Barsiisaa Qanaasaa Raggaasaa Laanshaahuu Qaamaarratti Yaalaa Dhabuun Lubbuusaaniif Yaaddesse!

Image may contain: 1 person, hat, beard and close-up[SQ, bitootessa 26,2018] Barsiisaa Qanaasaa Barnoota hawwaasaa Mana lbarumsaa sadarkaa 1ffaa sibuu Sireetti barsiisaa turan. Hayyuu qaroon hawwaasaa kun, Badii tokko malee bara 2008 magaalaa Godina Wallagga Bahaa aanaa Sibuu siree jalatti argamtu keessaa butamanii ukkaanfamuun waggoottan hanga kana reebichaaf dararaa Maakalaawwitti irra gahaa tureen Miillisaanii bitaan laanshaahuun dararaa hadhooftuu sa’atii kana mana hidhaa Qilinxoo keessatti argaa jiru.

Reebicha maakalaawwiin kan laanshaahuun miilaa mudateen, baatamanii mana fincaanii dhaqaa kan jitaniif haallisaanii ammaammoo yaalaas dhabuun gara lubbuun darbuu laata jedhamutti yaaddessaa dhufeera.

Qaroo hawwaasaa kana hanga ammaa qaamni gaafatu kan hinjirreef, namni isaaniin deggarullee kan hinjirre yoo ta’u,haqa uummata Oromoo dubbachuu qofaaf yakkoonni jallataan akkanaa kan irratti raawwataman sa’atii ammaa kanatti yaalaa akka barbaadan waayilloonni isaan faana hiraarfamaa jiran dhaammataniiru.

Haaluma kanaan uummanni Oromoo obbo Qanaasaa Raggaasaa gargaaruuf bakka jirtan maraa akka tattaaffii gootanii lubbuu qaroo kanaa baraartan jechuun dhaammataniiru.

Fayyaa utuu qabuu, hojjetee buluus utuu danda’uu haqa uummataaf dararamuun hedduu nama gaddisiisa


Ergamtoota wayyaanee maqaa kumaandi postiitiin uummata iraarsuuf gara G/W/Bahaa aanaa giddaa ayyaanaa deeman uummanni fudhatama dhowwachuun dhaga’ame.

[SQ, bitootessa 26,2018] Humni kumaan poostii aanicha buufatee aanicha dabalatee kanneen akka Limmuu Haroo Eebantuu Kiiramu qawween bulchuuf buufate bakki buufatasaa sirrii miti waraanni magaalaa keessa buufachuu hin danda’u kanaaf gara baadiyyaatti hiiqanii haa qubatan jechuun dhoksaadhaan bulchiinsa magaalaa erga beeksisanii booda akkas jechuun ergaasaanii ddhaammatan.

Humni kun durumaanuu nun barbaachisu garuu mootummaan abbaa irree erga qawweetiin nudirqisiisii nutti erge magaalaa keessa uummata walii jiraachuu hin jedhan.itti fufuunis jarri poolisii kora bittinneessaa oromiyaa waliin mooraa tokko keessa galuun isaanii daran nu harsee jechuun jibba wayyaaneerraa qaban ibsan.

Kanatti ansuunis kallattii uummanni keenya jedheen yeroo gababaatti dafanii mooraa poolisii Oromiyaa kana lakkisanii gara qarqaraatti ba’u baanneen nuti uummanni aanaa Giddaa mormii keenya dhageessisuuf qeerroo waliin qophii xummurreerra jechuun yaada isaanii ibsatan

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s