Gootichii WBO Godina Gujii Bahaa keessa socho’u guyyaa kaleessa Waxabajjii 21, 2018 humna waraana diinaa gara iddoo qubsuma ishee Ona Gooroo Doolaa, bakka qubsuma ishee magaalaa Jiddoolatti adeemaa jirtu irratti tarkaanfii laalessaa fudhatee loltootni diinaa namni kudhanii lama (12) yammuu ajjeefaman, madoon gara nama kudhanii ol ta’uu ummatni naannichaa nuuf dhaamanii jiru. Humni diinaa yeroo tarkaanfiin kun irratti fudhatametti konkolaataa lama wal duraaf duubaan adeemaa kan turan yammuu ta’u haxxee hidhuudhaan haleellaan laalessaan irratti fudhatamuun konkolaataan fuula dura adeemu erga nagaadhaan dabarfamee booda konkolaataa boodarraan deemaa ture irratti xiyyeeffatuun gaaga’ama ol aanaa irraan gahamee akka jiru gabaafamee jira.
Waraanni Wayyaanee Goninoota Gujii Bahaa fi Dhihaa keessa qubatee jiru ummata Oromoo nagaa yakka tokko malee ajjeessuun goolessaa akka jiru deddeedi’amee gabaafamaa turuun ni yaadatama.
Muummichi Minesteeraa Wayyaanee Dr. Abiyyi Ahmad dheengadda paarlaamaa Wayyaanee irratti yammuu dubbatu “Waraanni Kan faashinni isaa itti darbe dha; kottaa karaa nagaa qabsaa’aa” jechuudhaan jaarmaalee akka Adda Bilisummaa Oromoo, Adda Bilisummaa Biyyoolessa Ogaaden fi Ginbot-7 akka biyyatti galanii qabsaa’an waamicha taasisuun kan yaadatamu yammuu ta’u, yeroo amma kanatti waraanni Wayyaanee ammoo Oromiyaa keessatti bobba’ee ummata Oromoo Gujii, Booranaa, Harargee fi Wallaggaa goolessuutti bobba’ee akka argamu gabaafamaa jira.