Kuukkii/Guboo Siyaasaa

Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Onkoloolessa 19,2020
Biyya Oromiyaa irraa!
◇ Waggaa kana Oromiyaan maal keessa ture? Har’a maaltu adeemaa jiraa? Fuulduratti maaltu dhufuu mala?
(…Loogiin Impaayera biyya tokkoo keessatti beekamaa ta’ullee ifatti akkattiin saba tokko labsii irratti baasanii meeshaa isaa harkaa funaanaa saba biraan ammoo hidhadhaa jechuun baay’eetti naa gaddisiisa…)
Hededa hallayyaa irra biyya jirtu baraaruu barbaachisa. Badiisaaf kufaatii biyyattiitti aggammatee jiru baraaruun tattaaffii sabaa feesisa. Cichooma qabsaa’otaa ykn murannoo paartilee siyyaasaa gaafata.
Barruu kana keessatti waan waggaa kana jechuun bara 2019 gara dhumaa fi bara 2020 kana keessa taaneef ta’aa jiru barreeffaamaan cuunfee katabaa, waan fuulduratti nutti aggaammate shakkii qabsaa’ota Bilisummaa Oromoo akeekuun yaala. Barruun kun barruu dhugaati. Barruu dhugaa suuta obsaan dubbisu. Yoo hadhaa’e mi’eessituu itti dabaluu hinfeesisu hadhaa’aa dhuma isaa unachuu barbaada. Yoo dhangaggaa’es isuma dhuguutu dhibee kuukkii nama keessaa balleessa.

Barruu kanaaf moggaasa “Kuukkii/Guboo” jedhun kenne. Moggaasa kana haala adeemsa siyaasa biyya Impaayera Xoophiyaa irratti hundaa’ee ta’uu wal hubachuun dansa. Barruu kiyyatti utuun hinseenin dursa hiikkaa Kuukkii ykn Guboo gabaabinaa isinii eera.
Kuukkii: Dhalli namaa hanga nama ta’etti dhukkubsachuu danda’a. Dhibeen nama qabate irraas yaala argatamee nii fayyama. Yaala sanaan fayyanii waggaa isaatti ykn baatii muraasa booda ammas deebi’ee dhukkubni sun yoo nama qabate, irra deddeebiin fayyee ammas deebi’ee nama qabata taanaan Kuukkii ta’e jedhama. Kuukkiin hundee dhukkubaa garaa namaa ykn qaama namaa keessa jiraatudha.
Guboo: Jecha isa kana bifa lamaan ilaalla. Tokko Biqiltuu akka baduuf hundeen buqqaa’ee ykn ciramee badeera erga jedhamee waggaa isaatti deebi’ee ka’ee osoo ija isaa hinfacaasin lafa keessa turee marguun Guboo jenna. Guboon gara kaaniin akkuma hiikka Kuukkii sana dhukkubni namatti deddeebinaan Guboo dhukkubaa nii jedhama. Walumaa gala waan haa badu jedhamee itti dadhabamee baduu diduun Guboo jenna.
Hubachiisa: An barataa siyaasaa utuu hintaane nama siyaasa saba isaa dammaqinaan hordofudha. Maqaa garaa garaa siyaasaaf yoon kennu akka sabnikoo hubannoo irraa argatuuf malee saayinsii siyaasaan wal qabsiisee miti. Tarii yoo warri siyaasa barattan lafan itti mucucaadhe na argitan na sirreessuu qabdun jedha.
Seensa
Guboon siyaasaa biyya keenya Oromiyaa fi Impaayera Xoophiyaa kana keessatti sadarkaa hidda fageeffannaa irra jira. Guboon siyaasaa akka baduuf acaacii irratti wal waamanii, daboos itti wal kadhatanii baduu didetu saba garbummaan fuula isa sunturseef saba garbummaan goophoo taasise boqochiisa.
Gama biraan Guboo siyaasa garboonfataa waggaa dheeraan booda lubbuu horatee margaa jirutu waggaa dabarsaa jirru kana keessa mul’ate. Qabsaa’otiin bilisummaa Guboo siyaasa garboonfataa kana dhabama taasisuuf lubbuu isaaniin dhabama ta’aa as gahan. Wayiita Guboon Nafxanyaa barbaada’eera jedhamee eegametti, Coolligaa Guboo nafxanyaatti bokkaa siyaasaa roobee magarse argine. Siyaasa Garboonfataa keessattuu Guboo siyaasaa Nio Minilik lafaa ka’ee dhalataa jiru kanatti daddaffiin bakka gochuutu furmaata waaraa sabaaf sablammoota Cunqurfamaati.
