Amajjii 14,2016 Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbeetti warraaqsi FXG Daran Jabaachuun Uummatni fi Dargaggootni Qeerroon Oromoo Gamtaa isaa jabeessuun warraaqsaan Mootummaa Wayyaanee OPDO ergamtuu Uummata Oromoo ficcisiisaa jirtu jalatti jilbeeffannee hin bulluu jechuun Dhaadannoo Qabsoon hanga bilisummaatti Mirgi hiree murteeffanna keenyaa fi Mirgootni Dimookiraasii fi Namummaa uummata Oromoof haa kabajamuu, Angawootni Wayyaanee Uummata nagaa irratti waraana ajajuun uummata siivilii ajjeesisaa jiran Angoo gadhiisuun seeratti dhiyaachuu qabu, imaan oromoo jumlaan hidhaatti guuraman haalduree tokko malee hidhamtootni Oromoo hundi sababaa Oromummaa fi Siyaasaan hidhaman hiikamuu qabu jechuun FXG Oromiyaa godinaalee cuifa keessatti jabaatee itti fufe jira.
Ummanni Oromoo Qe’ee fi Dachii Isaa Saamtota Alagaa Irraa Falmachuun Haqa!
Aside
Abbaan Qabsoo fi Lafa keenya Saamamee Nuuf Deebisiisuuf ABOn Dhufaa Jira Jechuun Jiraattotni Arsii Lixaa aanaa Kofalee Ganda Goofan Giraa Gaaffii Kaasaa Jiru
Aside
Amajjii 14, 2016
Uummanni oromoo yeroo ammaa ifatti bahee Wayyaaneen nun bitin abbaan biyyaa lafa jira jechuun sagalee isaa dhageesisaa jira. Diinni uummata Oromoo, TPLFn kana gurra isaan dhaga’aa jira. FDG/FXG baatii lama dura eegale abbaan qabsichaa fi adda durummaadhaan qajeelcha kenun qabsoo kana karaa qabsiisee jiru dhaaba keenya ABO tahuu daa’imaa hanga maanguddootti waan beekamaa tahee jiruudha. Oromiyaa naannolee magaalota hedduutti
– Daandiin cufamee dhaadannoon dhageessifamaa jiru kan wal fakkaataa ABO/WBO faarsu yoommuu tahu sagalee tokkoon uummanni mootumma
Wayyaanee hin feenu, wayyaaneen nun bitin, OPDOn sobduu fi hattuudha uummata oromof hin dhaabbane jechuun itti fufee jira
– Akka gabaasni Arsii Lixaa irraa nu gahaa jirutti kaleessa uummanni ganda kanaa walitti dhfuudhaan lafti keenya diinaaf kenname nuu
deebi’uu qaba jechuun ergamaa Wayyaanee kan sabaan Amaara tahe maasii qonnaa isaa keessa uummanni seenuudhaan ABOn dhufee lafa keenya nuuf deebisiuuf jira nuti qabsoo keenya hin dhaabnu itti fufna jechuun guyyaa guutuu sagalee isaa dhageesisaa oole kun kaleessa Amajii
13/2016 yoommuu tahu har’as haaluma kanaan Arsii lixaa onoota garagaraa keessatti FXG sagaleema kanaan itti fufee akka jiru Qeerroon
gabaasee jira. Barattootni jumlaadhaan mana hidhaatti guurama akka jiran manneen barnootaa adda addaa irraa kan gabaasni dhiyaataa jiru yoomuu tahu FXG uummataan ammas haala wal irraa hin cinneen jabeeffamee kan itti fufee jiru tahuu Qeerroon gabaasaa jira.
Aanaa Daawoo, Kibba Lixa Shaggar Keessatti Barsiisotiin Dhalootaan Oromoo Ta’an FXG Waliin Jirtu Sababaa Jedhuun Loltoota Wayyaaneen Qabamanii Dararaa Irra Jiru.
Aside
Amajjii 14,2016 FXG Yuuniversitii Dirre Dawaa Keessatti Itti Fufee Jira.
