Magaalaan Gimbii Diddaan Jeeqamaa Jirti,Ajajoonni Wayyaanee Feederaalaa 2 Qaama Hin Beekamiin Ajjeefamuu fi Nagaadoti Oromoo 7 Ammoo Hidhamuun Beekame.

Aside

Muddee 2,2015 Gimbii

Godina Wallagga lixaa ona Gullisoo magaala Calliyaa jedhamtee waamamtutti FDG torban kana qabateen waraanni Wayyaanee haga ammaa uummata dhaanuu fi hidhuu itti fufullee didaan barattoota fi qonnaan bultootaan qabate osoo hin qabbanawiin jabaatee itti fufee jira. FDG kaleessa magaala Gullisootti gaggeeffameen uummanni dhagaa fi dullaa dhaan waraana rasaasa waliin wal’aansoo qabaa oole, har’as haaluma kanaan itti fufe yoommuu tahu ganama har’aa sa’a 4:30 booda FDG bifaa fi humna qonnaan bulaa, barataa, hojjetaa fi daldaltoota hammateen ka’een dhukaasni uummata irratti banameen barataan Guutuu Abarraa jedhamu yoommuu du’u kan rasaasaan madeeffame buufata fayyaa Gullisoo seenee jiraachuu fi duulli hidhaa uummata irratti gahaa jiru guddaa tahuu Qeerroon gabaasee jira.
Akkasuma magaala Gimbiitti qaama hin beekamneen tarkaanfii ajajoota Wayyaanee federaala lama Hoteela Zamalak keessatti fudhatameen tokko
ajjeefamuu fi tokko madoo tahee bahuun Wayyaaneen humna qabdu magaala Gimbii keessaa baastee naannoo bosonaa qubachiistee jirti haaluma
kanaan humna addaa hin beekamne magaala Gimbii keessa jira jechuudhaan humni waraana wayyaanee dachaa dabalamuu fi namoota nagaa qabamaa jiraatuu Qeerroon gabaasee jira. Amma sa’a tokko dura daldaltootni dhuunfaa namni 7 waraana wayyaanee federaalaan qabamanii bakka buuteen isaanii dhabamee jira. Duulli hidhaa akkuma itti fufetti tahee Oromiyaan hanga bilisoomtuu fi dhiamtootni oromoo mana hidhaatti
guuramaa jiranis hanga bahanitti FDG akka itti fufu Qeerroon kallatti garagaraan waamicha taasiaa jira.
Diddaan bifa isaa qajeelchatuun naamusa qabeessa FDG keessa tahuudhaan hanga galii isaa gahutti ni fufa!

Poolisa Finfinnee Kanta’e Caalaa Fiqaaduu Firoota Dubbisuuf Wallagga Dhaqee Qabamuun Maatii Isaa Nama Lama Wajjin Maa’ikelaawwiitti Darbatame‏

Aside

Muddee 02,2015 Gabaasa Qeerroo  Naqamte

Because I am OromoOdeessi Finfinnee akka hubachiisetti gaafa 30 poolisi Finfinnee kan ta’e kuta bulchiinsa Araadaatti kan hojjetu Poolisii Caalaan firoota isaa isa dubbisuu Wallaggaa bahaa Waamaa hagaloo qassoo irraa isa dubbisuu deeman wajjin to’atame
Kunis mootummaan Wayyaanee hojjettoota mataa ofii Oromoo ta’an sodaachuudhaan gara mana hidhaatti kan guuru kan jalqabaa akka hin taane ifaadha

FDG W/Lixaa A/Gullisoo Calliyaatti Har’a Itti Fufeen Barataa Guutuu Abarraa Addunyaa Wareegameera. Diddaan Bal’atee Itti Fufeera

