Category Archives: Oduu/News
Bosonni Oromiyaa Godina Wallaggaa Qeellam Aanaa Anfilloo Abbootii Qabeenyaa Tigraayiin Manca’aa Jira.
Aside
Bitootessa 2,2017
Godina Wallaggaa Qeelam Anaa Anfilloo keessaa lafti ummataa fudhatamee amma abbootii qabeenyaa dhalootaan Tigiroota ta’aniif kennamaa jira, aanaa Anifiiloo keessatti yeroo ammaa bosona baldhaa fi lafa ummata irraa fudhatame bosonatti ibiddaa qabsiisuun bosona umuriin dheeraa ta’e guggubaa fi manxaasaa jiru. Continue reading
Wayyaaneen TPLF Yuunibarsiitii Jimmaa Keessatti Leenjii “Haaromsa gadi fagoo” Barsiisotaa fi Barattootaa Dirqamaan Kennamuuf Jedha.
Aside
Bitootessa 2,2017
Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessatti Leenjiin “Haaromsa gadi fagoo” jedhu jalqabuuf kan jiru yoo ta’u,barsiisotaaf bor irraa jalqabee kan
itti fufu akkasuma barattootaaf illee kennamuu akka qabu Wayyaanee TPLF n kan durfamu dhaaba ergamaa OPDOn dhaadachaa jiraachuun himame.
Haala ulfaata Uummanno keenya keessa jiru kanarti saatii diinaan wajjin yaada wal jijjiirru kan hin qabne ta’uu Qeerroo Moorichaa ifa godha.Walga’ii qaama mootummaan waamamu kam irraayyu hafuun akkasuma walgaayii diinaa irrati akka hin hirmaanne wal hubannoon barbaachisaa ta’uu dirqama Qeerroo moorichaati. Continue reading
Godina Arsii Keessaa Manneen Daldalaa Ummataa Cufamaa Jiru.
Aside
Godina Arsii Magaalota hedduu keessatti mootummaan wayyaanee suuqota daldalaa bakkoota adda addaatitti namootarratti cufaa jira,gibira humnaa olii kaffaluu qabdu jechuun ummata rakkisaa jira,addaatti namoonni gocha diinaa kanaaf saaxilaman oromoota ta’uun dhagayamaa jira,magaalonni wanti kun keessatti ta’aa jiru Dheeraa, Asallaa, Kofalee fi Muneessa ta’uun barameera.
Kanamalees Godina Arsii Aanaa Roobee
Magaalaa Saddiiqaa keessaatti ummata nagayaa hidhuuf doorsisuun dhagayamee jira,Akkuma beekkamu guutuu Oromiyaa keessaa FXX tiin wal qabatee ummata hedduu mana hidhaa xoollay Awaash fi Sanqalleetti dararaa turuun isaa ni yaadatama,magaalaa Saddiiqaa keessaayis namoota hedduu achitti hidhee bilisaan gadhiise keessaa guuree ammallee mana hidhaatitti dachaasaa jira,namoonni ammaaf hidhamanii jiran Gazaalii Jamaal,Hajjii Jamaal,Amaan H/ Tunaa kanneen jedhaman keessatti argamu
Waldaa Liqiif Qusannaa Oromiyaa Erga Nu Keessa Dhaabbatee Nageenyi Keenyas Qabeenyi Keenya Hunkuramaa Ta’e
Aside
Gurraandhala 30,2017/ Oromiyaa keessatti maqaa WLQO jedhuun Humni bitamtuu Wayyaanee OPDO uummata Oromoo irratti erga Waajjira dhaabbattee asitti,Oromonno keessattuu qote bulaan Oromoo haala ulfaataa keessa jiraachuu dubbatan.Maallaqi akka Liqiitti kennamu kan of dhalee galu waan ta’eef Oromoon maallaqa isaa kuufachun akka itti ulfaatee jiru himame.Qotee bulaan dubbifne akka nuuf ibstti “WLQOn eega nu keessa dhaabbate nageenyi keenyas qabeenyi keenyas hunkuramaa ta’e,rafnu nagaa dhabnaa yaaddoon mataa gadi qabnee bulla.Maallaqa sana kaffaluuf midhaan nyaataa gurguruun dirqama,kunimmoo hirii qabeenyaa keenyaa halayyaa buusee jira”jechuun dubbatan.
Gama biraan Yunibarsiitii Asoosaa Keessatti Nyaata Dhorkatamuun Continue reading
Sagalee Qeerroo Bilisummaa (SQ) Gurraandhala 28, 2017
Aside
Godina Arsii Aanaa Lemmuuf Bilbiloo fi Aanaa Muneessaa keessatti Daldaltootatti Gibira Humnaa Ol Dabaluun Ergamtooti Wayyaanee Ummata Miidhaa Jiru.
Aside
Gurraandhala 29,2017
Godina Arsii Aanaa Lemmuuf Bilbiloo fi Aanaa Muneessaa keessatti mootummaan Wayyaanee OPDOn karaa waajjira galiiwwanii aanota kanniinitiin daldaltootatti gibira humnaa olii fe’een kaffalsiisuuf murteeffachuun dhagayameera,kanumarraa ka’uun daldaltoonnis gibirri kuni humna keennaa Ol waan ta’eef akka nuuf sirreessitan jechuun gaaffii kan dhiyeessan yoo ta’uu gaaffii gaafatan kanaaf deebin kennameef mana hidhaatti guuramuu akka ta’e dhagayamaa jira. Continue reading
Maqaa daballii miindaa barsiisotaan wal qabatee barsiisonni godinaalee Oromiyaa keessaa hojii dhaabaa akka jiran ibsame.
Aside
Mootummaan abbaa irree wayyaanee baatii darbe keessa barsiisota godinaalee Oromiyaa keessa jiran keessaa walitti qabuudhaan maqaa dabballii miindaa peersentii dhibbaa keessaa 95% ol- isiniif guddifna jechuun waadaa jabaa barsiisota kanneeniif galuudhaan walga,iin wayyaanee xumuramuun barsiisonni gara hojjii hojjii isaaniitti akka deebifaman godhamee turuun ni yaadatama.SBO: Bitootessa 1 bara 2017. Oduu fi Gaaffii fi deebii Artiist Eebbisaa Solomoon waliin taasifame -Kutaa xumuraa Akkasumas SBO sagantaa Afaan Amaaraa.
Aside
ETHIOPIA: The Ethiopian Government is Plotting a War Among the Nations and Nationalities in Ethiopia
Aside
HRLHA Press Release
The Ethiopian Somali Liyu Police led by the Ethiopian Federal government’s killing squad have been engaged in a cruel war for the past six months against the Oromo nation in fifteen districts of Oromia. The Oromia districts that have been invaded by the two aforementioned forces are in east and east- west Hararge Zone, Eastern Oromia, Guji, Borana and Bale, South Oromia zones, Southern Oromia of Oromia Regional State. Continue reading
