Ibsa Ejjannoo Walgahii Shanee Gumii Adda Bilisummaa Oromoo, Waxabajjii 09 – 19, 2018

Aside

Shaneen Gumii Adda Bilisummaa Oromoo walgahii dhaabbataa 2ffaa kan Kora Sabaa 4ffaa boodaa Waxabajjii 09 – 19, 2018 geggeeffatee milkii fi injifannoodhaan xumurate. Shaneen Gumii Walgahii isaa kanaan Gabaasa Waajjira Hayyu-Duree fi kan Dameelee dhaggeeffatee gilgaaluutti dabalee marii dhimmoota Imaammataa (Policy Consultation Conference) kan jal-bultii Walgahii Shanee Gumii kanatti Hayyoota Oromoo fi Hoogganoota ABO gidduutti geggeeffame irrattis mari’atee murtii barbaachisu dabarse. Itti aansuudhaanis haala Ummata Oromoo fi kan Qabsoo Bilisummaa Oromoo, haala yeroo ammaa kan sirna Impaayera Itoophiyaa, akkasumas, haala naannoo keenyaa fi kan idil-addunyaa irratti xiinxalaa fi marii bal’aa fi bilchaataa geggeessee ibsa ejjennoo armaan gadii baasuudhaan walgahii isaa goolabe.

Ummata Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromoo Ilaalchisee

Ummatni Oromoo Bilisummaa afaan qawweetiin sarbame deebisee gonfachuudhaan biyya isaa Oromiyaa irratti mirga Sabummaa isaa guutuutti kabajsiifatee jiraachuuf qabsoo Bilisummaa barootaaf geggeessaa ture, har’as geggeessaa jira. Qabsoo haqaa Bilisummaaf geggeessu kanaanis injifannoolee gurguddoo yeroo irraa gara yerootti galmeessaa jira. Waraanni Bilisummaa Oromoo, Qeerroon Bilisummaa Oromoo, miseensotnii fi deggertootni Adda Bilisummaa Oromoo kan biyya keessaa fi alaa, dabreetis Ummatni bal’aan Oromoo waliigalatti qabsoon hadhaawaan, wareegama lubbuu, hir’ina qaamaa, hidhaa baroota dheeraa fi…kkf itti baasaa murannoo fi cichoomina ol’aanaadhaan walitti fufiinsaan geggeessan diina raasee, hidhamtoota siyaasaa kumoota hedduutti lakkaawaman manneen hidhaa Itoophiyaa irraa akka gadi lakkifaman mootummaa EPRDF dirqisiisee jira. Haa tahu malee roorroon sirna Impaayera Itoophiyaatiin Ummata keenya irratti diriiree jiru, caasaan humna ittisaa, tikaa fi saamicha dinagdee har’as akkuma itti fufetti jira.

Kana hubachuudhaan Qabsoo Bilisummaa Oromoo sadarkaa har’a dhaqqabe irraa fuul-duratti furgaasuudhaan guyyaa Bilisummaa Ummata keenyaa dhiheessuuf jecha Sochii WBO fi Qeerroo daran jabeessuutti dabalee hojiin qabsoo kan fuula hundaa dacha dachaadhaan akka finiinu taasisuuf murannoo ol’aanaadhaan akka irratti hojjetamu Shaneen Gumii murteesse.

Mootummaa Itoophiyaa Ilaalchisee

Mootummaan EPRDF caasaa humna waraanaa fi tikaa dantaa ofiif ijaarratetti dabalee waahiloota isaa kan Bulchiinsa Mootummaa Naannoolee adda addaa keessaa hiriirfatetti dhimma bahuudhaan bara aangoo isaa hunda Ummatoota Impaayera Itoophiyaa hunda akka waliigalaatti, addatti ammoo Ummata Oromoo irratti miidhaa dorgomaa hin qabne raaw’achaa jiraate. Roorroon ulfaataan kun qabsoo hadhaawaa wareegama qaqqaalii gaafateen dura dhaabbatamee humni EPRDF dadhabsiifamaa fi jilbeenfachiifamaa dhufe.

Haala kana irraa muddama keessa kan gale paartiin Itoophiyaa bulchu EPRDF dhiheenya kana maqaa haaromsa jedhuun waan jijjiirama argamsiisaa jiru of fakkeessee abdii hin dhugoomne Ummatatti bulchuuf olola dogoggorsaa fi afanfaajjeeysaa bal’inaan oofaa jira. Kan Paartiin kun hojiidhaan lafa irratti gochaa jiru garuu hoogganootaa fi qondaalota isaa kan waggoota 27 dabraniif harki isaanii dhiiga Ummatootaan faalame garii isaanii badhaasaa fi faaruudhaan dirqama irraa boqochiisaa garii isaanii ammoo aangoo dabalataa muuduu fi barcuma aangoo irratti akka wal jijjiiran taasisuu dha.
Adeemsi akkanaa tarkaanfii gara jijjiiramaatti geessu osoo hin taane EPRDF umrii aangoo isaa dheereffachuudhaan miidhaa waggoota 27 dabraniif Ummatoota irraan gahaa ture ammas itti fufsiisuuf haala mijeeffachaa jiraachuu isaa qofa kan mul’isu tahuun hundaan hubatamuu qaba.

Rakkoon Siyaasaa Dinagdee fi Hawaasummaa kan waggoota 27 dabraniif Ummatoota Impaayera Itoophiyaa gidirsuutti jiru maddi isaa Kaayyoo fi Imaammata farra dimokiraasii fi farra Bilisummaa Ummatootaa kan paartiin EPRDF irratti bu’uureffame dha. Waan taheef hanga caasaan waraanaa, tikaa, dinagdee fi kan bulchiinsaa EPRDF akka isa qofaaf tolutti diriirfate sun qabsoo ummatootaan jijjiiramee Ummatootni Bilisummaadhaan mootummaa isaaniif tahu filatanii ittiin buluuf haalli dandeessisu uumamutti sirnaa fi caasaa mootummaa kanaa keessatti jijjiiramni Ummatoota fayyadu argamuu hin danda’u.
Kanaafuu Ummatni keenya qabsoo isaa kan jijjiirama bu’uuraa argamsiisuudhaaf hanga har’aatti wareegama qaalii itti baasee sadarkaa kanaan gahe cimsee itti fufuudhaan galmaan gahuuf jabaatee sossohuu qaba.

