Amnesty International gaazexeessitoonni Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo yakka malee hidhaman akka hiikaman gaafate. Gaazexeessitoonni kunniin: Biqilaa Amanuu, Gadaa Bultii, Addunyaa Keessoo, Firoomsaa Baqqalaa fi Abdiisaa Guuttataa yoo ta’an, sababni qabamuu isaanii yaalii Fonqolcha Mootummaa Naannoo Amaaraa fi ajjeechaa ajajoota waraanaa Finfinneetti ta’e waliin kan walqabatu, walumaagala yakka shororkeessummaa akka ta’e Poolisiin Federaalaa himee jira. Raadiyoon Sagalee Ameerikaa dhimma himannaa shororkeessummaa kana ilaalchisee qorataa poolisii dhimma dargaggoota kanaa qabate yoo gaafatu, poolisiin ammoo “Mootummaan seericha fooyyeessuuf hojjechaa jira, nuti kan beeknu labsichi hanga ammaa hojiirra jiraachuu isaati. Kana caalaa qaama olaanu gaafachuu dandeessu.” jechuun deebise. Yaalii Fonqolcha Mootummaa Naannoo Amaaraa fi ajjeechaa ajajoota waraanaa kanaan kan shakkaman miseensonni qaama nageenyaa naannichaa wabiidhaan gadhiifamuun ni yaadatama.
Barruun kan Galaanaa Kiisiiti