
(Civil Political Discourse for Ethiopian Peoples)
Raafama Siyaasaa yeroo ammaa Itiyoophiyaan Keessa galtee jirtuu fi addatti immoo rakkoolee walxaxoon Oromiyaa keessatti mul’achaa jiran Oromiyaa dirree jeequmsaa fi lolaa taasisuun tasgabbii dhabsiisuu qofa utuu hin taane, Itiyoophiyaa badii keessaa hin baane keessa seensisaa jira. Mootummaan Naannoo Oromiyaa bulchiinsa yeroo muddamaa(state of emergency) jala jira. Rakkinni siyaasaa yeroodhan furamuu dhabuu irraa kan ka’e caasaan mootummaa durii caccabee jira. Yeroo ammaa Oromiyaa keessa rakkina ummataa kan furu qaamni bulchiinsaa filatame hin jiru. Ummatni yoo ajjeefame, yoo saamame, yoo qabeenyaan isaa barbadaawe bakka itti iyyatee furmaata argatu dhabee jira. Kuni yoo akkasitti itti fufe rakkinni kana caalu dhufuu danda’a. Kanatti dabalee humnootni adda addaa socho’uun diigumsa Oromiyaa fi rakkina keessaa bahuu hin dandeenyee fi booda gara itti qabnu wallaallu keessa nu galcha jennee amanna.
Diigumsi Oromiyaa ummata Oromoo qofa utuu hin taane lammilee Oromiyaarratti rakkina walirraa hin citne akka fidu beekamaa dha. Mataa nama tokko tokkoo irraa kaasee hanga maatii fi biyya Itiyoophiyaatti rakkina guddaan akka dhufaa jiru eenyuyyuu haaluu hin danda’u. Kanaaf sabatiinsaa fi nageenya waaraa argamsiisuuf fallii fi malli daddaffiin itti soqamuun hedduu hedduu barbaachisaa ta’ee argame.
Oromoo fi lammileen Oromiyaa waan hedduu waliin qabu. Biyya tokko, haala jireenyaa tokko, rakkina siyaasaa fi dinagdee wal fakkatuu fi aadaa waliin qooddachuun bara dheeraaf kan turee dha. Keessattuu rakkina aadaan polotikaa biyya Itoophiyaa nutti fide hunda dhalootarraa dhalootatti darbee waliin qabsaawaa akka turree fi ammas itti jirru beekamaa dha. Kunis Hariiroon Oromoon Lammiilee biraa waliin qabu daran jabaataa akka ta’e mul’isaa jira.
Akkuma ammaan dura qabsoo hedduu keessatti waliin dabarsinee as geessan ammas Oromoo fi lammilleen Oromiyaa harka walqabannee waliin hojjechuudhan mootummaa ce’umsaa waloo tolfannee rakkina kana keessaa bahu fi fedhii keenya waloo fi kan dhuunfaa guuttachuun yeroon isaa amma tahuutti amanna.
Ummatootni Itophiyaa waliigalatti naannoo Oromiyaa tasgabeessuu keessatti gahee keessan bahuun lammii keessan Oromiyaa keessa jiraatu baraaruu qofa utuu hin taane akka biyyaatti waan waliin qabnu bu’uureffachuuf nu gargaara jennee amanna.
Diigumsi Oromiyaa wanti inni fiduu dandahu hedduu bal’aa dha. Rakkina Oromoo fi lammii Oromiyaa keessa jiraatan qofa utuu hin taane rakkina biyya Itiyoophiyaa waliigalaa fi dhibdee Gaanfa Afrikaa akka ta’etti hubachuu qabna. Kanaaf haala amma jiru keessatti Mootummaa ce’umsaa Biyyoolessaa Oromiyaa (Oromia National Transitional Government) daddaffiin ijaaruun murteessaa tah’ee argame. Wanti hubachuu qabnu mootummaa ce’umsaa ijaaruun biyya diiguuf utuu hin taane, rakkina biyya diigamaa jiru furuuf; balaa dhufaa jirurraa biyyattii fi naannoo Gaanfa Afrikaa baraaruuf akka ta’e ummatoota Itiyoophiyaa, biyyoota gaanfa Afrikaa fi ardii Afrikaa akkasumas mootummoota addunyaaf mirkaneessuu feena.
Seenaa keessattis Oromoon biyya diigee hin beeku; ni ijaara malee. Oromoon mataa ofii qofaafis yaadee hin beeku; saba fi sab-lammii walitti qabee waliin jiraachuu malee. Kanaafis ragaa guddaa kan ta’u biyya Itiyoophiyaa keessaa sabaa fi sab-lammii heddumminaan hammatee kan jiraatu hunda caalaa Oromiyaa ta’uu isaa ti. Kanaaf Oromiyaan fakkaattii (model) biyya Itiyoophiyaa sabaa fi sab-lammiin itti hedduumatu dha jechuu dandeenya.
