(Ijoo Dubbii ABO – Caamsaa 09, 2018)
(SBO/VOL – Caamsaa 09,2018) Dursaan ADWUI jijjiiramus imaammatni diinummaa Addichi Saba Oromoo irratti qabu hanga hin jijjiiraminitti Ummatni Oromoo Mootummaa akka Sabaatti isa diinomsate of irraa buqqisee Bilisummaa isaa gonfachuudhaan Mootummaa isaaf tahu ijaarrachuuf Qabsoo Bilisummaa itti jiru daran finiinsuun daandii filmaata biraa hin qabne tahuu Addi Bilisummaa Oromoo gadi jabeessee hubachiisa.
Dhiheenya kana Kibba Oromiyaa Godina Booranaa Naannoo Moyaaleetti duulli waraanaa (lolli) Mootummaa Itoophiyaatiin qindeeffame Ummata Oromoo naannoo sanaa irratti geggeeffamaa jira. Lola kanaan hanga ammaatti lubbuun namoota 8 olii akka badee fi namootni 50 caalan madaawuu jiraattotni naannichaa Caamsaa 07, 2018 Raadiyoo Sagalee Ameriikaa (VOA)f ibsanii jiran.
Lolli kun haaraa amma eegale osoo hin taane, itti fufa lola Mootummaan Itoophiyaa Humna Addaa maqaa Liyyuu Poolis jedhuun dhalattoota Bulchiinsa Naannoo Somaalee Itoophiyaa keessaa leenjisee hidhachiisuudhaan Ummata Oromoo Baha, Kibba-Bahaa fi Kibba Oromiyaa qubatu irratti yeroo dheeraaaf geggeessaa turee ti.
Waa’ee lola humna kanaan Ummata Oromoo irratti geggeeffamuu Addi Bilisummaa Oromoo yeroo adda addaatti ibsaa kan ture tahus waluma yaadachiisuuf: Humni kun namoota lammiilee Somaalee Itoophiyaa keessaa qaadhimamanii loltummaaf leenjifaman irraa kan ijaaramee dha. Humna kana leenjisuu, hidhachiisuu, dhiheessii fi tajaajila barbaachisu hunda guutuufiidhaan Oromiyaa irratti bobbaasee kan lolchiisu sadarkaa oliitti Generaalota Mootummaa Itoophiyaa kan dhalootaan Tigiraay irraa tahan oggaa tahu, isaanitti aanee ammoo Aangawoota Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Somaalee Itoophiyaa kan nama Abdi Iley jedhamuun durafamanii dha.
Akeekni lolichaa guddaan tokko (kan Generaalotni TPLF/EPRDF irratti bobbaafamanii geggeessaniif) Qabsoo Bilisummaa Ummatni Oromoo barootaaf geggeessaa jiru kan fuula Bahaa, Kibbaa fi Kibba-Bahaa Oromiyaa irraan isaan yaaddessu ittiin of irraa laaffisuu fi saamicha dinagdee akka barbaadanitti ittiin geggeeffachuu dha. Akeeka kana galmaan gahachuuf akka meeshaa yookaan carraa gaariitti kan itti gargaaraman ammoo akeekaa fi abjuu dullacha kan babal’ifannoo lafaa namootni akka Abdi Iley fi fakkaattotni isaa qabanii dha.
Lola Saba Oromoo irratti geggeeffamu kana dhaabsisuuf kan silaa gaafatama seeraa fi humnas itti qabu Mootummaan Itoophiyaa ofiifuu kallattiidhaan Generaalota waraana isaa itti ramadee ol’aantummaadhaan qindeessaa waan jiruuf, Ummatni keenya waan danda’een of irraa ittisuudhaan alatti filmaata biraa qabaachuus tahe qaama itti himatu argachuu hin dandeenye.
Ummatni keenya hanguma danda’e akka of hin ittisneefis Mootummaan Itoophiyaa bakka danda’e hundatti Waraana Dhaabbataa isaa itti bobbaasee Ummata keenya hidhannoo hiikkachiisuudhaan miidhaan Ummata keenya irra gahu daran akka hammaatu taasisaa ture, ittis jira. Akka kanaan lola gidduu kana naannoo Moyaaleetti Ummata keenya irratti geggeeffamee miidhaa olitti ibsame sana geessiseen booda, Mootummaan Itoophiyaa ilmaan Oromoo lola kana Ummata isaanii irraa ittisaa turan hidhannoo hiikkachiisee jira.