Ilmaan Oromoo Manneen Hidhaa Itoophiyaa Irraa Hiikaman Ilaalchisee

Wareegama Ummatni keenya akka waliigalaatti fi addatti ammoo, Qeerroon Bilisummaa Oromoo, miseensotni Adda Bilisummaa Oromoo, Dhaabotni saboota cunqurfamoo biroo walitti fufiinsaan baasaniin sab-boontotni ilmaan Oromoo maqaa ABO fi waliigala maqaa Qabsoo Bilisummaa Oromootiin baroota dheeraaf manneen hidhaa mootummaa EPRDF keessatti gidirfamaa turanii fi ilmaan saboota cunqurfamoo biroo kanneen kumoota hedduutti lakkaawaman dhiheenya kana manneen hidhaa gara garaa keessaa gadi lakkifamuu fi ammas kan manneen hidhaatti hafan hedduun jiraachuun ni hubatama.

Gootowwan Sab-boontotni ilmaan Oromoo Bilisummaa Saba keessaniif jecha yakka tokkoon maleetti dabaan hidhamtanii gidiraa dhala namaaf hin malle argaa turtan kan gariin keessan hir’ina qaamaa fi dhibee sammuu ulfaataaf saaxilamtan manneen hidhaa irraa lubbuudhaan bahuu keessaniif Baga gammaddan ! Baga gammadne ! jechaa, wareegamni baastan hedduu ulfaataa fi suukanneessaa tahus Qabsoon Bilisummaa Oromoo isin itti miidhamtan lalisee dagaagee hordoftoota miliyoonotaan horatee Ummatni keessan jal-bultii Bilisummaa gahee arguun keessan gammachiisaa fi kan itti obsitan taha jennee abdanna.

Haa tahu malee hanga namootnii fi qaamotni dabaan isin hidhanii gidiraa kana hunda isin irraan gahan seera duratti dhihaatanii murtii isaaniif malu hin argatinitti fi hanga miidhama isin irra gahe kanaaf beenyaan malu isiniif hin kennaminitti haqa argattanii jirtu jechuun gonkumaa kan hin danda’amne tahuu Shaneen Gumii gadi jabeessee hubachiisa.
Itti dabalees kanneen har’a illee manneen hidhaa EPRDF keessatti hafanii gidiraa sana dhandhamaa jiranii fi kanneen achi buuteen isaanii wallaalamee jiru hundi haal-duree tokko malee hatattamaan akka gadi lakkifamanii fi haalli isaanii Ummataaf ifa taasifamu Shaneen Gumii cimsee gaafata.

Ummatni keenyas gama isaatiin gootowwan ilmaan isaa kanneen bilisummaa isa gonfachiisuuf jecha miidhaan ulfaataan irra gahaa ture kanneen jaalalaa fi kabaja isaaniif maluun qabaa godheefii hamilee isaanii jajjabeessuu fi dirmachuu isaaniif feesisu hundaas akka taasisuuf Shaneen Gumii jabeessee dhaama.

Lola EPRDF Ummatoota Gidduutti Babal’isaa Jiru Laalchisee

Lafa Oromoo gama hundaan cicciranii alagaaf qooduudhaan Oromiyaa hanga danda’an dhiphisuu fi demography Ummata Oromoos jijjiiruun waan EPRDF akka imaammataatti lafa kaawwatee karooraan irratti dalagaa yoona gahe dha. Akeeka EPRDF kana godhuuf keessaa guddaan tokko Qabsoo Bilisummaa Oromoo dadhabsiisuu dha. Imaammata EPRDF kanaan duulli shanyi-duguuggii hedduun Ummata Oromoo irratti geggeeffamee jira. Ilmaan Oromoo lakkoofsaan miliyoona tokko (1,000,000) caalan Oromummaa isaanii qofaan qe’ee fi jireenya isaanii irraa humnaan buqqaafamanii dirree irratti akka faca’an taasifameera.

Lolli Mootummaan Itoophiyaa (EPRDF) waahiloottan isaa Bulchiinsa Mootummoota Naannoo adda addaa keessa jiranii fi Dhaabota maqaa Sabootaan ijaaraman garii gargaarsifachuudhaan karaa Kaabaa, Bahaa, Kibba-Bahaa, Kibbaa fi Dhiha Oromiyaa irraan tahe jedhee Oromoo fi Ummatoota ollaa isaa walitti diruudhaan hanga har’aatti geggeessaa jiru imaammata dhaabbataa EPRDF kana irraa kan maddu dha.

Haaluma wal fakkaatuun bakkoota biroottis Ummatoota adda addaa gidduutti shiruma Paartii EPRDF kanaan lolli babal’ifamaa jira. Lolli EPRDF umrii aangoo isaa dheereffachuudhaaf Ummatoota gidduutti uumee babal’isaa jiru kun miidhaa ulfaataa har’a Ummatoota irraan gahaa jirutti dabalee hariiroo Ummatoota kanaa kan hegeree irrattis godaannisa laaftuutti hin fayyine kan uumaa jiru dha.

Waan taheef dhimmi kun dhimmoota jajjaboo Shaneen Gumii irratti mari’atee fi balaa gama kanaan Ummatoota gidduutti dhalachuu malu xiqqeessuu fi hanqisuufis ciminaan irratti hojjechuuf murteeesse keessaa isa tokko.

Tarsiimoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo fi Rakkoo Siyaasaa Ummata Oromoo fi Impaayera Itoophiyaa gidduu jiru haasawaan (negotiation) furuu laalchisee

Addi Bilisummaa Oromoo Tarsiimoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan ittiin masakamee qabsicha hoogganu oggaa filate haala qabatamaa siyaasni Impaayera Itoophiyaa irratti bu’uurfame kan mootummootni dhufaa-dabraan barcuma aangoo sana irratti wal jijjiiranis dhaalanii itti fufsiisaa turaniin dirqamee filmaata biraa dhabuudhaani. Ugguramuun Waldaa Maccaa fi Tuulamaa fi hidhaa fi ajjeechaan miseensota Waldichaa mudate kanaaf ragaa guddaa dha. Haalli sun har’as hin geeddaramne. Innis Minilik irraa eegalee humnootni aangootti dhufan hunduu afaan qawwee malee afaan nagaa/dadaa kan hin beekne tahuu isaanii ti.

Ummata Oromoo dabalatee Ummatootni Impaayera Itoophiyaa hundi har’as bulchiinsa afaan qawwee jala jiru. Waan taheef mootummaa afaan qawweetiin aangoo qabatee Bilisummaa Ummataa sarbe of irraa buqqisuudhaan Ummatni Bilisummaa gonfatee mootummaa isaaf tahu filatee akka ittiin bulu taasisuuf tarsiimoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan Addi Bilisummaa Oromoo hordofu keessaa tokko kan tahe Qabsoon Hidhannoo har’as daandii filmaata biraa hin qabne dha.

