Amajjii 15,2016 Warraaqsii Fincila Xummura Gabrummaa (FXG) Gootota Qeerroo Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Daran Jabaachuun wal qabatee Mootummaan Wayyaanee waraanaa of harka qabu waraana guddaa Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessa qubsiisuun barattoota Oromoo dararuu itti fufe.
Tarkaanfiin hammeenyaa Mootummaa Faashiistii kanaan nurratti fudhatamaa jiruu sochii mirga keenyaafi biyya keenyaaf falmachaa jirruutti dachaan kan nu jabeessuudha jedhu goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimma.
Oduu Gaddaa TVOMT
Aside
Dargaggoo Gaazeexessaa TVMT ta’e Bultum Omar magaalaa Torontoo itti dhalatee guddatee sabboonummaa Oromummaan haala dinqisiisaan kan beekamu yeroo ta’u Dargaggoo Bultum Omar jalqaba sochiin Qeerroo Bilisummaa Oromoo bara 2011 seeraan caaseffamee FDG Oromiyaa guutuu keessatti qabsiisuuf yeroo murteeffatetti TVOMT irratti sochiilee Qeerroo gabaasuu fi dargaggoota Oromoo biyya alaa fi biyya keessa jiran haalaan onnachiisaa ture.
Dargaggoon Bultuma “Lubbuu Isaaf Waaqayyo Jannata Haa Banu Jenna” Maatii isaafis Jajjabina Waaqayyo Jajjabina Haa Kennuuf.
Humni waraana Wayyaanee godinoota Oromiyaa keessatti tarkaanfii bineensummaa isaa akka itti fufetti jira.
Aside
Amajjii 15,2016 Sibuu Siree
Guyyaa kaleessaa Wallaggaa Bahaa Aanaa Sibuu Siree magaalaa cingii keessatti hiriira barattoota irratti lubbuun nama tokkoo kan darbee yeroo ta’u, godinuma kana Aanaa Waamaa Hagaloo magaalaa Moxee keessatti mana nama dhuunfaa Galataa Diinagdee jedhamu cabsanii seenuun
Haadha manaa nama kana garmalee reebuun du’af jireenya gidduutti argamti Ilmi Obbo Galataa Misgaanuu Galataas Humnoota tikaatiin ukkamfamee jira Yeroo amma kana tarkaanfii ambulaansii humna waraanaa deddeebiftu fi qabeenyaa TPLF irratti fudhatameen dargaggoonni. Aanichaa mana hidhaatti guuramaa jiru
Caalaa Bantii
Misgaanuu Galataa
Galataa Dinagdee
Fi kanneen maqaan nun qaqqabin heedduun harka diinaa keessa jiru Kanaan dura barnooti hidhaman guyyaa mana murtiitti dhiyaatan uummati aanichaa wajjin ba’uun nama ragaa sobaa irratti ba’u ilaalla jechuun barattoota hedduuf da’oo ta’anii kan jiran yeroo ta’u, uummati Oromoo bakka marattuu dawoo waliif ta’uu akka qabu dhaammatna.
Sagalee QEERROO Bilisummaa Oromoo (SQ) Amajjii 14, 2016
Aside
Wallagga,Aanaa Mana Sibuu(Mandii) Ganda Saccii Keessatti FXG Amajjii 14,2016 Gaggeefame.
Aside


Wallagga Magaalaa Najjoo Keessatti Har’a Amajii 14/2016 Dhukaasni Barattoota Irratti Dhuka’aa Oole. FXG Jabaatee Itti Fufe.
Aside
Amajiii 14,2016 Najjoo
Gaaasa Qeerroo Wallagga lixaa magaala Najjoo irraa Har’a barattootni mana barumsaa qophaayinaa magaala Najjoo, mana barumsaa Abdiisaa Aagaatti FXG ka’een humni waraana Wayyaanee dhukaasa banuun uummata bakka jiruu dammaqsuunis gara fincila barattootaatti hirmaachisee oole.
Akka gabaasni kun addeessutti har’a sa’a booda magaalaan Najjoo dirree lolaa taatee oolte. Uumataa fi humna waraana agaazii gidduutti lolli gaggeffamaa oole. Magaalaa Najjoo fi hangaa Goriitti uummanni daandii cufuudhaan dhaadannoo sagalee guddaadhaan dhageesisaa oole. Mootummaan wayyaaneen ammaa kaasee nun bitin jechuun dhaadachaa oolan.Qaama mootummaa wayyaanee magaala Najjoo keessaa
baasuun waajjiralee fi manneen jireenya diinaa fi ergamtuu irratti uummanni tarkaanfii adeemsisee jira. FXg har’a magaala Najjootti
gaggeeffameen barattootni hedduunis miidhamanii jiru, Dhibbaan barattootni lakkawaman ukkaamfamanii jiru. Barataa fi uummanni qonnaan
bulaan baadii keessaa fottoqee FXG kanatti hirmaachuun diina afaan qabsiisanii jiru. Haala qaawwaa argameen humni waraana Wayyanee
barattoota ukkaamsuun beekame, Injifannoon keenya jechunis uummanni ABO fi WBO faarsaa akka oole gabaasni Qeerroo irraa nu gahee jiru ibsa
” Kan Qaban Qabaan Guunne” Wallee Warraaqsaa Haaraa Arsits Biftuu Gadaa Gobanaa /Amajjii 2016
Aside
The United States Calls for Meaningful Dialogue About Oromo Community Concerns
Aside
Press Statement
John KirbySpokesperson, Bureau of Public Affairs
The United States is increasingly concerned by the continued stifling of independent voices in Ethiopia, including the detention of Oromo political party leaders. These arrests have a chilling effect on much needed public consultations to resolve legitimate political grievances in Oromia.
We support the Government of Ethiopia’s December commitment to public consultation with affected communities. For these consultations to be meaningful, all interested parties must be able to express their views freely.
We reaffirm our call on the Ethiopian Government to refrain from silencing dissent and to protect the constitutionally enshrined rights of all citizens, including the right to gather peacefully, to write, and to speak freely as voices of a diverse nation. We call for the release of those imprisoned for exercising their rights, such as political party leaders and journalists.
Source: US Department of State
New oromo/oromia music(2016) Margaa wandimuu Yaa Qeerroo
Aside
Hundeen Keenya,Galmi Keenyaa fi Hireen Keenya Tokko
Aside