Aside
Dirre Dawaatti barattootni FXG kaleeysa kaasan mooraa waraanni wayyaanee mooraa seenuun doormii barattoota cabsee seenun miidhaa geesise jira.
Akkasuma doormii ijoollee durbaatti ibidda qabsiisuu humni waraana Wayyaanee gocha shororkeessuumaa hojjetuun ifatti bahee jira. barattootni
mooraa yuuniversitii Dirre Dawaatti miidhanii fi hidhaman guddaa Qeeyroon gabaasee jira.
Ambootti FXG kaleeysa ka’een barataan tokko mooraa yuuniversitii Amboo keeysatti du’ee yoo argamu barattootni hedduunis midhaan irra gahaa jira. Yeroo ammaa hospitaala Ambootti barattootni hedduun midhan irra gahe yaalamaa jiru. Kaneen maqaan isaani hin gabafamin miidhaman hordoffii taasisaa jirra. FXG itti fufee jira.
Inimmaan Ummata Oromoo, galaana ta’uun, mootummaa gabroomfataa Ixoophiyaa/Wayyaanee dhiquun Oromiyaa keessaa baasee ummata oromoof: bilisummaa, nagaa fi gammachuu akka argamsiisu shakkiin tokko illee hin jiru.
Aside
Dhumaa jaarraa 19ffaatti, yeroo gabrummaa Impaayera Ixoophiyaa jalatti kufe irraa eegalee,biyya abbaa isaa Oromiyaa irratti: bilisummaa,nagaa fi gammachuun jiraatuuf mirga seeraanis ta’e uumaan qabu sarbamee ummatni Oromoo inimmaan osoo irraa hin qoorre hanga har’aa jiraataa jira. Bara Minilik Oromiyaa weeraree ummata Oromoo miliyoona shan fixe; hedduu ammo harkaa fi harma muree fafeesse, Oromoon miliyoonni shan gadi hafee kanneen dhumaniif inimaan buusee kan dhiise qofa osoo hin taane, inimmaan isaa guyyaa tokko gabroomfataa dhiqee Oromiyaa keessaa akka baasu osuma inimmaan buusuu illee raagaa tureera. “Guyyaa itti diinni biyya keenya irraa buqqa’ee ilmaan keenya nagayaa fi gammachuun keessa jiraatan ni dhufa” jechuun kan Roobaa Bultum raage, Minilik ummata Oromoo miliyoona shanii, kan harki 70 dardaraa fi shamarrani eerga fixee booda. Kan yeroo san Roobaa Bultum raage, ummata Oromoo shanyi duguuginsa irraa hafaniif ;akeeka ittiin qajeelfaman, hawwii fi abdii bilisummaa ta’ee hanga har’aatti itti fufee jira.
Dhumaatii Oromoota miliyoona shaniif, inimmaan Oromoon yeroosi buuse fi garaan yeroos madaawe: sabboontota, qabsaawota fi gootota Oromoo hedduu Oromoof waan dhalcheef, akeeka Roobaa Bultum hojiitti fasaruuf sochiin itti fufe. Jilchee fi sodaachisee bituuf, Minilik ummata Oromoo miliyoona shan yoo duguuge illee, ilmaan Oromoo dhumaatii irraa hafan inimmaan isaanii haqatanii, haaluu bahuuf murteeffatan, biyyaa bortaan/ afaan qawweetin saamaman afaan qawweetiin deebifachuuf falmaa ittii fufanii mootummoota Haayile Sillaasee fi Dargii aangoo irraa folqolchuu keessatti qooda olaanaa qabaataniiru.
Inimmaan ummatni Oromoo bara Minilik fi Haayile Sillaasee buuse, kufaatii Haayil Sillaaee kan fide ogguu ta’u, inimmaan ummatni Oromoo bara Dargii buuse fi garaan isaa gubate ammoo aarii fi haaloo cimaa keessatti dhalchee ummata kana qabsoof kakaasuun kufaatii Dargiif sababa guddaa kan ta’e qofa osoo hin taane, waraanni Dargii, Ardii Afriikaa keessatti tokkooffaa ture yeroo gabaabaa keessatti baqee akka dhabamu godheera.
