Mudde 7,2015 Gabaasa Qeeerroo
Godina Kibba lixa shagar magaalota hedduu keessatti diddaan uummata kan itti fufee fi wal gaarreeffannaan humna police mootumman akkuma itti fufeeti jira. Jalaa deemtoonni sochii uummata doo’aa jiru kana ukkaamsuuf humnaa police federaalaa hedduu meessuudhaan sochii uummata humnaan gooluu irratti argamu. Akkuma beekkamu Torban darbee Aanaa Tolee magaala Baantuu keessaa hiriira mormii ta’een Barataa Dajanee Sarbeessaa rasaasa police wayyaaneen akka darbee fi kanneen hafan miidhaa guddaan irraa ga’ee hospitala akka jiran ni beekkama, Aanaa Walisoo magaala Dillalla’aa keessatti hiriira mormii ka’een barattoonni Rasaasan rukutamanii hospitaal walisoo ti akka argamanii, Aanaa Bachoo magaala Tulubolloo keessatti hiriira mormii ka’een reebicha fi hidhaan barattoota fi barattoota akka dararaa turan fkn Barsiisota ja’a hidhaman keessaa barsiisaa Girmaa Caalaa keessatti akka argamuu oduu nu gahee ni ibsaa.
Kaleessa guyyaa 6/12/2015 Aanaa Daawoo magaala Buusaa guyyaa gabaa waan taheef police federaalaa hedduuminan magaala keessaa facaasuun uummata sodaachisaa akka turan fi uummannis dallaansuu guddaa keessaa akka galchaan odeessaa argannee, har’aa 7/12/2015 sa’aa amma kana walgahii jedhanii hojjattoota mootumma magaala Tulubolloo hundaa walitti qabuun tasgabeessuuf yaala jiran illee keessattuu hojjattootni fayyaa dallansuun nurraa bahaa ijoollee teenya ajjeessaa, barsiisota hidhaa maal isin waliin dubbannaa jechuun dallansuu ibsataa akka jiran dhagahame.




Shaggar Sulultaa keessatti diddaan sirna abbaa irree Wayyaanee jabaatee itti fufuun uummanni gamtaan ka’uun sa’aa ammaa kanatti guutummaatti FDG gaggeessaa jira.Kana malees har’a Muddee 7,2015 Godina Bahaa Wallaggaa Aanaa Heebantuu, Giddaa Ayyaanaa ,Kiiramuu fi Nuunnuu Qumbaa keessatti Warraaqsii FDG Gootota Qeerroo Barattoota Oromoo fi Uummata Qonaan Bultoota Oromoon Haalaan




Barattooti Oromoo Yunivarsitii Dillaa guyyaa har’aa FDG itti fufanii jiru.Barnooti guutummaatti dhaabbatee jira. Kana malees Yuunibarsiitii Walqixxees sagalee isaanii dhageessisuun mootummaa Wayyaanee uummata Oromoo daguugaa jiru balaaleffatan. Qeerroon Yuunibarsiitichaa har’a ganama obboroo walga’uun gaaffii aabbaa biyyummaa erga bulchiinsa mooraa Yuunibarsiitii Walqixxeef dhiyeessaniin booda,humni tikaa itti bobbaafamuun barattoota Oromoo gaasii summii,uleedhaanis kan caccabsan ta’us,biyya abbaa keenyaa kabachiisuuf wanti dugduuba nu deebisu hinjiru jedhaniiru Humni tika qabeenya barattootaa saamaa kaan mana hidhaatti guuraa kan jiru yeroo ta’u, Barattoonni barnoota dhaabanii jru.


Muddee 7,2015 Gootonni Barattooti Oromoo godina Harargee Aaanaa Ciroo sirna mootummaa abbaa irree Wayyaanee balaaleffachuun guyyaa har’aa hiriira mormii guddaa bahuun gaaffii mirgaa kaasan, kana malees Godina Lixa Shaggaritti warraqsii FDG Guddaan Uummata Oromoo Magaalaa Amboo , Yuunibarsiitii Amboo, Qonnaan Bultoota Amboo fi Magaalaa Gudar, Qonnaan Bultoota Aanaa Tokkee Kuttaayee fi Barattoota Oromoo Magaalaa Gudar Dabalatee Warraaqsii Seenaa qabeessi bifa adda ta’een gaggeeffama jira. Gaaffiin mirga abbaa Biyyummaaf deebiin haa kennamu fi Karoorri Master Pilaanii Finfinnee fi Labsiin
Ummatni magaala Dambi Dolloo walgahii aangawoonni OPDO Wayyaanee yaaman diduun diddaa fi jibbiinsa sirna mootummaa Wayyaaneef qaban ifatti muldhisaa jiru.