Aside

 

Sadaasa 09 Waadaa Qabsoo Haaromsachuudhaan Haa Yaadannu !

(SQ- sadaasa 9/2019)

(Ijoo Dubbii ABO – Sadaasa 09, 2019)

cropped-qeerroo11.jpgHar’a guyyaan Sadaasa 09 bara 2019. Sadaasni 09 seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo (keessattuu seenaa Sochii Dargaggoota Oromoo/Qeerroo) keessatti iddoo ol’aanaa qaba. Waggoota 14 dura Sadaasa 09 bara 2005 ture kan Dargaggootni Oromoo yaamicha Dhaaba isaanii Adda Bilisummaa Oromoo irraa taasifameef owwaachuudhaan maqaa “Fincila Diddaa Gabrummaa/FDG” jedhuun ifatti Warraaqsa Bilisummaa bifa haaraadhaan dhoosan. Tahiinsi ykn. seenaan guyyaa sanaas akkuma tasaa guyyuma sana lafaa ka’ee waan mudate miti. Addi Bilisummaa Oromoo Diddaa Ummataa Karaa Nagaa (Civil Disobedience) irratti Ummata barsiisee ijaaruudhaan Qabsoo Bilisummaa isaa irraa bal’inaan hirmaachisuuf yoo xiqqaate waggoota shan (5) sana dura turaniif xiyyeeffannoo ol’aanaa itti kennee irratti hojjete. Manneen barnootaa ol’aanoo, caasaalee mootummaa kan gara garaa fi murnoota hawaasaa adda addaa keessatti hojiin Ummata dammaqsuu fi ijaaranii Qabsoo Bilisummaatti hirmaachisuu bal’inaan hojjetame. Continue reading

Aside

ONN-Qophii Dimokraasii- Marii Gaazexeessota Raadiyoo Sagalee Qeerroo Bilisummaa waliin taasifame.

Aside

“UUMMANNI OROMOO ARBA GUDDAA CIISUDHA” WARRA AFRIIKAA | MO’AA TV SHOW

Aside

Sagalee Qeerroo Sadaasa 5/2019 ,Godinaalee Gujii lamaanii FI booranatti torban kana keessa qofa namootni 150 ol tahan humna waraanaan hidhamaa jiru. Hidhatii hiikamuu Galaalchessitoota radiyoo Sagalee Qeerroo waliin turtii isaandabarsan maal ture kan jedhu gafanneef deebii isaanii qabannee dhiyyaaneerra.MM Dr Abiyyii fi Ministeera RIB obbo Lammaa Magarssa waltajjii marii nageenyaa jechuun magaalaa Harar imalan irratti gaaffiin ummatarraa fi mormiin isaan mudatuunjiraattotni nuuf himan. MM Dr Abiyyii, ministeera RIB obbo Lammaa Magarsaa fi I/A/P/N/O obbo Shimmalis waltajjii marii nageenyaa jechuun jiraattota magaalaa Amboo waliin marii gochuuf kan turame turtii sa’aa muraasaa booda waltajjiin addaan cituu jiraattotni dubbisne Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromootti himaniiru

 

Aside

Hidhamtoota mana hidhaa mana hidhaa Finfinnee buufata poolisii 3ffaatti dararamaa jiran maqaa shororkeessummaan keessaa maqaa isaanii muraasa

