ONN:Qophii Addaa keessatti Ajjeechaa Jumlaa Manni Marii Wayyaanee Bit.2/2018 Ilmaan Oromo irratti dabarsee laalchisee Mormii Ummata Oromo fi Hayyoota Seeraa , Biyyaa keessaa , Masrii fi Saawuud Araabiyaa ,Kaanaadaa fi Ameeriikaa irraa.
Category Archives: Oduu/News
SBO Bitootessa 02,2018. Oduu, Qophii haala yeroo irratti hundaa’ee fi diddaa Naqamtee irratti marii dargaggoo Roorroo Cabsaa waliin taasisame.
Aside
Simbirtuu: Mormitootni 13 mootummaa cehumsaa hundeessina jedhu. Dambii Doollootti hará 1- wareegame. LYM irratti Dh.D.U.O muddameera.
Aside
HIMA DIDDUUN , DU’A HIN DIDDUU !!!
Aside
Amma Mana keenya ijaarrachuuf murteeffachuun haqummaa ni qabaata. Bitaa fi mirga ilaallannee siyaasa keenya gaggeessuuf hedduu yaalleerra. Osoo miidhamnuu obsinee walii keenyallee nuffuu fi akka sodaataatti wal ilaalleerra. Diinnis fageessinee yaaduu keenya sodaatti fudhatee jira. Shira wayyaanee maseensina jennee osoo miidhamnuu callsiuun keenya, waan barbaannu qofaa gaggeessuun keenya, Sisyaasa keenyaaf bu’aa olaanaa galmeesiseera. Garuu diinni gonkumaa nu hubachuu hin dandeenye. Na ga’aas wallaaleera. Hegaree isaa fi Ummata isaafillee yaadutti hin jiru. Nuuti ammo siyaasa hegaree keenyaaf jennee waa hedduu ilaallannee tarkaanfachaa jirra. Har’aa garuu haalaa fi yerootuu waan hundaaf nu afeeraa jira. Dubbiin itti hin ariifannuu jennuu hundumtuu ,har’aa qormaata ta’ee nu fuuldura dhaabbateera. Continue reading
Hubachiisa Qeerroo Bilisummaa Oromoon
Aside
Ibsi Maqaa “Waamicha Qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo” kan jedhuun bahee Facebook irratti daddarbaa jiru ilaalchisee hubachiisa Qeerroo Bilisumaa Oromoo Irraa Kenname.
Waamichi kutaalee Oromiyaa fi tarrisa gitoota hawaasaa qabatee maqaa Qeerroon gadhiifame faca’aa jiru qaama jaarmiyaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa akka hin taane ummata keenya beeksisaa ibsoota Qeerroo Bilisummaa irraa bahe hordofuun arrata Qeerroo kan ta’e Sagalee Qeerroo Bilisummaa(SQ) fi website Qeerroo irraa akka hordoftan deggersoota qabsoo bilisummaa Oromoo hunda beeksifna.
Labsii Waraanaa mootummaan Wayyaanee ummata Oromoo irratti bane ilaalchisuun hogganni Qeerroo Bilisummaa Oromoo gaafa Gurraandhala 20,2018 ibsa baaseen toora media lee hawaasaa hundatti gadhiifame kan jiru ta’uu fi ibsi Qeerroo Bilisummaas sana ta’uu beeksisuu feena.
Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaati.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Finfinnee Oromiyaa
28/2/2018
ONN- Oduu
Aside
Manni Maree Uummataa Uummata Irratti Waraana Hin Labsu!
Aside
Dabmee Boruun
Biyya lafaa kana irratti hojiin nama miseensa mana maree tahee filamuu itti gaafatamni isaa uummata isaa filateef malee mootummaa biyya bulchuuf miti. Mootummaan biyya bulchu namoota hojii mootummaa hojjetaniif ofii muudata. Yoo akka mootummaan barbaadutti hojjechuu didanis hojii kenneef irraa molqee ari’uu danda’u. Miseensa mana maree garuu mootummaan ari’uu hin danda’u. Kan filatus yoo hojjechuuf dide ykn dadhaba tahe ykn badii hojjetee argame kan taa’itaa irraa buuse bakka nama sana kan nama biraa filatu uummata duranuu falate qofa tahuu qaba. Continue reading
Waamich Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi uummata Oromoo Hundaaf Uummataa fi Qeerroo Matakkal-Asoosaa Irraa
Aside
Sabboontonni Oromoo 16 ta’an Naannoo Matakkal irraa qabamanii Yakka tokko malee mana hidhaa maayikalaawwii fi Qiliinxoo keessatti waggaa tokkoo oliif hiraarfamaa turaniiru. Kunis karoora Mootummaan wayyaanee Akkuma Oromoota Naannoo Sumaalee, Walloo, Raayyaa fi Affaar Jiran walitti buusuun, Hidhuun, Ajjeesuunii fi Buqqisuun Sanyii Oromoo naannoo biraa jiran Lafarraa dhabamsiisuuf karoorfatee fi Hojjechaa jiru dha.
Haata’uyyuu malee Buqqa’insii fi duguuggaan sanyii Oromoota nagaa naannoo Sumaalee jiraatan irra gahe naannoo keenyatti sababaa Kabajaa fi Jaalala Ummanni Biroo naannichaa Oromoof qabu irraa kan ka’e harkatti fashalee jira. Kanaan kan ciisa dhabde mootummaan Wayyaanee; sabboontota mana hidhaattii guuruu fi Uummata Oromoo naannichaa saboota biroo wajjin walitti buusuu Furmaata godhattee kaate. Garuu hanga ammaatti Hidhaa qofaan milkooftee jirti. Continue reading
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Gurraandhala 27,2018
Aside
Guraandhala 27,2018] Maqaa namoota Godina Wallaggaa Magaalaa Naqamteetti Madaa’an fi Wareegaman
Aside

Abbabaa Mokonnin Goota Sabasaaf Jedhee Lubbuu Jijjiraa Hin Qabne Kenne!
1) Abbebee Mokonnon – Ni wareegame
1) Waaggarii Bultoosaa
2) Daani’eel Ashannaafii
3) Maarii Yaayyaa
4) Abdii Gammadaa
5) Kennaasaa Tasgaraa
6) Misgaanuu Taayyee (Kan kaleessa madaa’e)
7) Asfaawu Bulii (Kan kaleessa madaa’e)
8) Isaayyaas Fayisaa achuma Ukkee
9) Abdallaa Ibraa’im Ammaduu Ganda Keenaaf.
10) Amaanu’eel Bultii
11) Taarik Daggafaa Continue reading

