SQ:- Injifannoo WBO

Aside

Gootichii WBO Godina Gujii Bahaa keessa socho’u guyyaa kaleessa Waxabajjii 21, 2018 humna waraana diinaa gara iddoo qubsuma ishee Ona Gooroo Doolaa, bakka qubsuma ishee magaalaa Jiddoolatti adeemaa jirtu irratti tarkaanfii laalessaa fudhatee loltootni diinaa namni kudhanii lama (12) yammuu ajjeefaman, madoon gara nama kudhanii ol ta’uu ummatni naannichaa nuuf dhaamanii jiru. Humni diinaa yeroo tarkaanfiin kun irratti fudhatametti konkolaataa lama wal duraaf duubaan adeemaa kan turan yammuu ta’u haxxee hidhuudhaan haleellaan laalessaan irratti fudhatamuun konkolaataan fuula dura adeemu erga nagaadhaan dabarfamee booda konkolaataa boodarraan deemaa ture irratti xiyyeeffatuun gaaga’ama ol aanaa irraan gahamee akka jiru gabaafamee jira.
Waraanni Wayyaanee Goninoota Gujii Bahaa fi Dhihaa keessa qubatee jiru ummata Oromoo nagaa yakka tokko malee ajjeessuun goolessaa akka jiru deddeedi’amee gabaafamaa turuun ni yaadatama.
Muummichi Minesteeraa Wayyaanee Dr. Abiyyi Ahmad dheengadda paarlaamaa Wayyaanee irratti yammuu dubbatu “Waraanni Kan faashinni isaa itti darbe dha; kottaa karaa nagaa qabsaa’aa” jechuudhaan jaarmaalee akka Adda Bilisummaa Oromoo, Adda Bilisummaa Biyyoolessa Ogaaden fi Ginbot-7 akka biyyatti galanii qabsaa’an waamicha taasisuun kan yaadatamu yammuu ta’u, yeroo amma kanatti waraanni Wayyaanee ammoo Oromiyaa keessatti bobba’ee ummata Oromoo Gujii, Booranaa, Harargee fi Wallaggaa goolessuutti bobba’ee akka argamu gabaafamaa jira.

Baha Oromiyaa magaalaa Harariif naannawaa isaatti FXG jabaatee itti fufee

Aside

Baha Oromiyaa magaalaa Harariif naannawaa isaatti kan argamu Uummanni Oromoo dararama ulfaataa keessa jiraachuu fi FXG Jimaata darbe dhoofamuuf sababoota kanneen ta’an Qeerron gabaase.

[SQ, Waxabajji 20, 2018] Naannoon Hararii akkuma beekamu erga TPLF aangoo biyyattii dhuunfattee, ummata heddiminni isaanii kuma tokko (1000) hincaalle ummata Arabaa Turkiif mootummaan naannoo kenname.
Naannoon Hararii magaalaa Harar fi baadiyyaa naannawa ishee jiru, yoo xiqqaate kallattii hundaan kiilomertira kudha shan (15km) of jalatti qabatee lafuma Oromoon irra jiraatu gita bittaa warra Araba Turkii yeroo dhiyoo dhufeef kenname.
Ummanni Hararii/Adaree/ArabTurkii kun mooraa Jogel qofa keessa jiraatu.
Mooraa san keessattis dhibbentaan shantamni 50% Oromoo fi saboota birooti.
Ummata kanaaf jecha MOOTUMMAA NAANNOO jedhanii erga bulchiinsa OROMIYAA jalaa baasanii, magaalittii kaambiiwwan humna waraanaa TPLF godhan.
MISRAAQ IIZ dabalatee magaalittii keessa mooraa buufata waraanaa (Hammarreessa, Humna Ibsaa, Aboker, Betemengistii fi MisraaqIiz) tu jira.
Dabalataan LiyyuuPoolisii Naannoo Harariitu hidhannoo jajjabaan naannittii weeraree akka fedha JENERAALOTA wayyaaneetti bulfata.

