Baha Oromiyaa magaalaa Harariif naannawaa isaatti kan argamu Uummanni Oromoo dararama ulfaataa keessa jiraachuu fi FXG Jimaata darbe dhoofamuuf sababoota kanneen ta’an Qeerron gabaase.
[SQ, Waxabajji 20, 2018] Naannoon Hararii akkuma beekamu erga TPLF aangoo biyyattii dhuunfattee, ummata heddiminni isaanii kuma tokko (1000) hincaalle ummata Arabaa Turkiif mootummaan naannoo kenname.
Naannoon Hararii magaalaa Harar fi baadiyyaa naannawa ishee jiru, yoo xiqqaate kallattii hundaan kiilomertira kudha shan (15km) of jalatti qabatee lafuma Oromoon irra jiraatu gita bittaa warra Araba Turkii yeroo dhiyoo dhufeef kenname.
Ummanni Hararii/Adaree/ArabTurkii kun mooraa Jogel qofa keessa jiraatu.
Mooraa san keessattis dhibbentaan shantamni 50% Oromoo fi saboota birooti.
Ummata kanaaf jecha MOOTUMMAA NAANNOO jedhanii erga bulchiinsa OROMIYAA jalaa baasanii, magaalittii kaambiiwwan humna waraanaa TPLF godhan.
MISRAAQ IIZ dabalatee magaalittii keessa mooraa buufata waraanaa (Hammarreessa, Humna Ibsaa, Aboker, Betemengistii fi MisraaqIiz) tu jira.
Dabalataan LiyyuuPoolisii Naannoo Harariitu hidhannoo jajjabaan naannittii weeraree akka fedha JENERAALOTA wayyaaneetti bulfata.
Waggoota 28 ummata Oromoo magaalaa Harar keessaa dhiibanii baasanii baadiyyaatti erga galchanii waggoota dhiyoo as immoo ummata Oromoo baadiyyaa naannawaa magaalittiitti darban.
Manneen ummanni keenya keessa jiraatuu fi daldala keessatti geggeeffatu hunda “mana seeraan alaa fi maqaa misooma magaalaatiin” diiganii ummata ArabTurkii/Adareef ykn ammoo JENETAALOTA tigreef gamoo irratti ijaaru.
Haaluma kanaan ummata Oromoo magaalittii keessaa dhiibanii baasanii baadiyyaatti galchan.
Dubartootni keenya karaarra taayanii jimaa fi saambusaa gurgarachuu hindandeenye.
Qawweef dullaadhaan dhawanii achii kaasu.
Ajjeechaa fi hidhaadhaan taphaan ala godhan. Achirra darbanii bulchiinsa baadiyyaa fi kutaalee magaalaa moggaa jiranitti weeraraafii saamicha cimsan.
Baruma kana kutaa magaalaa Dakkar fi naannoo SOOFIItti mana seeraan ala ijaartan jechuun manneen Ummanni keenya keessa jiraatu diiganii “ummata diyaaspooraaf mana ijaarra” jechuun gamoowwanii fi manneen adda addaa afaan qawweetiin bira dhaabbatanii eeguudhaan ijaaraa turan.
ARAATTANYAAttis mana ummanni keenya daabboo itti bilcheessee gurguru “abbootiin qabeenyaa irratti haa misoomsan” jechuun diiganii lafuma Oromoo irratti mana daabboo jeneraalota wayyaanee banan.
San bira darbanii bulchiinsa baadiyyaa araddaa GALMASHIIR jalatti kan argamtu qarqara magaalaa Harar irraa ooyiruu Qote bulaa OROMOO humna waraanaa tplf fi humna liyyuu poolisii naannoo Harariitiin saamanii lafa hektaara hedduu irratti qawweedhaan waardiyyaa dhaabbatanii eeguudhaan dallaa qorqoorroo itti naannessaa turan. Naannawuma kana bakka addaa HAAKIM jedhamutti lafa QOTEBULAA keenyaa saamuun HAKIM_LODGE_AND_TOURIST kan jedhamu HOTEELA ABBAA URJII SHANII kan abbummaan isaa hin beekamneef ijaaran.
Hoteela kana irra caalaatti Tuuristoota alaa fi jeneraalota TPLF , akkasumas kaabinoota jajjabootu fayyadama.
Gatiin seensaa qofti Qarshii 500 dha.
…….
Haalota cunqursaa fi saamicha addaa kana falmachaa kan ture QEERROOn BILISUMMAA OROMOO
naannawaa sanii
JIMAATA_WAXABAJJI_08_2018
Ganama obboroodhaan QOTEBULAA naannawaa saniitti dammaqfachuun, hiriira mormii gaggeesse. Qaamni hinbeekamnes HAKIM_LODGE_and_TOURIST dabalatee manneenii fi dhaabbilee gabroomfattootaa guggubuun hojiin ala godhaniiru.
Mana pirezidaantii naannoo Hararii kan MURAADIS gubaniiru.
Uummanni naannichaa Lafa Qotee Bulaarratti kan ijaarame dallaa araddaa GALMASHIIR fi kan ARAATTANYAA hundas cicciranii diiganii caccabaa isaatiin karaa cufanii oolaniiru.
Waraanni TPLF fi LIYYUUPOILISIIn naannoo HARARII QEERROO BILUSUMMAA fi QOTEBULAA mirga isaaf falmatu dhukaasa banuun namoota 12 irratti miidhaa gurgudaa geessisteetti.
Kanneen keessaa namootni hedduun
-HOSPITAALA_DIRRE_DHAWAA,
-HIWOOT_FAANAA-HARAR fi
-XUQUR_AMBASSAA-FINFINNEETTI waldhaanamaa jiru.
Namootni hedduunis hidhamanii jiru.
Godinni HARARGEE_BAHAA magaalaa HARAR keessaa akka IMBAASIItti waajjiraalee qofa qaba.
Saboonni SEEM bashannanii mirga guutuudhaan keessa jiraatu.
Ummanni Oromoo manni irraa diigamee hiyyoommatee/miskiinomee karaarra buluufillee mirga dhabee jira.
Ummata karaarra buluu fi maraataa hunda qabanii hidhaatti guuraa oolu.
Qabsoon hanga mirga ABBAA BIYYUMMAA mirkaneeffannutti itti fufa.
I.U.O’f.
GGB ti.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo Baha Oromiyaa irraa.