Aside

FDG Akkuma itti fufetti jira. Godina wallagga lixaa anaa Gullisoo Bakka Calliyaa jedhamtu irraa FDG hara ganama kanan gaggeeffameen barataan tokko wareegame. Ummanni hedduun lakkoofsaan guddaan madoo taheera. Barataan due Guutuu Abarraa Addunyaa kan jedhamu FDG hara mormii master pilaanii godina wallagga lixaa anaa Gullisoo Calliyaa irratti gaggeefameen lubbuun isaa darbitee jirti. FDG yoomiyyuu kan hin dhaabbanne yoommu tahu barataa hara wareegame kana suuraa fi duubee isaa seenaa isaa waliin dhiyeessina diddaan itti fufee jira. Suuraawwan asirratti argamu ijoollee oromoo hara mana murtii federaalaatti dhiyaatan baayinaan nama 20 ol tahan funyoo sibiilan walitti hidhamanii kan deemanii fi shamarreen tokkos kan keessatti argamtu suuraan kaafame kan ragaa bahuudha. Dargaggootni sabbootni oromoo ammas mirga saba isaaniif ajjeefamuu, hidhamuu, murtiin dabaa haqaaf jedhanii falmatan itti murtaawuudhaan yeroo itti jabaataa dhufu tahullee yeroo kana uummanni, barataan harka qullaa diina afaan qawee baatee jiru dura dhaabbatee falma isaa itti fufeera. Duuti hin ooltu dua seenaa barabaraan saba ofii kabajamaaf jedhanii wareegamaa jiran seenaan haa yaadattu jechaa FDG qixaa fi kallattii isaa osoo hin jijjiirrannee hin dhaabbatu.

Mootummaan Wayyaanee Gaaza Summaawaan Baratoota Oromoo 40 Ol Miidhuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Muddee2,2015 Gabaasa Qeerroo Sulultaa.
Godina addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee aanaa Sululta magaala Caancoo mana baruumsa Caancoo sad.1ffaa keessatti guyyaa har’aa gaasii summaa’aan biifuun barattooti balaa dhibee tasaa mudachuun barattoonni 40 ol gara mana yaalaa fi hospitaala Finfinneetti guurama jiru.

FDG Godina Wallagga Lixaa Aanaa Gullisootti Gaggeeffamaa Jiruun Barattoota Miidhaman, Lolli Waraana Wayyaanee fi Uummata Gidduutti Qabate Hin Dhaabbanne Itti Fufe!

Aside

Gabaasa Qeerroo Muddee 2,2015 Gullisoo

Karoorri Maaster Pilaanii hojiirra ooluu hin qabu jechuun FDG oromiyaa goleewwan garagaraa keessatti qabatee jiru reebichaa fi rasaasaan reebamuun boodatti kan deebisu osoo hin taanee hanga wal gahuu fi bilisummaatti itti fufaa jiraachuun beekamaadha. Akkuma gabaasaa turre godina wallagga lixaa aanaalee garagaraatti kan itti fufe sadaasa 1/2015 kaleessa qonnaan bulaa fi barattootni waliin tahuudhaan lola saa 2:00 waraana wayyaanee waliin gaggeessaa oolan. Uummanni waan qabu dhagaa fi eeboodhaan, dullaa qabachuun rasaasa waliin fincila gaggeessaa ooleen kaleessa qonnaan bulaa fi barattootni mana barumsaa sadarkaa olaanaa keessaa miidhamuun Qeerroon gabaasee jira. yeroo ammaa kana barattoota haalan waraana wayyaanee waliin osoo fincila gaggeessan godina wallagga lixaa anaa Ayiira Gullisootti miidhaa jabaan irraa gahe keessaa

1. Barataa Sanyii Taaffasee

2. Miimmii Malkaamuu Taaffasee

3. Kan maqaan nuun geenye daandii irraa nama deemu dubartii tokkoo fi

4. Barattuu Miimmii Darajjee Badhaasaa

Irratti miidhaa guddaan gahee yoommuu jiru telefoona fincila sana keessa dhaabbachuun kan nuuf ibsa Qeerroon Bilisummaa wareegamni kamuu haatahu malee hanga Maaster Pilaniin haqamuu fi uummanni oromoo bilisummaa isaa gonfatutti diddaan keenya itti fufa kan jedhan guyyaa guutuu kaleessa FDG magaalaa Gullisoottni finiinsaa akka oolan Qeerroon gabaasee jira. suurawwan haga tokko achirraa nu qaqqaban kan ibsu kana waliin attach goonee jirra.

