ABO Jabeessuun Yeroon Isaa Amma. Bishaan Xiiqii fi Heexoo Cuqqaallatanii dhugu

Dr,Bulii Ejjetaa, Qoondaala ABO Irraa
Yeroo dhihoo asitti haala jajjabduu qabsaa’ooti keenya keessa jiranin kan walfakkaatu waan na mudateef rakkoo dhaabi keenya keessa jiruu irratti yaada koo ibsachuuf carraaa hin argannee. Deggertoonii keenaya hedduun irraa haala dhaaba keessatti umame irratti yaadakoo akkan ibsuuf gaaffii hedduun na qaqqabe jira. Ani hojii dhaaba kiyyaa irraa daqiiqaa tokkoyyuu akkan gad-hinteenye dhaammachaa, yaada gabaabduu armaan gadii barressuuf as baheen jira.
Haalli ABO keessatti baatii sadan fi arfan darban dhalate, mooraa qabsaa’ootaa, deggertootaa fi ummata Oromoo hedduu yaaddessee jira. Qabsoon bu’aa bahii hedduu haa qabaattu malee, wayita sabni Oromoo diina bifa isaa jijjiirratee as baheen hidhamaa, dararamaa fi ajjeeffamaa jiru kana keessatti rakkoon akkasii dhalachuun hedduu nama gaddisiisa.
Rakkoon dhalate kun ABO haaroomsuuf kan akeekkate jedhamee haa dubbatamu malee, itti-bahinsi isaa kana hin fakkaatu. ABO haaroomsuun yoo barbaachise, qabsoo keessoo dhaabaa ta’uu qaba malee caasaa dhaaba alatti deggersa qaama biroon ta’uun gonkumaa hin feesisu. Rakkoo dhalatee kana humni poolisaa fi tika Itoophyiaa hedduu itti fayyadamuun ykn qindeessuu isaanii kan mul’isuu ragaa hedduutu jira. Kunneen keessaa hagi tokko:
1. Yeroo dheeradhaaf shirri humnoota mootumaa hogganoota ABO, qabsaa’ootaa fi ummata biratti fudhatamaa fi dhageettii qaban fi kan ejjennoo xaliilawaan masakaman irratti kan xiyeeffate ture. Innumaayuu Koree Hojii Raawwachiiftuu (Shanee Gumii) ABO dhadhabsiisuu irratti kan hojjetameedha. Misseensa Shanee Gumii ABO Jaal Abdii Raggaasaa fi Mikaa’eel Booran hidhaan ugguruun akka isaan gahumsaan Shanee Gumii keessatti hin hirmaannee fi sagaleen fi murtiin Shanee Gumii gara murni tokko barbaadeetti dabuuf shira hojjetame. Shanee Gumii keessaa isaan dhabamsiisuuf wanjala dharaan guutameen mana hidhaatti ugguran. Ajaja manni murtii bilisa ta’uu isaanii mirkaneessee akka isaan gad-lakkiffamniif murtii dabarsellee humni poolisa motummaa fudhachuu didan.