Waggaa darbe kana keessa Kuukkiin dhukkubaa badeera jedhamee abdatame. Kuukkiin sun sirnoota badoo saba tokko jaamsee saba tokko jiraachisu, sirna saba tokko balfee saba tokko jaallatu, sirna afaan saba tokkoo hacuucee afaan saba biraa afaan mootummaa bira taree afaan Waaqaa fakkeessu sanatu dhabama ta’e jedhamee abdatame. Haa ta’u malee Kuukkiin dhukkuba sirna balaaf hamaa (balfamaa) kun deebi’ee yeroonni Garaa Oromiyaa keessaa guungumee nagaa Oromiyaa nyaatu waggaa kana argaa jirra. Kuukkii sirna balfamaa kana kan dhabamsiisu kutannoof qabsoo qabsaa’ota bilisummaa Oromiyaati jedheen amana.
1. Guboo Siyaasaa
Guboo siyaasaa bakka lamatti qoodnee ilaalla. Isaanis Guboo Siyaasa Saba ofii fi Guboo Siyaasaa Garboonfataa jennee ilaalla.
A. Guboo Siyaasa Saba Ofii
Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti furmaata saba isaa Oromoo lafa kaahuuf, nagaaf tasgabbii Oromoo golgolaa’e bakkatti deebisuuf dhaabni saba bal’aa Oromoo ABO’n hundeeffama isaa waggaa 40 olii keessatti Qottoowwan hedduun isa muruuf qaramaa turan. Dhaabni wiirtuu nagaa Oromoo ta’uuf saganteeffatee biqile ABO’n Qottoowwan hedduun isa balleessuuf yoggaa qaraman humna kattaawwan irra caaluun hedduu isaanii doomsaa as gaheera.
Addi Bilisummaa Oromoo biyya abbaa isaa Oromiyaa aarsaa barbaachisu kaffalee ijaaruu fi biyya Oromiyaa kaartaa Addunyaa irratti arguun gammachuu isaa isa olaanaa bira taree ergamaaf akeeka galmaaf kaayyoo qabsoo isaa ta’uu firaaf diinni cimsanii beeku. Adda Bilisummaa Oromoo kanneen rukutanii balleessuuf aggammatan firaaf halagaa hinqaban. Garuu; ABO’n Jijimbila tokko kutan kuma marga.
Kanneen isuma keessaa yaa’anii raamma’anii qaamuma ofii ABO nyaatanii dhabamsiisuu barbaadan hedduun yaa’aa as gahan. Hoggana isaa olaanaa irraa qabee qaamni hawwaasaa Qottoo ABO muru hinta’in jira jennee hinyaannu. Haa ta’u malee ABO’n Guboo hinbanne, Guboo hinsamne, Guboo hinbarbadoofne ta’ee jiraataa as gahe. Har’as Guboon ABO karaalee hedduu biqilaniiru. Biyya abbaa isaa Oromiyaa keessatti Guboon ABO kallattii arfaniin margan abdii guddaa saba isaanii Oromoof ta’aa jiran.
Humni ABO ykn Guboon ABO kallattii maraan marge akka dandeettii isaatti ergamaaf kaayyoo ABO dhugoomsuu irratti qabsoo adeemsisu cimsee itti fufee jira. Kana keessatti karaa Humnaa saba isaa Oromootti yoo dhufanis humnaan saba isaa irraa diina deebisee biyya abbaa isaa Oromiyaa tikfachuuf Waraana Oromootti banamu waraanaan deebisuuf humni guddaan Guboon ABO marge WBO’n haalaan of ijaaree bara inni itti Oromiyaa golee mara raase bara dabarsaa jirru kanadha. Har’as taanaan abbaa irreedhaan Oromoof Oromiyaatti dhaadachuu barbaaduuf deebii hatattamaaf deebii barbaachisaa itti kennaa kan tureef deebii ga’aa kennaa kan jiru WBO’n bosona biyya abbaa isaa keessatti daran of ijaareera. Of ijaaruu irra darbee humna of danda’ee ofiin wal gaggeessu ta’uun abdii guddaa saba isaa Oromootti horee jira.