because-i-am-oromo1. Eng.Dandii Garbooshee. Finfinnee
2. Dr.Mohaa Abdiisaa Sh/Lixaa Amboo
3.Burqaa Kumarraa. W/Lixaa Mandii
4.Farajaa Getachoo. Sh/lixaa Amboo
5.Abubakar Abdallaa W/Lixaa
6.Abbuu Lammaa Sh/Bahaa,Cuqaalaa
7.Wagaarii Badhaasaa Q/W/D/Dollo
8.Lalisaa Gudataa, W/Lixaa Mandii
9.Shimallis Getachoo Sh/Kabaa/G/Guraacha
10.Mamad Isaa, W/Bahaa Nunnuu Qunbaa
11.Abdii Bogoole. W/Bahaa/Naqamtee
12.Yaadasaa Yooseef. Q/W/D/Dollo
13.Saadiq Kaliifaa. W/Bahaa Naqamtee
14.Tarikuu Abdiisaa. Finfinnee
15.Pro.Bayyanaa Ruuda. Finfinnee
16.Daraaraa Guyee. Boorana
17.Margaa Guutaa. Sh/K/Lixaa
18.Yoomiif Seefuu.
19.Olaanaa Beellamaa. Sh/K/Lixaa
20.Kumaa Dandanaa. Sh/K/Lixaa
21.Takkaalanyi Mardaasaa. Q/Wallagaa
22.Addunyaa Keessoo. Sh/Kaabaa
23.Baayisaa Balaayi. Finfinnee
24.Efireem Iyyaasuu. Q/wallagaa
25.Gadaa Bultii. W/Lixaa
26.Bulchiinsa Balaayi. Q/Wallagaa
27.Falmataa Girmaa. Sh/Kaabaa
28.Bilisummaa. Q/Wallagaa
29.Abdii Dirribaa. Q/Wallagaa
30.Ijoo Fiixee. H/Guduruu
31.Damee Baacaa. Q/W/D/Dolloo
32.Abshiruu Kadir. W/Lixaa
33.Abubakar Nuuree. W/Bahaa
34.Caalaa Isima’el. Finfinnee
35.Kaliifaa Abdulfattaa. W/Lixaa
36.Abdii Kumsaa. Sh/Lixaa/Amboo
37.Firaa’ol Indaaluu. W/Lixaa
38.Obsaa Fiqaaduu. Finfinnee
39.Buusaa Jaarrraa. Buraayyuu
40.Miidheksaa Baqqalaa. Buraayyuu
41.Galaanaa Waggaarii. Buraayyuu
42.Fiixaa Caalaa. Buraayyuu
43.Gaaddisa Jifaaraa. Buraayyuu
44.Ababaa Tolasaa. Buraayyuu
45.Efireem Galataa . Buraayyuu
46.Yaasoo Kabbabaa. Finfinnee
47.Ifaa Gammachuu. Finfinnee.

Aside

Sagalee Qeerroo (SQ) Qophii Sadaasa 1, 2019

https://youtu.be/wpui-w11abo

 

Aside

Yoo Garaa Irraa Booyan Imimmaan Hin Dhibu

(Ibsa ABO Sadaasa 01, 2019)

49836961_1847712095355333_3193898111219007488_oMuummichi Ministeeraa Itoophiyaa Dr. Abiy Ahmed waltajjiilee ilmaan Oromoo itti mariisisan adda addaa irratti waaee wareegama Jaal Laggasaa Wagii fi sanaan wal qabsiisee dursanii akka Mootumman EPRDF bobbaa waraanaa irratti gaggeessuuf deemu HayyuDuree ABO Jaal Daawud Ibsaatiif odeeffannoo dabarsuu isaanii deddeebisanii oggaa kaasan dhagahaa turre.
Akkasumas, yeroon isaan gumaacha maallaqa ABOf taasisan akka tures dubbachuu isaanii dhageenya. Kun dhugaa moo soba? Maaliifis dhimma kana irra deddeebianii kaasuun feesise? gaaffii jedhuuf deebisaa kennuun barbaachisummaan isaa waan nutti hin mulanneef calisuu filannee turre. Haa tahu malee dubbiin kun deddeebiee kauu isaa dugda duubaan akeekni dhokataan jiru waan nutti mulatuuf fi Ummatni keenyas haqa jiru dhagahuun waan isa gargaaruuf dhimma kana irratti dhugaa jirtu ifa gochuu filanne. Dubbichi akkana: