Oromiyaa Keessatti Gatiin Bittaa Zayita Nyaataa Haalaan Dabaluu Irraan Ummati Rakkachaa Jira.

Aside

img_20170207_145143Gurraandhala 8,2017/Mootummaan  abbaa irree Wayyaanee yeroo ammaammoo gatii Zayita nyaataa guutummaa Oromiyaa keessatti humnaa ol guddisuudhaan uummanni guutummaa biyyatti rakkoo fi muddama jabaa keessa seenaa jiraachuun himame.
Keessumaa yeroo ammaa goleewwan oromiyaa keessaa mootummaan Wayyaanee  Zayita nyaataa cirumaan dhiyeessuu waan dideef uummanni akka malee rakkachaa jiraachuun gabaafame.
Rakkoon kun guutummaa Oromiyaa keessatti bakka wal fakkaataatti raawwatamaa jiraachuun himame. Hanga ammaattis zayita nyaataa tuubboo abbaa 3 tokko hanga qarshii 160  bitnee fayyadamaa jirra jechuun uummanni golee Oromiyaa keessaa iyyataa jiran. Continue reading

Untold Story Behind Ethiopian State of Emergency Declaration

Aside

By: Dejene Abdissa

Declaration

03 February, 2017;  Bonn-Germany

When is the Ethiopian Government Empowered to Declare a State of Emergency under the Constitution?!?!

The Ethiopian government is empowered to declare a state of emergency under the constitution, “should an external invasion, a breakdown of law and order which endangers the Constitutional order and which cannot be controlled by the regular law enforcement agencies and personnel, a natural disaster, or an epidemic occur (Constitution of the Federal Democratic Republic of Ethiopia; Article 93: Emergency Proclamation).

The unrest in the central Oromia dates back to November 2014/15, when demonstrators opposed a government plan to expand the boundaries of Addis Ababa into the Oromia regional state. Farmers were particularly upset, worrying that they would lose their farms in the government’s notorious “land grab” policy. Those protests have claimed the lives of hundreds of people and still counting (Gebre-Selassie, 2016). In July 2016, another wave of protests began in the Amhara region when the government arrested members of the Welkait Committee, who were demanding the reversal of a 1991 decision by the ruling party to annex three districts of the Amhara region into the Tigray regional state. The inhabitants of these districts identify as ethnic Amhara and want to be reintegrated into the Amhara regional state, of which they have been a part for centuries; nothing more, nothing less. As a consequence, the Oromo and Amhara ethnic groups – who together constitute close to 70% of the total population – are deeply resentful about playing second fiddle. Naturally, this has been a deep source of political disaffection for vast numbers of the members of these communities. Continue reading

SBO Gurraandhala 08,2017. Oduu, Gabaasa Addaa fi Gaaffii fi deebii Art.Elemoo Alii kutaa xumuraa akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Gurraandhala 7, 2017

Aside

Obbo Lamma Magarsa fi Qaanqee Show

Aside

Ethiopia: Debre Tabor, founded by Ras Gugsa Mersa, the Yejju Oromo Ruler of Gondar/Begemider

Aside

Gadaacom Oromoo

Oromoof Oromiyaa Hongeessuuf Yaaluun,Burqaa Qilleensaa Argachuun Cuqqaaluuf Jooruun Wal Fakkaata