Waggoota 28 ummata Oromoo magaalaa Harar keessaa dhiibanii baasanii baadiyyaatti erga galchanii waggoota dhiyoo as immoo ummata Oromoo baadiyyaa naannawaa magaalittiitti darban.
Manneen ummanni keenya keessa jiraatuu fi daldala keessatti geggeeffatu hunda “mana seeraan alaa fi maqaa misooma magaalaatiin” diiganii ummata ArabTurkii/Adareef ykn ammoo JENETAALOTA tigreef gamoo irratti ijaaru.
Haaluma kanaan ummata Oromoo magaalittii keessaa dhiibanii baasanii baadiyyaatti galchan.
Dubartootni keenya karaarra taayanii jimaa fi saambusaa gurgarachuu hindandeenye.
Qawweef dullaadhaan dhawanii achii kaasu.
Ajjeechaa fi hidhaadhaan taphaan ala godhan. Achirra darbanii bulchiinsa baadiyyaa fi kutaalee magaalaa moggaa jiranitti weeraraafii saamicha cimsan.

Baruma kana kutaa magaalaa Dakkar fi naannoo SOOFIItti mana seeraan ala ijaartan jechuun manneen Ummanni keenya keessa jiraatu diiganii “ummata diyaaspooraaf mana ijaarra” jechuun gamoowwanii fi manneen adda addaa afaan qawweetiin bira dhaabbatanii eeguudhaan ijaaraa turan.
ARAATTANYAAttis mana ummanni keenya daabboo itti bilcheessee gurguru “abbootiin qabeenyaa irratti haa misoomsan” jechuun diiganii lafuma Oromoo irratti mana daabboo jeneraalota wayyaanee banan.
San bira darbanii bulchiinsa baadiyyaa araddaa GALMASHIIR jalatti kan argamtu qarqara magaalaa Harar irraa ooyiruu Qote bulaa OROMOO humna waraanaa tplf fi humna liyyuu poolisii naannoo Harariitiin saamanii lafa hektaara hedduu irratti qawweedhaan waardiyyaa dhaabbatanii eeguudhaan dallaa qorqoorroo itti naannessaa turan. Naannawuma kana bakka addaa HAAKIM jedhamutti lafa QOTEBULAA keenyaa saamuun HAKIM_LODGE_AND_TOURIST kan jedhamu HOTEELA ABBAA URJII SHANII kan abbummaan isaa hin beekamneef ijaaran.
Hoteela kana irra caalaatti Tuuristoota alaa fi jeneraalota TPLF , akkasumas kaabinoota jajjabootu fayyadama.
Gatiin seensaa qofti Qarshii 500 dha.
…….
Haalota cunqursaa fi saamicha addaa kana falmachaa kan ture QEERROOn BILISUMMAA OROMOO
naannawaa sanii
JIMAATA_WAXABAJJI_08_2018
Ganama obboroodhaan QOTEBULAA naannawaa saniitti dammaqfachuun, hiriira mormii gaggeesse. Qaamni hinbeekamnes HAKIM_LODGE_and_TOURIST dabalatee manneenii fi dhaabbilee gabroomfattootaa guggubuun hojiin ala godhaniiru.
Mana pirezidaantii naannoo Hararii kan MURAADIS gubaniiru.
Uummanni naannichaa Lafa Qotee Bulaarratti kan ijaarame dallaa araddaa GALMASHIIR fi kan ARAATTANYAA hundas cicciranii diiganii caccabaa isaatiin karaa cufanii oolaniiru.
Waraanni TPLF fi LIYYUUPOILISIIn naannoo HARARII QEERROO BILUSUMMAA fi QOTEBULAA mirga isaaf falmatu dhukaasa banuun namoota 12 irratti miidhaa gurgudaa geessisteetti.
Kanneen keessaa namootni hedduun
-HOSPITAALA_DIRRE_DHAWAA,
-HIWOOT_FAANAA-HARAR fi
-XUQUR_AMBASSAA-FINFINNEETTI waldhaanamaa jiru.
Namootni hedduunis hidhamanii jiru.
Godinni HARARGEE_BAHAA magaalaa HARAR keessaa akka IMBAASIItti waajjiraalee qofa qaba.
Saboonni SEEM bashannanii mirga guutuudhaan keessa jiraatu.
Ummanni Oromoo manni irraa diigamee hiyyoommatee/miskiinomee karaarra buluufillee mirga dhabee jira.
Ummata karaarra buluu fi maraataa hunda qabanii hidhaatti guuraa oolu.
Qabsoon hanga mirga ABBAA BIYYUMMAA mirkaneeffannutti itti fufa.
I.U.O’f.
GGB ti.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo Baha Oromiyaa irraa.

ABOn humna jajjabee Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) Leenjisee Eebbisiise

Aside

ABOn humni jajjabee mooraa Leenjii Waraana Bilisummaa Oromoo(WBO) keessatti leenjise Waxabajji 18, 2018 mooraa Leenjii Waraana Bilisummaa Oromoo keessatti eebbisiise.

Humni jajjabee (Koomaandoon) ABOn eebbisiise kun qaama WBO Oromiyaa qarriffaa diinaa jalaa baasuuf qopheeffamee dha.

Eebbifamtootni kunis bakka qondaalonni ABO olaanoon argamanitti, gahumsa waraana jajjabee fudhatan agarsiisaniiru.

Humni kun qaama waraanaan Oromoo egeree biyyattii keessatti irree uummata isaanii ta’uun garboonfataafi saamtota sirreessuuf leenji’an ta’uu ABO’n beeksiseera.

Addi Bilisummaa Oromoo biyyasaa Oromiyaa waraanaan cabde, bilisoonsee ijaaruuf sochii walirraa hin cinne waggoottaan dheeraaf itti fufee jiraachuun beekamaa dha.

 

No automatic alt text available.

SAGALEE QEERROO – Waxabajjii 21, 2018

Aside

SQ, Bonayyaa Boshee, Waxabajjii 20 2018

Aside

20,2018-Bonayyaa Boshee
============
Qeerroon Bilisummaa Oromoo wallagga Bahaa aanaa Bonayyaa Boshee uummata naannichaaf soba OPDO saaxiluun beeksisa maxxanseef

 

Oromia news network – ONN, Waxabajjii 20, 2018

Aside

Qophii Addaa- Haala Yaroo Irrattii Gaaffif deebi Dubbii Himaa ABO Jaal Toleeraa Adabaa Waliin Taasifame Waxabajjii 20 2018

Kora Abbootii Gadaa Hangar Guutteetti Muudamni Abbootiin Gadaa waliif taasisaa jiran Sirnaa fi Nasmusa Gadaa kan hin hordofne ta’uun ibsame

Aside

Kora Abbootii Gadaa Hangar irratti ta’amaa jiru Ijaaruu Irratti muudama Wallagga Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa Hangar Guuteetti abbootiin Gadaa waliif gochaa jiran kan haqaa miti

[SQ, Waxabajji 20, 2018] Eegalaa kora Abbootii Gadaa Maccaa Hangar Guuteetti geeffamaa jiru irraa qabee hanga ammaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo hordofaa ture.
Korri kuniis koree Abbootii Gadaa ijaaruuf kan qophaa’e ta’u afaaniin kan dubbatamuu ta’us ademsichi garuu walxaxaafi uummata kan mufachiise ta’ee argameera.

Kora kana irratti kan argaman Abbaa Gadaa kan godiinaalee Wallaggaa arfan irrati muudaman obbo Dassaalee Fayiisaa turan.
Obbo Dassaalee Fayisaan kan dhalatanii guddatan achuma Aanaa Giddaa Ayyaanaa Ganda Soob jedhamutti yoo ta’u. Ofii isaaniillee yeroo mootummaa Dargiidhaa eegalanii hojiiwwan babbadoofi haga arraallee uummata aanaa Eebantuufi Giddaa keessaa yoomuu baduu kan hin dandeenye hojjetaaniiru ittis jiru.

Obbo Dassaaleen. Sirnuma wayyaanee kana keessattillee bulchiinsa gandaa ta’uun Afeyaa’ii gandaafi bakka bu’aa uummataa ta’ee basaasummaan muudamuun hojjetaa tureera.

Obbo Dassaaleen bakka dhaloota isaattis ta’e; bakka hojii kamiifuu deemutti fedhii uummataa giddu galeessa godhatee utuu hin taane, Akkaataa siyaasa mootummaa ittin tiksan qoffaarratti xiyyeeffachuun hojjeta.

Akka fakkeenyaatti: baruma kana keessa Aanota irratti Abbooti Gadaa filla jechuun.aanoota hedduu keessa deemee; hoggantoota siyaasaa OPDO qofa sirna Gadaa keessatti filuufi kakuu akkaataa sirna Gadaatiin faallaa ta’e Foolleef Abootii Gadaa kakachiisu irratti waan safuu hawwaasaa keessa hinjirre raawwateera.

