ONN: Qeerroo fi Jaarsoliin Biyyaa magaalaa Shaambuu Murtee Dabarfatan. Caamsaa 12, 2018.

Aside

Guyyaa harraa jechuun 12/5/2018 GHW magaalaa Shaambuutti sirni gabroomfataa Wayyaaneetiin qeerroo Olii Margaa ajjeefaamuun sirni hawwalchaa rawwatee jiracImage may contain: 1 person, standing, shoes and outdoorhuu martuu quba qaba.

Sirna hawwalchichaatii boodas qImage may contain: 2 people, people smiling, outdooreerroon oromoof jaarsoliin biyyaa marii icciitii godhaniin,

kanaa booda nuti ilmaan oromoo TPLF fi OPDO addaan baafnee kan laallu yoo ta’e, nuti ofgowwoomsuudha jechuudha jechuudhaan dhaamsa isaanii dabarfatanii jiru.

Itti fufuunis qeerroof uummanni magaalaa Shaambuu kanaa booda sirna kanaaf gara laafinas hin qabnu; hin dhageeffannus jedhaniiru.
Gumaa qeerroo keenyaa baasuufis guyyaa, halkan, haalaafi bakka jirru kamittiyyuu baasuuf qophii ximmurrera jechuun yaada isaanii kan xiiqii ofkeessaa qabu waliif dhaamanii jiru.
Haaluma kanaan qeerroonis akkana jechuun waadaa waliif galeera.

“Nuti qabsaawwaa keenya Olii hawwaallee kan galleef, gallee ciisuuf miti. Qaamni dhiiga keenya dhangalaases ta’e kan dhangalaasise dhiigasaa ni dhangalaafna. OPDOn qaama Oromoo bakka bu’u miti.
Nuti amma ABOn biyya kana keessatti dhaabbatee sabasaaf gumaa baasutti cichoominaan nii qabsoofna.”
Jechuun waan gochuu qaban waliin dubbachuun maree icciitii isaanii xummuraniiru.

Continue reading

Dursaan ADWUI Jijjiiramus Imaammatni Diinummaa Addichi Saba Oromoo Irratti Qabu Hin Jijjiiramne.

Aside

(Ijoo Dubbii ABO – Caamsaa 09, 2018) 

(SBO/VOL – Caamsaa 09,2018) Dursaan ADWUI jijjiiramus imaammatni diinummaa Addichi Saba Oromoo irratti qabu hanga hin jijjiiraminitti Ummatni Oromoo Mootummaa akka Sabaatti isa diinomsate of irraa buqqisee Bilisummaa isaa gonfachuudhaan Mootummaa isaaf tahu ijaarrachuuf Qabsoo Bilisummaa itti jiru daran finiinsuun daandii filmaata biraa hin qabne tahuu Addi Bilisummaa Oromoo gadi jabeessee hubachiisa.

Dhiheenya kana Kibba Oromiyaa Godina Booranaa Naannoo Moyaaleetti duulli waraanaa (lolli) Mootummaa Itoophiyaatiin qindeeffame Ummata Oromoo naannoo sanaa irratti geggeeffamaa jira. Lola kanaan hanga ammaatti lubbuun namoota 8 olii akka badee fi namootni 50 caalan madaawuu jiraattotni naannichaa Caamsaa 07, 2018 Raadiyoo Sagalee Ameriikaa (VOA)f ibsanii jiran. Continue reading

Sabboontota Oromoo Amma Illee Qilinxoo Keessatti Dararamaa Jiran

Aside

Ilmaan Oromoo kun ammayyuu Qilinxoo jiru. Iyyamuufii qaba. Kana qofaa miti hedduu maqaan hin waamamne gara hin qaban.Kanneen maqaan hin dhahamiin hafan nuuf eeraa?!
___
1. Urgeessaa Daammanaa.
2. Qajeelaa Galaanaa.
3. Habtaamuu Acaaluu.
4. Tokkummaa Mul’isaa.
5. Abbabaa Urgeessaa.
6. Dagaagaa Biraanuu.
7. Tufaa Malkaa.
8. Abbush Fiqiree.
9. Dagaagaa Malkaa.
10. Mulunaa Balaxaa Continue reading