Waan taheef warri aangoo fi dantaa dhuunfaa fi murna isaanii tikfachuu qofaaf humna waraanaa fi poolisaa qaban hundatti dhimma bahanii kaayyoo ofii galmaan gahachuuf Ummata nagaa ficcisiisaa Adda Bilisummaa Oromootiin “Qabsoon Hidhannoo faashina yeroon itti dabree dha.” jedhan, jechi isaanii ejjennoo isaanii kan faallaa dantaa Saba Oromoo irraa kan maddu malee haala qabatamaa lafa irra jiru kan hin ibsinee fi dhugaa kan of keessaa hin qabne akka tahe Ummatni keenya tolchee hubahcuu qaba.

Addi Bilisummaa Oromoo rakkoo siyaasaa Ummatni Oromoo mootummaa Itoophiyaa waliin qabu haasawaan (negotiation) furuuf wanneen guutamuu qaban kan ibsu imaammataa fi ejjennoo gama isaa ibsee mootummaa Itoophiyaaf yaamicha kan haaromse dhiheenyuma kana (jalqaba baatii Eblaa 2018) ture. Yaamicha isaa kanas miidiyaalee addunyaa adda addaa irratti ifa taasisee jira.
Mootummaan Itoophiyaa hanga har’aatti yaamicha kanaaf deebii sirnaa hin kennine. Yaamicha sana maddiitti dhiisuudhaan wal-tajjii adda addaa irratti afaaniin waa’ee rakkoo siyaasaa haasawaan furachuu odeessuun olola miidiyaa irraa tolfachuuf yoo tahe malee haasawa (negotiation) dhugaatiif qophii tahuu kan agarsiisu miti.

Ummatni keenya shira kana sirriitti itti dammaqee hubachuudhaan hanga furmaata karaa haasawaa (negotiation) argamsiisuuf haalli amansiisaan hin uumaminitti Tarsiimoo Qabsoo Bilisumma kan injifannoo hanga ammaatti argameef bu’uura tahee fi fuula duraafis injifannoo waaraa gonfachuuf isa dandeessisu Qabsoo Hidhannoo jabeeffachuu fi Irree fi Gaachana isaa kan tahe Waraana Bilisummaa Oromoo kunuunfachuun furtuu Bilisummaa isaa tahuu tolchee hubachuu qaba.

Tumsa Dhaabota Siyaasaa Oromoo Laalchisee

Galma gahiinsa Qabsoo Bilisummaa Oromoo shaffisiisuuf humna namaa, beekumsaa fi qabeenya Ummata keenyaa akka dantaa waloo Saba keenyaa tiksisiisuu danda’utti walitti fiduudhaan qabsoo Ummata keenyaa daran humneessuun Imaammata dhaabbataa Adda Bilisummaa Oromoo ti. Waan taheef Dhaabota Siyaasaa Oromoo kan dantaa Saba Oromoo kabajsiisuu irratti waliin hojjennee guyyaa Bilisummaa Ummata keenyaa dhiheessuu dandeenyu hunda waliin wal tumsinee hojjechuun yoomuu caalaa yeroo ammaa barbaachisaa tahuu Addi Bilisummaa Oromoo ni amana. Kana dhugoomsuufis jabinaan hojjeta.

Dhaabotni siyaasaa Oromoo kanneen ammaan dura waliigaltee uummannee sossohaa turre waliigaltee keenya diiguudhaan haalli dhiheenya kana itti sossohaa jiran dantaa waloo Ummata keenyaa tiksisiisuuf kan hin gargaarre tahuun hubatamee adeemsi dogoggoraa kun akka sirratuuf Dhaabotni dhimmi kun isaan ilaalu akka dhaabbatanii of ilaalanii fi Ummatni keenyas qooda isaa akka bahatu Shaneen Gumii hubachiisa.

Tumsa Ummatootaa Bilisummaa fi Dimokiraasiif (PAFD) Ilaalchisee

Tumsi Ummatootaa Bilisummaa fi Dimokrasiif (PAFD) erga ijaaramee kaasee rakkina siyaasaa Itoophiyaa furmaata siyaasaa itti gochuuf hojii bal’aa hojjatee jira. Yaada bal’aa kan dhugaatti furmaata siyaasaa ta’uu danda’u kallattii masakaa (Road Map) akeekee furmaata kanaa fi mul’ata isaatis walgahii London kan Gurraandhala 2018 geggeeffamee milkiin xumurame irratti ifa taasise. Walgahiin London sun hirmannaa bal’aa dhaabota hedduu kan hammate, beektotni, dippilomaatotni fi Miseensotni mana Maree Awuroppaa kan keessatti hirmaatan ture. Kallattiin Masakaa (Road Map) kun caalaatti bal’atee dhaabota hedduu mariisisuu fi hirmaachisuudhaan gara Sirnaa fi Mootummaa Cehumsaa hunda hammataatti (All Inclusive Transitional Arrangment) akka nu geessuuf irratti hojjatamaa jira. Furmaata maayyii fi dhuga-qabeessa, akkasumas, hunda hirmaachisaa kana gabbifatuudhaan rakkina siyaasaa fi nageenyaa amma jiruuf akka lamuu itti nu hin deebifnetti furmaata argamsiisuuf hundi akka tumsu Shaneen Gumii yaamicha isaa dabarsa. ABO tattaaffii TUBD (PAFD) godhaa jiruu fi milkaawina isaatiif gahee isaa humna guutuudhaan kenna.

Dhaabota Siyaasaa Itoophiyaa Hundaaf

Rakkoon siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa Impaayera Itoophiyaatti furmaata waaraa gochuuf humnootni siyaasaa fi qaamotni dhimmi ilaalu hundi kan keessatti hirmaatan haalli yeroo cehumsaa (All Inclusive Process) uumamuun gaaffii yeroo tahuu ABOn ni amana. Humnootni siyaasaa hundi yaada isaanii Bilisummaa guutuudhaan Ummataaf dhiheessanii Ummatootni hundi dhiibbaa tokkoon maleetti waa’ee hegeree isaanii irratti murteessuu gaafa danda’an qofa furmaatni waaraan dhufuu danda’a.

Addi Bilisummaa Oromoo gama isaatiin deemsi Ceehumsaa hunda hammataa tahe akka milkaawu waahiloota isaa miseensota TUBD/PAFD waliin irratti hojjataa jira. Gartuuleen kaan kallattii masakaa (road map) fakkaataa qaban akka jiranis ABO ni hubata. Gartuuleen akkasii fi humnootiin dimokrasii fi bilsummaaf hojjataa jiran hundi adeemsa kana milkeessuuf akka hojjatanii fi achi keessattis gahee isaanii akka kennan dhaabota hundaa fi humnoota hundaaf waamicha isaa dabarsa. Akkasumas hawaasni fi mootummootni idil-addunyaa hundi kana akka deeggaran waamicha keenya gadi jabeessinee dabarsinaaf.

Yaamicha Ummata Bal’aa Oromoof

Ummatni keenya biyya keessaa fi alattis dammaqiinsaa fi of kenniinsa guddaadhaan Qabsoo Bilisummaa isaa cinaa dhaabbatee qoodni hanga har’aatti kennaa jiru kan dinqisiifamu dha. Qabsoo hadhaawaa wareegama ulfaataa itti baasneen har’a kan yeroo kamuu caalaa Bilisummaa keenyatti dhihaannee jirra. Haa tahu malee injifannoo fi bu’aa Ummatni keenya wareegama qaaliidhaan argachaa jiru saammatanii gara dabarsuudhaan akeeka siyaasaa ofiif oolfachuuf kanneen wixxifatan heddummaachaa dhufuun dagatamuu hin qabu.
Waan taheef, haalli har’a keessa jirru deggersaa fi hirmaannaa qabsoo keenyaaf taasisnu dacha dachaan akka daballuu fi dammaqiinsa ol’aanaadhaan akka tarkaanfannu kan gaafatu dha. Ummatni keenya kan biyya keessaa fi alaas haala deemaa jiru kana sirriitti hubatee firii wareegama ilmaan isaa daldaltoota siyaasaa irraa tikfatee galii isaa shaffisaan dhaqqabuuf qooda isaa gahummaadhaan akka bahatu Shaneen Gumii yaamicha isaa haaromsa.

Miseensotaa fi Deggertoota Adda Bilisummaa Oromoof

Qabsoo haqaa Ummatni keenya Bilisummaa isaa gonfachuuf barootaaf gaggeessaa yoona gahe keessatti qoodni miseensota Adda Bilisummaa Oromoo ol’aanaa dha. Obsa, murannoo fi cichoomina, akkasumas, of kenniinsaa fi amanamummaa Kaayyoo miseensota Adda Bilisummaa Oromoo fi deggersa sab-boontota Oromootu injifannoo har’a Qabsoon Bilisummaa Oromoo gonfachaa jiru kana hundaaf bu’uura tahe. Sadarkaa qabsoon keenya har’a irra geesse irraa itti fufsiisuudhaan galma keenya dhaqqabuuf har’as qoodni miseensotaa fi deggertoota ABO irraa eegamu guddaa dha. Karaan nu hafe gabaabaa dha. Caalaatti gabaabsachuun ammoo murannoo, dammaqiinsaa fi of kenniinsa keenya gaafata. Miseensotaa fi deggertootni Dhaaba keenyaa hundi kana hubachuudhaan qooda isaan irraa eegamu hunda akka bahatan Shaneen Gumii jabeessee dhaamsa dabarsa.

Gooticha Waraana Bilisummaa Oromoof

Irree fi Gaachana Ummata Oromoo kan taate Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) humna, qabeenyaa fi beekumsaan olitti lubbuu jijjiirraa hin qabne Bilisummaa Saba keetiif kennuudhaan qoodni ati Qabsoo Bilisummaa Oromoof gumaachaa turtee fi jirtu seenaa Saba Oromoo keessatti bara baraan iddoo ol’aanaa qabatee jiraata. Akkuma ati Irree fi Gaachana isaa taate, Ummatni Oromoos yeroo ammaa kan yeroo kamuu caalaatti dahoo fi golgaa siif tahuutti dabalee waan qabu hundaan si cinaa dhaabbachuuf murteeffachuu isaa hojiidhaan agarsiisaa jira. Wareegama hanga ammaatti baasteen seenaa boonsaa fi injifannoo gurguddaa hedduu galmeessitee jirta. Bilisummaa Ummata keetii mirkaneessuudhaan seenaa fi injifannoo kanaa olii galmeessuuf of qopheessitee murannoo fi dammaqiinsa ol’aanaadhaan akka sossootu Shaneen Gumii dhaammata.

Qeerroo Bilisummaa Oromoof

Qeerroon Bilisummaa Oromoo murannoo fi qaroomina iccitaawaa firaa fi diina ajaa’ibsiiseen of ijaartee sochootee seenaa boonsaan hojjette kan Ummata Oromootti kabajaa guddaa hore dha. Sochii fi wareegamni kee Addunyaa irratti dhageeytii fi mararfannoo argachuutti dabalee Qabsoo Bilisummaa Oromoo boqonnaa haaraa seensisee jira.

Haa tahu malee yeroo ammaa humnootni kaleessa jireenya kee haalaa, dhabama kee hawwaa fi jaarmayaa fi sochii kee dhabamsiisuuf humna qaban hundaan sitti duulanii hidhaa fi ajjeechaa suukanneessaa si irratti geggeessaa turanii fi har’a illee gochaa akkanaa irraa hin dhaabbatin injifannoo wareegama keetiin argametti abbaa of taasisuuf oggaa foolatan argaa jirta. Waan taheef shira akkanaa itti dammaqxee hoongessuudhaan wareegama hanga ammaa baastetti firii gochuuf dammaqiinsa cimaadhaan akka sossootu Shaneen Gumii siif dhaama.

Ilmaan Oromoo Sirna Mootummaa Itoophiyaa Tajaajilaniif

Dirqama jireenyaa fi haala adda addaatiin dhiibamtanii Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa, Poolisa Federaalaa fi Poolisa Oromiyaa, akkasumas, caasaalee hojii mootummichaa kan gara garaa keessatti mootummaa EPRDF tajaajiluu irratti kan argamtan sab-boontotni ilmaan Oromoo dirqama lammummaa kan Qabsoon Bilisummaa Ummata keessanii yeroo ammaatti isin irraa barbaadu beekuudhaan bakka jirtan hundatti mata mataanis tahe wal gurmeessuudhaan haala isiniif danda’ame hundaan waan Bilisummaa Ummata keessanii dhugoomsuuf gargaaru irratti qooda gama keessanii bahachuudhaaf kan yeroo kamuu caalaatti qophii taatanii akka sochootan Shaneen Gumii gadi jabeessee yaamicha isiniif godha.