Tarkaanfiin hammeenyaa gaddisiisaa fi qaanfachiisaan Mootummaan Itoophiyaa Ummata nin bulcha jedhu (Saba Oromoo) irratti fudhachaa turee fi jiru kun Kaayyooo fi Imaammata diinummaa EPRDF (Paartiin Itoophiyaa Bulchaa jiru) Oromoo irratti qabu bareechee kan mul’isuu dha.
Gama biraatiin Dhaabbatni MIDROC jedhamu Oromiyaa Godina Gujii bakka Laga Dambii jedhamutti kan argamu hojii Warqee lafa keessaa oomishuutiif keemikaaliin inni itti gargaaramu fayyaa dhala namaatiif balaa guddaa kan qabuu fi miidhaa gurguddaas Ummata naannichatti argamu irraan geessisaa kan ture tahuun beekamaa dha. Dhugaan kun miidiyaalee Addunyaa gurguddoo akka BBC irratti osoo hin hafin ragaa qabatamaa wajjin gabaafamaa kan turee dha.
Ummatni naannichaa miidhaa gurguddaa fayyaa isaa irra gahaa jiru kana mormuudhaan akka miidhaan kun irraa dhaabbatuuf yeroo dheeraaf bifa adda addaatiin gaaffii isaa Mootummaa Itoophiyaatti dhiheeffachaa ture. Haa tahu malee Mootummaan Itoophiyaa gaaffii Ummata kanaa dhaggeeffachuu diduudhaan dhiheenya kana Dhaabbata MIDROC jedhamu kanaaf hayyama hojii Waggoota 10 itti aananiif haaromse. Tarkaanfiin Mootummaan Itoophiyaa dhimma kana irratti fudhate kun diinummaa guddaa inni Ummata keenyaaf qabu ammas irra deebi’ee mirkaneesse. Tarkaanfii Mootummaa Itoophiyaa kan jireenya Ummatichaa balaa guddaaf saaxilu kana mormuudhaaf Ummata karaa nagaatiin hiriira bahee sagalee isaa dhageessifachaa ture irratti dhukaasuudhaanis guyyaa kaleessaa (Caamsaa 08, 2018) loltootni Mootummaa Itoophiyaa jiraattota naannichaa keessaa namoota nagaa 3 ajjeesan.
Walumaagala kan Godina Booranaa naannoo Moyaalee fi Godina Gujii naannoo Laga Dambii kana dabalatee Oromiyaa guutuu keessatti Ummata Oromoo qe’ee isaa irratti mirga ofii kabajsiifachuuf bifa fedheenuu socho’u irratti tarkaanfiin diinummaa (hidhaa, ajjeechaa, saamicha, summii fayyaa isaa miidhuun faaluu, hidhannoo hiikkachiisuu….kkf) Mootummaa Itoophiyaatiin fudhatamu akkuma jabaatee itti fufetti jira.
Kun kan nuuf mirkaneessu akkuma Addi Bilisummaa Oromoo yeroo adda addaatti irra deddeebi’ee Ummata hubachiisaa ture tarkaanfiin EPRDF maqaa “Haaromsa gadi fagoo” jedhuun of keessatti fudhachaa ture sirnuma Mootummaa Wayyaanee kan waggoota 27 dabraniif yakka daangaa hin qabne Ummatoota irratti raaw’achaa yoona gahe haaromsuudhaan umrii aangoo isaa dheeressuuf malee Ummata Oromoofis tahe rakkoo waliigalaa Itoophiyaa harkaa qabuuf furmaata argamsiisuu kan hin dandeenye tahuu isaa ti.
Hundaa olitti ammoo maqaadhaaf nama dhalootaan Oromoo tahe (Dr. Abiy Ahmed) gara Muummee Ministeerummaa Itoophiyaatti fiduudhaan Oromoon Mootummicha keessatti hirmaannaa Aangoo kan argate fakkeessanii hojiidhaan imaammata diinummaa Saba Oromoo irratti qaban jabeessanii itti fufaa kan jiran tahuu Ummatni keenyaa sirriitti hubachuun akkaan barbaachisaa dha.
Dursaan ADWUI jijjiiramus imaammatni diinummaa Addichi Saba Oromoo irratti qabu hanga hin jijjiiraminitti Ummatni Oromoo Mootummaa akka Sabaatti isa diinomsate of irraa buqqisee Bilisummaa isaa gonfachuudhaan Mootummaa isaaf tahu ijaarrachuuf Qabsoo Bilisummaa itti jiru daran finiinsuun daandii filmaata biraa hin qabne tahuu Addi Bilisummaa Oromoo gadi jabeessee hubachiisa.