Injifannoofi Galatni Kan uummata Oromoo Hundaafi Qeerroo Bilisummaa Oromooti!
Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname
Manni Maree minsteerotaa Itoophiyaa ADWUIn Seeraa dabaa kan maqaa Labsii Shororkeessummaa jedhuun ABO, ONLF fi G7 ittin maqaa balleessuu cinatti labsii seeraa kana dahoo godhatee lammiilee keenya nagaa mirga sarbaa, dhiiga dhangalaasaa, lafee cabsaa, hidhaan gidirsaafi biyyarra ittin baqachiisa ture akka haqamu murteesseera. Uummatni Oromoo akka uummatattiifi jaarmiyaan qabsoo hadhooftuu wareegama qaalii gaafate gochuun injifannoo boonsaa qabsoon galmeeffameen icciitiin seeraa dabaa lammii keenya miidhaa ture saaxilamuun sirnachi dirqamee sadarkaa seeraa dabaa farra dhala namaa addatti farra uummata Oromoo ta’e kana haquu danda’ee jira. Dhugaan jiru jaqabuma iyyuu ABOn shororkeessaa akka hin taane sirriitti utuu beekanii jaalala guddaa uummatni Oromoo ABOf qabu irraa ka’uun Uummata Oromoo ittin miidhuuf ta’ee jedhamee labsii shira guddaan uummata keenyarra kaa’amedha.
Amma egaa yoo dhuguma araara siyaasaa biyyoolessaa ni buufna badii keenya ni fudhanna rakkoon jirtu hundaa karaa nagaa haafuramu, gaaffii uummataaf deebiin haa kennamu kan jedhan ta’ee ABO waliin ifatti bakka qaamni 3ffaan jirutti dubbachuudha. Kanaaf immoo gama ABOtiin ABOn karaa ifaafi qabatamaa ta’een bakka qaamni 3ffaan jirutti waliin dubbii araaraa gochuun biyyatti keessatti mirgi Bilisummaa, walqixxummaafi Dimookiraasiin dhugaan akka jiraatuuf qophii ta’uu irra deddeebi’uun Medialee garaagaraan Hayyuu Dureen ABO Jaal Daawudi Ibsaa Ifa godhaniiru. Kanaafuu deebiin hundagaleessa ta’ee Mootummaa Ethiopia ADWUI (EPRDF) MM Dr Abiyyi Ahimed irraa eegama jira.
Dhaamsa Maayii akka waliigalaatti dabarsinu:
1. wanti hundii akkuma jirutti ta’ee akka Qeerroo Bilisummaa Oromootti dhaamsii jaarmiyaalee Qabsoo Bilisummaa Oromoo, uummata Oromoofi Mootummaa ADWU’f dabarsinu biyyatti keessatti araarrii siyaasaa dhugaafi amansiisaan wabii mirga siyaasaafi mirga dhala namaaf ta’uu danda’u labsii seeraan deeggaramuufi raggaasifamuun qophaa’ee labsamuu qaba!!
2. Uummaatni Oromoo, Qeerroon Bilisummaa Oromoofi Jaarmiyaaleen Qabsoo Bilisummaa Oromoo hanga gaaffiin mirga abbaa biyyuummaa, mirgi Bilisummaafi Walabummaa Uummata keenyaa kabajamutti Oromoon akka sabattis akka jaarmiyaattis kaayyoo qabsaa’ee wareegama qaalii kanfalaa as gaheef ejjennoofi akeekaa qabsa’eef utuu hin jijjirre injifannoolee qabsoon gonfanne utuu hin sharafiin tokkummaan dhaabbachuun dirqama haalli yeroo gaafatu ta’uu gadi jabeessuun hubachiifna!! Kanuma waliin qabsoon hanga bilisummaafi Walabummaan Oromiyaa mirkanaa’uutti kan itti fufu ta’uu dhaamsa dabarsina!!
3. Adeemsaa Araaraa Siyaasaa ABOfi ADWUI gidduutti godhamuu danda’uuf Uummatni keenyaa ibsaafi yaada ABO adeemsa haala yeroo irratti kennu hordofaa qabsoo Bilisummaa Oromoo galiin gahuuf Caalaatti ofjabeessuufi injifannoolee Qabsoon argaman qabsoon tiksuun barbaachisa ta’uu irra deebi’uun dhaamsa dabarsina!!
4. Yakki ajjeechaa duguuginsa Sanyii uummata Oromoo irratti AWUI(EPRDF)n saboota ollaa hidhachiisuun kallattii hundaan rawwatama jiru atattamaan akka dhaabu gadi jabeessuun gaafatana!!
5. Hidhamtootni ilmaan Oromoo Manneen hidhaa biyyatti garaagaraa keessatti hafan kanneen Siyaasaan hidhamanii gidirfamaa jiraniifi kanneen ukkanfamanii achii buuteen isaanii uummata jalaa dhokfaman bakka jiran hundaa akka gadi gadhiifaman gadi jabeessuun gaafachaa, Sochii Warraaqsa FXG gadi jabeessuun kan dirqisiifnu ta’uu uummata Oromoo hundaaf waamicha dabarsina!!
Injifannoon Uummata Oromoof
Gadaan Gadaa Xummura Garbummaati!!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 30/2018