Aside

Perofeser Isqeel Gabbisaa naannoo Maqalee deemee Geetaachoo Asaffaa argee ture jedhanii? 
Pro Isqeel maal jedha??

Aside

Qophii Bashannannaa Cufinsa Kora ABO Amerikaa Kaabaa kan bara 2019.
August 09/2019 Minneapolis Minnesota

Aside

Qeerroon OPDO tti Qabsoos ta’e imaanaa laadhate hinqabu!

Qalbeessaa Dhangi’aa
Bitootessa 7,2019

OPDO.jpg saamtuuFuula miidiyaa irraan kan dhagaa’amuuf kan lallabaamaa jiru “OPDO’n imaanaa Qeerroo gante!” Yaadota jedhanidha. Yaadni kun soba, dogoggorallee. OPDO’n qaama Oromoo utuu hintaane gantuudha. Gantuutti imaanaan qabsoo hinlaatamu hinlaatamnes. Qeerroon Bilisummaa Oromoo imaanaa qabsoo WBO fi isa mataasaa harka jira malee galtuu, gantuu, Xawalwaalleetti guyyaa tokkoof qabsoon Oromoo hinlaatamne, laatamuus hinqabu. Qaamotni “qabsoo Oromoo, imaanaa Oromoo gante OPDO’n” jedhan dogoggoraniiru. Nuti kaleessayyuu, har’ayyuu boriyyuu galtuu akka OPDO tti imaanaa jennee qabsoo hinlaannu, akeekaaf naamusi qabsoo keenya, qabsoo jaallan hedduun itti wareegaman qabsoo ABO’s kana hinayyamu. Continue reading

Aside

“GODINA_WALLAGGAA_LIXAA_ONA_SAYYOO_NOOLEE MAGAALAA DABBASOO
TARREE MAQAA HIDHAMTOOTAA FI DARARAA ISAAN IRRA GA’AA JIRU.
#HAGAYYA_09_2019

because-i-am-oromo#Komaand_Poostiin Aanaa Saayyoo Noolee Namoota Nagaa #Mana_Hidhaa Aanaa Saayyoo Noolee Magaalaa Dabbasootti maqaa “ABO
deggartan” jedhuun dararaa guddaa irraan ga’aa jiru. warreen kana keessaa Mana hidha xollaay keessaa ji’oota sadiif oliif kan turaanii bilisan galan ammas mana hidhaatti deebifamanii dararama jiru.
Namootni kun kutaa xiqqoo tokko kessatti nama #20( #Digdama)ta’anii hidhamanii waan jiraniif guyyaa har’aa 02/12/2011 ALHtti ykn #Hagayya_09_2019 irraa eegalanii sababa dhibee guddaan irra jiruuf nyaata lagatanii miidhamaa jiru.
Namootni kunis:-
1. Doktooree_Moosisaa
2. Masarat_Jaallataa
3. #Uummataa_ Waldee

Aside

Walgayii Hawaasaa kora Gamtaa ABO Amerikaa kaabaa kan bara 2019 Minneapolis Minnesota.
August 09/2019

Continue reading

“Shiftaan hidhame, miidhame jechuun hiika hinqabu…kan karaa biraan dhufuuf Qawweedhaan deebii laanna” Yaadni jedhu Muummicha Ministeeraa Xoophiyaa Dr. Abiyyi biraa dhagaa’amaa jira.

Aside

Qalbeessaa Dhangayaatiin.

Image may contain: 1 person Natti dhagaa’ame. Dubartii ulfatu hidhamaa jira. Haadhaaf daa’ima addaan baasanii Harma irraa kutanii haadha mana hidhaa kahaa jiru. Dubartiin ulfi eessatti shiftite?.

Abbaa gadaa Koree Teknikaa ta’antu Lixa keessaa, Iluu Abbaa Boor keessaa hidhamaa jira. Abbaan Gadaa shiftaadhaa?

Maanguddoo ganna 70 oliitu hidhamee Sanqallee jira. Jaarsa dulluma keessaa kanatu shiftaadhaa?

Sheekota Amantaa Musiliimaa gaggeessantu hidhamee jira. Qaamni ergama amantii qabatee amantii babal’isuuf deemu shiftaadhaa? Continue reading

Oromia

Aside

Dargaggoonni Qaroo Hawaasaa Ta’an Hidhaa Keessatti Dararamaa Jiru.

Aside

Image may contain: 1 person, beard and closeupDargaggoonni kunneen haga ammaatti mana hidhaatti gidirfamaa jiru.Qeerroo Gadaa Bultii erga leenjii xoollay xumuree tureera garuu haga ammaa hingadhiifamne.Amaanu’el Beekkataas Addis Ababa police commission ykn 3ffaa bakka jedhamutti yakka tokko malee ugguramee jira.

Amaanu’el Balaay namoota hedduu waliin xoollay keessatti dararamaa jira.Sooressaa Hundarraa kaambii RIB. Qaaqee jirutti dararamaa jira.
Dargaggoonni kunneen badii tokko malee gariin mana barumsaa irraa gariin ammoo bakka hojiirra ukkaamsamanii yakka tokko malee hidhaman.Namni balleesse saatii seerri eeyyamutti mana murtiitti dhiyyaatee badiisaatti gaafatamuun waanuma jiru osoo tahee jiruu mootummaan garuu dargaggoota kanneen badii tokko malee mana murtiirraas lagee yakka seenaa irratti raawwataa jira.
#Free_Gadaa_Bultii
#Free_Amaanuel_Beekkataa
#Free_Amanueel_Balaay
#Free_Sooressaa_Hundarraa
#Free_Abdii_Warrawaaq Continue reading