Dhaamsa Gabaabaa Hooggantoota Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Uummata Oromoo Hundaaf Dabarfame.

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Yeroo ammaa kanatti godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti Sochii Warraaqsa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG daran jabeessuun addatti duula gabaa Lagachuu, Mormii Saamicha gibira fi qaraxa dacha 3 oliin uummata keenyaarratti fe’amee jiru sababeeffachuun sochii Warraaqsa Oromiyaa keessatti qabsiifnee Warraaqsii bifa qindaa’eefi itti fufinsa qabuun finiinaa jiraachuun beekamaadha. Ammas Warraaqsii Biyyoolessa Oromiyaa FXG akka guutummaa Oromiyaatti adeemsaa armaan gadii kana hordofuun daran jabaatee kan itti fufu ta’uu irra deebi’uun Qeerroon Bilisummaa Oromoo Uummata Oromoo hundaaf Waamicha Keenya jabeessina. Continue reading

Diddaan Xumura Gabrummaa Oromiyaa Bakka Gara Garaa Keessatti Itti Fufee Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Adoolessaa 19/2017 Oromiyaa Lixaa  Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Naqemtee Keessatti Guyyaa har’aa Sochiin Warraaqsa Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Duullii gabaa lagachuu, mormiin gibiraa fi qaraxa adda addaa dhorkachuu itti fufe. Qeerroon dargaggootni Magaalaa Neqemtee fi uummatni Daldaltootni Sabboontootni Oromoo guutummaatti mana daldalaa isaanii

✔manneen nyaataa fi hoteelotni cufamanii tajaajila dhaabaniiru

✔dunkanoonni (Suuqiiwwaan) daldaltootas hojii dhaa uun cufamaniru  Continue reading

Magaalaa Naqamtee fi Naannoolee Godina Wallaggaa Keessatti Qeerroon Waamicha FXG Bal’inaan Tamsaasaa Jiraachuun Gabaafame.

Aside

20139599_10103252738048673_8889980020033865440_nAdoolessa 18,2017/Godina Wallagga  magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessa barruuleen fxg  guutummaa magaalaa Naqamtee keessa facaafamaa akka jiran Qeerroon gabaase.
Sirni gabroomfataa Wayyaanee kan afaan hololaa fi kijiba diimokiraasiin biyya Oromiyaa kan  saamaa ture itti xiqqaannaan ittuu diinummaa isaa addunyaatti mullisuuf maqaa saamicha gibiraan daa’effatee uummata saamaa akka jiru hundu quba qaba.Haaluma kanaan gootowwan Qeerroon magaalaa Naqamtees diddaa sirna wayyaaneef qabanirraa ka’uun guutummaa magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessa barruulee warraaksaa kan diddaa kaffaltii gibiraan wal qabatu facaasaa akka jiran madi oduu Qeerroo leeqaa gabaase. Continue reading

Gabaasa FXG Godinoota Oromiyaa Garaagaraa.

Aside

Itti fufaGodina Arsii.

IMG_20170718_152636Adooleessa 18,2017/Godina Arsii Aanota hedduu keessatti guyyoota lamaan har’aaf kaleessa lagannaan gabaa kan taasifame yoo ta’uu Suuqonni daldalaa magaalota akka Seeruu,Balee, Geersaa, Shaashamannee,Adaabbaa, Dodola,Roobe,Saddiiqa, Waabee, Eddoo, Kofalee, Nageellee, Ajjee keessatti Gibira Wayyaanen Ummatarratti feete mormuun gabaa lagatanii jiru. Tajaajilli Geejjibaas dhaabbateera Konkolaachiftoonni fi Abbootin qabeenyaa sabaan Oromoo hin ta’in muraasni isaanii dalagaa isaanii didanii kan itti fufan yoo ta’uu. Diddaa kanatti akka makaman karaa adda addaatin Qeerron ergeefii kan jiru yoo ta’uu gaaffii isaanif dhiyeessine kana fudhachuun gara ummataa hin goran yoo ta’e Qeerron tarkaanfii Qabeenya isaanii irratti akka fudhatus hubachiisee jira. jedhu Gabaasaalen Qeerroo magaalota adda addaa irraa nu gahaa juru.

kana malee Continue reading

Guyyaa Har’aa Jalduu Keessatti Diddaan Ummataa Itti Fufe.

Aside

Adoolessa 17_2017/Wayyaaneen TPLF bifa kasaaraa dinagdee dhibbantaa 85% keessa galee jiru suphachuuf jecha ummata Oromoo irratti gibira gara malee fe’uun beekamaa dha haalli kun gibiraan uummata saamu mormuun Qeerroon Jalduu hardha guyyaa guutuu FDXG finiinsaa ooluun mootummaan Wayyaanee fi lukkeelee isa muddama keessa oolcheera.muddama kanaan kan kadhe lukkeelee isaani konkoolaachiftootaa fi imaaltoota konkoolaataa irraa harcaasuun reebichaa fi saamicha gaggeessa oluusaani Qeerroon addeessa. Continue reading

FXG Lixa Shaggar Magaalaa Waliisoo Keessatti Itti Fufee Jira.

Aside

#OromoRevolution Adoolessaa 17/2017 Godina Kibba Lixa Shaggar Magaalaa Walisoo Keessaatti Sochiin Warraaqsaa FXG tajaajila geejjibaa taskiifi bajaajiin hojii dhaabuun mormii sirna nama nyaata wayyaaneef qaban jabeessani itti fufan. #gibirri fi #qaraxni adda addaa guutummaatti labsiin bahee hanga akka humna uummatatti sirreeffamuutti,fi gaaffiin migaa abbaa biyyummaa mootummaan abbaa irree teessoo afaan qawween ijaarrate irraa gadi bu’ee hanga deebiin kennamuuf bilisummaan uummata Oromoo mirkanaa’uutti mormiin wal irraa hin citu.