Aside

Barataa Dachaasaa Deebisaatiin

Barreessaa dhugaa baasa!Orom-biyyaa jaamsanii maqaa biraan moggaasuuf gartuuwwaan baalqajjiin kaleessaa yeroo qaroominni hin qabnes sanyiin Habashootaa yaalaa turuun nii yaadatama.Dhumma lafaaf namasaaf yoomuu duubatti utuu hin jedhin waraana lafoon ofirraa quuraa’ee deebisaa turuun gootowwaan Oromoo darbanii yomuu kan hin dagatamnedha.
Har’as daandii buchulloonni isaanii kaleessaa baasan sanarra gulufuun afaan uummata bal’aaf biyya Uummata Oromoo kana dhuunfatanii irra danbali’uuf waan hin goone hin qaban.”sangaa gaafaa mana hin dhowwatin innuu dadhabee dhiisaa”jedha Oromoon.Habashoota ofirraa deebisuuf gootowwaan kaleessaarraa dhaalmaa fudhatee dhalonnii Qaroon Oromoo har’as falma jabaa keessa jiraachuun waan ifaati.Keessattuu sochii roga maraan Qeerroo Bilisummaa Oromoo Oromiyaa keessatti gaggeessaa tureef itti jiru,Laaqii Wayyaaneen keessaa bahuu hin dandeenyeen qabsiisee jira.Akka horii hongeen huuqqisee dhoqqee Bonaan qabamtee ba’uu dadhabduu,Warraaqsa uummataan finiine kana keessaa bahuun Wayyaaneetti dhagaa guddaa dugdatti fe’ame ta’ee jira.
Continue reading

Mootummaan Wayyaanee Duula Labsii Waraanaa Ummata Oromoo Irratti baatii 6f Labsee Ture Irratti Baatii 4 Dabaluuf Akka Jiru Saaxilame.

Aside

TPLF

Gurraandhala 6,2017 /Oromiyaa Keessatti Duulli Waraana Uummata Oromoorratti Labsame Ji’a Afur Dabalachuu Qaamonni OPDO Dhoksaan Nuuf Himan Guutummaa biyyattii keessatti falma Qeerroo Bilisummaa Oromoo biyya keessaatti taasisaa jiru sodaa keessa galuun ji’a jahaaf human waraanaan akka Biyyi keenya bultu taasisuun humna bicuu sammuu duufeen dhangalaatu dabarsuu ishee eenyuuf ifaadha.Ajaja ji’a jahaa sana Guutummaa Oromiyaa keessatti tasgabbiin bu’uu waan hin dandeenyeef ji’a afur itti dabalanii akka jiran odeessi OPDO keessatti wal mormisiisaa jiraachuu beekame. Continue reading

Sagantaan “TV Gaaddisa Dhugaa” Gara Qilleensa Irraatti Deebi’uuf Jedha.

Aside

Godina Arsii Aanaa Seeruu Ganda Elelle Jedhamu Keessatti Ergamtooti Wayyanee Ummataan Adabamaa Jiru. Barattooti Umuriin Xiqqaa Ta’anis Poolisootaan Hidhamaa Jiru.

Aside

Exif_JPEG_420

Gurraandhala 6,2017/ Godina Arsii Aanaa Seeruu Ganda Elelle jedhamu keessatti basaastuu Wayyaanee dargaggoota qabsiisaa jiruu fi hojjataa waajjira Aadaaf turizimii aanaa seeruu Siraaj H/ Abdullaahi Muhaammad jedhamu eda halkan human hin beekamneen dhanamuun miidhami cimaa akka irra gahee jiru gabaafame. Namni kun yeroo amma Hospitaala Roobeetti yaalamaa jira,

Kana malees guyyaa har’aa Wiixata barattoonni M/B Adamtuu faaruu faarfachuu diduu isaanitiin barattoota umuriin daa’ima ta’an  3 Sadih mana hidhaa magaalaa Balee Gasgaaritti darbatamanii jiru,dargaggoonni mana hidhaatitti darbataman

1, Ismaa’il Kadiir barataa kutaa 6ffaa

2, Seeyfuu H/ Jest barataa kutaa 6 fffaa
3,Muhaammad H/ Kamaal ta’uun dhagayame, sababiin barattoonni kuni itti hidhamaniin barruulee warraaqsaa faaruu hin faarfatinaa jedhuufi barnoota lammummaa hin baratinaa jedhu isintuu maxxansee haala baruuf barsiisuu gufachiisutti jira jechuun ta’uunis dhagayameera.