2. Miseensoti Gumii Sabaa kanneen akka Kennasaa Ayanaa, Aman Filee, Kaayyo fi kanneen biroon lakkoofsaan 12 ta’ani fi qondaaltoni ABO kanneen akka Yaazoo Kabbadaa fi kanneen biroo wanjala dhara ta’een wagga tokkoo oliif mana hidhaatti ugguraman. Manni Murtii akka bilisaan bahan ajajullee humni poolisa mootummaa Itoophiyyaa gad-dhiisuuf fedhii hin godhanee. Ammas yeroo dhihoo assitti qondaaltonni ABO kannen akka Koloneel Gammachuu, Lammi Beenyaa, Dawit Abdataa fi kanneen biroon hidhaatti darbataman. Kaayyoon mootummaa dhaabicha laamsheesuu waan ta’eef.
3. Wajjiraalee ABO Godina fi Aanaa Oromiyaa keessa jiran, guyyaa saafadhaan samaman, hojjetooti hidhaman, ni cufaman. Mootummaan qabsoo karaa nagaa fi biyya kana dimookraasitti ceesisuuf aadii seene of-duuba debisee, partilee nagayaan socho’an irratti dhiibba jajjaboo fudhate. Kan ABO ammo, ABO balleessuu irratti waan xiyyeeffeteef, sun duula adda ta’een itti bobba’ani.
4. Wayita ABO dadhabisiifinee bakka lamatti qooduun yeroo isaa gahee jira jedhanii amananitti, Hayyu Duree ABO Jaa Daawud Ibsaa sababa okkolaa ‘nageenya keetiif’ jedhuun manatti ugguran. Guyyaa kudha shanii oli erga mana tursanii booda, walgahii gaafa Adooleessa 26-27 2020 waamame jeddhame irratti tarkaanfii Hayyu Duree irratti akka fudhatamuuf haalli mijaawee.
5. Gaafa humni poolisa mootummaa uggura kaafneerraa socho’uu ni dandeessa jedhan, Jaal Daawud Ibsaa waajjira isaanii deeman. Waayita isaan waajjira gahan, guyyuma sana humni mootummaa waajjira keessaa isaan baasee makiina birootin gara mana isaanii dirqiin geesse. Guyyaa sana eegalee, Waajjirri ABO Mummichi kan Gullaleetti argamu, harka humna mootummatti kufe. Jaal Daawud akka isaan Waajjira hin seenne dhorkaman. Gama biroon, qaamii biroon ammoo waajjira itti fayyadamuu eegale. Tarrisin maqaa namni isaan barbaadanii eegidota mootummaatti kennamee isaan qofti akka waajjira Gullalee seenu danda’an ta’e.
6. Gaafa ‘Walgahiin Gumii Sabaa’ Gullalleetti geggeeffame jedhame, Waxabajii 26 guyyaa keessaa eegalee, ossoo walgahiin sunillee hin xumaramin, subquunnmtii mootummaa kanneen akka OBN, Faanaa fi Waaltaan, kunneen waa’ee ABO dubbatee hin beekine, ABOn hoggana isaa Jaa Dawuud Ibsaa akka ari’ee afarsan. Midiyaalee hawaasaa mootummaaa waliin hidhata qaban oduu kana wal-harkaa fuudhanii biyya dhiphisan. Ummatti Oromoo heedduu gadde.
7. Gaafa Hagayya 9 2020, qaami kun ibsa midiyaa Hoteela Hilteen Internaashinalitti geggeeffate. Irra guddeessi ibsa kana qabsaa’ootaa fi Hayyuu Duree dhaabichaa irratti xiyyeeffachuun sansakkaa fi dudhaa dhaabaan alatti midiyaa alagaatti baaltesse.
8. Gaafa Onkoloolessa 12, 2020 haala seera biyyaa fi adunyaa akkasumas mirga dubbachuu fi yaada ofii ibsachuu cabseen humni mootummaa wayita Hayyu Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaa mana isaanitti ibsa midiyaaf keennaa jirani humnaan seenuun qophii sududaan darbaa ture ugguran. Guyyuma sanatti ammo murni biroon OBN irratti akka ibsa kennu taasifame. Tokko humanaan ugguru, tokkof ammoo carraa midiyaa kennu‼ Kun warra carraa kennaniifis fayyaduu osoo hin taanee, dhaabicha gidduutti waldhibdeen akka babal’atu gochuuf kan akeekkate ture.
9. Mootummaan Itoophiyaa dhufaa-darbaa, gamtaa qabsaa’oota Oromoo diiguuf mooraa qabsoo Oromoo irratti xiyyeeffata. Mootummaan Itoppiyaa akkamitti paartii Kongressi Biyyooleessa Oromoo, kan Pr Mararaa Gudinaan hogganama ture bakka lamatti qoode yaadachuu ni feesisa. Amma partiin sun dandamatee KFO jedhamee qabsoo irra jira. ABOs akkanuma gochuuf itti xiyyeeffatamee.
Qabxileen armaan olitti ani kaase kunneen, ABO diiguun xiyyeeffannaa mootummaa kanaa ta’uu isaa ummata keenyaaf ibsuuf. Rakkoon amma dhalates qaama tarsiimoo kanaa ta’uu uummati keenya akka hubatuuf. Ummati Oromoo yomiyyuu kana eeyyamu hin qabu jechuudha.
Ummata keenya, deggertoota fi qabsaa’oota keenya irraa maaltu eegama?
1. Rakkoo amma dhalateen hamileen osoo isin hin xuqamiin qabsoo fi deggersa dhaaba keessanii akka jabeessitan. Qabsaa’ooti meeshaa qabsooti malee ofii isaaniiti kaayyoo miti. Yeroon qabsaa’ooti gameeyyii biroon dhaaba kana irraa bahaniis dhaabi kun ittum fufe. Kaayyoon ganamaa Bilisummaa Oromiyaati. ABOn kaayyoo dha. Hidhaan, ajeechaan, dararri, fi rakkoon isin mudatu, kitimaa isin bilisumaa Oromoo fi dhaaba keesaniif kennitan ta’uu hubadha.
2. Ummati keenya yeroo ammaatti dhaaba ititaa, keessoon isaa walhubannoo fi wal-tumsa irratti hundaa’ee qabaachuu qaba. Qabsaa’ooti kaayyoo ganamaa qabattanii dhaaba keessaniif wareegama qaalii kafalaa jirtan, dhaaba keessan jabeessuun bor ifa tokkotti akka baatani fi cunqursaa kana irra akka ooltani hubadhaa.
3. Wayita Oromoon bakka tokko dhaabbatee dhaaba walabaa Oromoof qabsa’aan itichuu qabuttii toora kana irraa mitiquun qabsaa’oota tokko tokkoo guddoo nama gaddisiisus, Oromoo kanaan hamileen isaa tuqamuu hin qabu. Xurreen qabsoo kaayyoon masakama. Oromoof ammo kaayyoon isaa bilisummaadha. Haga bilisoomnutti rakkoon kamiyyuu yoo dhalate, kaayyoo irraa mitiquun hin feesisu. Kanaaf Oromoo tokko ta’ee ABO, Qeerroo, fi murnoota dhugaan Oromoof qabsaa’aan bira dhaabbachuu akka qabu kabajaan gaafadha.
4. Waamicha dhaabi keessani isini godhu hundumaa irratti dammaqiinsaa fi murannoo hirmaadhaa.
5. Qabsaa’oota mana hidhaatti dararamaa jiran Oromoodhaaf ykn isiniif wareegama kaffalaa waan jiraniif isaanini, maatii isaaniis jajjabeessaa.
6. Ijaarsaa Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaaf gumaacha isini irraa barbaachisu gochuuf of-qopheessaa.
Injifannoo Ummata Bala’aaf
Bulii Ejjetaa, Qoondaala ABO
Onkoloolessa 25, 2020

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s