Har’aan tana, guutuu Oromiyaa keessatti, iji ummata Oromoo inimmaan roobsuun diimatee fi garaan isaa illee gubatee onneen gar-malee bokoktee aariin guuttee jirti. Har’aan tana, guutuu Oromiyaa keessatti, dhiigi ilmaan Oromoo dhangala’aa jiruu fi ummati Oromoo akka sareetti qeyee isaa irratti ajjeeffamaa jiru haaloo/gadoo hamaa ummata Oromoo keessatti uumee jira. Ummatni Oromoo, yeroo kamuu caalaa, nagaa fi gammaachuu kan isa dhorkate Mootummaa Gabroomfataa Ixoophiyaa/Wayyaanee akka ta’e gaarii godhee hubatee jira. Inimmaan ummata Oromoo: fincila Raayyaa fi Daawwee, Fincila Baalee, Gaaffii bilisummaa Oromooti: Dhihaa, Bahaa fi Walakeessaa gaafatan, fi Waldaa Maccaa fi Tuulumaa, biqilchee kufaatii Haayile Sillaaseen ogguu xumuramu; gadda isa mudateen, inimmaan iji ummata Oromoo bara Dargi roobse fi garaan gubate ammoo Adda Bilisummaa Oromoo dhalchee mootummaa Dargii kuffisuu irratti qooda olaanaa akka taphate, gochaa: faashistummaa, shanyi duguuginsaa fi saamichaa har’aan tana mootummaan Ixoophiyaa/ Wayyaanee: daa’imman, ijoollee egeree Oromiyaa ta’an, jaarsaa fi dubartii ulfaa fi qabeenyaa Oromiyaa irratti raawwaata jiruun inimmaan guutuu Oromiyaa keesstti ija ummata Oromoo keessaa roobaa jiru, qabsoo bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa kan Addi Bilisummaa Oromoo geggeessaa jiru kan cimsee itti fufsiisu qofa osoo hin taane, galaana ta’ee mootummaa gabroomfataa Ixoophiyaa/wayyaanee Oromiyaa keessaa dhiqee baasuun, ummata Oromoof: bilisummaa, nagaa, badhaadhinaa fi gammachuu akka argamsiisu shakkiin hin jiru.
Leelloo Sabaa. 13/1/2016
TV Gaaddisa Dhugaa Amajji 13, 2016
Aside
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Amajjii 13. 2016
Aside
Previous messageNext messageBack to messages Amajjii 13/2016 Warraasii FXG Gootota Qeerroo Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Haalaan Jabachuun Mooraa Main Campus keessatti itti fufe
Aside
Amajjii 13/2016 Warraasii FXG Gootota Qeerroo Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Haalaan Jabachuun Mooraa Main Campus keessatti haalaan itti fufe, Waraannii Wayyaanee Dhukaasaa guddaa barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa irratti Banuun Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa dirree Waraanaa fakkeesse jira,
Waraannis Mooraa Yuunibarsiitii Jimmatti olguuramuun Doormii barattoota illee cabsuun seenuun barattoota Oromoo goolaa jiraachuun ibsame jira Mooraan Yuunibarsiitiin Jimmaa Waraanatti jijjiramee fakkata Dhukaasni wal irraa hin citiiin loltoota wayyaaneen Dhukaafama jira. Gabaasaan itti fufa…
Mootummaan Naannoo Oromiyaa OPDO’n Ibsa haqamuu Master Pilaanii Finfinnee fi labsii magaaloota oromiyaa erga karaa TV Oromiyaa dabarste irraa eegaluun Godinaalee Oromiyaa fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo keessatti Warraaqsii FXG ‘’ daran jabachuun itti fufuun Mootummaan gaaffii dhugaa fi Mirgaa utuu gaafachaa jirruu, Waraana Oromiyaa irratti Labsuun Yakki Duguuginsa Sanyii Uummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jira. Kanaaf aangawootni biyyatti bulchaa jiran aangoo uummataaf gadi lakkisuun seeratti dhiyaachuu qabu, OPDO’n kaleessa torbee sadii dura Midiatti bahuun Mootummaa EPRDF waliin ta’uun Uummata Oromoo irratti waraana labsuun yakka Duguuginsa sanyii rawwachuun, har’a immoo media kaleessa ittin Waraana Labseen ‘’Maaster Pilaaniin Finfinnee fi Labsiin Magaaloota Oromiyaa kaafameera, Dogoggora keenya ta’uu hubanneerra, jechuun uummatatti dhiigaa uummataa fi lubbuu uummataatti qoosuun, dhiiga uummata Oromoon harka dhiqachaa dubbachuun hedduu nama gaddisiisa.qoosaan kun daranuu uummata dheekkamsiisuun FDGtto uubbata bakka hundaa kan jabeesse jirudha.
