ABOn Galma Gogaa Harree Irraa Ijaarame Miti.

Ibsa Hogganoota ABO Biyya Alaa

Addi Bilisummaa Oromoo(ABO)n erga duree fi kallacha qabsoo Oromoo ta’ee dantaa saba Oromoo fi saboota cunqurfamoof falmaa hadhooftuu gaggeessuu eegalee waggoota 40 ol lakkoofsisee jira. Baroota kana keessatti ummata Oromoo gabrummaa akkaan hadhaawaa keessaa baasee ifatti muldhisuu fi tarree saba adduunyaa galchuuf wareegama ulfaataa baasaa asiin gahe. Sabni Oromoo dhiittaa fi cunqursaa akka malee keessatti kan kufee ture falmuuf jacha qabsaawotii fi sabboontoti Oromoo ABO jalatti wal gurmeessuun qabsoo karaa hedduu gaggeessaa injifatnoo irraa jalaan ummata Oromoo ifatti baasaa fi jireenya sabaa mul’isaa dhufee asiin gahee jira.

Haala kana keessatti qabsoo Oromoo ABOn gaggeeffamu danquufis ta’e doomsanii karaatti hambisuuf jecha diinonni farra qabsoo Oromoo fi gabroomfattooti shira keessa ABO itti xaxuun dhaabicha diiguuf baroota dheeraa irratti hojjechaa asiin gahan. Lola ifatti kallattiin irratti gaggeefamu injifachuu fi eenyummaa Oromoo aduunyaa biratti dhageettii argate duubatti deebisuu yeroo dadhaban humna diinagdee, humna tikkaa fi waraana qabaniin bobba’anii loote seentota ABO keessatti ergachuu fi gariis kan dantaa sabaa irra dantaa dhoksaa keessaaf dhaabbate kaadhimachuun shiroota adda addaa xaxaa asiin gahanii jiru. Shiroota ABO diiguuf irratti xaxamee aggaammiin baroota adda addaa keessatti kan eegale yeroo ta’u,gantootnii fi ayyaan laallattooti dhaabicha diiganiis ta’u bakka lamatti baasanii harka diinaa galchuu yaalan hundi tokkoon isaaniituu kan milkaa’an hin jiran, gareenis ijaaramanii akka dhuunfaatti diinatti galanii duula ABO fi hoggana isaa irratti yoo banan iyyuu milkaayanii ABO diiguu hin dandeenye. Continue reading

Kora sabaa seeraan alaa maqaa ABOn waajira gulalleetti gegeefame ni mormina. Ibsa Miseensota ABO Koonya Wellington New Zealand.

Addi Bilisummaa Oromoo ABOn dhaaba roorroo, cunqursaa fi gidiraa saba Oromoo keessaa dhalatee dha. Dhaabni cunqursaa fi roorroo keessa dhalate kun guyyaa hundeefama isaarra eegale saba oromoo biratti jaalalaa fi kabaja gudda horachu bira darbee akka agartu ijaatti ilaalama. Haata’u malee diinni saba keenyaa Oromummaa fi Oromiyaa dhabamsisuuf kallachi QBO ABOn utuu jiru akka hin dandeenye waan hubateef ABO ballessuuf keessa fi alaan itti duula turus, ABOn laphee saba oromoo keessatti mallatteefame waan jiruuf ooma gochuu hin dandeenye.
Dhaaba keenya ABO diigudhaaf mootummoonni impaayer itiyoophiyaa hundi waan dan’an hunda gochaa turan har’as itti jiru. Aluma kanan Paartii Bilxiginnaa,kan humna mootummaa biyyichaa waan hundaan dhuunfate jiru dhaaba keenya ABO filannoo keessaa dhiibee waan baasef hiree kanatti fayyadamuun namoonni muraasni dantaa mataayyaa fi gareen booji’aman haala sabni keenyaa keessatti kufee jiru moggaatti dhiisuudhaan dheebuu aangoo fi dantaa adda addaan summaa’anii walitti qabudhan kora saba akka goodhan jiran yeroo dhageenyu bayyee gadiine, Korri kun kora seeraa fi heera ABO fallesu waan ta’eef saglee gutuudhan ni balaalefanna. Continue reading

Akeeka kaayyoo diinaa, gantoota fi shira alagaatin ABO hin diigamu ! Ibsa ejjennoo Miseensota fi Degartoota (ABO)

