Mooraa Yuunversiitii Wallaggaa keessatti fxg diddaa COCn wal qabatuun dhohee ture daran jabaachuun itti fufee jira.

Aside

[SQ sadaasa 23/2017] 
Fincilli Xumura Gabrummaa biyyaalessaa diddaa COCn wal qabatee dhohee ture erga guutummaa Yuunversiitiilee Oromiyaa fi dhaabbiilee barnootaa xixiqqaa dhuunffatee ammallee dhaamuu dhabuudhaan gootowwan barattoonni Oromoo guutummaa biyyattii keessatti diddaa
isaanii akkuma itti fufanitti jiru.
Haaluma kanaan mooraa yuunversiitii wallaggaa keessattis hanga gaaffiin mirga Abbaa biyyummaa keenyaa nuuf hin deebinetti hin barannu,jechuun gootowwan barattoonni moorichaa dhaadannoodhaan lafa raasaa jiru. Waraanni sirna Wayyaanees aarii keessa seenuudhaan barattoota
moorichaatti olseenuun barattoota mooraa keessa ari’aa jira. Continue reading

Aside

(SBO/VOL – Sadaasa 22,2017) Godina Lixa Harargee Ona Mi’eessoo keessatti humni waraanaa liyyuu haayil Somaalee lakkoobsaan guddaa ta’e karaa afuriin ummata Oromoo irratti lola banuuf qopha’aa akka jiru jiraattotni naannoo ibsan.

Karaa Araddaa Bareedaa, Ona Gumbii/ araddaa Deymaa karaa Mulluutii fi naannawa sanaan lola qindaawaa ummata keenya irratti banuuf humni guddaan buufachaa waan jiruuf, ummatni keenya jabaatee akka of ittisuu fi of tiksu jechuun sabboontotni naannoo sanii dhaamsa dabarsanii jiran. Continue reading

SQ-Sagaleen Qeerroo Bilisummaa Oromoo Sadaasa 23, 2017

Aside

Warraaqsa FXG biyyooleeysa Oromiyaa guyyaa har’aa magaalaa Harawaacaa keeyssatti gaggeeyfame.

Aside

[SQ,sadaasa,23,2017]

Image may contain: one or more people and crowdImage may contain: one or more people, crowd and outdoor

Yunivarsiitii Amboo Damee Walisoo keessatti barattoonni mormii dhageessisaa jiru.

Aside

[SQ,sadaasa,23,2017] Mormiin kun guyyaa sadaffaaf itti fufee jira. Barattoonni akka mooraa keessaa hin baaneef poolisonni dallaa marsanii ittisaa jiru. Haalli mooraa Yuunibarsiitichaa yaaddeessaa ta’us dubbatu.

Waamicha Barattoota Yuunibarsiitii Jimmaatiif

Aside

Uni Jimmaa

Har’a ganama  gaafa 13/3/2010 A.L.I mooraa yuunibarsiitii keessa humni darbatamaan seenee baratoota afur ammaaf kan maqaan isaanii adda hin baane hidhaatti galchee jira. Dhimma kana homaa namni beeku hin jiru.
Barattootni kunis eessa akka gahanii fi maalirra akka isaan gahan qaamni ibsa kenne hin jiru. Hanga barattootni hidhaman kun hiikaminnitti barumsi itti fufee akka dhabbattu Qeerroon Yuunibarsiitii Jimmaa murtee dabarseera. Kanaaf barattootni Yuunibarsiitii kanaa sagalee tokkoon walfaana ta’uun qabsoo cimaa goonee barumsa dhaabuun barattoota hidhaman kana hidhaadha haa baasnu jechuun Qeerroon waamicha tokkummaa dabarseera.
Qeerroo Yuunibarsiitii Jimmarraa!!!!!!!

Warraaksi biyyaalessaa mooraa dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti dhohee ture daran baballachuudhaan guutummaa dhaabbilee barnoota gad aanootti darbuudhaan sirna Wayyaanee muddaa jira.

Aside

Sadaasa 23,2017
Haaluma kanaan diddaan torbanoota darban keessa mooraa yuunversiitii golee oromiyaa cufa keessatti dhohee ture hundeensaa daran jabaachuudhaan manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa irraa gara sadarkaa 2ffaatti gad bu’uudhaan mootummaa wayyaanee kokkeedhaan qabaa jira.
Diddaan kun guyyaa har’aas godina wallagga bahaa magaalaa naqamtee keessatti guutummaa dhaabbilee barnootaa cufa dhuunffachuun sirna wayyaanee boqonnaa dhorkaa turellee maddeen achirraa gabaasanii jiru.Addattimmoo diddaan kun mooraa yuunversiitii wallaggaa dabalatee manneen barnootaa qophaaina Naqamtee keessattis daran jabachuudhaan guyyaa facaasaa fi roobii  waraaksi jabaan magaalaa Naqamtee keessatti baratootaan geggeeffamaa akka ooletu himame. Continue reading

Fincila Xumura Garbummaa Danbi Doolloo Canqaa Guyyaa Sadaasa,22,2017]

Aside

Image may contain: one or more people, people standing and outdoorImage may contain: 3 people, people standing, tree, plant, outdoor and nature

ONN; Oduu Olmaa Oromiyaa Sadaasa 22/2017

Aside

Wayyaaneen TPLF if Gaaguuruuf Funyoo(Haada) Hidhataa Jirti

Aside

Sadaasa,22,2017
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
“Galgalli Harree Waraabessa” jedha Oromoon. Harreen utaaltes, guluftes gaafas Waraabessa baatus du’a ooltii? Duutummoo Waraabuu foonessuu dhiisaa? Kanumaaf uummanni keenya mammaake.

Waa malee hinjenne. Amma biyya keessa jiraannu keessatti cunqursaan saba keenya Oromoo fi saboota cunqurfamoo impaayera biyyattii irratti daran jabaatee jira. Cunqursaa sana ofirraa kaasuuf yeeroo uummanni waloodhaan gaara garbummaa dhiibu argaa jirra. Gaarri uummata jala dhaabataa? Gaarri uummataan dhiibamu jiguu hinafu. Qabsoon uummanni keenya humna afaan qawwee guutuutti hidhatee sochoo’u faana gochaa jiru qabsoo jabduudha. Galma nii ga’a. Nii injifanna!

Qabsoo kanaan hidda Wayyaanee kukkutee muka jabaa Tigiroonni abdattu TPLF gogksuutti  jirra. Mukti gammoojjii saaramee fayyaa? Mukti Tigirootaa kunis haa badan fayyuu hindanda’u. Gogee golgolaa’uunsaa dhiyoodha. Amma baala buusuuf daandii qabeera. Gogee akka dhabamu shakkii hinqabnu. Uummanni keenya jabaa kan ofiin jedhee addunyaa raasuuf abbalaa ture sochoosuurra tortorse. Daraaraa garbummaa kutaa jira. Garbummaa biyyattii keessatti daraaraa jiru kun yeroo dhiyootti cita. Daraaraan cite firii hingodhatu. Continue reading