Yeroo Ammaa Fincila Xumura Garbummaa Qeerroo University AMBOO Damee walisootin Gaggeeffamaa Jiru.

Aside

Image may contain: tree, plant, grass, sky, house, outdoor and nature

Continue reading

Waamichaa Hiriira Nagaa Barattoota Yuunibarsiitii Jimmaaf

Aside

Qeerroo Bilisummaa Oromoo Mandhee Jimmaa Yuunibarsiitii irraa

[No automatic alt text available.SQ,sadaasa,28,2017]

Akkuma beekamu guyyaa uummanni Oromoo garbummaa jalatti kufee kaasee hanga har’aatti cunqursaa, doorsisni hidhaaf ajjeechaan, raawwachaa ture raawwachaas jira.

Oromoon garuu; mirga isaa kana kabachiisuuf mirga abbaa biyyuummaa kabachiifachuuf qabsaa’aa ture qabsaa’aas jira. Tibba kana immoo wanti Uummata keenya daangaa irratti raawwachaa jiru, akkasumas gochi garajabeenyaa kan uummati marti balaaleffatudha. Kanaaf ijaaf sagalee uummatichaa kan taanee miiraaf yaada tokkon waltaa’uun gaaffilee armaan gaditti tarreeffaman bu’uura godhanne hiriira ba’uun gaaffii nii gaafanna.

Gaaffiileen kunis :
1, Afaan Oromoo Afaan hojii Yuunibarsiitii Jimmaa haa ta’u!
2, Muummeen Afaan Oromoo cufamaa jiru hatattamaan furmaata argachuu qaba!
3, Muummeen Folklore Oromoo cufamuusaa gadjabeessinee mormina!
4, Waraanni Naannoo Oromiyaa fi Mooraa barnootaa keessaa ba’uu qaba!
5, Weerarri daangaa Oromiya

Continue reading

Sadaasa 28/2017 Godina Booranaa Aanaa Dirree Magaalaa Tulluu Fardaafi Akkasumas Guyyaa sadaffaaf Borana Hiddii Lolaatti FXG Qeerroo Bilisummaa fi uummata Oromootiin finiinaa jiru daran jabaatee itti fufe.

Aside

Continue reading

Qeerroon Bilisummaa Yeroo Ammaa Kanatti FXG Oromiyaa Bakkoota Gara Garaa Keessatti Itti Fufsiisee Jira.

Aside

Continue reading

Barattoonni Yuunibarsiitii Oromiyaa Hedduun Mooraa Gad Lakkisaa Jiru

Aside

[SQ,sadaasa,28,2017]
Barattoonni Yuunibarsiitii Oromiyaa dhiittaa mirga dhala namaa obsuu kan hindandeenye taasisuun, gaaffii karaa nagaa gaafataniin furmaata tokkorra gahuu dadhabuu mootummaan tuffii uummataa akka qabu isa saaxila jechuun mooraa gad lakkisuuf dirqamani.

Sabaaban mooraa gad lakkisanoif barataan guyyaa guyya

atti hidhamuu fi qe’een Oromoo saamamaa jiraachuu yoo ta’u, ka’umsa gaaffiiewan kanaaf dabalataan COC raggaasifamuu akka ta’e himama.

Haalli Oromoo fi Oromiyaa furmaata dhabiinsaan itti fuduun egeree isaanii kan yaaddesse barattoonni, falmii karaa nagaa taasisaniin qaamni rakkoo isaanii gaafatellee dhibuun ittuu akka aarse nuu gabaasaa jiru.

Haalli sochii mooraa Yuunibarsiitii ammaa guutummaatti barnootni baratamaa kan hinjirre mooraan Yuunibarsiitii dirree Waraanaa fakkeeaaanii humna Waraanaaf qunsuma taasisaniiru jedhu. Continue reading

Uummata Oromoo Gidirsaa  Itti Qoosuun Dhaabbatuu Qaba!

Aside

Sadaasa,27,2017
Qalbeessaa Dhangi’aa tin
Dudduubbeen Habashootaas har’i habashootaas nu Oromoof badiisaaf duguuginsa kan hawwu qofaa ture. Akka argan bargaanfatanii jiraachuuf
uummata Oromoo daguugaa turaniiru daguugaas jiru. Mootota habashaa kaleessaa wanti ittiin Oromoon yaadannu nu Oromoon Akka namaattillee
ilaalaa akka hinturre seenaan ragaadha. Har’as akka namaatti ilaalamaa hinjirru. Tarree namaatti waamamaa hinjirru. Lakkoofsa namaa keessaa
hinqabnu, Habashaa biratti jechuudha.

Mootota habashaa darban jecha isan yoo waraana keessatti wal ajjeesan Oromoo irraa namummaa irraa molqaa turan haa yaadannu. Kanarratti
cimana Oromoo irratti was xuxuqeen darbuu barbaada. Oromoon namummaa akkamiittiin laata? Biyyi biraahoo Namummaa kana akkamitti walii
laata? Waraana keessatti booji’amaaf Ilaalchi Oromoo fi biyyoota biroo akkam ture?

Kana dirqama waanan barreessuu barbaadufan qaba. Uummata addunyaarratti ajaa’ibsiifamuu maleef ilaalcha Habashaan laataa turte
addaan naasnee olilaalla. Continue reading

YAA SOOGIDDAA ! YOO OFII JETTEE …. YAA HALGAA ! YOO BORIIF JETTEE…

Aside

SEENAA  Y.G(2005)  kutaa  3ffaa fi xumuraa

YOOSabnii Qabsoo farra kolanii gaggeeffatu , yeroo hundaa humnasaa beekee tarkaanfatuu qaba. Humnasaa beekuuf dubbiin jalqabaa gurmuun ykn adeemsa ofii walteffachuu gaafata. Kun hedduu murteessaadhaa. Maal barbaannaa ? bakka barbaannu bira akkamiin HALGAA  geenyaan ? yeroo hundaa gilgaalamee qophii barbaachisuus irratti godhamee, humnatti geeddaramuu keenya diinaaf hojiidhaan labsachuun murteessaadhaa. Sadarkaan Qabsoon Saba Oromoo irra jiru isa kanadha. Wayyaaneen gonkumaa qawwee malee ykn humnaan alatti Angoo gadhiiftii jechuun waan danda’amuu miti. Humna qofaatuu waa hundaatti isaan fida. Kun Saba Oromoo biratti akka walii galaatti fudhatama argatee, guyyaa irraa gara guyyaatti qabsoo isaa fi falmaa isaa jabeeffachaa jiraachuun ifa. Oromoon baayyina isaa humnatti jijjiiree tarkaanfii isa dhumaatti ce’uu jechuun , kan qawween itti itti roorrisu irraa of baraaruuf  ka isaaf hafuu qawwee kaasuu Continue reading

Mooraa Yuunversiitii Wallaggaa keessatti qaanqeen qabsoo gootowwan Qeerroo moorichaatiin qabsiifame  daran jabaachuudhaan itti fufee jira.

Aside

Sadaasa 27/2017/ Warraaksa biyyaalessaa torbanoota darban keessa mooraa yuunversiitii wallaggaa keessatti belbelaa tureen kan rifate sirni wayyaanee waraana isaa jumlaan fidee mooricha keessa erga qubachiiserraa kaasee guutummaan moorichaa goolamaa jira.
Waraanni Wayyaanee kunis barattoota bahaaf gala dhorkaa jira.Caalmaattimmoo waraanni Sirna wayyaanee mooricha keessa qubatee jiru barnoota hanga hin jalqabnetti mooricha keessa ta’uu fi kaaffee hin fayyadamtan jechuun barattoota mooricha keessa jiran oliif gadi adeemee doorsisuu isaa caalmaatti hammeessuun itti fufee  jira.Barattoonni moorichaas akka Gad hin baaneef yeroo ammaa fedhii isaanii malee dirqamaan mooraa keessatti ittifamaa jiru. Continue reading

Dirmannaa Oromummaa Sagalee Ta’uufiin FXG Uummata Keenya Maqaa Liyyuu Ayiliitiin Lafasaa Irraa Godaanaa Jiruuf Barattoonni Yuunibarsiitii Jimmaa Mooraa Main Campus Hiriira Mormii Dhageessisaa Jiru.

Aside

[SQ,sadaasa,27,2017]

Barattoonni Jimmaa Yuunibarsiitii gaaffiiwwan gurguddaa karaa nagaa gaafatanii deebii humaatuu hinargatin kan jiran yoo ta’u, mooraan Yuunibarsiitiichaa barattoota kanatti addatti qoosuu jalqabuun immoo hedduu kan nu isaan aarse ta’uu dubbatu.
Gaaffiiwwan barataa karaa seera qabeessaan waan deebiisuu dandaa’qan deebisanii, kan isaaniin olii qaama ipaallatuuf laachuurra, barataa doorsiisuuf hidhuutti fuulleffate jechuun ibsa sagalee Qeerroo barataan laate, Fincila Xumura Garbummaa ammas itti fufnee jirra jechuun nuuf hime.
Akkumaan eda galgala, waraqaan waamichaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo moorichaatiin raabsamaa kan ture, sagalee taaneef Uummata keenya ardaa dhabeef birmanna jechuun Doormiwawan hundarratti waraqaan waamichaa shoobamaa bule jedhu. Continue reading

Gootonni Qeerroo Bilisummaa Magaalaa Harar Keessatti FXG Itti Fufuun”Abbaan Biyyaa ABO Dha” Jechaa Faarsaa Oolan.

Aside

Sadaasa  26/2017  Hiriira FXG gootowwan Qeerroo Bilisummaa magaalaa Harar konkolaataa fii miilaan dhiichisaa fii dhaadannoowwan gaafii mirga hundee Abbaa biyyummaa Oromoo dhaadachaa magalaa raasaa jiran.

Dhaadannoo Qeerroo
Abbaan biyyaa Oromoodha
Abbaan biyyaa ABO dha
Wayyaaneen diina keenya

Continue reading