


Category Archives: Oduu/News
Godina Baalee Aaanaa Abeentuu Keessatti Diddaan Itti Fufe.
Aside


Godina Wallaggaa Anaa Jaarsoo Keessatti Guyyaa Har’a Muddee 11,2015 FDG Itti Fufuun Ummanni Barattoota Cinaa Dhaabbate!
Aside
Muddee 11,2015 Guyyaa har’aas bartonnii manaa barumsaa sad2ffaaf qophainsa mormii jabaa irraa olan bulchitonnii Godina Wallaggaa Anaa Jaarsoo bartoota wal ga’ii teessisaniis bartonnii hangaa gaafiin keenyaa nuuf deebi’uttii hin baranuu jechuun mormii jabaa dhageesisan…..haalumaa kanan bulchitonnii fi kaafinoonnii anaattii ummaata magaalaa jaarsoo wal ga’ii wamuun ummaanii maaliif baratonnii keenya hiidhamu reebamuu….jechun wal mormii guddan gidduu sanitti ummame ture.. Ummataa keessa deemuun ijoolleerrattii ragaa ba’aa jechuun namoota hedduu gidirsaa jiru…
Ummatii fi Barattooti Oromoo Waliisoo Diddaa Sirna Mootummaa EPRDF Gaggeessan.
Aside
Gootootni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsitii Jimmaa Uffata Gaddaa Uffachuun Warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaa Jabeessaa Jiru.
Aside
Mudde 11,2015 Gootootni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsitii Jimmaa uffata Gaddaa Uffachuun Warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaa FDG Akka guutummaa Oromiyaatti gaggeeffamaa jiru Hiriira mormii daran jabeessuun itti fufan. Kaleessa Mudde 10/2015 Mooraa Saanyiinsii fi Teekinoolojii keessatti Waraana Wayyaaneen Waldura dhaabbachuun sagalee mormii guddaa dhageesisuun humna ittisa biyyaan dhukaasni guddaan irratti baname, Gaazii summaa’aa irratti dukaasuun barattoota hedduun reebichaa ulfatan midhamanii hospitala galan.
Guyyaa Hardhaas Warraaqsaa Biyyoolessaa jabeessuun Mooraa Main Cumpasii keeaastti Uffata Gaddaa Uffachuun har’as Hiriirrii mormii Mootummaan yakka duguuginsa sanyii nurratti rawwachaa jiru aangoo gadhiisuu qaba, Seeraatti dhiyaachuu qaba, Gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi mirgii Dimookiraasii nuuf kabajamuu qaba, kan jedhuufi Mormiin Master Pilaanii Finfinnee fi labsiin Magaalota Oromiyaa ataattamaan haqamuu qaba jechuun uffata gaddaa uffachuun hiriiraa mormii ba’uun humna waraanaa ittisa biyyaa waliin waldura dhaabbachaa jiru, waraanni wayyaanee barattoota irratti dhukaasa jira, barattootni hedduun mooraa gadi lakkisuun gara uummatatti baqachaa jiru.sochiin kun amma adeemsifama jira.,Gabaasaan itti fufa
FDG Godina Arsii Lixaa Asaasaa Keessatti Jabinaan Itti Fufee Jira.
Aside
Mudde 11,2015 FDG Itti Fufuun Gootonni Barattooti Oromoo Uni Hawaasaa Nyaata lagatan,Wallagga Naqamtes Diddaa Itti Fufan.
Aside
Yeroo Ammaa Kana, Godina Shaggar, Salaalee,Kuyyuu,Garba Gurraachaa fi Aanaa Dagaam Keessatti FDG Itti Fufe,Bakka Hedduutti Karaan Cufamee Jira.
Aside
Har’a Mudde 11, 2015 Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FDG Godina Kaaba Shaggar(Godina Salaalee) Aanota garagaraa keessatti jabaachuun ittifufuun Guyyaa har’aa Aanaawwaan kanneen akka Kuyyuu Magaalaa Garba Gurraachatti hiriirrii Mormii guddaan Gootota uummata Oromoo Salaalee fi Qeerroo dargaggoota Barattoota Oromoon jabaate itti fufe jira,
Akkasumas Aanaa Dagaam keessatti warraaqsii haalaan jabaachuun Magaalaa Shanoo keessatti daandii bakkoota hedduutti cufamee
warraaqsii jabaate jira. Anaawwaan Kanneen Akka Wucaalee Magaalaa Muka Xurii fi Hidhabuu Abootee wajiraaleen mootummaa hundii cufamanii hojiin dhaabbatee jira., Uummatni fi dargaggootni Oromoo gaaffii keenyaaf deebii barbaadna, ilmaan Oromoo wareegamaa jiraanniif
Mootummaan itti gaafatamuu qaba jechuun dhaadannoo isaanii jabeessuun daandiiwwaan gara Garba Gurraachatti geessaan ganamarraa eegaluun bakkoota hedduutti cufamee jiraachuun ifa ta’ee jira. Hummni waraanaa gara Garba Gurraachaatti ramadamee karaa darbaa dhabuun hedduu rakkachaa jiraachuun gabaasaan…. itti fufa!!
Har’a Muddee 11,2015 Godina Wallagaa Onoota Qeellam Gara Garaa Keessatti FDG Haala Daran Jabaateen Itti Fufee Jira.
Aside
Mudde 11,2015 Jimmaa Horroo
Har’a ganama irraa kaasanii uummanni Godina Qeellem Onoota garagaraa keessatti didaa isaanii itti fufanii akka jiran Qeerroon gabaasaa jira. Amma sa’a kanatti ona Jimmaa Horroo irratti dhukaasni jabaan akka jiruu fi uummanni fi barattootni walitti dhufuudhaan dhaadannoo
Diddaa Gootota Oromoo Magaalaa Ijaajjii
Aside
Magaalaa Ijaajjii Waggaa 120 Har’aan Dura Bakka Waraanni Minilki Cabsuu Dadhabee Yeroo Dheeraaf Itti Dhaabbate Waan Ta’eef Maqaan Lafa Sanaa Ijaajjii Jedhamee Yaamamee Hafe. Lola Bara sanaa Geendaa Buushan Mijuutu weerartoota Habshaa lolee lafa sanatti waraana Minilik Ijaajise(Dhaabe) sababa kana irraa mogga’e. Har’as gootonni barattooti Oromoo fi Ummanni Oromoo diddaa magaalaa sanii haalaan jabeessee jira.