Kakuuwwan:
-Yoon mootummaa gane dhaaloonni na haganu jedhaa.
-Yoon kaayyoo mootummaa dhiibee uumaan naadhiibu jedhaa fi kkkf jechuutiin muudamsa irratti kakuu galchee, foolleefi uummata irraa mormii gurguddaa isa mudachaafi Foollee jedhamanii kan muudaman illee mudamichaa dhiisee ba’aa turee jira.

Haaluma kanaan ammallee itti fufsiisuun kora Abbootii Gadaa Maccaa Hangar irratti taa’aama jiru irratti; Foollee abbbootii Gadaa achi jiraniif uummata galmicha keessatti argamu irraa mormiin utuu irratti dhiyaatuu ergama waajjira dhaabaa Godinaarraa fudhatee dhufeen; koree Abbootii Gadaa jechuun hoggantoota siyaasaa OPDOfi namoota ergamtoota TPLF waliin walta’anii magaalaa keessatti shira xaxaa turaniifi ammallee xaxaa jiraniif muudama dhuunfaasaatiin kenneefi jira.

Namoonni filaman kunooti.

1 Darajjee namni jedhamu kan Hogganaa waajjiraa dhaabaa OPDO tti ijaarsa siyaasa baadiyyaa.

2. Araarsoo namni jedhamu kan OPDO keessatti gaafatamaa waajjira galii magaalichaa ta’ee hojjetu.

3.Abbabee kan jedhamu Kaabinee Gandaa

4. Wayyeessaa namni jedhamu Hogganaa miseensa dhaabaa.

5. Jirraa kan jedhamu Waardiyyaa waajjira Bishaanifi tika siyaasa Wayyaanee ta’ee tajaajilaa kan tureef jiru Fedhii uummataa, Qeerroo fi Foollee tokko malee ajaja waajjira dhaabaa OPDO godinaatiin muudee jira.
Abbaan Gadaa Dassaalee Fayisaan namoota kana shanan koree Abbootii Gadaa Maccaa gochuun muudaniiru.

Akkuma sirna Gadaa keessattuu nama harka ququlluu kan arrabaanillee nama madeessee hinbeekneef naamusa qabutu filatamee sirna gadaan uummata gaggeessa, obbo Dassaaleen sirna gadaa fakkeessuun Wayyaanee jajjabeessanii jiraachuu Qeerroon Bilisummaa kan hadheeffatee jiru, qaamonni harka dhiigaa uummataaf gumaa ta’an kun uummata bakka bu’uu akka hindandeenye Qerrroo Bilisummaa onichaa Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoof gabaasee jira.

Yeroon ammaa nuuf Warqee, nama dhuunfaa deeggaruufis mormuufis Yeroo hin qabnu!!

Aside

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Qabsoon Oromoo ifaajjiifii dhamaatii danuu booda sadarkaa har’aarra ga’eera. Qeerroon kaayyoo fi mul’ata abbaasaatti ciccee falmiirra jira. Saba walaba ta’ee dhalatee, walabummaansa irraa mulqameef qabsa’a. Aarsaa hedduus baaseera baasaas jira.

Qeerroo Bilisummaa Oromoo kobbortaa garbummaa sabasaarra ciruuf ifaaja. Nuffii fi sodaa tokko malee qabsoo hadhoofturra jira. Firaaf diina qabsoos bareechee Beeka.

Haala yeroo ammaa ilaalchisee, Yeroo nuti keessa jirruu nuuf Warqeedha. Nama dhuunfaa mormuufis ta’ee deggeruuf yeroo hin qabnu. Firii dhadhabbii keenya kaleessaa arguuf carraaqudha malee. Daandii eegalees qoree sakatta’aa deemu qabnas. Yeroon kun yeroo kam caalayyuu bilchina nu barbaachisa. Kanaaf ammoo Firriis diinnis miidhegsee beeka. Haqa haqaaqame deebisuuf daandii dheeraatu nu hafe.

