Muddee 1,2014 Arjoo Wallagga
Qeerroon Jimmaa Arjoo akka hubachiisetti waliitti bu’iinsi kun kan uumamuu danda’eef sababa BOSONA TABBA ARJOOTI jedha.
Bosona Tabba Arjoo bosona uumamaatti dabaluun kan dhaabe uummata naannoo tabba kanaa jiraatu yeroo ta’u, bulchiinsi magaalaa Arjoo immoo kaartaa pilaanii Magaalaan itti qaba jechuun,bosonicha gurgurate Wayita uummanni Bosonni Oromiyaa guutuu mancaasaa jirutti callisnee hin ilaallu jechuun bosona Arjoo ciramaa jirutti ba’an bulchiinsi Jimmaa Arjoo kana girguruun nu ilaala jechuun bulchiinsa magaalattifi uummaticha wajjin wal dhabuutu himame.
Uummatichi yeroo ammaa kana Bosonni tabba Arjoo gonkumaa hinciramu jechuun mormii jabaa dhageessisaniin achuma aanicha keessa bakka leenjii humna waraanaa wayyaaneetii loltuu bobbaasuun uummaticha ba’aaf gala dhorkachaa fi uummaticha akka jeeqa jiran beekameera
Uummatichis humna loltuu kana jalaa utuu hin dheeffin,mee muki tokko bosona kana keessaa haa cittu jedhee eeggachaa akka jiru qeerroon gabaaseera.
Pingback: Oromia: #Landgrabs: Stolen Land, Stolen Livelihood, Stolen Freedom: In Jimmaa Arjoo, people are resisting the land grabs of Tabba Arjoo: In Abbaay Cooman, Horroo Guduruu Wallaggaa, Oromia, 3000 indigenous Oromo families to be evicted from their native lan