Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Qabsoon Oromoo ifaajjiifii dhamaatii danuu booda sadarkaa har’aarra ga’eera. Qeerroon kaayyoo fi mul’ata abbaasaatti ciccee falmiirra jira. Saba walaba ta’ee dhalatee, walabummaansa irraa mulqameef qabsa’a. Aarsaa hedduus baaseera baasaas jira.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo kobbortaa garbummaa sabasaarra ciruuf ifaaja. Nuffii fi sodaa tokko malee qabsoo hadhoofturra jira. Firaaf diina qabsoos bareechee Beeka.
Haala yeroo ammaa ilaalchisee, Yeroo nuti keessa jirruu nuuf Warqeedha. Nama dhuunfaa mormuufis ta’ee deggeruuf yeroo hin qabnu. Firii dhadhabbii keenya kaleessaa arguuf carraaqudha malee. Daandii eegalees qoree sakatta’aa deemu qabnas. Yeroon kun yeroo kam caalayyuu bilchina nu barbaachisa. Kanaaf ammoo Firriis diinnis miidhegsee beeka. Haqa haqaaqame deebisuuf daandii dheeraatu nu hafe.
Haala amma addunyaan illee qabsoo keenya deggaruuf nu cina dhaabbataa jirutti, qaamota yakkamoo hidhaa fi seeratti dhiyaachuu baraaramuuf afaanfajjiif “hiriiraan bahaa nu deggaraa!” jedhan deggaruun kan qisaasama yeroo cinatti harkifannaa Bilisummaaf qabsoo keenya ija addunyaa cinatti xiqqeessu ta’a jennee ilaalla; waan ta’eef Qeerroo Bilisummaa Oromoo gadjabeessee hiriira garboonfataa dhaadessuuf karoorfame ni morma.
Qaama yakkamaa yakka tokkoon alatti waggoota 28 guutuu nu ajjeesaa, nu kolaasaa sanyii nu kutaa, haamilee nu cabsaa, qaama nu hir’isaaf nu irratti daguuggaa shanyii raawwataa ture baanee dhaadessuuf si cina jirra jechuu nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo waan addunyaa kanarratti ta’ee hin beenne daba siyyaasaa Oromoo irratti deemuuf jiru kana ni mormina. Qaamota yakka ajjeechaaf gidiraa lafarraa nu buqqaasuu nu Oromoo irratti raawwataa turan deggaruun yakka seenaan nama gaafatu hojjechuu akka ta’ettis fudhanna.
Yakkamaa faana socho’uufis hojjechuufis Qeerroon akeeka uummatasaa Oromoo faalleessu kamiinuu kan hin hojjenne ta’uu gamanumaan dhaamna. Kanaaf gaaffiin Qeerroo Bilisummaa Oromoo addatti ammallee gaafatu wayiita babal’ataa jirutti qaamonni yakkamoon TPLF akkasuma ijaarsi isaaniin ijaaraman uummata keenya gowwoomsuuf akeeka dhokataan socho’aa jiran dura ni dhaabbanna.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo rakkoo siyyaasaa biyyattii furuuf ibsa ABO’n irra deddeebiin Wayyaaneef qaamota dhimmichi ilalallatu bakka qaamni sadaffaa jirutti furuuf qophii ta’uu baase kan hojiirra oolfamu akka ta’u ni gaafata. Akkasuma gaaffiiwaan abbaa biyyummaa ABO dhaan hogganamee gaafataa turetti dabalee gaaffii Mootummaa Ce’umsaa gaafachuu, yakkamtoota manni seeraa biyyattii akka seeratti dhiyeessu gaafachuu, ajeechaa jumulaa nurratti raawwataa jiru akka nurraa dhaaban gaafachuu, qe’ee keenyarraa nu buqqaasuun nu dararuun akka dhaabbatuuf irra deddeebin ammoo kan jedhu qaamonni nurraan darara gahaa turan akka seeratti dhiyaataniif qaamota nagaa mana hiraarsaatti qaama hir’isaa turaniif akka beenyaan kaffalamu gaafachuu, Liyyuu Ayiliin mootummaan Wayyaaneen ijaaraman akka seeratti dhiyaatan gaafachuu itti fufna!
Waan ta’eef Qeerroon Bilisummaa Oromoo yeroon ammaa nuuf Warqeedha, nama dhuunfaa deggaruufis ta’ee mormuuf yeroo hinqabnu. Nuti sirna biyyattii keessatti Wayyaaneen direeree jiru akka diigamuuf kan nagaa biyyattii eegsisu akka bakka buufamu gaafanna. Yeroon nuti qabsoo Oromootti Xumura gochuuf hojjetaa jirru kanatti of ko’omsuun waan uummata keenya miidhu kamiin kan hin deggarreef kan irratti hin hirmaanne ta’uu hubachiisna. Hiriira halagaan waame kamirraayyuu qooda kan hin fudhanne rakkoo uummataa addunyaaf karaawwan hiriiraaf FXG addunyaaf beeksisuuf kan duubatti hin jenne ta’uu hubachiisa.
Injifannoon Uummata Oromoof
Gadaan Gadaa Xumura Garbummaati!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Waxabajji 20,2018
Finfinnee Oromiyaa