SEENAA Y.G (2005) kutaa 1ffaa
Imalli Qabsoon Oromoo itti jiru waan Qoosaa miti. Lubbuu lammiilee keenya qaqqaalii itti wareegaa jirra. Kaayyoon nuuti deemnuuf, hegaree Ummata keenyaaf furmaata maayyii mirkaneessuufii. Luubbun Lammiilee keenyaa daldala shukkaaraa ykn Ashaboo miti. Uffata ganama uffatanii galgala baasaniis miti. Haqa Umama keenyaa deeffachuu barbaanna. Kanaaf wareegama lubbuu itti baasaa jirra. wareegama qabeenyaa fi jiruu fi jireenyaa itti gabbaraa jirra. Qabsoon keenya eessa ga’ee xumura akka godhatu eenyunillee hin gaafannu. Kan Qabsootti cichee qabee jiruu miti, dhalooti har’aayyuu hubatee lubbuu isaa dabarsee kennaa jirra. Qabsoon keenya maal akka fakkaatuu fi maal gochuu akka qabnuu,,warra xiinxala siyaasaa qilleensarraa oofaniin ka qajeeluus miti. Akkatti eegalame qaba.