Gama kaaniin qaaliiwwan dargaggooti Oromoo qalamaan kokkee halagaa qabuu irratti fuulleffatan, siyaasa garboonfataa hunda irra aanuuf humna abdatamoo, humna siyaasa garboonfataa haalaan dammaqinaan baratanii siyaasa siyaasaan deebisan ta’uun abdii daran sabni Oromoo akka qabaatu taasisee jira. Humni kun golee Oromiyaa mara keessatti halagaaf mata bowuu ta’uudhaan, uummata isaanii dheebuu waggaa dheeraa dheebuu bilisummaa qabu dheebuu baasuuf qalama qofaan haala Oromoof Oromiyaa addunyaatti beeksisuu bira taranii uummata isaanii si’eessuu, dammaksuu irratti hojiin hojjetaa jiran, siyaasaan saba ofii qaruuf hubachiisuu irratti qabsoon taasisaa jiran abdachiisaadha. Isaan kanatu Guboon ABO dhabamuu irraa oolchee. Dargaggoota qaroo siyaasa biyyattii haalaan hubatantu gaafa gantoonni qa’a ABO ilaalanii keessaa hulluuqanii ya’an, diinnis qa’aa gantuun yaateen ABO seenuuf yoggaa mataa itti suuqu didee ABO jiraachifataa jira. Allaattii siyaasaa reeffa ABO nyaachuuf ture beeleessuun abdiif hawwii halagaa ykn diinaa abjuu qofa taasisanii hanbisan. Har’as taanaan abdiif hawwiin diinaa daraggoonni qaroon, gootonni sodaa tokko malee garboonfataa dura dhaabbatanii falman baadiyyaaf magaalaa Oromiyaa dhuunfatanii osoo jiranii ABO balleessuus ta’ee Oromoo irratti shiraan saamicha jallataa gaggeessuun matumaa hindanda’amu. Siyaasaan humna saba qaru Guboon ABO Oromiyaa mara keessatti horateera.
Guboo siyaasa saba ofii ykn siyaasa ABO dhabamsiisuuf jigii wal waaman. Daboo itti wal kadhatanii abdii guutuun qoranii balleessuuf itti bobbaa’an. Keessattuu diinni diinaa hogganuma dhaabichaa gartuu ta’e ofitti madaksuun, kanas bifa hooksaaf itti dhiyaannaa amala toliisaan daboo itti kadhatanii akka inni dhaaba isaa dhabamsiisu ergama itti laatan. Utuu beekuus ta’ee utuu inni hinse’in hojii dhaaba isaa ABO dhabamsiisu akka dalagu dirqama itti kennuun ABO seenaa taasisuuf waggaa kana keessa duulli baname takkaa banamee beeka jedhee hinyaadu.
Haalli waggaa kana keessa adeemaa ture akkaan yaaddeessaa turullee Guboo ABO biqilanii har’a dargaggoota ta’aniin qolatamuu danda’ee jira. Boris taanaan Guboo ABO balleessinee uummata Oromoo abdii kutachiifna, uummata Oromoo haamilee isaa cabsina jedhanii yaaduun Abjuun bishaan daakuu ta’ee hafa.
ABO’n dhaaba jiraataa irra darbee dhaaba injifataa yeroo inni ta’u fuuldura kanatti walumaanuu arguuf jirra. Har’a ABO’n kofa isaa ykn hanqina isaa mara guuttatee qabsoo godhu jabeessee itti jira malee, dhaaba hanqina isaa utuu hinguuttatin waggaa 27 booda ifatti biyya isaa keessa socho’aa jiru miti. Hanqinaaf dogoggora waggoottan dheeraa dura isa mudatan irraa barnoota siyaasaa gahaa kan daree barnootaa utuu hinseenin baratan barateera.
Kana malees siyaasaan baay’ee fagaatee lafa diinniif halagaan qaqqabuu hindandeeye gahee akka jiru barruu kanaan himuun fedha. ABO’n qabsoo siyaasaa dagaagfatee qabsoo isa irraa eegamu gochaa jiraachuu, isa duriin olitti kallattii dachaan bal’atee biyya abbaa isaa keessatti akkaataa saba isaa guutuu siyaasatti hirmaachisuun qabsoo gochaa akka jiru himuun fedha.
Egereef fuuldurri ABO uummata isaa Oromoo waliin injifannoo takkaafuu duuba hindeebine ta’uu firaaf halagaan haa baru. Kanaan booda ABO duuba deebifna, nii laamshessina jedhanii ifaajuun of dhamaasuu qofa utuu hintaane waan qaban qisaasuu fi ofumaa humna ofii fixuu akka ta’e barreeffama kanaan himuun barbaachisaadha. Qisaasa dinagdeef humnaa qofa utuu hintaane qaamni dhabama ABO fi Oromoof hojjetu ofii isaa of dhaba.
