Sadaasa 22,2017
Akkuma beekamu Sabboontonni Oromoo naannoo Matakkal jiraatan Oromummaa isaaniitiin qofa yakkamanii waggaa darbe Muddee 2016 irraa jalqabee lafa nagana jiraata irraa human tikaa Wayyaaneen qabamanii Mana hidhaa Maayikalaawwii fi Qiliinxoo keessatti dararamaa jiru. Himata Shororkeessummaan iraatti banamee ragaa jiraattota naannoo Sanaa fidanna jechuun, Oromootaa fi saboota biroo naannichaa ragaa godhachuuf yaalii gochaa turtes namootiin ragaa ta’uuf dirqamanis ta’e fedhaan argaman aantummaa fi jaalala Uummata Oromoo naannichaaf qaban Mana murtii Olaanaa dhaddacha 19ffaa irraatti Mul’isaniiru. Kunis mootummaa nama nyaataa wayyaanee mata dhukkubbii itti ta’ee jira. Kanumaan wal qabatee Beellama itti aanuuf namoota ragaa haa ta’an jedhanii Namoota kudha lama naannichaa lafa jiranii waamanii kadhachaa akka jiran beekameera. Continue reading

Qabsoon Bilisumaa Uummata Oromoo bara dheeraaf godhamaa jiru kana keessatti wareegama amma kana jedhamee himamuu hin dandeenye baasnee as geenye. Basaas jirra. Har’a aduun Bilisummaa uummata keenyaaf yaroo dhiibatee bahuuf jedhu, Oromoota tahan warra uummata keenya gara dhukkanaatti deebisuuf dhiibaa jiru teenyee ilaaluun baayyee nama yaadessa.

[SQ,sadaasa,21,2017]