Dr Girmaa Amanteen dhalata naannoo Beenishaangul Gumuz, Godina Matakkal kan ta’an, akkuma lammiilee Oromoo naannichaa biroo barumsa isaanii sadarkaa lammaffaafi olaanaa xumuranii naannoo isaaniitti dhufuun hojii argachuuf yaalii godhanii ture. Caaseffama chaarteraa bara 1983 A.L.H irraa kaasee uummanni Oromoo naannichaa sababaa Oromummaa isaaniitiin qofa mirgoota namummaa heerri mootummaa kaa’ee caalaatti dhokamuu jalqabe. Dhalataan Oromoo barate Naannicharratti akka hojii hin arganne, Afaan isaatiin akka hin baranne, akka hin dubbannee fi dhiibbaadhuma kanarraan kan ka’e akka godaanu godhamaa ture. Yeroo kana egaa Dr Girmaan dhiibbaa ilmaan Oromoorratti ta’u kana baqachuun gara naannoo Oromiyaa Shawaa bahaa deemuun carraa Hojii argatani. Continue reading
Category Archives: Oduu/News
Luucca’uun fakkeessitoota ammaa waanuma eegamaa turedha!
Aside
Finfinnee Oromiyaa
Caamsaa 4,2018
Barruu kana keessatti abbaan qabsoo jabinnisaa maali? Gaararroonniif shinfilloonni amala akkamii agarsiisaa turan? Gaararummaan siyyaasaa gosa meeqatu jira? Shinfillummsa siyyaasaaf gaararrummaa siyyaasaa maaliin adda ta’u, maalinimmoo wal fakkaatu? Fedhiin gaararroota kunneenii maali? Uummata Oromoof akeeka akkamii qabu? Kan jedhu budduksee isin obaasuun fedha. Habbuqqadhaa dhugaan affeerraakooti!
Qabsoon Oromoo eessatti jabaatee, eessattimmoo laafe? Kan jedhu kaasuun dursinee waa’ee gaararrootaa haa ilaallu. Continue reading
Labooba warraaqsaa
Aside
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Caamsaa 3, 2018
Hordoftoota agartuu Qeerroo torbanii, haala torban kana mata duree labooba Warraaqsaa jedhun isiniif qabannee dhiyaannerra. Hanga dhumaatti nu faana bu’aa dubbisaan dhaamsa keenya.
Biyyoota garbummaa jala turaniif jiran hedduun, gochaawwaan sanyii balleessuu yeroo gara yerootti garboonfataan irra gahaa tureera. Sanyi balleessuun addunyaa kanarraa saba tokko dhaba godhanii saba biraa (kan ofiisaanii) garboonfattoonni bakka buusuuf yeroo hedduu tattaaffii taasisu. Continue reading
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Caamsaa 4,2018
Aside
SBO Caamsaa 6, 2018. Oduu fi Haala Yeroo irratti Gaaffii fi Deebii Miseensa Shanee Gumii GS-ABO fi Dubbi Himaa A BO kan ta’an Jaal Toleeraa Adabaa Waliin taasifame Kutaa2ffaa.
Aside
SBO Caamsaa 4, 2018. Oduu fi Haala Yeroo irratti Gaaffii fi Deebii Miseensa Shanee Gumii GS-ABO akkasumas Dubbi Himaa ABO kan ta’an Jaal Toleeraa Adabaa Waliin taasifame Kutaa jalqabaa.
Aside
SBO: Caamsaa 2 bara 2018. Oduu, Qophii Haala Yeroo Irratti Fuulleffatee fi Sirna Kabajaa Guyyaa Gootota Oromoo: biyya Afrikaa Kibbaa magaalaa Johaanisbargitti Gaggeeffame Irratti Gabaasa Qindaa’e Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.
Aside
OROMUMMAA FI DARGAGGOOTA OROMOO
Aside
Professor Asafa Jaalataa (Yuniveersitii Tenessii irraa)

Waa hunda dura Waldaan Dargaggoota Oromiyaa Mineesotaa (the Oromia Youth Association of Minnesota) har’a asiitti na afeeruu isaaf baayyeen galatoomfadhaa. Dargaggooti Oromoo kan Oromummaa qaban abdii egeree Oromiyaa ti. Har’a dargaggooti akka keesanii, kan Oromummaan dhaabatan, Oromiyaa mara keesatti ficila diddaa gabrummaa fi sochii bilisummaa finiinisaa jiru. Barattooti Oromoo Oromiyaa keesaatti bara 2000 lama irraa qabanii haraka quulaa, diina qawwee hidhate dura dhaabbataanii mirga ummata Oromoo falmaa jiru. Keessumaa immoo yeroo ammaa nyaphaa fi Oromoota galtuu ta’an Goobanoota aara galfii dhowwachaa jiru. Baraa 2005 irraa kasaani dhaadannoo “Gadaan gadaa bilisummaa ti” jeedhu qabatanii waldhaanssoo finiinsaa jiru. Barattooti Oromoo fi sab-boontoti biraan reebamaa, hidhamaa, ajeefamaa wareegama kafalauun dhiga isaaniin seena Oromoo bareessaa akka jiran ifaa dha. Murnoota hawaasa Oromoo hafaniifis fakkeenya gaarii taa’aa jiru. Continue reading

