Muddee 1,2015 Mattuu
Bulchiinsi Godina Iluu Abbaa Booraa :-Godina Buunnoo Beddelleefi Iluu Abbaa Booraa jedhamtee iddoo lamatti ba’uuf haal dureen marti xumurame yeroo jedhamu kanatti sekteroonni mootummaa jaha godinicha keessaa bajata hin qabani bajati ramadames hanga ammaa isaan hin geenye jedhameera
Qeerroon Beddellee akka nutti himetti yeroo ammaa kana godinicha guutuutti waajjirri hojjettoonni Waajjira galii galii eenyuuf galchina? galiin nurraa galu guddaa ta’ee utuu jiruu sekteroonni jaha galii ittin socho’anirra darbee,waggaa darbe sektara dargaggoof ispoortii aanaa Cawwaaqaa akka fakkeemnaatti yoo fudhanne miindaa waggaa keessaa kan ji’a torbaa qofatu kaffalameefi. Kanaafuu eenyuuf galii galchina jechuun warri gaaffii kana kaasan akka diinatti ilaalamuun himati irratti banamee akka jirus beekameera. Godinni Iluu Abbaa Booraa bal’inaafi haala mijataa qaburraa yoo ilaalame Godina lama mitiitii afurittii yoo ba’e kan hojii saffisiisu ture.Haata’u malee,akeeki OPDO guddinaaf utuu hin taane olola siyaasaatiif itti fayyaduufidha.
Yeroo ammaa kana Magaalaan mattuu Ibsaa hin qabdu bishaanuma magaalattii keessa burqu ijaarsa irratti ijaaranii bishaan qulqulluu uummatichi dhuguurra uummatichi konkolaataadhaan torban keessatti kontiraataan gurma’anii waraansofatu.
Gama hundumaan Iluun buna,bosona yaayyoo kan uummata Oromoo boonsu galii biyyaa ta’u qabaattus faayidaan uummatichi irraa argatu homtuu hin jiru Dachee badhaatuu kana keessatti namni bilbilaan wal hin argu sababisaa neetworkiin kibba lixa Oromiyaa immoo addatti rakkina qaba waan jedhamuufi Walumaagalatti, Iluu Abbaa Booraa fi uummati Oromoo yeroo ammaa kana mootummaa garboomfataa kanaan saamamaa jira waan ta’eef kaanee falmachuutu nuuf furmaata
Ka’i Qeerroo!