Qabsoon Abbaa Biyyummaa Ququnxuraa Siyyaasaan Hinargamu

Qeerroo Bilisummaa

Oromoo Finfinnee Oromiyaa

Qabsoon uummanni Oromoo waggoottan 28 darban Wayyaanee waliin taasisaa tureef jiru qabsoo sirnicha dhabama gochuun abbaa biyyummaa Oromoo mirkaneessuuti. Qabsoon abbaa biyyummaa ammoo ququnxuraa siyyaasaan akkasumas kennee aangoo siyaasaa gabroomfataa irraa kennamuun kan argamu miti.

Qabsoon ummata Oromoo  sirna gabroomfataa dhabama gochuun cunqursaa  jarraa nutti lakkoofsise konkolaachisuu, mirga namoomaaf mirga lubbuun jiraachuu mirkaneeffachuuti.

TPLF waggoottan 28 haaromsa maqaa jedhuun qumaara siyyaasaa uummata Oromoof saboota cunqurfamoo Impaayera biyyattii irratti taphataa turte har’as ittis jirti. Saatii qabsoon Oromoo qabsoon Adda Bilisummaa Oromoon hogganamu hudhee qabetti, tooftaa siyaasaa jijjirachuun ummata Oromoo waan irroomsee fi bilisummaa isaa irraatti deggere fakkeessuuf aangoo siyaasaan maqaan Oromoo ta’an muuduun hireen Oromoo waan deebite fakkeessuuf amala siyaasaa duruu abbootiin isaanii qaban muldhisuu irratti argama.

Bara nugusicha Minilki ummata Oromoo gabroomsuuf jecha “Biyya Qaroomsina” sababaa jedhuun Goobanaa Daancee aangoottti baasuun Oromoo hedduu miidhee gabrummaa jaarraa tokkoon gahe,Hayile Sillaasee fi Darguunis hanga dandayan Oromoo ittiin afaan qabuuf jecha dhalootaan Oromoo kanneen ta’an sammuun ammo gabroomfataaf hojjetan aangoo siyaasaa fi waraanaa itti kennanii ummata Oromoo reebisisaa asiin gahan. Har’as Wayyaaneen TPLF tooftaa amaloota Habashoonni duraanii qabaniin gadi habu iyyuu ummanni Oromoo Oromiyaa keessa jiruu fi biyya alaa jiru marti cunqursaa daran saaree nurra jiru buqisuuf aangawuu namoota dhuunfaaf dantaa kennuun dhiisanii gara qabasoo xumura gabrummaatti fuulleffachuun biyya keenya Oromiyaa biyya nagaa fi tasgabbii akkasumas biyya qaroo fi mishoomaa gochuuf qabsootti akka jabaattaniif Qeerroon bilisummaa Waamicha isaa dabarsa.

Yeroo muummichi Ministeraa Ethiopia aangawu kanatti ummanni Oromoo  har’as ajjeefamuu, hidhamuu, kolaafamuu, yakka dhala namaaf hinmalle namarratti raawwachuun cimee itti fufee jira. Kumaatama hedduun manneen hidhaa baadiyyaa irraa hamma magaalota gurguddaa keessatti hiraarfamaa jiru yakkooti gurguddaa dargaggoota Oromoo irratti raawwataa jiru wayiita jabaatee jiru kanatti, hidhaan uummata Oromoo irratti bifa addaan diriiree wayiita jiru kanatti Qabsoon Oromoo akka boodatti hindeebinee fi qaanqeen warraaqsaa eegale amma galii isaan gahutti qabsoon keenya akka itti fufu bifa hundaan qabsaawuuf hogganni Qeerroo Bilisummaa Oromoos murannoo isaa ni jabeessa.

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Bitootessa 29,2018

Finfinnee Oromiyaa

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s