Sabaa fi sab-lammoota Impaayera Itoophiyaa Keessa Jiran Hundaaf

Akeekni Qabsoo Bilisummaa Oromoo galma gahuun Bilisummaa Oromoo mirkaneessuu qofaaf osoo hin taane Bilisummaa fi kabajamuu mirga Ummatoota Impaayera Itoophiyaa hundaaf, akkasumas, nagaa fi tasgabbii naannichaaf wabii tahuu akka danda’u Addi Bilisummaa Oromoo jabeessee amana. Shirri mootummaan EPRDF Ummatoota walitti buusuuf yeroo adda addaatti dalagu umrii aangoo EPRDF dheeressuu fi hidhaa, ajjeechaa fi saamicha qabeenyaa dabalatee dhiittaa mirga dhala namaa bifoota adda addaan Ummatoota irra gahu itti fufsiisuudhaan ala Ummata kamiinuu kan hin fayyadne tahuun hundaan hubatamuu qaba.
Waan taheef, Sabaa fi Sab-lammootni Impaayera Itoophiyaa keessa jiran hundi kana hubachuudhaan qabsoo haqaa Sabni Oromoo fi sabootni cunqurfamoon biroos Bilisummaa ofii gonfachuuf geggeessan waan danda’an hundaan akka tumsan Shaneen Gumii ABO yaamicha godha.

Mootummootaa fi Hawaasa Addunyaa Hundaaf

Mootummootni Ioophiyaa dhufaa-dabraan aangoo irratti wal jijjiiraa turan hundi farra dimokiraasii kan tahe sirna cunqursaa fi saaminsaa afaan qawweetiin ummatoota irratti diriirsuudhaan akka barbaadanitti ummata hidhaa, ajjeesaa, qabeenya isaa saamaa fi dachii isaa irraa buqqisanii hiyyummaa fi baqattummaaf saaxiluudhaan itti roorrisaa jiraatan. Paartiin EPRDF bara 1991 oggaa gara aangootti dhufu irraa eegalee maqaa dimokiraasiitiin kakatee, federaalizimii sobaa caasessuudhaan Mootummootaa fi Hawaasa Addunyaa irraa deggersa argachaa yoona gahe.

Addi Bilisummaa Oromoo eenyummaa EPRDF isa dhugaa Ummatoota, mootummootaa fi qaamota dhimmi ilaalu hunda hubachiisuu irraa yeroon itti of qusate hin jiru. Har’a qabsoo Ummatootni (keessattuu Ummatni Oromoo) wareegama qaalii itti baasuudhaan geggeessaniin eenyummaan EPRDF inni dhugaa hunda biratti saaxilamee jira. Dhiittaan mirga dhala namaa fi yakkootni adda addaa EPRDF waggoota 27 dabraniif Ummatoota irratti dalagaa bahe gocha shoororkeessummaa akka tahe kan Addi Bilisummaa Oromoo fi qaamotni gara garaa ibsaa turanitti dabalee yeroo ammaa Muummichi Ministeeraa Itoophiyaa Dr. Abiy Ahmed “Paarlaamaa” EPRDF dura dhaabbatee afaan isaatiin ragaa bahuu eegalee jira.

Sirnaa fi caasaan shoororkeessummaa EPRDF afaan qawweetiin Ummata irratti diriirfate har’as bakkuma jira. Mootummootni fi hawaasni Addunyaa mootummaa ganna 27 oliif shoororkeessummaa sadarkaa mootummaa (State Terrorism) geggeessaa bahee fi har’as caasaa fi sirni inni diriirfate bakkuma jiru kanaan jijjiiramni dhufuu danda’u akka hin jirre hubachuu qaban.

Addi Bilisummaa Oromoo Mootummootni fi hawaasni Addunyaa “Jijjiirama” EPRDF afaan qofaan lallabu amananii isa deggeruu irraa dhaabbatanii Ummatoota mirga isaanii kabajsiifachuuf qabsoo haqaa geggeessaa jiraniif akka tumsanii fi ceehumsi hunda hammataa tahe kan Addi Bilisummaa Oromoo Dhaabota miseensota TUBD/PAFD waliin irratti hojjechaa jiru akka milkaawuuf qooda gama isaanii akka bahatan Shaneen Gumii ABO yaamicha isaa haaromsa.

Carraa kanatti dhimma bahuudhaan murtiilee akka HR-128 kan manni marii mootummaa USA (US Congress) dhiheenya kana dabarsee fi tarkaanfiilee European Union yeroo adda addaatti fudhachaa jiru dinqisiifachaa tarkaanfiileen sirna dimokiraasii fi bilisummaa ummatootaa dhugoomsuuf gargaaran akkasii caalaatti jajjabeeffamanii akka itti fufuu qabanis Shaneen Gumii ABO gaafata.

Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti !
Injifannoo Ummata Oromoof !

Shanee Gumii ABO
Waxabajjii 20, 2018

SQ:- Injifannoo WBO

Aside

Gootichii WBO Godina Gujii Bahaa keessa socho’u guyyaa kaleessa Waxabajjii 21, 2018 humna waraana diinaa gara iddoo qubsuma ishee Ona Gooroo Doolaa, bakka qubsuma ishee magaalaa Jiddoolatti adeemaa jirtu irratti tarkaanfii laalessaa fudhatee loltootni diinaa namni kudhanii lama (12) yammuu ajjeefaman, madoon gara nama kudhanii ol ta’uu ummatni naannichaa nuuf dhaamanii jiru. Humni diinaa yeroo tarkaanfiin kun irratti fudhatametti konkolaataa lama wal duraaf duubaan adeemaa kan turan yammuu ta’u haxxee hidhuudhaan haleellaan laalessaan irratti fudhatamuun konkolaataan fuula dura adeemu erga nagaadhaan dabarfamee booda konkolaataa boodarraan deemaa ture irratti xiyyeeffatuun gaaga’ama ol aanaa irraan gahamee akka jiru gabaafamee jira.
Waraanni Wayyaanee Goninoota Gujii Bahaa fi Dhihaa keessa qubatee jiru ummata Oromoo nagaa yakka tokko malee ajjeessuun goolessaa akka jiru deddeedi’amee gabaafamaa turuun ni yaadatama.
Muummichi Minesteeraa Wayyaanee Dr. Abiyyi Ahmad dheengadda paarlaamaa Wayyaanee irratti yammuu dubbatu “Waraanni Kan faashinni isaa itti darbe dha; kottaa karaa nagaa qabsaa’aa” jechuudhaan jaarmaalee akka Adda Bilisummaa Oromoo, Adda Bilisummaa Biyyoolessa Ogaaden fi Ginbot-7 akka biyyatti galanii qabsaa’an waamicha taasisuun kan yaadatamu yammuu ta’u, yeroo amma kanatti waraanni Wayyaanee ammoo Oromiyaa keessatti bobba’ee ummata Oromoo Gujii, Booranaa, Harargee fi Wallaggaa goolessuutti bobba’ee akka argamu gabaafamaa jira.

Baha Oromiyaa magaalaa Harariif naannawaa isaatti FXG jabaatee itti fufee

Aside

Baha Oromiyaa magaalaa Harariif naannawaa isaatti kan argamu Uummanni Oromoo dararama ulfaataa keessa jiraachuu fi FXG Jimaata darbe dhoofamuuf sababoota kanneen ta’an Qeerron gabaase.

[SQ, Waxabajji 20, 2018] Naannoon Hararii akkuma beekamu erga TPLF aangoo biyyattii dhuunfattee, ummata heddiminni isaanii kuma tokko (1000) hincaalle ummata Arabaa Turkiif mootummaan naannoo kenname.
Naannoon Hararii magaalaa Harar fi baadiyyaa naannawa ishee jiru, yoo xiqqaate kallattii hundaan kiilomertira kudha shan (15km) of jalatti qabatee lafuma Oromoon irra jiraatu gita bittaa warra Araba Turkii yeroo dhiyoo dhufeef kenname.
Ummanni Hararii/Adaree/ArabTurkii kun mooraa Jogel qofa keessa jiraatu.
Mooraa san keessattis dhibbentaan shantamni 50% Oromoo fi saboota birooti.
Ummata kanaaf jecha MOOTUMMAA NAANNOO jedhanii erga bulchiinsa OROMIYAA jalaa baasanii, magaalittii kaambiiwwan humna waraanaa TPLF godhan.
MISRAAQ IIZ dabalatee magaalittii keessa mooraa buufata waraanaa (Hammarreessa, Humna Ibsaa, Aboker, Betemengistii fi MisraaqIiz) tu jira.
Dabalataan LiyyuuPoolisii Naannoo Harariitu hidhannoo jajjabaan naannittii weeraree akka fedha JENERAALOTA wayyaaneetti bulfata.

Waggoota 28 ummata Oromoo magaalaa Harar keessaa dhiibanii baasanii baadiyyaatti erga galchanii waggoota dhiyoo as immoo ummata Oromoo baadiyyaa naannawaa magaalittiitti darban.
Manneen ummanni keenya keessa jiraatuu fi daldala keessatti geggeeffatu hunda “mana seeraan alaa fi maqaa misooma magaalaatiin” diiganii ummata ArabTurkii/Adareef ykn ammoo JENETAALOTA tigreef gamoo irratti ijaaru.
Haaluma kanaan ummata Oromoo magaalittii keessaa dhiibanii baasanii baadiyyaatti galchan.
Dubartootni keenya karaarra taayanii jimaa fi saambusaa gurgarachuu hindandeenye.
Qawweef dullaadhaan dhawanii achii kaasu.
Ajjeechaa fi hidhaadhaan taphaan ala godhan. Achirra darbanii bulchiinsa baadiyyaa fi kutaalee magaalaa moggaa jiranitti weeraraafii saamicha cimsan.

Baruma kana kutaa magaalaa Dakkar fi naannoo SOOFIItti mana seeraan ala ijaartan jechuun manneen Ummanni keenya keessa jiraatu diiganii “ummata diyaaspooraaf mana ijaarra” jechuun gamoowwanii fi manneen adda addaa afaan qawweetiin bira dhaabbatanii eeguudhaan ijaaraa turan.
ARAATTANYAAttis mana ummanni keenya daabboo itti bilcheessee gurguru “abbootiin qabeenyaa irratti haa misoomsan” jechuun diiganii lafuma Oromoo irratti mana daabboo jeneraalota wayyaanee banan.
San bira darbanii bulchiinsa baadiyyaa araddaa GALMASHIIR jalatti kan argamtu qarqara magaalaa Harar irraa ooyiruu Qote bulaa OROMOO humna waraanaa tplf fi humna liyyuu poolisii naannoo Harariitiin saamanii lafa hektaara hedduu irratti qawweedhaan waardiyyaa dhaabbatanii eeguudhaan dallaa qorqoorroo itti naannessaa turan. Naannawuma kana bakka addaa HAAKIM jedhamutti lafa QOTEBULAA keenyaa saamuun HAKIM_LODGE_AND_TOURIST kan jedhamu HOTEELA ABBAA URJII SHANII kan abbummaan isaa hin beekamneef ijaaran.
Hoteela kana irra caalaatti Tuuristoota alaa fi jeneraalota TPLF , akkasumas kaabinoota jajjabootu fayyadama.
Gatiin seensaa qofti Qarshii 500 dha.
…….
Haalota cunqursaa fi saamicha addaa kana falmachaa kan ture QEERROOn BILISUMMAA OROMOO
naannawaa sanii
JIMAATA_WAXABAJJI_08_2018
Ganama obboroodhaan QOTEBULAA naannawaa saniitti dammaqfachuun, hiriira mormii gaggeesse. Qaamni hinbeekamnes HAKIM_LODGE_and_TOURIST dabalatee manneenii fi dhaabbilee gabroomfattootaa guggubuun hojiin ala godhaniiru.
Mana pirezidaantii naannoo Hararii kan MURAADIS gubaniiru.
Uummanni naannichaa Lafa Qotee Bulaarratti kan ijaarame dallaa araddaa GALMASHIIR fi kan ARAATTANYAA hundas cicciranii diiganii caccabaa isaatiin karaa cufanii oolaniiru.
Waraanni TPLF fi LIYYUUPOILISIIn naannoo HARARII QEERROO BILUSUMMAA fi QOTEBULAA mirga isaaf falmatu dhukaasa banuun namoota 12 irratti miidhaa gurgudaa geessisteetti.
Kanneen keessaa namootni hedduun
-HOSPITAALA_DIRRE_DHAWAA,
-HIWOOT_FAANAA-HARAR fi
-XUQUR_AMBASSAA-FINFINNEETTI waldhaanamaa jiru.
Namootni hedduunis hidhamanii jiru.
Godinni HARARGEE_BAHAA magaalaa HARAR keessaa akka IMBAASIItti waajjiraalee qofa qaba.
Saboonni SEEM bashannanii mirga guutuudhaan keessa jiraatu.
Ummanni Oromoo manni irraa diigamee hiyyoommatee/miskiinomee karaarra buluufillee mirga dhabee jira.
Ummata karaarra buluu fi maraataa hunda qabanii hidhaatti guuraa oolu.
Qabsoon hanga mirga ABBAA BIYYUMMAA mirkaneeffannutti itti fufa.
I.U.O’f.
GGB ti.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo Baha Oromiyaa irraa.

ABOn humna jajjabee Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) Leenjisee Eebbisiise

Aside

ABOn humni jajjabee mooraa Leenjii Waraana Bilisummaa Oromoo(WBO) keessatti leenjise Waxabajji 18, 2018 mooraa Leenjii Waraana Bilisummaa Oromoo keessatti eebbisiise.

Humni jajjabee (Koomaandoon) ABOn eebbisiise kun qaama WBO Oromiyaa qarriffaa diinaa jalaa baasuuf qopheeffamee dha.

Eebbifamtootni kunis bakka qondaalonni ABO olaanoon argamanitti, gahumsa waraana jajjabee fudhatan agarsiisaniiru.

Humni kun qaama waraanaan Oromoo egeree biyyattii keessatti irree uummata isaanii ta’uun garboonfataafi saamtota sirreessuuf leenji’an ta’uu ABO’n beeksiseera.

Addi Bilisummaa Oromoo biyyasaa Oromiyaa waraanaan cabde, bilisoonsee ijaaruuf sochii walirraa hin cinne waggoottaan dheeraaf itti fufee jiraachuun beekamaa dha.

 

No automatic alt text available.

SAGALEE QEERROO – Waxabajjii 21, 2018

Aside

SQ, Bonayyaa Boshee, Waxabajjii 20 2018

Aside

20,2018-Bonayyaa Boshee
============
Qeerroon Bilisummaa Oromoo wallagga Bahaa aanaa Bonayyaa Boshee uummata naannichaaf soba OPDO saaxiluun beeksisa maxxanseef

 

Oromia news network – ONN, Waxabajjii 20, 2018

Aside

Qophii Addaa- Haala Yaroo Irrattii Gaaffif deebi Dubbii Himaa ABO Jaal Toleeraa Adabaa Waliin Taasifame Waxabajjii 20 2018

Kora Abbootii Gadaa Hangar Guutteetti Muudamni Abbootiin Gadaa waliif taasisaa jiran Sirnaa fi Nasmusa Gadaa kan hin hordofne ta’uun ibsame

Aside

Kora Abbootii Gadaa Hangar irratti ta’amaa jiru Ijaaruu Irratti muudama Wallagga Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa Hangar Guuteetti abbootiin Gadaa waliif gochaa jiran kan haqaa miti

[SQ, Waxabajji 20, 2018] Eegalaa kora Abbootii Gadaa Maccaa Hangar Guuteetti geeffamaa jiru irraa qabee hanga ammaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo hordofaa ture.
Korri kuniis koree Abbootii Gadaa ijaaruuf kan qophaa’e ta’u afaaniin kan dubbatamuu ta’us ademsichi garuu walxaxaafi uummata kan mufachiise ta’ee argameera.

Kora kana irratti kan argaman Abbaa Gadaa kan godiinaalee Wallaggaa arfan irrati muudaman obbo Dassaalee Fayiisaa turan.
Obbo Dassaalee Fayisaan kan dhalatanii guddatan achuma Aanaa Giddaa Ayyaanaa Ganda Soob jedhamutti yoo ta’u. Ofii isaaniillee yeroo mootummaa Dargiidhaa eegalanii hojiiwwan babbadoofi haga arraallee uummata aanaa Eebantuufi Giddaa keessaa yoomuu baduu kan hin dandeenye hojjetaaniiru ittis jiru.

Obbo Dassaaleen. Sirnuma wayyaanee kana keessattillee bulchiinsa gandaa ta’uun Afeyaa’ii gandaafi bakka bu’aa uummataa ta’ee basaasummaan muudamuun hojjetaa tureera.

Obbo Dassaaleen bakka dhaloota isaattis ta’e; bakka hojii kamiifuu deemutti fedhii uummataa giddu galeessa godhatee utuu hin taane, Akkaataa siyaasa mootummaa ittin tiksan qoffaarratti xiyyeeffachuun hojjeta.

Akka fakkeenyaatti: baruma kana keessa Aanota irratti Abbooti Gadaa filla jechuun.aanoota hedduu keessa deemee; hoggantoota siyaasaa OPDO qofa sirna Gadaa keessatti filuufi kakuu akkaataa sirna Gadaatiin faallaa ta’e Foolleef Abootii Gadaa kakachiisu irratti waan safuu hawwaasaa keessa hinjirre raawwateera.

Kakuuwwan:
-Yoon mootummaa gane dhaaloonni na haganu jedhaa.
-Yoon kaayyoo mootummaa dhiibee uumaan naadhiibu jedhaa fi kkkf jechuutiin muudamsa irratti kakuu galchee, foolleefi uummata irraa mormii gurguddaa isa mudachaafi Foollee jedhamanii kan muudaman illee mudamichaa dhiisee ba’aa turee jira.

Haaluma kanaan ammallee itti fufsiisuun kora Abbootii Gadaa Maccaa Hangar irratti taa’aama jiru irratti; Foollee abbbootii Gadaa achi jiraniif uummata galmicha keessatti argamu irraa mormiin utuu irratti dhiyaatuu ergama waajjira dhaabaa Godinaarraa fudhatee dhufeen; koree Abbootii Gadaa jechuun hoggantoota siyaasaa OPDOfi namoota ergamtoota TPLF waliin walta’anii magaalaa keessatti shira xaxaa turaniifi ammallee xaxaa jiraniif muudama dhuunfaasaatiin kenneefi jira.

Namoonni filaman kunooti.

1 Darajjee namni jedhamu kan Hogganaa waajjiraa dhaabaa OPDO tti ijaarsa siyaasa baadiyyaa.

2. Araarsoo namni jedhamu kan OPDO keessatti gaafatamaa waajjira galii magaalichaa ta’ee hojjetu.

3.Abbabee kan jedhamu Kaabinee Gandaa

4. Wayyeessaa namni jedhamu Hogganaa miseensa dhaabaa.

5. Jirraa kan jedhamu Waardiyyaa waajjira Bishaanifi tika siyaasa Wayyaanee ta’ee tajaajilaa kan tureef jiru Fedhii uummataa, Qeerroo fi Foollee tokko malee ajaja waajjira dhaabaa OPDO godinaatiin muudee jira.
Abbaan Gadaa Dassaalee Fayisaan namoota kana shanan koree Abbootii Gadaa Maccaa gochuun muudaniiru.