Haala amma addunyaan illee qabsoo keenya deggaruuf nu cina dhaabbataa jirutti, qaamota yakkamoo hidhaa fi seeratti dhiyaachuu baraaramuuf afaanfajjiif “hiriiraan bahaa nu deggaraa!” jedhan deggaruun kan qisaasama yeroo cinatti harkifannaa Bilisummaaf qabsoo keenya ija addunyaa cinatti xiqqeessu ta’a jennee ilaalla; waan ta’eef Qeerroo Bilisummaa Oromoo gadjabeessee hiriira garboonfataa dhaadessuuf karoorfame ni morma.

Qaama yakkamaa yakka tokkoon alatti waggoota 28 guutuu nu ajjeesaa, nu kolaasaa sanyii nu kutaa, haamilee nu cabsaa, qaama nu hir’isaaf nu irratti daguuggaa shanyii raawwataa ture baanee dhaadessuuf si cina jirra jechuu nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo waan addunyaa kanarratti ta’ee hin beenne daba siyyaasaa Oromoo irratti deemuuf jiru kana ni mormina. Qaamota yakka ajjeechaaf gidiraa lafarraa nu buqqaasuu nu Oromoo irratti raawwataa turan deggaruun yakka seenaan nama gaafatu hojjechuu akka ta’ettis fudhanna.

Yakkamaa faana socho’uufis hojjechuufis Qeerroon akeeka uummatasaa Oromoo faalleessu kamiinuu kan hin hojjenne ta’uu gamanumaan dhaamna. Kanaaf gaaffiin Qeerroo Bilisummaa Oromoo addatti ammallee gaafatu wayiita babal’ataa jirutti qaamonni yakkamoon TPLF akkasuma ijaarsi isaaniin ijaaraman uummata keenya gowwoomsuuf akeeka dhokataan socho’aa jiran dura ni dhaabbanna.

Qeerroo Bilisummaa Oromoo rakkoo siyyaasaa biyyattii furuuf ibsa ABO’n irra deddeebiin Wayyaaneef qaamota dhimmichi ilalallatu bakka qaamni sadaffaa jirutti furuuf qophii ta’uu baase kan hojiirra oolfamu akka ta’u ni gaafata. Akkasuma gaaffiiwaan abbaa biyyummaa ABO dhaan hogganamee gaafataa turetti dabalee gaaffii Mootummaa Ce’umsaa gaafachuu, yakkamtoota manni seeraa biyyattii akka seeratti dhiyeessu gaafachuu, ajeechaa jumulaa nurratti raawwataa jiru akka nurraa dhaaban gaafachuu, qe’ee keenyarraa nu buqqaasuun nu dararuun akka dhaabbatuuf irra deddeebin ammoo kan jedhu qaamonni nurraan darara gahaa turan akka seeratti dhiyaataniif qaamota nagaa mana hiraarsaatti qaama hir’isaa turaniif akka beenyaan kaffalamu gaafachuu, Liyyuu Ayiliin mootummaan Wayyaaneen ijaaraman akka seeratti dhiyaatan gaafachuu itti fufna!

Waan ta’eef Qeerroon Bilisummaa Oromoo yeroon ammaa nuuf Warqeedha, nama dhuunfaa deggaruufis ta’ee mormuuf yeroo hinqabnu. Nuti sirna biyyattii keessatti Wayyaaneen direeree jiru akka diigamuuf kan nagaa biyyattii eegsisu akka bakka buufamu gaafanna. Yeroon nuti qabsoo Oromootti Xumura gochuuf hojjetaa jirru kanatti of ko’omsuun waan uummata keenya miidhu kamiin kan hin deggarreef kan irratti hin hirmaanne ta’uu hubachiisna. Hiriira halagaan waame kamirraayyuu qooda kan hin fudhanne rakkoo uummataa addunyaaf karaawwan hiriiraaf FXG addunyaaf beeksisuuf kan duubatti hin jenne ta’uu hubachiisa.

Injifannoon Uummata Oromoof
Gadaan Gadaa Xumura Garbummaati!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Waxabajji 20,2018
Finfinnee Oromiyaa

SBO: Waxabajjii 20bara 2018. Oduu, Gabaasa Gumaacha WBOf Taasifame ilaallatuu fi Marii Gaazexeessota Oromoo Waliin Taasifame -Kutaa 4ffaa.

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcasts, Waxabajjii 18, 2018

Aside