gullsioo2

gullsioo2

gullsioo3

gullsioo3

Haaluma kanaan hara godina wallagga lixaa aanaalee garagaraatti waraanni wayyaanee magaalaa keessa akka bahu uummanni akeekkachiisa kennaa jira. Gaaffiin keenya gaaffii haqaati mirga keenyaaf ni falmanna jechuudhaan qonnaan bulaan yeroo itti wal waamaa jiru tahee barattootaan dhaabbilee barnootaa keessatti jabeeffamee itti fufee jira. yuuniversitiilee garagaraa keessattis guyyaa haraa FDG gaggeeffamaa jiru gabaasa keenya itti aanutti kan dhiyeessu taha.

 

 

 

Muddee 02/2015 Godin a Kibba Lixa Shaggar Aanaa Walisootti Wa rraaqsii FDG Goototn i Qeerroon Barattoot ni Oromoo M/B sadark aa 1ffaa, 2ffaa fi Q ophainaa Diilallaan Jabaatee Itti Fuf.

Aside

diddaa9Muddee 02/2015 Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa WalisoottivWarraaqsii FDG Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo M/B sadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi Qophainaa Diilallaan jabaatee itti fufun Gaaffii mirga abbaa biyyummaa Oromoo fi mormii Master Pilaanii Finfinnee fi Labsii magaalota Oromiyaa gadi jabeessuun mormuun hiriira guddaa bahan, Barattootni Oromoo Afur(4) rasaasan rukutaman. Gootota Qeerroo Barattoota Oromoon M/B sadarkaa 1ffaa,2ffaa fi Qophaainaan Diilallaan qabsiifame haalan jabaachuu irraa hawwannaa Uummata Oromoo jiraattoota Magaalaa Diilallaa fi Qonnaan bultoota Oromoo dabalatee guyyaa haraa Warraaqsa FDG haalan godina Kibba Lixa Shaggaar keessatti qabsiifamee fi gaaffii mirga Abbaa biyyummaa mormii master Pilaanii Finfinnee fi Labsii Magaalota Oromiyaa wal qabatee Goototni barattootni M/B Diilaallaa sadarkaa 1ffaa hanga msadarkaa 2ffaa fi Qophaainaatti jiran IYYANNOO gaaffii mirga qabatee fi hiriirri nagaan nuuf haa eeyyamamuu rakkoo guddaa duguginsa sanyii fi saamichaa fi mirga dhabnee qeeee keenyaa irraa buqqaaa waan jirruuf jechuun Muddee 01/2015 bulchiinsa Magaalaa Diilallaatti galfachuun eeyyama hiriira nagaa gochuu waan dhorkatamaniif Hiriirra mormii guddaa daandii daandiitti bahuun gaggeessuun dhaadannoowwaan mirga abba biyyummaa Uummata Oromoo faarsuu fi mootummaa abbaa irree wayyaanee balaaleffatu dhageesisuun warraaqsa guddaa gaggeessan. Warraaqsaa qindaaaa hawwaannaa uummata Oromoo naannoo argatee kanatti abbaan irree wayyaanee Poolisoota dhalootaan Oromoo hin taanee fi kanneen garaaf bulan itti bobbaasuun Dhukaasaa wal irraa hin citne barattootaa fi uummata irratti banuun barattootan Oromoo afur(4) rasaasaan rukutamuun Hospitaala Waliisoo kan galanii jiran tauun ibsame jira.maqaan barattoota rasaasaan rukutamani kunis. 1. Barataa Maamoo Muldhisaa barataa 10ffaa M/B Diilallaa sadarkaa 2ffaa fi Qophainaa 2. Barataa Eebisaa Dirribsaa barataa kutaa 11ffaa M/B Sadarkaa 2ffaa fi Qophaina Diilallaa 3. Barataa Yaadannoo Baahiruu barataa kutaa 8ffaa M/b Diilallaa sadarkaa 1ffaa 4. Barataa Obsan Bahiruu barataa kutaa 7ffaa obboleessa barataa Yaadannoo , kanneen jedhaman rasaasa mootummaa wayyaanee irraa itti dhukaafameen rukutamanii yeroo amma kana Hospitaala Walisoo galanii duaa fi jireenya gidduutti kan argaman tauu hubatamee jira. Poolisootni Kora ajaja diinaa fudhachuun barattoota Oromoo karaa nagaa gaaffii mirgaa gaafachaa jirtu kana dhukaasanii rasaasan rukutan kun dhalootaan illee ilmaan Oromoo tauun kan shakkisiisuu fi garaaf dhiiga ijoollee Oromoo dhangalaasuun jiraachuu kan barate 1ffaa Poolisii Taaddasaa, 2ffaa Poolisii Taammiruu fi Gosaayee kanneen jedhaman guyyaa saafa gochaa duuguginsa sanyii ilmaan Oromoo karaa nagaa gaaffii mirga gaafatan irratti fudhachuun bira gaame jira. Warraaqsi itti fufee jira, Magaalaan Walisoo fi Yuunibarsiitiin Walisoo Damee Amboo humna Waraanaa Wayyaanee guddaan marfamtee jirti, sochiin barattoota Yuunibarsiitii Walisoo humna waraanaan eegaama jira,suuraa barattoota Oromoo rukutamanii fi warraabbii warraaqsaa isin qaqabsifna.