Godina harargee baha
Ona jarsoo!( zonii kundhudhoo)
Bitootessa 17/2021
Shirri Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn geeggessamaa barootaa 40 oliif mootummoota dhufaa darbaa Impaayera Itoophiyaan taasifama tureera. Gochaan kun Ummata Oromoo fi qabsaa’ota ABOf haaraa ta’uu baatullee humnootiin diina bara baraan shira kana bixxilan gantoota dhaabicha keessaatti dhoksaan jiraataniin gargaaramuun badiin ta’u seenaa gantummaa hin dhaabbannee ta’ee itti fufee jiraachuu isaati. Bifuma Kanaan Qabsoo hadhooftuu barootaa dheera booda Addi Bilisummaa Oromoo qabsoo kara nagaa geggeessuuf carraa argame jedhameen qaama mootumma ofiin jedhu waliin wal tai’insaa uumee baroota lamaa fi walakka darbaniif tattaaffi addunyaanu dinqisiifatte gocha as ga’e jira.
Karaan waggoota lameen darbaniif deemame garuu adeemsa gatii heddu ABO kaffalchiisee fi kaffalchiisaa jiru ta’uun ifaa dha.
ABOn seeraa, heeraa fi tartiiba Kora Sabaa ittiin geggeffataa turee dhaabbata lafaa qaba. Korri Sabaa qaama olaanaa dhaabichaa fi akkasumas qabsichaa adeemsa ulfaata qabsaa’otni irratti waada isaani haarofatanii Kakuu seenan ta’ee utuu jiru gartuun guyyaa Bitootessa 13, 2021 tika motumma fi Faddaalotan walitti dhuftee maqaa Kora Sabaan gad baate Ummata Oromoo,miseensoota Adda Bilisummaa Oromoo fi mararfattoota Qabsoo Bilisummaa Oromoo n fudhatamaa hin qabu. .

Continue reading

“ Gaangeen haada kutte jennaan ifittuu gabaabsite” IBSA MISEENSOOTA ABO KUTAA DHIHA USA

ABOn dhaamsa gootota keenyaati tiksun dirqama dhalootaati fi seenaati. Addi Bilisummaa Oromoo kan jaarameefi abbaa humnnaa fi qabeenya qabu irratti hirkatani namattis walittis roorrisuf miti. ABOn kan jaaramee dhugaa barbaaduf kitima tahuu fi humna dhabaa fi degaa irroomsani rorroo jalaa baasufi. Dhaabni keenya gaafa ijaaramu naamuusaa fi sansakkaani isaa heddu ol ka’aadha, hodaa fi safuu qaba. Waanti Bitootessa 14 fi 15,2021 maqaa hoggana ABO dhahachuun Korri shiraa fi seeraan ala waajjira ABO Gulaletti gantootaa fi tikoota PPn godhamuu yeroo dhageenyu heddu gaddine, ofittilee qaanfanne.
ABOn ilma dhugaa Oromof dhalate, qarominaa fi qanxoomina hayyoota Oromoti. Rakkoo Oromoos, furmaata Oromoos ABO kessatti argina. ABOn kaleessas, har’as, boruus tokkuma. ABO jiraachisuf takkaa hayyama hin gaafnnu, kumaa fi kitilaa irratti kitimamneeti dhigaan jiraachifne, har’as dhigaan tikfanna.
Korri Sabaa qaama ol’aanaa dhabaa kan hundi kessatti of argu, kan hundi bakka buufaamu, kanaaf hundi murti achi irraa itti dabarte fudhachuun dirqamaa. Maqaa kana akka maletti itti gargaaramani busheessun tuffi waldaalee (institutions) Oromoof qaban agarsisun yoo hawwame malee yakka. Continue reading

Ibsa ejjennoo jaarmiyaa ABO kutaa Kaanaadaatti konyaa konyaa Magarsaa Barii, Vancouver, BC

Kora sabaa seeraan ala maqaa ABOtiin waajira Mummee ABO Gulalleetti gaggeyfame ni mormina.
Dhaaba roorroo ummata Oromoo irra jiru irraa qolatee mirga abbaa biyyummaa isaa gonfachisuuf qabsoo bara dheeraa wareegama qaalii itti khafaluun ABO bakka harra jiru kana gahe kana diiguuf diinni takkaa aara galfatee hin beeku. Dhaabni Bilisummaa Oromoo ABOn hamma ummanni Oromoo dachii tanarra jiruutti tasa hin dhabamuu hin diigamuus.
Nuti misensonni khonyaa Magarsaa Barii ABO- KMB gochaa seerdhablummaa murni
diinaan bitaman kun godhan ni balaaleyfanna.ummatni Oromoo kana hubatee akka dura dhaabbatu dhaammanna .
Injifannoo ummata Oromoo
Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaati.
Khonyaa Magarsaa Barii ABO BC Vancouver .

“Hogganaa Oromoo Jaallee Daawud Ibsaa” Wallee haaraa Artist Addisuu Kaarrayyuu. 2021

https://fb.watch/4hvgHADMGN/