Muddee 1, 2015 Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Madda walaabuu Warraaqsaa FDG Golee Oromiyaa keessatti qabsiifame adeema dara
jabeessuun itti fufsiisuun Hanga Mastern planii Finfinnee Haqamuu fi Gaaffiin Mirga abbaa biyyummaa deebii argatutti warraaqsii keenya itti
fufa jechuun Xalayaaa Iyyannoo Gaaffii Uummata oromoo 11 ol qabate dhiyeeffachuun FDG finiinsaa jirachuu maddeen keenya gabaasan.
Goototni Barattootni oromoo Yuunibarsiitii Madda Walaabuu FDG Mooraa yuunibarsiitii Harammayyaa keessatti qabatee adeemaa jiru
jabeessuun sadaasa 30/2015 mootummaan wayyaanee sodaa keessa galuun Waraanaa Mooraa Yuunibarsiitii Madda walaabuutti ol naqee barattoota sodaachisuu fi ukkamsuuf yaalii guddaa godhullee Warraaqsaa FDG guyyaa har’aa Mooraa yuunibarsiitii Madda walaabuu keessatti Adeemsifamaa jiruu dhaabuu kan hin dandeenye ta’uu goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Madda Walaabuu ifatti beeksisuun Qabsoo
finiinsan.goototni barattootni oromoo yuunibarsiitii Madda Walaabuu GAAFFII ISAANII IYYANNOO dhaan qopheeffachuun waraqaa iyyannoo isaanii kan gaaffii mirga abbaa biyyummaa Oromoo fi Master Pilaanii Finfinnee fi Labsii Magaalota Oromiyaa mormuu dhiyeeffachuuf wayita hiriiranii jiranitti bulchiinsii Yuunibarsiitii madda Walaabuu gaaffii barattoota irraa fudhuu dhiisee waraana waan itti gadhiiseef barattootni Oromoo iyyannoo isaanii waraana Wayyaanetti dhiyeeffachuun Warraaqsa FDG jabeessuun itti fufuun Waraana wayyaanee isaan bittinneessee hidhuu, ajjeesuu fi reebuuf bobba’e dura dhaabbachuun falmachaa jiraachuun gabaafamera.Gabaasan kun Iyyaannoo barattoota Oromoo yuunibarsiitii Madda Walaabuu dhiyeeffataniin kan walqabatedha. ilmaan Oromoo hedhamanii fi waraana wayyaaneen Madeeffaman addabaasuun isiniif gabaasna, Gabaasan itti fufa…
Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa FDG Oromiyaa | OromianEconomist