TPLF Gaafi Oromoo ni deebisa yaadi jeedhu yoom ilee samuu ummataa keessa hin jiru garuu gareen Lama magarasa fi Dr. Abyi Ahemd fedhinnaa fi golgaa fedhii TPLF keessaa bahuu fi aanummaa sabaa qabaachuu isaanii kan ittiin muldhisan keessaa Gaafi ummata Oromoo kana gadii kana irratti daddaffiin furmaata gochuu deemsa siyaasaa tokko jedhanii jalqabuun barbaachisaa dha.
Kanaaf ammatti waanneen gochuu qaban keessaa:-
- State Emergency waan hunda dura dhaabbu fi badii isaan geesisan sirreesu.
- Oromoon Millyoni 1 ol ta’e qe’ee irraa buqa’ee lafa galu dhabee magaalota keessaa karaa irra bulaa jira kaan ammo mooraatti galee lafti isaa Liyuu Poliisin qabame jira, Abdi Ilyee fi Waraanaa wayyane Achii basu qaba,
- Oromoo siyaasaan mana hiidha jiru hunda gadi dhisisu,
- EPRDF jijjirama bu’uura feesisa waan hundan TPLF seeran ala Angoo, Daldala fi bu’ura misomma hunda dhunfate jiru harka fudhu fi EFERTn qabeenya ummata gochu, Ango isaan waga 27 qabatan fakeenyaf Military security, finance, telecom, airlines, military industry, constriction industry kkf hunda qabachun isaan siiri miti, kun jiriramu qaba. Continue reading

[SQ, bitootessa 26,2018] Barsiisaa Qanaasaa Barnoota hawwaasaa Mana lbarumsaa sadarkaa 1ffaa sibuu Sireetti barsiisaa turan. Hayyuu qaroon hawwaasaa kun, Badii tokko malee bara 2008 magaalaa Godina Wallagga Bahaa aanaa Sibuu siree jalatti argamtu keessaa butamanii ukkaanfamuun waggoottan hanga kana reebichaaf dararaa Maakalaawwitti irra gahaa tureen Miillisaanii bitaan laanshaahuun dararaa hadhooftuu sa’atii kana mana hidhaa Qilinxoo keessatti argaa jiru.