Caamsaa 10/2017 Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinneetti Koonfirasii Dargaggootaa Saglaffaa 9ffaa Jechuun Namoota OPDOf Amanamoo ta’an Akka Godinaalee Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinneetti Dargoota mariisisaniif leenjiin kennamaafii jiraachuun dhagayamee jira
Category Archives: Oduu/News
Ergamtooti TPLF (OPDO)Godina Baalee Aanaa Sawweenaa Keessatti Marii Nageenyaa Jechuun Ummata Rakkisaa Jiru.
Aside
Caamsaa 10,2017/Godina Baalee Aanaa Sawweenaatti Marii nageenyaa maqaa jedhuun Kaabinoonni OPDO Godinarraa Dhufanii fi Bulchiinsa Aanichaa keessatti Argaman Ummata walitti qabanii marii gaggeessa jiraachuun dhagayameera.Bulchaan Godina Baalee Obbo Aadam Qaasim Marii kanarratti akka hasayanitti Qaamni Miseensa Adda Bilisummaa Oromoo ABO yookin Qeerroo Bilisummaa jedhee socho’u Aanaa keenna keessaa qulqullaayuu qabu.Walitti Bu’iinsi Mootummaa
Naannoo Oromiyaati fi Mootummaa Sumaalees furmaata argatee jira kanaafuu olola humnoonni nageenya biyya teenyaa hin barbaanne hafarsaniin hin jeeqaminaa fuula keessan gara nageenyaa fi misoomaa deebisaa jechuun waan lafarra hin jirre itti kijibaa jiraachuu maddeen Oduu Qeerroo Aanaa Sawweenaa irraa gabaadanii jiru.
Kana malees Continue reading
SBO: Caamsaa 10 bara 2017. Oduu, Qophii Haala Yeroo Irratti Fuuleffatee fi Gaaffii fi Deebii Jaal Geessisaa Kuusaa waliin taasifame -Kutaa xumuraa, Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.
Aside
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo,Caamsaa 9,2017
Aside
Godina Gujii Lixaa Aanaa Qarcaa keessatti Ummanni Dirqamaan Gibira Kaffalchifamaa Jiru.
Aside
Caamsaa 9,2017/ Godina Gujii lixaa Aanaa Qarcaatti Wayyaaneen Ummata dirqamaan mana manarra deemtee gibira kaffalchiisaa jiraachuun dhagayamaa jira.Akka Oduun achii arganne addeesitutti daldaltoota magaalaa fi hanga Qotee bulaa baaddiyyaattii dirqaman mana manarra deemanii gibira humna isaanitii ol kaffalchiisudhaaf dirqisiifamaa akka jiran maddeen Oduu Qeerroo naannawa sanii gabaasanii jiru. Continue reading
Sabboonaan Oromoo Obbo Huseen Dhaabaa Godina Wallaggaa Aanaa Beegii Magaalaa Boqotan.
Aside
Sabboonaa Oromoo beekamoofi jaallatamoo Obbo Huseen Dhaabaa Gimbii addunyaa kana irraa torbee darbe caamsaa 05/2017 du’aan boqotan. Obbo Huseen Dhaabaa godina Wallagga lixaa aanaa Beegii magaalaa Koboritti kan dhalatan yommuu ta’an sababa Oromummaa isaaniif deeggaraa ABO ti jedhamuun hiraarsamaa turani. Obbo Huseen bara mootummaa dargii keessa waggoota 6f magaalaa naqamteetti hidhamanii turani. Bara mootummaa garboomfattuu Wayyaaneettis yeroo garaagaraatti ABO deeggarta jechuun akka hidhamaa turaniifi waggoota sadiif Mana hidhaa Wayyaanee turani. Obbo Huseen fincila xumura gabrummaaf dargaggoota kakaaste maqaa jedhuun hiraarfamaa turani. Obbo Huseen maanguddoo ganna 65 kan turan yommuu ta’u hamma lubbuun jiranitti man’ee ABO fi WBO gorsaafi maallaqaan nama deeggaraa turani.
Waraannii fi Milishoonni TPLF Godina Arsii Aanota Mara Keessatti Walgahii Sardaa Irra Jiraachuu Qeerroon Gabaase.
Aside
Haxxummaa miti hattummaadha.
Aside
Dachaasaa Deebisaati
Qabsoon daandii walxaxaa keessa akka tartu gorsaawwaniifk itaaboota tokko tokkorraa akkasuma mudannoowwan ijaan argurra hubachuu danda’eera. Bu’aa ba’ii sana qaxxaamuranii kutanii akeeka mana bahan sana bira gahuun Qabsaa’aa tokko Obsaaf booree gaafata.
Nama obsa qabutu injifata,nama booree qabutu kaayyoo isaa cina dhaqqaba. Kaleessa dheengadda wareegamtoonnii Qeerroo Bilisummaa kanneen akka Dirribee Jifaar, Jagamaa Badhaanee, Gaaddisaa Hirphaasaa, Alaamayyoo Garbaa, Fikkf cichoominniif kutannoon isaanii kaayyoon lubbuu isaanii wareeganiif inni guddaan Oromiyaa ijaaruufi maqaa Oromiyaa addunyattii mul’isuuf Faajjii Oromiyaa Alabaa biyyatti addunyaatti agarsiisuuf ture. Xurree isaan irra ademaa turan xurree dhugaati, dhugaa qabatanii lafa dhugaa dhaqan ‘ ekeraan isaanii Daadhii haa dhugu’ jechaa nama gumaa isaanii baasu waaqayyoo nuun haa taasisu. Maarre ergama isaanii kana mul’ata isaanii, mul’ata wareegamtoota Oromoo kanneen Shiftaa Sumaaleen dhumanii sana galaana dhuunfaa sanatti darbatanii culluxxoo ofittummaa seensisuun
oftulummaadha. Continue reading
Godina Arsii Magaalaa Saguree Keessatti Qophii Ispoortii Irratti FXG Ka’uu Mala Jechuun Warraanni TPLF Hedduminaan Bobba’e.
Aside
Caamsaa 9,2017/ Godina Arsii Aanaa Digaluuf Xijjoo Magaalaa Sagureetti Shaanpiyoonaan Ispoortii Aanota godina Arsii Guyyaa Har’aa wiixata 8/2017 Eegalee kan jiru yoo ta’uu Poolisoonni Wayyaanee Galgala kana Ummata Daandirra socho’uu dhoorgaa jiraachuu Oduun Qeerroo Saguree irraa arganne addeessee jira.
Aside
Caamsaa 8,2017/ Godina Shawaa Bahaa Magaalaa Bushooftuutti ergamtoonni Wayyaanee hanga gandaatti jiran hunda maqaa gamaaggama hojii ji’a sagalii jedhuun marii teessisaa jiru.Wal gahichi garuu kan gaggeeffamaa jiru.Bushooftuun Oromiyaa taatee osoo jirtuu Afaan Amaaratiini gaggeessaa jiru. Continue reading