Finfinnee fi Buraayyuu Hin Laatnu, ABO Leellisuun Warraaqsi Bilisummaa Aanota Godina Wallaggaa Hedduu Keessatti Itti Fufee Oole.

Aside

Gabaasa Qeerroo Wallaggaa Muddee 1,2015

Godina Wallagga  dirree Warraaqsaatti jirjjiramtee jirti, yeroo Ammaa kana FDG Godina Wallagga Aanotaa garaagaraa kanneen akka Ayiraa Gullisoo, Laaloo Asabi , Jaarsoo, Mandii,Gimbii,Najjoo, Qilxuu Karraa, fi Aanota garaagaraa keessatti haalan jabachuun kan itti fufee jiruu dirmaanna uummata qonnaan bultoota baadiyyaa argachaa kan jiruu ta’uun madden keenya gabaasan.
Caalmadhumatti immoo guyyaa har’aa kana AANAA GULLISOO MAGAALAA GULLISOO keessatti FDG uummataa fi dargaggootan haanan jabaachuun itti fufe jira. Mootummaan wayyaanee waraanaa guddaa bobbaasee dhukaasaa guddaa barattoota fi uummata karaa nagaa falmachaa jiru irratti dhukaasuus FDG dhaabuu hin dandeenye, Warraaqsaa kanaan Magaalaa Gullisoo keessa naanna’uu sagaalee mormii jabaa erga dhageesisanii booda dhaadannoo guddaa dhageesisuun . Warraaqsa kana keessatti bakka hundattuu uummatni fi Qeerroon dargaggootni barattootni Oromoo dhaadannoo dhageesisaa turaniin sagalee guddaan Master Piliaaniifinfinnee balaaleffachuu fi ABO Irree fi gaacha uummata Oromooti, ABOn nu haa bulchu, ABO’n Biyya hin Gurguru, ABO mirgoota dimookiraasii fi namommaa ni kabachiisa jechuun jaalalaa fi kabaja guddaa ABOf qaban ifatti argisiisuun gabaafame. Dhukaasaa guddaa gaazii summaa’aa fi meeshaa gurguddaa dhukaasaa kan ture ta’uun ibsame. Gabaasaan itti fufa…

Gaaffiin Mirgaa Barattoota Oromoo Magaalaa Gimbii fi Gullisoo Keessatti Itti Fufee Oole.