B. Guboo Siyaasaa Garboonfataa
Duree barreeffama kanaan, kitaaba isaanii “Bu’aa ba’ii qabsoo Oromoo” jedhu keessatti Dr. Geetaachoo Jigii hafteen Minilik egeree Oromiyaaf har’allee balaa akka ta’an barreessanii turan. Wayiita barreeffama sana barreessanitti hiddi Minilik obbo Mallas Zeenaawwiin rukutuudhaan bututanii laamsha’anii mataan gadi jedhee lafa isaan jiran illee hinbeekamu ture. Barreeffama kitaaba isaanii sana keessatti irra deddeebiin maqaa “Nio Minilik” jedhu laataniifii har’allee sooreyyii ta’anii tujaaranii (Duroomanii) biyya hambaaf biyya keessatti deetti ta’anii akka jiran ibsan. Sanas lafa Oromoo qabeenya Minilik saamaa tureen akka ta’e himanii, mootoleen dhufaa darbaa saamicha isaan Oromoof saboota kaan irraan gahaniif hanga har’aa seeraan hingaafatin jiraachuufi qabeenya Oromoo Looniif Ree’een illee utuu hinafin saaman sanaan akka dureeyyii ta’an akeeku. Qabeenya sanaan as deebi’anii guyyaa isaan har’as Oromootti duulan dhufuu mala yaada jedhu kaasu.
Barruu Guboo Siyaasa Garboonfataa jedhu keessatti bara kana keessa Guboon Nio Minilk biqiluu isaanii fi kan biqilan irrattuu akkuma kitaaba isaaniin Dr. Geetaachoo Jigii caqasuu yaalan duula Oromootti banuu isaanii waggaa kana keessa argeen jira.
Gaallamootummaa isaanii irra miira namummaa kan hinqabne Guboon Garboonfattootaa kunneen, waa’ee namummaa tasa kan sammuu isaaniitti hindhufne ajjeechaa suukanneessaa Oromoof saboota bicuu impaayera Xoophiyaa kana irratti waggaa kana raawwataa bahan. Addatti ajjeechaa ilmaan Kuush kan ta’an saba Qimaanti irrattii fi Uummata Gumuz irratti raawwatan daanga maleessa.
Guboon garboonfataa marge kun qa’aa qabsoo Oromoon kanneen marganidha. Kana gaafan jedhu galma hanqachuu qabsoo Oromoo waggaa lama duraa irraa kan ka’e, bobaa Abiyyi Ahemad jalaan wal ijaaraa turan. Erga wal ijaaranii humna horatanii booda miidiyaan illee bahanii sabni isaanii Amaarri akka hidhatu labsan. Labsiin sun tibba kana itti aanaa Muummee Ministeeraa Obbo Dammaqee Mokonnooniin illee labsamaa jira.
Akeeki hidhachuu isaanii duuba jiru maali? Sagantaan hidhannoo isaanii maali? Maaliif akka hidhatan waliif labsu? Gaaffii jedhuuf biyyattii ijaaruu utuu hintaane ittuu barbadeessuu, biyya kana biyya dhiigaa taasisuudhaan waraana jabaa Oromoof saboota Impaayera biyyattii keessa jiru irratti banuuf akka ta’e nii dubbatu.
Addatti namni kamuu afaan isaanii malee, aadaa isaanii malee impaayera Xoophiyaa jala taa’ee agarsiisuus dubbachuus akka hinqabne ergama jedhu qabatanii Qawwee hidhachuu waliif labsu. Wanti saalfachiisaan biraan ammoo, qaamni akka isaan waraanaan of ijaaran akka isaan Qawwee hidhatan taasisaa jiru itti aanaa Muummee Ministeera biyyattii ta’uudha. Loogiin Impaayera biyya tokkoo keessatti beekamaa ta’ullee ifatti akkattiin saba tokko labsii irratti baasanii meeshaa isaa harkaa funaanaa saba biraan ammoo hidhadhaa jechuun baay’eetti naa gaddisiisa. Ta’us sabni keenya Oromoon mootummaa isaaf na’u akka hinqabne dafee akka hubatu waan taasisuuf kun gama kaaniin barnoota saba keenyaaf waan ta’uuf baay’ee gaarii akka ta’ettis fudhanna.
