitti afarsaa jiru. Guyyaa har’aa kana FDG Yuunibarsiitii Haromaayaatti ka’etti kan rifatte garboomfattuun kun,yeroo ammaa kana Ibsaa,netwoorkii,WiFi ,bishaan dhuhaatiillee barattootarraa balleessanii jiru .Barattooti Oromoo deebiin kobbeedhaan wayyaaneef laatan akka itti fufuu fi yuunibarsiitoti Oromiyaa guutuun hawaasi Oromoo marti duula faccifannaa taasisu dhaammatna Yoo falmanne Bilisoomna!

Wallagga Gimbii Keessatti Poolisootaa fi Kora Bittinneessaa Oromiyaa Irraa Hidhannoon Hiikame, Baalee Roobetti FDG Finiine‏

Aside

Muddee 1,2015 Gabaasa Qeerroo Gimbii

photo0765 001

Mootummaan wayyaanee humna dafee qaqqabaa fi kora bittinneessaa kan Oromiyaa hidhannoo hiikkachiise.
Wayyaaneen hidhattoota kora bittinneessaa fi humna dafee qaqqabaa Oromiyaa magaalaa Gimbiitti ed hidhannoo isaanii irraa hiikkachiisuun Qeerroon gabaasee jira. FDG aanaa Ayiraa, wanjoo fi Gimbiitti kaleessaa dhoween waraanni wayyaanee biyyatti hin hafne magalaa Gimbii dhufee buufate jedha Qeerroon. Battala kanatti uummata hedduutu qabame reebame hidhaatti guurame. Sababa kanatti poolisoota Oromiyaa fi kora bittinneessaa oromiya irraa ergamee gara sana jiru irraa hidhannoo hiikkachiisuun Qeerroon gabaasee jira. Yeroo ammaa kanatti magaalli Gimbii buufata waraana wayyaanee taatee argamti. Uummanni mirga keenyaaf falmachuu hin dhaabnu jechuudhaan itti fufee jira.
Baalee Roobetti FDG eegalee jira. Halkan edaa Qeerroon waraqaa bittimsuun
– Barataan kamuu ka’ee mirga isaa akka falmtu waamicha taasie
– Mormiin master pilaanii yoomiyyuu akka hin dhaabbanne waamichi bakka uummanni argutti maxxanfamee bule
– Sirbootni qabsoo Qeerroodhaan dhageessifamaa bulan haaluma kanaan guyyaa har’as kan itti fufee jiru tahuu Qeerroon yeroo ammaa gabaasaa
jira. Waraanni wayyaanee magaala Roobee buufatee jira.Itti Fufa FDG! Oromiyaan ni bilisoomti

Muddee 1/2015 Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Madda Walaabuu Warraaqsaa FDG Golee Oromiyaa Keessatti Qabsiifame Cinaa Dhaabbachuun Diddaa Qabsiisaan

Aside

DIDDAA 2Muddee 1, 2015 Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Madda walaabuu Warraaqsaa FDG Golee Oromiyaa keessatti qabsiifame adeema dara
jabeessuun itti fufsiisuun Hanga Mastern planii Finfinnee Haqamuu fi Gaaffiin Mirga abbaa biyyummaa deebii argatutti warraaqsii keenya itti
fufa jechuun Xalayaaa Iyyannoo Gaaffii Uummata oromoo 11 ol qabate dhiyeeffachuun FDG finiinsaa jirachuu maddeen keenya gabaasan.
Goototni Barattootni oromoo Yuunibarsiitii Madda Walaabuu FDG Mooraa yuunibarsiitii Harammayyaa keessatti qabatee adeemaa jiru
jabeessuun sadaasa 30/2015 mootummaan wayyaanee sodaa keessa galuun Waraanaa Mooraa Yuunibarsiitii Madda walaabuutti ol naqee barattoota sodaachisuu fi ukkamsuuf yaalii guddaa godhullee Warraaqsaa FDG guyyaa har’aa Mooraa yuunibarsiitii Madda walaabuu keessatti Adeemsifamaa jiruu dhaabuu kan hin dandeenye ta’uu goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Madda Walaabuu ifatti beeksisuun Qabsoo
finiinsan.goototni barattootni oromoo yuunibarsiitii Madda Walaabuu GAAFFII ISAANII IYYANNOO dhaan qopheeffachuun waraqaa iyyannoo isaanii kan gaaffii mirga abbaa biyyummaa Oromoo fi Master Pilaanii Finfinnee fi Labsii Magaalota Oromiyaa mormuu dhiyeeffachuuf wayita hiriiranii jiranitti bulchiinsii Yuunibarsiitii madda Walaabuu gaaffii barattoota irraa fudhuu dhiisee waraana waan itti gadhiiseef barattootni Oromoo iyyannoo isaanii waraana Wayyaanetti dhiyeeffachuun Warraaqsa FDG jabeessuun itti fufuun Waraana wayyaanee isaan bittinneessee hidhuu, ajjeesuu fi reebuuf bobba’e dura dhaabbachuun falmachaa jiraachuun gabaafamera.Gabaasan kun Iyyaannoo barattoota Oromoo yuunibarsiitii Madda Walaabuu dhiyeeffataniin kan walqabatedha. ilmaan Oromoo hedhamanii fi waraana wayyaaneen Madeeffaman addabaasuun isiniif gabaasna, Gabaasan itti fufa…

Mormii Master Palaanii Finfinnee Wallee Haaraa Gooticha Qeerroo Artist Caalaa Bultumee.

Aside