Ergamtuun wayyaanee Gaaffiin Uummataa Erga sirrii fi ifa ta’uu hubattee Waa’ee uummata Oromoo 50,000 olitti lakka’amuu hidhatti guuramee jiruu fi kanneen kumootaan lakka’amani wareegamanii fi Madoo ta’anii tarkaanfiin fudhatamaa jiru daranuu Hidhaafi ajjeechaan jabaatee itti fufee jiraachuutu muldhata, Kanaafuu uummatni Oromoo falmaa keenyaa irraa duubatti hin deebinu jechuun Warraaqsii FXG daran jabaachuun bakka hundatti itti fufee jira.
Amajjii 13/2016 Warraaqsi FXG Gootota Qeerroo Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Dirree Dawaa Haalaan Jabachuun galgala kana itti fufe,
Aside
Amajjii 13/2016 Warraasii FXG Gootota Qeerroo Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Dirree Dawaa Haalaan Jabachuun galgala kana itti fufe, Doormiin Barattootni Oromoo itti heddumatan Doormiin maqaa Twins K jedhamuun Beekamu ibiddaan Gubate, Barattootni sadii(3) Wareegaman, Mooraan Yuunibarsiitii Dirree Dawaa Dirreewaan Waraanatti jijjiramee fakkata Dhukaasni wal irraa hin citiiin loltoota wayyaaneen Dhukaafama jira. Gabaasaan itti fufa
Mootummaan Naannoo Oromiyaa OPDOn Ibsa haqamuu Master Pilaanii Finfinnee fi labsii magaaloota oromiyaa erga karaa TV Oromiyaa dabarste irraa eegaluun Godinaalee Oromiyaa fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo keessatti Warraaqsii FXG daran jabachuun itti fufuun Mootummaan gaaffii dhugaa fi Mirgaa utuu gaafachaa jirruu, Waraana Oromiyaa irratti Labsuun Yakki Duguuginsa Sanyii Uummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jira. Kanaaf aangawootni biyyatti bulchaa jiran aangoo uummataaf gadi lakkisuun seeratti dhiyaachuu qabu, OPDOn kaleessa torbee sadii dura Midiatti bahuun Mootummaa EPRDF waliin tauun Uummata Oromoo irratti waraana labsuun yakka Duguuginsa sanyii rawwachuun, hara immoo media kaleessa ittin Waraana Labseen Maaster Pilaaniin Finfinnee fi Labsiin Magaaloota Oromiyaa kaafameera, Dogoggora keenya tauu hubanneerra, jechuun uummatatti dhiigaa uummataa fi lubbuu uummataatti qoosuun, dhiiga uummata Oromoon harka dhiqachaa dubbachuun hedduu nama gaddisiisa.qoosaan kun daranuu uummata dheekkamsiisuun FDGtto uubbata bakka hundaa kan jabeesse jirudha.
Ergamtooti Wayyaanee Gaaffiin Uummataa Erga sirrii fi ifa tauu hubattee Waaee uummata Oromoo 50,000 olitti lakkaamuu hidhatti guuramee jiruu fi kanneen kumootaan lakkaamani wareegamanii fi Madoo taanii tarkaanfiin fudhatamaa jiru daranuu Hidhaafi ajjeechaan jabaatee itti fufee jiraachuutu muldhata, Kanaafuu uummatni Oromoo falmaa keenyaa irraa duubatti hin deebinu jechuun Warraaqsii FXG daran jabaachuun bakka hundatti itti fufee jira.