Ibsa Eejjaannoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo!.
Haala yeroo irraatti baase!
(SQ,Onkololeessa 23 2019)
Wareegaama Bilisummaa fi walabummaa sabaa fi biyya keenyaaf kaffaalle yeroo itti saboonni biroo nagaa waaraa fi tasgabbiin jiraatan keessaatti qaamni biyyan bulcha ofiin jedhuu addaatti aggaammii fi qiyyaafannoon saba oromoo irraatti adeemsiisaa jiru kan akkaan nama madeessuu fi aarsuudha. Taatullee Qeerroon Bilisummaa oromoo qabsoo isaa keessaatti bu’aa ba’ii fi aarsaa guddaa kaffaaluun qabsoo saba oromoo boqonnaa haaraa kanan gahee.
Guyyaa kana xuxxuqqaa, tuffii fi ilaalcha gad aantummaa mootummaan Itoophiyaa saba oromoof qabuun akkasumaas dhiibbbaa miidiya OMN irra gaheen kan dallaane sabni oromoo diddaa isaa dhageessisaa oolee jira. Kanaanis godiinaalee oromiyaa garaagaraa keessaatti walumagalaattii oromoonni 40 ol tahan yoo rasaasa mootummaa gabroomfataan gara jabinaan rukkutaman kanneen keessaa tilmaamaan namoonni 21 tahan lubbuun darbee jira. Haala kanaan sabni oromoo gaaffii eenyummaa fi mirga gaafatee aarsaa kaffaaluun Qeerroo Bilisummaa Oromoof waan haaraa mitii. Garuu qaamoonni wareegaama Qeerroo Bilisummaa oromoo fi uummaata oromoo irra tarkaanfachuun waardiyyaa mootummaa tahuu barbaadaan akka dhaabbatan akeekkachiisna.
Osoo miidiyaaleen habashaa saba oromoo arraabsanii namoonni wal ijaaranii eenyummaa sabummaa oromoo gurraacheessan jiraanuu yaaliin kun ilma oromoo irraatti yaalamuun isaa akka Oromootti baayyee nama dhukkuubsa. Yeroo kanatti mootummaan kun gaaffii saba Oromoo deebiisa jennee osoo eegaa jirruu tarkaanfii faallaa nurraatti fudhaachuun, lubbuun qeerroof ilmaan oromoo qaaliin bahuun akka malee madaa nutti uumee jiraa.
Qeerroon Bilisummaa Oromoos gaaffiin hiree murteeffannaa saba oromoo kan deebii argatu qabsoo hadhaawaa gaggeessuun akka tahee amaanuun, Qabsoo keenya cimiinaan akka itti fufnu waamicha keenya ammas irra deebinee dhiheessina.Akkasumas hayyoonni Oromoo dhaabbileen siyaasaa oromoo fi diplomaatoonni biyyoota alaa fi ollaa qabsoo sabni oromoo gaggeessu cinaa dhaabbachuun akka tumsitan waamicha keenya dabarsina.
Walumaa galaatti osoo lubbuun ilmaan oromoo qaaliin dhiigni dhangala’aa jiruu, osoo haqni keenya humna abbaa irree hidhaateen ukkaamfamaa jiruu,Osoo Kutaaleen Oromiyaa Gujiifi Wallaggaa humna waraanaan bulaa jiruu, jaarsummaa fi araarri namoota dhuunfaa waliin godhamu kamiyyuu deebii nuuf tahuu akka hin dandeenye hubachuun qabsoo eegaalle gara kutannoon akka itti fufnu waamicha keenya gadi jabeessuun dabarfanna.
Qabsoon Qeerroon Bilisummaa Oromoo godhu kan Oromoo abbaa biyyaa taasisuun birmadummaa keenya nu gonfachiisu malee kan sirna nama nyaataa irratti malee kan namtokeerratti miti. Kanaafiyyuu Qeerroon Bilisummaa Oromoo jaarsummaan yeroo kana deemaamu kamiyyuu kan oromoo hin fayyadnee fi caalatti saba oromoo miidhu tahuu waan hubaanneef fudhaatama kan hin qabne tahuu hubaachiisna.
Waanti nagaa buusuu danda’uu yeroo kanaatti mootummaan aangoo gadlakkiisuun mootummaan cehumsaa hunda hirmaachiise akka nuuf hundaa’u qofa. Gaaffiin uummaata Oromoo deebii sirrii fi waaraa hanga argaatutti qabsoon keenya itti fufa.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Injifannoon uummata oromoof
Onkololeessa 23, 2019
Finfinnee, Oromiyaa.