Gurraandhala 6,2017, Waggoota Dhiyoo Asitti Uummata Oromoo Lixa Oromiyaa Ona Waamaa Hagaloo Dararaa Turte Balaa Gurguddaan Saaxilamte. Barattootaa fi barsiisota qareeyyii hidhuuf reebuin beekamtii guddaa onicha keessatti kan qaban Foolisoonni Sadii balaa Konkolaataan tokko yoo ajjeefamu kaawwan hafan du’aaf jireenya gidduu galuu isaanii ofeessi Qeerroo addeessa.
Akka odeessa kanaatti foolisoonni kunneen torbee darbe namoota hidhanii reebaa turan gara magaalaa Naqamtee mana hidhaa Jaatootti dabarsanii utuu galaa jiranii balaan konkolaataa Aanaa Waamaa Hagaloo Laga Mi’eessoo gubbatti irra gahuun Police Gulummaa kan maqaa abbaasaa yeroof hin argatin battalumatti lubbuin darbe.Isaan keessaa waggoota dheeraaf uummata cunqursee humnaan dhahee reebaa fii saamaa kan ture Police Taaddalee fii Police Guddataa kan jedhaman miidhama guddaa irraa fayyuu hin dandeenyerra gahuu isaanii dhagaa’ame.
Category Archives: Oduu/News
ONN- Beeksisa Qophii Kaayyoo
Aside
” Qeerroo Isaa Gurmeeffatee” Wallee Warraaqsaa Haaraa Artistoota Oromoo Hawwii H.Qananii fi Abbabaa Dhugaasaa /Gurraandhala 2017
Aside
Shirootaa fi Afaan Fajjii Wayyaaneen TPLFn Ummata Irratti Xaxamaa fi Deemaa Jiru Gootummaa Qeerroon Fashalaa’ee FXG Itti Fufee Jira.
Aside
Gurraandhala 6,2017 /Sirni cunqursaa mootummaa jedhee of yaamu Wayyaanee TPLF yeroo ammaa maqaa haaromsa biyya keenyaaf jedhuun uummata Oromoo gidduutti afaanffajjii uummuuf yaalii akkaan jabaa ta,e gootus shiraa fi kijibni sirna Wayyaanee deemaa jirtuuf diddaa Qeerroo fi uummataan golee Oromiyaa mara keessatti Wayyaanee harkatti busha,aa jiraachuu Qeerroon gabaase.Shiftoonni Wayyaanee kunneen diddaa uummanni Oromoo osoo walirraa hin kutiin waggaa 1 olirra dabarsee gochaa jirutti muffii fi gidiraan akkasumas cinqii keessa kan seenan saamtooni wayyaanee kunneen yeroo ammaa maqaa haaromsa biyya keenyaa gadi faggeenyaan xiinxaluu jechuun uummata oromoo golee oromiyaa mara keessa jiran walga,ii fi doorsisaan gidirsaa jiraachuunis saaxilame jira.
Hidhamtootni Ilmaan Oromoo mooraa Liinjii Waraanaa Wayyaanee kanneen akka Xoollaayi, Awaash Arbaa fi Bakkoota garaa garaatti hidhamuun hiraarfamaa turan gadhiifamuun gabaafame
Aside
Guraandhala 5,2017 Hidhamtootni Ilmaan Oromoo mooraa Liinjii Waraanaa Wayyaanee kanneen akka Xoollaayi, Awaash Arbaa fi Bakkoota Garaa Garaatti hidhamuun hiraarkanneenfamaa turan wayyaaneen waan qabdee gadhiiftuu dhabuun maqaa leenjii haaromsaa gooneef jettuun hidhamtoota Oromoo muraasa kan gadhiiftee jirtu ta’uun ibsamera. Ilmaan Oromoo hiraarsa diinaa hamaa meessa turtan baga nagaan baatanii maatii fi hiriyoota keessanitti makamtan.Oromia News_Network (ONN) Oduu gara garaa, Gur 5, 2017
Aside
ala 5,2017 Oromia_News_Network (ONN)Tamsaasa isaa Satalayitii kallattiin Biyyoota Afrikaa Bahaa Addatti immoo Oromiyaa fi Ethiopia irratti fuulleffachuun Kan eegale ta’uu yeroo dhageenyuu gammachuun keenya guddaa ta’uu uummta Oromoo hundaaf ibsina. Addaatti immoo Hoog gantootni Koree_Boordii_Olaanoo ONN uummata Oromoof hojjechuuf Qabsoo bilisummaa Oromoo jabeessuu fi tokkummaa uummata keenyaa mirkaneessuu irratti roga kanaan ga’ee media bahachuuf akka jirani fi Oromoof hojjechuuf fedhii guddaa qabachuufi of kenninsa bu’aa dhuunfaa irratti hin hirkanneen bu’aa uummataafi qabsoo bilisuummaa Oromoo dursuun hojjeechuuf akka jiran Koreen boordii ONN ifatti of beeksisaniru.Hooggantoota_ONN, Koree Bordii Olaanoo keessa muraasa:
1. Dr Moosisaa Aagaa hogganaa olaanaa ONN.
2. Dr Rundaasaa Asheetee barreessaa olaanaa ONN.
3. Obboo Elemoo Odaa miseensa Hojii rawwachiiftuu Olaanoo ONN
Ifatti Oromoof hojjechuuf onnee guutuun qabsoo bilisummaa Oromoo cina dhaabbachuuf kan jiraniifi haala waliigala dhimma uummata Oromoo fi Oromiyaa irraatti hojjechuuf kan jiran ta’uun hubatameera.
Sagantaan ” TV Gaaddisa Dhugaa” Karaa TV ONN Qilleensa Irraan Darbuuf Qophii Xumuratee Jira.
Aside
ONN: Oromia News Network
Aside
Godina Arsii Anaalee Gara Garaa Keessatti FXG Itti Fufe.
Aside
Gurraandhala 4/2017 Godina Arsii bakkoota hedduutti Qeerroon barattoonni Oromoo M/B sadarkaa 1ffaa Faaruu Alaabaa farfachuu dhiisuun fi Barnoota Lammummaaf Amala gaarii hin barannu jechuun itti fufuun Aanaa Doddotaa M/B Koloobaa fi M/B Boolloo keessattis eegaluunii jiraachuun itti fufee jira,Aanaa gololchaattis M/B Haroottis eegalamee jira, doorsifnii fi roorroon barsiiftonni ergamtuu
Wayyaanee ta’anis itti fufuun Arsii Aanaa Roobee M/B Ataabaa Adamii fi Haddaa Baamoo keessattis itti fufeera.