Aside

Reebichii fi Gochaan Hammeenyaa Mootummaa Itiyophiyaa Hagam Itti Fufus FDG Hin Dhaabbanne‏, Magaalaan Naqamtee Waraanaan Marfamte.

Aside

Muddee 1,2015 Naqamte

Dhiigni barattoota daftaraa fi qalama malee hin qabne dhangala’ee seenaan dhaaba OPDO haagatafu jechaa har’a Muddee 1,2015 FDG akkuma
jirutti tahee godinoota Oromiyaa fi Yuuniversitiiwwan keeysatti jabeffamee jiraachuun haqa qabeessa. FDGtu gaggeeffame jennee waan addaa goonu osoo hin taanee ammas dirqamni uummata Oromoo fi jaarmaa qabsoo bilisummaa oromoo Qeeyrroo Bilisummaa dhaaba keenya ABO dhan hoogganamaa diddaa finiinaa jiru oromiyaa waliin gahuu irraa boodatti kan hin deebine ibsaa, godinoota oromiyaa keeysatti FDG finiinaa akka jiru yuuniversitiiwwan kanneen akka Haromayyaa, Bulee Horaa, Madda Walaabuum Mattuu fi Amboo keeysatti haala wal fakkaataa fi wal irraa hin cinneen hin dhaabbatin jira, haatahu malee Diddaan itti fufuun hanga mootummaa wayyaanee abba irree xumuraatti kan itti fufu tahee miidhawwan waraanni wayyaane yeroo ammaa kana gaggeeysaa jiru saaxiluu ykn gabaasuu feena.
Har’a Muddee 1/2015 godina wallagga lixaa aanaa Ayira Gulisootti FDG gaggeeffamaa jiru adda taasisetu tahe. Kan adda taasisu waraanni
Wayyaanee akkanatti heddummatu oromiyaa keessaa bakka qubate hin qabu uummannis heddummina waraana wayyaanee kanaaf hin jilbeenfanne. Tarkaanfii gara jabdummaan uummata naga iratti fudhatame kan garaa nama nyaatu maanduggoo, harmootii, daa’imas osoo hin jenne reebichi hamaan irratti fudhatame turtii sa’a 2:00 oliif magaala Ayira Gullisoo keessatti adeemsifamee jira. Kun ammas uummata sodaachise osoo hin taane uummanni daandii cufeedhuma dhaabbatee jira. Ganama sa’a 1:00 irraa kan egale haga amma sa’a 9:00tti FDG reebichi, hidhamuun osoo jiru hamma dhumnutti ejjennoo keenya hin jijjiiru jechuun daa’imaa hanga maanguddoowwaniitti daandiitti bahanii falmii gaggeeysaa jiru.
Kaleessa Sadaasa 30,2015 walgayii OPDOn uummata aanichaa iddoo tokkotti waamteen uummanni Billaa qara qabu, Dullaa, Eeboo fi
dhagaadhaan ariyee aanichaa baasuun ture, sababa kanattis humnoonni uummata duuba jiran ABO fi Qeerroo Bilisummaa jechuun tarkaanfiin
fudhatame jira ammas uummanni kaayyoo isaatti booda hin jennu jechuudhaan itti cichee FDG finiinsa jira.
Baha oromiyaa yuuniversitiiwwan garagaraa keesatti har’a kan egalee jiru FDGn barattootni har’a dhadannoo dhageesisaa oolanii jiru.
Barataan, uummanni hidhaatti guuramuun amala mootummaa wayyaanee tahus kana jala bu’uudhaan kannen FDG Sadaasa 2015niin hidhaman uummataaf dhiyeessina.

SBO MUDDE 02,2015. Oduu fi Sochii FDG Oromiyaa keessaa akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside