[SQ, Bitootessa 29,2018] Godina Jimmaa Aanaalee garagaraa keessatti Namoota Komaand poostiin hidhamanii jiran jiran keessaa kanneen maqaa isaanii akka armaa gadiitti jirtu dha.
Aanaa Gommaa Aggaarootti
1.Injinar Baahir Zeenuu Geembee irraa
2.Miftaahii Abdussalaam Aggaaroo irraa
3.Fu’aad Alii Geembee irraa
4.Naamus Abbaanagaa(Abbaaf Obboleessa woliin komaand poostiin dura sobaan hidhame!) Geembee irraa
5.Fayyisaa Hirphaa Aggaaroo irraa Continue reading



[SQ, bitootessa 26,2018] Barsiisaa Qanaasaa Barnoota hawwaasaa Mana lbarumsaa sadarkaa 1ffaa sibuu Sireetti barsiisaa turan. Hayyuu qaroon hawwaasaa kun, Badii tokko malee bara 2008 magaalaa Godina Wallagga Bahaa aanaa Sibuu siree jalatti argamtu keessaa butamanii ukkaanfamuun waggoottan hanga kana reebichaaf dararaa Maakalaawwitti irra gahaa tureen Miillisaanii bitaan laanshaahuun dararaa hadhooftuu sa’atii kana mana hidhaa Qilinxoo keessatti argaa jiru.