Ergamtoota Wayyaanee maqaa kumaandi postiitiin uummata iraarsuuf gara G/Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaa deeman uummanni fudhatama dhowwachuun dhaga’ame.

 [SQ, Bitootessa 26,2018] Humni kumaan poostii aanicha buufatee aanicha dabalatee kanneen akka Limmuu Haroo Eebantuu Kiiramu qawween bulchuuf buufate bakki buufatasaa sirrii miti waraanni magaalaa keessa buufachuu hin danda’u kanaaf gara baadiyyaatti hiiqanii haa qubatan jechuun dhoksaadhaan bulchiinsa magaalaa erga beeksisanii booda akkas jechuun ergaasaanii ddhaammatan. Humni kun durumaanuu nun barbaachisu garuu mootummaan abbaa irree erga qawweetiin nudirqisiisii nutti erge magaalaa keessa uummata walii jiraachuu hin jedhan.itti fufuunis jarri poolisii kora bittinneessaa oromiyaa waliin mooraa tokko keessa galuun isaanii daran nu harsee jechuun jibba wayyaaneerraa qaban ibsan. Kanatti ansuunis kallattii uummanni keenya jedheen yeroo gababaatti dafanii mooraa poolisii Oromiyaa kana lakkisanii gara qarqaraatti ba’u baanneen nuti uummanni aanaa Giddaa mormii keenya dhageessisuuf qeerroo waliin qophii xummurreerra jechuun yaada isaanii ibsatan

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s