Kora Abbootii Gadaa Hangar irratti ta’amaa jiru Ijaaruu Irratti muudama Wallagga Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa Hangar Guuteetti abbootiin Gadaa waliif gochaa jiran kan haqaa miti
[SQ, Waxabajji 20, 2018] Eegalaa kora Abbootii Gadaa Maccaa Hangar Guuteetti geeffamaa jiru irraa qabee hanga ammaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo hordofaa ture.
Korri kuniis koree Abbootii Gadaa ijaaruuf kan qophaa’e ta’u afaaniin kan dubbatamuu ta’us ademsichi garuu walxaxaafi uummata kan mufachiise ta’ee argameera.
Kora kana irratti kan argaman Abbaa Gadaa kan godiinaalee Wallaggaa arfan irrati muudaman obbo Dassaalee Fayiisaa turan.
Obbo Dassaalee Fayisaan kan dhalatanii guddatan achuma Aanaa Giddaa Ayyaanaa Ganda Soob jedhamutti yoo ta’u. Ofii isaaniillee yeroo mootummaa Dargiidhaa eegalanii hojiiwwan babbadoofi haga arraallee uummata aanaa Eebantuufi Giddaa keessaa yoomuu baduu kan hin dandeenye hojjetaaniiru ittis jiru.
Obbo Dassaaleen. Sirnuma wayyaanee kana keessattillee bulchiinsa gandaa ta’uun Afeyaa’ii gandaafi bakka bu’aa uummataa ta’ee basaasummaan muudamuun hojjetaa tureera.
Obbo Dassaaleen bakka dhaloota isaattis ta’e; bakka hojii kamiifuu deemutti fedhii uummataa giddu galeessa godhatee utuu hin taane, Akkaataa siyaasa mootummaa ittin tiksan qoffaarratti xiyyeeffachuun hojjeta.
Akka fakkeenyaatti: baruma kana keessa Aanota irratti Abbooti Gadaa filla jechuun.aanoota hedduu keessa deemee; hoggantoota siyaasaa OPDO qofa sirna Gadaa keessatti filuufi kakuu akkaataa sirna Gadaatiin faallaa ta’e Foolleef Abootii Gadaa kakachiisu irratti waan safuu hawwaasaa keessa hinjirre raawwateera.
Kakuuwwan:
-Yoon mootummaa gane dhaaloonni na haganu jedhaa.
-Yoon kaayyoo mootummaa dhiibee uumaan naadhiibu jedhaa fi kkkf jechuutiin muudamsa irratti kakuu galchee, foolleefi uummata irraa mormii gurguddaa isa mudachaafi Foollee jedhamanii kan muudaman illee mudamichaa dhiisee ba’aa turee jira.
Haaluma kanaan ammallee itti fufsiisuun kora Abbootii Gadaa Maccaa Hangar irratti taa’aama jiru irratti; Foollee abbbootii Gadaa achi jiraniif uummata galmicha keessatti argamu irraa mormiin utuu irratti dhiyaatuu ergama waajjira dhaabaa Godinaarraa fudhatee dhufeen; koree Abbootii Gadaa jechuun hoggantoota siyaasaa OPDOfi namoota ergamtoota TPLF waliin walta’anii magaalaa keessatti shira xaxaa turaniifi ammallee xaxaa jiraniif muudama dhuunfaasaatiin kenneefi jira.
Namoonni filaman kunooti.
1 Darajjee namni jedhamu kan Hogganaa waajjiraa dhaabaa OPDO tti ijaarsa siyaasa baadiyyaa.
2. Araarsoo namni jedhamu kan OPDO keessatti gaafatamaa waajjira galii magaalichaa ta’ee hojjetu.
3.Abbabee kan jedhamu Kaabinee Gandaa
4. Wayyeessaa namni jedhamu Hogganaa miseensa dhaabaa.
5. Jirraa kan jedhamu Waardiyyaa waajjira Bishaanifi tika siyaasa Wayyaanee ta’ee tajaajilaa kan tureef jiru Fedhii uummataa, Qeerroo fi Foollee tokko malee ajaja waajjira dhaabaa OPDO godinaatiin muudee jira.
Abbaan Gadaa Dassaalee Fayisaan namoota kana shanan koree Abbootii Gadaa Maccaa gochuun muudaniiru.
Akkuma sirna Gadaa keessattuu nama harka ququlluu kan arrabaanillee nama madeessee hinbeekneef naamusa qabutu filatamee sirna gadaan uummata gaggeessa, obbo Dassaaleen sirna gadaa fakkeessuun Wayyaanee jajjabeessanii jiraachuu Qeerroon Bilisummaa kan hadheeffatee jiru, qaamonni harka dhiigaa uummataaf gumaa ta’an kun uummata bakka bu’uu akka hindandeenye Qerrroo Bilisummaa onichaa Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoof gabaasee jira.