Mootummaa ce’umsaa ijaaruun irra caalaa nageenya sabaa fi sab-lammii Oromiyaa keessa jiraatan eeguuf; daran tokkummaa fi waliin jireenya isaanii gabbisuuf barbaachisa. Kanaaf Mootummaan ce’umsaa kunis waan seenaa fi aadaadhan ijaaramee jiru daran jabeessuufi malee diigumsa uumuuf akka hin taane irra deebinee mirkaneessuu feena. Hariiroo Oromoo fi lammilee Oromiyaa kaan gidduu jiru daran jabeessuu, jaalala horachuu fi waliin biyya ijaarachuurratti hundaawudhaan waliin tarkaanfachuu feena. Kun naannolee Itiyoophiyaa kaaniifis bu’ura nagaa waaraa tah’a jennee amanna.
Kana keessatti ABOn karaa ittiin Oromoo fi lammileen Oromiyaa rakkina walxaxaa jireenya keessan guyya guyyaan miidhaa jiru waliin akka furannu waamicha isinii godha. Yaamichi Oromoo fi lammiilee Oromiyaa maraaf dhiheessaa jirru kun mootummaan ce’umsaa yeroo ammaa ta’u kunis seenaa keessatti yeroo jalqabaaf dirre itti mootummaa ummataa, mootummaa ummataan filatamee fi saba tajaajilu (government of the people by the people for the people) ijaaruuf bu’uura tolfannuu fi haala aanjeffannuu dha.
Fuuldurri keenya Lammiileen Oromiyaa xiqqaa fi guddaa utuu hin jedhiin kan hundi keessatti sagalee qabu akka ta’u mirkaneessuu feena. Kaayyoon keenyaa fi akeekni mootummaa ce’umsaa kuni yeroo jalqabaaf ‘aadaa polotikaa gartuu’ (partisan political culture) biyya Itiyoophiyaa keessa ture jijjiirree mootummaan Lammiilee Oromiyaa hunda hammatu, ummataan filatamee ummata tajaajiluun bakka buusuuf akka ta’e isinii mirkaneessuu feena. ABOn imaammata polotikaa isaa nama irratti fe’uu utuu hin taane kan qaama adda addaa dhageeffatee lammiilee hundaaf akka ta’utti qaama bulchiinsaa waloo ijaaruutti tattaafatuu dha. Kana dhugoomsuuf bu’uura kana lammiilee Oromiyaa mara waliin jalqabaa hanga dhumaatti akka tolfannu isin hubachiisuu feena. Kunis nagaa fi tasgabbii waaraa hunda keenyaaf uuma jennee amanna. Yoo aadaa politikaa Itiyoophiyaa jijjiirree Oromiyaa irratti mootummaa ititaa, kan hunda hammatu, kan hunda kabaju fi kan hunda walqixa tajaajilu ijaarranne yeroo dhihoo keessatti biyyi keenya maal akka fakkaattu hundi keenya tilmaamuu dandeenya. Mootummaan walqixxummaa lammiilee fi fedhii ummataa irratti hundaawe yoo ijaarame; imaammatni dantaa biyyaa fi hariiroo alaa ifaa ta’e yoo jiraate; qaamni seera tumuu fi seera taliigu yoo adda bahee tolfame; qaamni nagaa eeguu fi biyya ittisu ajaja warra aangoorra jiraniin hin raafamu yoo ta’e; mootummaan badii balleesseef yoo itti gaafatama qabaate; mirgi dhala namaa akka dhuunfaa fi walootti yoo kabajame, biyyi biyya lammiin ishee kabajaa fi gammachuun keessa jiraatu taati jennee amanna.
Nagaa fi tasgabbiin jiraannnaan saba fi sab-lammiin kuni biyya koo ti; kuni mootummaa koo ti jedhee amannaan guddinaa fi badhaadhina fiduun nama hin rakkisu. Biyyi keenya badhaatuu fi invastimantii addunyaa kan harkiftuu dha. Garuu nagaa fi tasgabbiin yoo hin jiraanne investeroonni nurraa baqatu. Abbootiin qabeenyaa biyya keessaas ta’ee biyya alaa yaaddoo malee akka barbaadanitti invest godhanii fi biyya keenya kadhaa jalaa baasuu kan dandeenyu yoo nagaa fi mootummaan ititaan jiraatee qofaa dha. Yoo nagaa fi mootummaa ititaan jiraate qofa dargaggoo fi humni barate hujiin biyya ijaarurratti bobba’uu dandahu. Namni nagaan bahee hojjetee matii isaa jiraachisuu danda’a; qabeenyaan dhuunfaa fi kan waloo wabii argata; ijoolleen keenya nagaan bahanii baratanii ykn hojjetanii nagaan galu, jibbaa fi lola irra jaalalaa fi wal tumsuutu saba keenya gidduutti dagaaga. Aadaa keenya wal gargaaruu fi wal jajjabeessuu deebifnee ijaarrachuu dandeenya.
Dhumarratti Rakkinni Polotikaa yeroo ammaa biyya keenya mudatee jiru hedduu walxaxaa dha. Aadaa polotikaa dulloomee hotontoree fi jaarraa hedduu ture jalatti rakkina walxaxaa kana hiikuun hin danda’amne. Yeroo hedduu yaalamee, lubbuu hedduun itti wareegamee, qabeenyaa danuun itti barbadaawee hin milkoofne. Rakkina walxaxaa kana walitti dhufnee mari’atuun yoo karaa tolfanne qofa keessaa bahu dandeenya. Ammatti karaan jiru tokkichi mootummaa ce’umsaa biyyoolessaa Oromiyaa kan Bu’ura nagaa mootummootaa fi naannolee kaaniif tahuu lammiileen Oromiyaa waloon ijaarrachuu dha. Kunis bakkatti qooda keenya hirmaannuu fi fedhii keenya keessatti ibsannuu ta’a. Akkasumas rakkina nagaa fi tasgabbii amma keessa jirru furachuu kan dandeenyu walitti dhufnee mari’annee Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessaa Oromiyaa yoo dhaabbanee qofaa dha.
ABOn ijaarsa Mootummaa ce’umsaa kana hujiitti hiikuuf waan qabu hundaan itti bobba’ee milkeessuuf akka hojjataa jiru mirkaneessa. Yaada ummataa fi kanneen dhimmi ilaaluu hunda fudhannee akka ummataaf ta’utti bulchiinsa waliin tolchuuf yeroo hunda qophii akka taane isinii mirkaneessuu feena. ABOn adeemsa bu’ureessuu Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessaa Oromiyaa kana karaa adda addaa isin qunnamee hujiitti hiikuu irratti akka isin waliin mari’atee hojjetu isinii mirkaneessuu fedha.
Maayii irratti Lammiilee Oromiyaa fi Lammilee Saboota kaaniii wagga shantaman darban falmaa mirgaa dimokirisii, mirga ummatootaa akka kabajamu fi walqixxummaa sabaa fi sabalmmootaa falmuurratti lubbuu isanii dhaban hundaaf kabajaa kiyya dabarsuun fedha.
Addatti Kabajaa bara baraa qabsaawota keenya Kanaan nu gahaniif haa tahuun jedha.
Akkasumas, humna nagaa eegdota biyyaa ummata golguu, ummata waliin dhaabbatani fi nagaa buusuuf utuu falmanii lubbuun isaanii darbe kabajaa fi ulfinaa kennuufiin fedha.
Akkasumas, addatti humna poolisii fi nagaa eegdota Finfinnee(Addis Ababa) kanneen kabajaa ilma namaa tiksanii fi hojii isaanii seeraan hojiitti hiikaa haala dhiphuu siyaasaa rakkisaa keessa maatii fi jireenya isaanii dhiisanii halkanii fi guyyaa nagaa ummataa eegan hedduun dinqisiifadha; kabajas.
Akkasumas, namoota akka dhuunfaatti, akka garee fi akka jaarmayaatti nu bira dhaabbatanii murannoo keenya jabeessitanii bakka amma jirruun nu geessan hedduun galatoomfadha.
Erga waamicha Mootummaa Cehumsaa Biyyoolessaa Oromiyaaf waamicha goonee kanneen waamicha kana nu cinaa dhaabbattanii milkeessuuf dirmattanii nu waliin hiriiraa jirtan kanneen armaan gadiin galateeffadha:
1. Kabajamtoota Lammiilee Oromiyaa kan waamicha kana ofitti fudhattanii nu waliin dhaabbattan
2. Partiilee Siyaasaa addatti waahila keenya KFO
3. Hogganoota ABO keessaa fi alaa,
4. Qondaalota ABO keessaa fi alaa
5. Qeerroo Bilisummaa Oromoo
6. Deggartootaa fi Hawaasa Oromoo
7. The Oromo Scholars and Professional Group
8. Oromo Globaal Forum
9. Hogganoota Amantii Adda addaa sagalee ummata keenyaaf tahuun waamicha dabarsitan
10. Global Oromiyaa Journalist Association
11. Gartuu Deeggarsa Sochii 39 Idil Addunyaa
12. Koree Miseensotaa fi Deggartoota ABO Dhimma Hidhamtoota Siyaasaa Lammiilee Oromiyaa Hiiksisuuf ijaaramtanii sochii jalqabdan
13. Kanneen maqaa hin dhoofne hundaWaan na dhaggeeffataniif galatoomaa.
Injifatnoo Ummata Bal’aaf!
Dawud Ibsaa
HD Adda Bilisummaa Oromoo
Onkoloolessaa 8, 2020
Finfinnee”