“Otuu nu ajjeesaa jirtanii, isin simachuu hin dandeenyu”

Ibsa Qeerroo Amboo irraa!

19 Ebla 2019

Haala qabatamaa amma biyya Keenya keessa jiruun wal qabsiifnee haalonni amma deemaa jiran ammas akka duraanii wareegama hin malleef nu deemsisuuf jira. Kanaan wal qabatee gaaffiin Uummata Oromoo gaaffiin Afaanii, Gaaffiin Abbaa Biyyummaa, Gaaffiin Daangaa Oromiyaa, Gaaffii namoota achi buuteen isaanii dhabamee, Gaaffii yaakkamtoota Seeratti dhiheesduu fi kkf isoo warawaan hin deebi’iin ammas gaaffii Uummata Oromoo cinatti dhiisuun mirqaana Aangoon uummata Keenya hardhas afaanfanjeessuun Lubbuun ilmaan Oromoo itti wareegaman qoosaatti qabamuuf yaalamaa Jira.

Haaluma kanaan Guyyaa Dilbata dhufu magaalaa Amboo keessatti Pirezedaantiin Mootummaa Naannoo Amaaraa Dr Ambaachoo magaalaa Keenya ni seenu jedhamee jira. Kanaan wal qabatee nu ilmaan Oromoo Gama Walloo jiran gochaa bulchiinsi mootummaa Naannoo Amaaraa raawwateen ilmaan Oromoo Walloo keessa jiraatan Duula Liyyuu Hayilii Naannichaa fi Milishoota Naannichaan duulli daangaa babaldhifannaa fi duguugonsi ilmaan Oromoo Walloo jiran irratti raawwachaa turuun ni yaadatama.

Keessummoonni dhufan kun tuffii Uummata Oromoof qaban ifatti kan Muldhisaa jiraaniifi Araarri Uummata Walloo waliin isoo hin godhamiin maqaa diipiloomaasiin gara Magaalaa keenyaa dhufuun ammas Uummata Oromoo madaa isaa itti kakaasuuf kan yaadame ta’uu sin beeksifna. Nu nagaa feena sabni kamuu wal qixxummaan jaalalan uummata Oromoo kabajee mirgaaf dirqama isaa baree jiraachuu akka qabu fi namni kamuu jibba saboota kamuu kan hin qabne yoo ta’u, garuu haala amma jiruun Torbanoota darban keessa Uummata Walloo duguuguuf yaalamuun ni yaadatama.

Kanaaf qaamonni magaalaa Keenya afaaniin ol kaasuun nagada siyaasaaf oliif gadi yaatan kabaja Oromummaan gaaffii Keenya kan ilmaan Kumaatama itti dhabne nuu deebisaa. Maqaa Amboon bara kana qofa keessummoonni garaagaraa dhufan iyyuu magaalaa Keenya akkuma durii gaaffii uummanni Keenya Jaarraa hedduuf hin deebine waan hojiitti hiikamee hin agarreef xuxxuqaa fi tuffii Uummata Oromoo akka dhiiftan kabajaan isin gaafanna.

Sagalee Qeerroo Amboo

HAQA QABNA NI FALMANNA

DHUGAA QABNA NI INJIFANNA

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s