Guboon Garboonfataa ykn Nafxanyaa kun egereen isaanii maali? Gaaffii jedhuuf har’a itti fakkaatee Abiyyi Ahemad ofitti naanneessee duukaa dhichisaa saba Oromoo hacuucuu danda’a. Bor garuu; humna erga godhatan booda isuma mataa isaatti deebi’anii isa dhabamsiisu. Akkuma Oromoon “Handaanqoon haatee haatee kan morma ishee kutu baafti!” jedhan sana Abiyyi Ahemad ofumaan Guboo badiisaa dhabama ta’aa jiru jabeessee humneessee lafaa kaase. Booddee irra ofuma isaafuu humna kanaan nyaatamuu mala shakkii jedhun qaba.
2. Kuukkii Siyaasaa
Akkuman olitti xuquu yaale Kuukkiin dhukkuba. Sirna uummata keenyatti Kuukkii ta’etu darbaa dabarsa dhufee dugda Oromoo yaabaa har’a gahe. Kuukkii sirna nafxanyaa, kuukkii sirna Afaan Oromoo fi Oromoo jibbee biyya isaa Oromiyaa akka Sangaatti soogidda taasifatee arraabuutu nu miidhee nu miidhaas jira. Erga fayyine jedhanii booda dhukkuba deddeebi’ee nama qabatutu Kuukkii jedhama. Kuukkiin ishee garaa keessaa hanga si hinbannetti nagaa dhabuu, jeeqamuu, dhiphachuuf dhukkubsachuun oola hinqabu. Sirni Nafxanyaa nuti badeera jennee abdannees deebi’anii bifaaf karaa jijjiirratanii nutti wal furaa as gahan. Kuukkii kana jalaa bahuu barbaachisa.
Kuukkiin siyaasaa biyya abbaa keenyaa Oromiyaa keessatti hanga har’aa baduu dadhabe. Kuukkiin siyaasaa hundeen barbadaa’uu dhabuutu oladeemaa Oromoo, daa’imaaf jaarsaaf Jaartii Oromoo akka du’an taasisaa yoona gahe. Kuukkiin siyaasaa bara dabarsaa jirru kana haamtuu isaan nu haame jechuu dandeenya. Garaa Oromiyaa qabatanii ilmaan Oromoo dhabama taasisuu, ajjeesuu, ukkaamsuu, dararuu fi hidhuu kana malees gudeeddaa saalfachiisaa nurraan gahaa bahan.
Kuukkii siyaasaa kanaaf qorichi argame kanaan booda dhukkubaan qabamnee rakkachuun yaadda’uu fi ajjeefamuutu hafa jennee abjoonnus abjuun sun abjuu ta’ee hafe. Isa kanaaf hanga har’aa aaraa gubataa jiraataa jirra.
Kuukkii siyaasaa waloodhaan dhabamsiisu. Gurmuudhaan itti ba’anii garaa biyya abbaa ofii Oromiyaa keessaa haxa’anii baasu. Kiniinii tokkummaa liqimsuutu kuukkii siyaasaa nurraa kuta. Kanaan ala dhibamaa, jeeqamaa, hunkuramaa jiraanna.
Kuukkii siyaasaa kana garaa Oromiyaa keessaa dhabama taasisuuf furmaata ABO’n lafa kaahe, kan KFO fi uummati Oromoo ofitti fudhate Mootummaa Ce’umsaa biyyoolessa Oromiyaa raggaasisuutu fala olaanaadha. Kanaan ala Kuukkii kanaan qabamee nyaatamuu, du’uun nii dhaabbataan soba.
Gudunfaa!
Barruu Guboo/Kuukkii jettu kanaan waan adeemaa ture gabaabsee xuxxuquudhaan ibsuu yaaleera. Waan keessa jirrus irra keessa isaa xuqee waan fuulduraas akeekeen jira. Guboo Siyaasa ofii gabbifataa, guboo siyaasa garboonfataa hundeen haxaa’utu furmaata siyaasaa nuu ta’a. Kuukkii siyaasaa ammoo garaa Oromiyaa keessaa daguuganii balleessutu wiirtuu nagaa saba keenyaati.
Injifannoon uummata Oromoof
Gadaan Gadaa injifannooti!
Qalbeessaa Dhangu’aatiin
Onkoloolessa 19,2020

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s