Akkuma sirna Gadaa keessattuu nama harka ququlluu kan arrabaanillee nama madeessee hinbeekneef naamusa qabutu filatamee sirna gadaan uummata gaggeessa, obbo Dassaaleen sirna gadaa fakkeessuun Wayyaanee jajjabeessanii jiraachuu Qeerroon Bilisummaa kan hadheeffatee jiru, qaamonni harka dhiigaa uummataaf gumaa ta’an kun uummata bakka bu’uu akka hindandeenye Qerrroo Bilisummaa onichaa Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoof gabaasee jira.

Yeroon ammaa nuuf Warqee, nama dhuunfaa deeggaruufis mormuufis Yeroo hin qabnu!!

Aside

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Qabsoon Oromoo ifaajjiifii dhamaatii danuu booda sadarkaa har’aarra ga’eera. Qeerroon kaayyoo fi mul’ata abbaasaatti ciccee falmiirra jira. Saba walaba ta’ee dhalatee, walabummaansa irraa mulqameef qabsa’a. Aarsaa hedduus baaseera baasaas jira.

Qeerroo Bilisummaa Oromoo kobbortaa garbummaa sabasaarra ciruuf ifaaja. Nuffii fi sodaa tokko malee qabsoo hadhoofturra jira. Firaaf diina qabsoos bareechee Beeka.

Haala yeroo ammaa ilaalchisee, Yeroo nuti keessa jirruu nuuf Warqeedha. Nama dhuunfaa mormuufis ta’ee deggeruuf yeroo hin qabnu. Firii dhadhabbii keenya kaleessaa arguuf carraaqudha malee. Daandii eegalees qoree sakatta’aa deemu qabnas. Yeroon kun yeroo kam caalayyuu bilchina nu barbaachisa. Kanaaf ammoo Firriis diinnis miidhegsee beeka. Haqa haqaaqame deebisuuf daandii dheeraatu nu hafe.

Haala amma addunyaan illee qabsoo keenya deggaruuf nu cina dhaabbataa jirutti, qaamota yakkamoo hidhaa fi seeratti dhiyaachuu baraaramuuf afaanfajjiif “hiriiraan bahaa nu deggaraa!” jedhan deggaruun kan qisaasama yeroo cinatti harkifannaa Bilisummaaf qabsoo keenya ija addunyaa cinatti xiqqeessu ta’a jennee ilaalla; waan ta’eef Qeerroo Bilisummaa Oromoo gadjabeessee hiriira garboonfataa dhaadessuuf karoorfame ni morma.

Qaama yakkamaa yakka tokkoon alatti waggoota 28 guutuu nu ajjeesaa, nu kolaasaa sanyii nu kutaa, haamilee nu cabsaa, qaama nu hir’isaaf nu irratti daguuggaa shanyii raawwataa ture baanee dhaadessuuf si cina jirra jechuu nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo waan addunyaa kanarratti ta’ee hin beenne daba siyyaasaa Oromoo irratti deemuuf jiru kana ni mormina. Qaamota yakka ajjeechaaf gidiraa lafarraa nu buqqaasuu nu Oromoo irratti raawwataa turan deggaruun yakka seenaan nama gaafatu hojjechuu akka ta’ettis fudhanna.

Yakkamaa faana socho’uufis hojjechuufis Qeerroon akeeka uummatasaa Oromoo faalleessu kamiinuu kan hin hojjenne ta’uu gamanumaan dhaamna. Kanaaf gaaffiin Qeerroo Bilisummaa Oromoo addatti ammallee gaafatu wayiita babal’ataa jirutti qaamonni yakkamoon TPLF akkasuma ijaarsi isaaniin ijaaraman uummata keenya gowwoomsuuf akeeka dhokataan socho’aa jiran dura ni dhaabbanna.

Qeerroo Bilisummaa Oromoo rakkoo siyyaasaa biyyattii furuuf ibsa ABO’n irra deddeebiin Wayyaaneef qaamota dhimmichi ilalallatu bakka qaamni sadaffaa jirutti furuuf qophii ta’uu baase kan hojiirra oolfamu akka ta’u ni gaafata. Akkasuma gaaffiiwaan abbaa biyyummaa ABO dhaan hogganamee gaafataa turetti dabalee gaaffii Mootummaa Ce’umsaa gaafachuu, yakkamtoota manni seeraa biyyattii akka seeratti dhiyeessu gaafachuu, ajeechaa jumulaa nurratti raawwataa jiru akka nurraa dhaaban gaafachuu, qe’ee keenyarraa nu buqqaasuun nu dararuun akka dhaabbatuuf irra deddeebin ammoo kan jedhu qaamonni nurraan darara gahaa turan akka seeratti dhiyaataniif qaamota nagaa mana hiraarsaatti qaama hir’isaa turaniif akka beenyaan kaffalamu gaafachuu, Liyyuu Ayiliin mootummaan Wayyaaneen ijaaraman akka seeratti dhiyaatan gaafachuu itti fufna!

Waan ta’eef Qeerroon Bilisummaa Oromoo yeroon ammaa nuuf Warqeedha, nama dhuunfaa deggaruufis ta’ee mormuuf yeroo hinqabnu. Nuti sirna biyyattii keessatti Wayyaaneen direeree jiru akka diigamuuf kan nagaa biyyattii eegsisu akka bakka buufamu gaafanna. Yeroon nuti qabsoo Oromootti Xumura gochuuf hojjetaa jirru kanatti of ko’omsuun waan uummata keenya miidhu kamiin kan hin deggarreef kan irratti hin hirmaanne ta’uu hubachiisna. Hiriira halagaan waame kamirraayyuu qooda kan hin fudhanne rakkoo uummataa addunyaaf karaawwan hiriiraaf FXG addunyaaf beeksisuuf kan duubatti hin jenne ta’uu hubachiisa.

Injifannoon Uummata Oromoof
Gadaan Gadaa Xumura Garbummaati!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Waxabajji 20,2018
Finfinnee Oromiyaa

SBO: Waxabajjii 20bara 2018. Oduu, Gabaasa Gumaacha WBOf Taasifame ilaallatuu fi Marii Gaazexeessota Oromoo Waliin Taasifame -Kutaa 4ffaa.

Aside